Soba Ahimad Diidaat

Soba Ahimad Diidaat

 


Lallabdooti Musliimaa Islaamummaan amantaa “dhugaa” ta’uu isaa argisiisuuf tooftaawwan fayyadaman baay’ee kan nama ajaa’ibsiisaniidha. Luqqisiiwwan Kitaaba Qulqulluu yaada isaan dubbatan irraa adda baasanii dabsuun hiikurra darbanii mataa isaanii ammoo akka hayyoota afaanota kanneen jalqabaa Macaafa Qulqulluu beekan ta’anitti of fakkeessanii mul’achuun soba ifa ta’e hanga dubbatanitti yommuu ga’an argamu. Isa kanaaf namoota akka fakkeenyaatti ibsamuu danda’an keessaa amma lubbuun kan hin jirre namaa lammii Afrikaa Kibbaa Ahimad Diidaat ni caqasamu. Barreeffama kanaan “Christ In Islam” mata-duree jedhuun barreeffamee “ክርስቶስ በኢስላም” (Kiristos Islaamummaatti) jedhamee gara afaan amaariffaatti kan hiikame kitaaba isaanii keessatti soba isaan dubbatan kanneen dubbifataniif dhiyeessina. Kitaaba kana irratti fuula 55 fi 56 irratti “ግሪካዊ እንጂ ዕብራይስጥ አይደለም” (nama lammii Giriikii malee kan Ibruu miti) mata-duree jedhu jalatti barreeffama barreessaniin, Ahimad Diidaat dandeetti afaan Girikii kan Kakuu Haaraa kan qaban of fakkeessuun mataa isaanii kanneen dubbifataniif dhiyeessu. Tajaajilaa otuu hin ta’iin dura afaan Giriik waggoota shaniif kan qu’ate hayyuu tokko waliin mareen isaan godhanii fi hayyuu kana falmiidhaan akkamiin akka injifatanii fi sodaachifatan dubbatu.

Diidaat akkana jedhu:

“Taajilaan kun afaan Giriik beekuu isaanii gaafadhe, isaanis <eyyee> jedhan. Sadarkaa taajajila isaanii otuu hin argatiin dura waggoota shaniif  afaan Giriik qu’achuu isaanii naaf mirkaneessan. ˱Sagalichi Waaqayyo bira ture˲ barreeffama jedhu keessatti ˱Waaqayyo (God)˲ jecha jedhuuf afaan Giriikiin hiikni laatame maaliidha? Jechuudhaan gaafadhe. Natti ija bobaasan, deebii naa kennuu hin barbaanne. Jecha Hoosiyos (HOTHEOS)  jedhamu ta’uu isaa isaanitti nan hime.”

⦋Akkaataa dubbifama isaatiin namni hiike sirriitti hin barreessine. Hoosiyos otuu hin taane Hotewos kan jedhuudha⦌.

Ahimad Diidaat soba isaanii kanarraa eegalu. “Sagalichi Waaqayyo bira ture” kan jedhu keessatti “Waaqayyo” kan jedhu Tontewoon (TONTHEON) malee Hotewos (HOTHEOS) miti! Diidaat sobaniiru!

Diidaat itti fufuun:

“Tajaajilaa kanaaf gaaffii itti fufee jiruun dhiyeesse ˱sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture (and the word was God) gaalee jedhu keessatti, (God) jecha jedhuuf Kitaabni Qulqulluu Giriikii hiikni inni kenne maaliidha?˲ tajaajilaan kun deebii hin deebifne, afaan Giriik beekuu dhiisuu isaanii miti yokiin afaan Giriik nan beeka jechuudhaan hin sobne garuu isaaniif galeera. Injifatamuu isaaniis mirkaneeffataniiru. Eyyee (and the word was God) gaalee jedhu keessatti kan argamu jecha ˱God˲ jedhuuf kitaaba afaan Girikiin qopheeffame keessatti hiikni isaaf laatame ˱Toontiwoos˲ (TONTHEOS) kan jedhuudha.”

Diidaat irra deebi’uun sobaniiru! “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” kan jedhu keessatti Waaqayyo isa jedhuuf jechi afaan Giriikiin argameef Tewoos (THEOS) kan jedhu malee Toontewoos (TONTHEOS) kan jedhu miti! Afaan Giriikiin jechi Toontewoos jedhamu hin jiru. Gama akkaataa dubbii afaan Giriikiin yommuu ilaalamu kan fakkaatu miti. Diidaat barreeffama kana keessatti waaqummaa Waaqayyo abbaa fi Yesuus ibsuuf ergamtichi Yohannis jecha tokko bakka garaa garaatti fayyadamuu isaatiin, “Waaqayyo abbaan Waaqa guddaa yommuu ta’u Yesuus ammoo Waaqa xiqqaadha” kan jedhu falmii hordoftoota Joovaa yeroon isaa irra darbeen fayyadamuuf yaalu. Haa ta’u malee isaan deemsa falmii kanaas ta’e jechoota Giriikii hin hubanne. Garuu haala kanaan hayyuu amantaa tokko injifachuu isaanii fi amansiisuu isaanii barreessaniiru. Garuu seenaan kun Diidatiin kan kalaqame ta’uu isaa fi isaanis dubbii isaanii miidhagfachuun hayyuu fakkaatanii argamuuf yoo yaalan iyyuu, garuu barsiisaa sobaa fi gowwomsituu ta’uun isaanii eenyumaaf iyyuu ifaa natti fakkaata.

Yaa obboleeyyan koo Musliimaa barsiisota sobaa sodaan Waaayyoo keessa isaanii hin jiraannee fi dhugaaf dhimmatti hin qabaanne hordofuudhaan lubbuu keessan maaliif balleessitu? Jireenya keessaniin hanga yoomiitti qoostu? Hanga yoomiitti gowwomfamtu?Waaqayyo Gooftaan ija garaa keessanii banuun gara dhugaatti akka isin fiduuf kadhata keenya kan yeroo hundumaa ti.

Diidaat fanniffamuu Kiristos sababeeffachuun Joosh Maakduwel waliin falmii isaan godhan dubbifadha. Kiristos fannifameera?

 

DEEBILEE KEENYA