SEENSA

SEENSA

Kitaabni kun Kiristiyaanonni lsaamummaadhaf deebilee barbaachisoo akkamii akka kennuu qaban hubachiisudhaaf kan barreeffameedha. Kunis kitaabota walduraa duuban ba’an kessaa isa lammataati. IFA: qajeelfama qo’annaa islaamummaa kiristiyaanotaaf” isa jedhu   kitaaba keenya kutaa 1ffaa dubbisuun dirqama ta’uu dhaabus garuu barbaachisaadha. “IFA” inni jedhu waa’ee amantaa Islamummaa beekkumsa bu’uuraa kan qabachiisu yemmuu ta’u waa’ee Qur’aanaa, Muhaammadiifi utubaalee shanan Islamummaa of keessatti qabata. Kitaabni keenya “HIRMAANNAA: Islaamummaadhaf deebilee Kiristiyaanaa” inni jedhu kun immoo lsamummaan keessumattuu dhiibbaa Afrikaa irratti fidaa jiru ilaaluu irratti xiyyeeffata. Wal-qabsiisees nuti akka Kiristiyaanummaa keenyatti deebilee Islaamummaadhaf kennuu dandaeenyu ifa taasisa. Yaada qabatamaa guddaan kitaabicha keessatti argattan deebin keenya maal ta’es maal jaalala irratti kan bu’uureffame ta’uu akka qabuudha.

Kaayyon qajeelcha qo’annaa kanaa kiristiyanonni Islaamummadhaf deebi tokko qofa osoo hinta’in deebilee hedduu akka qabnu hubachiisudha. Haala tokko keessatti deebin sirrii ta’e, haala biroo keessatti immoo quubsaa ta’ee argamuu dhiisuu danda’a. Deebileen lakkoofsan baay’ee ta’an tarreeffamanii jiru. Qajeelfamichi immoo qo’ataan haala qabatamaa tokkoo keessatti deebiin inni kun akka mijaataa ta’e akka addaan baafachuu danda’u isa gargaara.

Dabalataanis kitaabni kun, deebi kennuun dirqama warroota eddoo dura bu’ummaa irra taa’anii qofa osoo hin ta’in hundi keenyaa karaa gara garaatin rawwachuu akka dandeenyu nutti agarsiisa. Deebileen harki caalaan kitaaba kana keessatti tarreeffaman qaama jireenya Kiristiyaanummaa keenya isa guyyaa guyyaa akka ta’an ni amanama. Wantoota kanneen raawwachuuf hanga Islaamummaan nuun mormutti eeguu hin qabnu.

Qajeelfamichi dhuunfadhaan yookin immoo dursitoota waldaa Kiristiyaanatiin qo’annoo gareetif ooluu ni danda’a. gareedhan yemmu ta’u torbeewwan 12 keessatti addaan hiramee yookin koonfaransiin leenjii yeroo murtaa’af turu qophaa’ee itti fayyadamuu ni danda’u.

Dhuma boqonnaa irratti gaafilee eddoo duwwaan deebidhaaf ta’u dhiifameef ni argattu. Qajeelfama qo’annichaa garee leenjisuuf yemmuu itti fayyadamtan gaafileen kunnen dursaa gareetif marii uumufi mormiiwwan yaadaa kakaasuf isa gargaaru. Gaafileen kunneen akka ka’umsaatti kan tajaajilan yemmuu ta’an dursichi gaafilee murtaawoo keessaa dhiisuu yookin immoo haarawa itti dabaluu ni danda’a. Ittiin qo’annaan kun qayyabannaa torbee torbeedhan taasifamuuf akka oolu yoo barbaaddame immo barnoota torbee:-

  • Yeroo barumsichaa  kadhannadhan eegaluu
  • Boqonnaa darbe irratti keessa deebii kennuu
  • Boqonnicha haarawa irratti barnoota kennuu
  • Gaafiwwaniin gargaaramuun marii garee gaggeessuu
  • Kadhannaafi waaqeffannaan akka taasifamu jajjabeessuu tartiiba keessa yoo galchan ni fayyada.

Gaggessan garee yeroo barnootaa hunda dura qajeelcha qo’annichaa sirritti ibsuu hanga danda’utti qo’achuudhaaniifi kadhannaadhan eegumsaafi gaggeessa Gooftaa barbaadudhaan yeroo yoo fudhate bu’a qabeessa ni ta’a.

Qajeelchi qo’annaa kun deebilee akaakuu gara garaa Islamummaadhaf kennuu dandeenyu sirritti ni ibsa. Haata’u malee ka’umsa bu’uuraa qofa malee isa dhumaafi ga’umsaa miti. Kanaafuu dubbistoonni barreeffamoota gara garaa  dabalataan dubbifachuudhan beekkumsa isaanii  akka cimsatan ni gorsina.

Sagantaa Fakkeenyaf Kaa’ame

Kan armaan gaditti argamu kun gaggeessan tokko kitaaba Hirmaannaa: Deebilee kiristiyyaanaa Islaamummaadhaf jedhu kana irratti koonfiransii guyyoota 3f turu akkamitti akka qopheessu fakkeenya Mul’suudha. Haalonni kan mijatan yoo ta’e immoo marii bal’aadhaf yeroo kennuuf akka dandeechisuuf guyyoota sadi’ii olitti hiramee kennamuu ni danda’a.

 

Guyyaa Duraa

Guyyaa Lammataa

Guyyaa Sadaffaa

Yeroo

 

 

 

3:00 – 3:30

Sagalee Waaqayoo keessa ergaa gabaabaa dhageechisuu, kadhannaa fi waaqeffannaa

Sagalee Waaqayoo keessa ergaa gabaabaa dhageechisuu, kadhannaa fi waaqeffannaa

Sagalee Waaqayoo keessa ergaa gabaabaa dhageechisuu, kadhannaa fi waaqeffannaa

3:30 – 4:30

Deebii Jaalalaan Kennuu

 

Bu’uurota Kiristiyaanummaa Marii’annoodhaf hin Dhiyaanne

Yaadota Mormisiisoo Wangeela Labsu Keessatti Argaman

 

4:30 – 5:30

Boqonnaa shaayii

Boqonnaa shaayii

Boqonnaa shaayii

5:30 – 6:30

Kaayyoo Islaamummaan Afrikaa Irratti Qabu Hubachuu

 

Tooftaawwan Baramoo

Islaamaa Biyyoota Afrikaa Musliima Hin Ta’in Keessatti

 

Marii Amantaalee Gara Garaa Gidduutti Adeemsifamu

 

6:30 – 7:30

Yeroo laaqanaa

Yeroo laaqanaa

Yeroo laaqanaa

730 – 8:30

Waldaan Gutuu Addunyaa Kiristiyaanota BiyyootaMusliimni Itti Baay’atu Keessa Jiraatan Gargaaruu KanDndeessu Akkamitti?

 

Namni Hunduu Wangeelaa Labsuu fi Tajaajiluuf ni Danda’a

 

Jijjirama Fiduuf Waaqayyo Kan Isin Fayyadamuu Danda’u HaalaKamiini? (Kutaa Tokko)

 

8:30 – 9:30

Biyyoota Islaama Hin Taane Islaamessuu

 

Yaa’ii Ifaa fi Falmii

 

Jijjirama Fiduuf Waaqayyo Kan Isin Fayyadamuu Danda’u HaalaKamiini? (Kutaa Lama)

 

9:30 – 10:30

Marii fi kadhannaa

Marii fi kadhannaa

Marii fi kadhannaa

 

Yeroo leenjichaa tarkaanfiwwan qabatamaa kaasudhaan xumuruun bayeessa. Yeroo kanattis dura bu’ichi miseensota garee isaa kana booda dhuunfaa isaanitti haala akkamiitin Islaamummaadhaf deebii kennuu akka danda’an marii akka taasisan yookin barreeffamaan akka dhiiheessan gaafachuu ni danda’a. Sana boodas hundinuu wal wajjiin kadhachuu ni danda’u.

Baafata