Kiristiyaanoti Summii akka Dhuganiif Ajajamaniiruu?

Kiristiyaanoti Summii akka Dhuganiif Ajajamaniiruu?

 


Musliimonni irra deddeebi’uun kan kaasan gaaffiwwan keessaa tokko Wangeela Maarqos 16:18 irratti namooti Kiristositti amanan summiin miidhamuu dhiisuu isaanii ilaalchisuun kan dubbatameedha.

Luqqisichi akkana jedha:

Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa’u, isaanis in fayyu (Mar. 16:17-18).

Obboleeyyan musliimaa yeroo baay’ee luqqisii kana keessatti “waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu” dubbii jedhu ibsuun summii akka dhuganiif kiristiyaanota dirqisiisu. Kiristiyaanoti deebii diddaa kan kennan yoo ta’e amantiin hir’uu ta’uu isaanii yokiin ammoo dubbiin kun sirrii ta’uu dhiisuu isaa dubbachuun isaan sodaachisuuf yaalu.

Qabsoon obboleeyyan musliimaa kun dubbii isaa sirriitti hubachuu dhiisuu irraa kan maddeedha. Gooftaan keenya Yesuus Kiristos karaa Jiinniin qorumsi walfakkaataan yeroo isaaf dhiyaatu deebii kennuun gaaffiin akkanaa akkamiin deebisuun akka nuuf malu nu argisiiseera:

Seexanni ammoo gara mandara qulqullaa’aaatti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irras dhaabachiisee, “Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu, ‘Inni ergamoota isaa siif in abbooma, miilli kee dhagaatti akka hin buunettis isaan harka isaanii irratti si in baatu’ kan jedhu caafameera” ittiin jedhe. Yesus garuu, “’Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin” kan jedhus immoo caafameera” ittiin jedhe (Mat. 4:5-7).

Jiinniin kan dubbate Waaqayyo (Rabbi) qulqulloota isaaf kan kenne faarsaa Daawit keessatti jecha barreeffamee tureedha. Dhugaa dha, Waaqayyo qulqulloota isaa balaa irraa akka isaan oolchu abdii kenneera garuu abdiin kun laatamuu isaaf qofa dhagaan walitti bu’aa yoo deemanii fi gamoo irraa otuu of darbatanii luqqisiiwwan akka kanaa seer-malee akka hin fayyadamne kan dubbatu dubbii Waaqayyo kan biraa waliin falleessuu isaanitti ta’a. Bifa walfakkaataan Gooftaan keenya Yesuus Maarqos 16:18 irratti abdiin kenne mandara irra naanna’uun summii akka dhugnuu fi bofa akka harkaan qabannuuf kan dubbatame miti. Kana gochuun Waaqayyoon dheekkamsiisuudha. Garuu haala to’annaa keenyaan ala ta’een balaan yoo nu mudate Waaqni keenya eegumsa nuuf gochuu isaa kan argisiisuudha. Balaa kana barbaannee itti adeemna yoo ta’e garuu Waaqayyoon dheekkamsiisuu ta’uu isaatiin itti gaafatamummaan isaa matuma keenyaaf ta’a.

Seenaa Waldaa kiristiyaanaa keessattis ta’e bara keenyatti amantooni balaa summii irraa oolan hedduu ibsuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Poolikaarp kan jedhamu namni guddaan Waldaa kiristiyaanaa tokko warri Roomaa yommuu summii obaasan otuu isaatiin hin ajjeesiin lubbuun ooluu isaa seenaa Waldaa kiristiyaanaatti galmeeffameera. Ani kanan beeku hiriyaan koo inni dhiyeenyaa namooti kiristiyaanota hin taane summii nyaachisuun miidhaa tokko malee irraa ooleera. Sababa kanaanis namooti summii kana nyaachisan ajaa’ibsiifachuun gara kiristiyaanummaatti dhufaniiru. Anaanis wanti walfakkaatan yoo na mudate Gooftaan akka dubbii abdii isaatii akka na eegu amantii guutuun qaba. Garuu qaruura summiin keessa jiru hundumaa dhuguu fi bakka hundumaa deemuun bofa harkaan qabachuun Waaqayyo koo akka hin dheekkamsiifne abboommii natti dubbatame dabsuun yakka hin hojjedhu.

Hojii Ergamootaa boqonnaa 28 irratti, ergamaan Phaawulos qulqullichi balaa bofaan iddamuun yommuu saaxilame summiin bofaa otuu isa hin miidhiin irraa hafuu isaa barreeffameera.

“Nuyi du’a erga oollee, biyyichi bishaan keessaa sun Malaaxiyaa jedhamee akka waamamu barre. Namooni biyya sanaas jaalala guddaa nutti argisiisan; bokkaan in rooba, in dhaamotas waan tureef, ibidda qabsiisanii hunduma keenya ofitti waaman. Phaawulos hanxaxii qabaa tokko hammaaree ibiddatti naqnaan, bofni hadhaa qabu tokko qoraanicha keessaa ho’a ibiddaa utuu baqatuu, harka Phaawulos ciniine. Namooni biyyasii immoo boficha harka Phaawulositti rarra’u yommuu argan, “Namichi kun nama gumaa ta’uun isaa hin mamsiisu; galaanaan nyaatamu yoo oole iyyuu, adabni gumaa isa hin jiraachisu” waliin jedhan. Phaawulos garuu boficha sana ibiddati gad hurgufe, homtuus itti hin hammaanne. Isaan immoo amma iita’a yookiis amma lafa dha’ee du’a jedhanii eegan. Yeroo dheera eegaa turaniis waan tokko illee akka irratti hin ta’in arginaan, yaada isaanii geddaranii, “Inni Waaqayyo tokko”jedhan” (Hojii Ergamootaa 28:1-6).

Musliimonni obboleeyyan keenya akka nabiyyii dhugaatti kan isaan yaadan nabiy Muhammad madaallii kanaan ni darbu yoo ta’e isaan gaafachuuf dirqamna. Sababni isaa Haadisii fi Suuraa keessatti haala barreeffameen morri isaanirratti hojjetamuu isaatiin dura kan du’an dubartiin Yihudii tokko summii sababa nyaachisuu ishee ti:

Guyyaa tokko Nabiyyii irratti morri ni hojjetame. Sababa kanaanis wanta godhanii hin beekne raawwachaa jiraachuu isaanii sammuu isaaniin yaadu turan (Saahiih Al-Buhaarii fuula 4, kitaaba 53, lakkoobsa 400).

Once the Prophet was bewitched so that he began to imagine that he had done a thing which in fact he had not done. (Sahih Al-Bukhari Volume 4, Book 53, Number 400)

Ergaman Allaah dhukkuba ittiin du’uuf jiraniin qabamanii otuu jiranii haati Bishaar jedhamtu isaan ilaaluu dhufte, isaanis akkana jedhan: “Yaa haadha Biishaar, Haayibaritti sababa nyaata ilma kee waliin nyaadheen hidda onnee koo akka kutaa jiru natti dhaga’ama” (Seenaa Al-Xaabrii kutaa 8, fuula 124).

The messenger of God said during the illness from which he died – the mother of Bishr had come in to visit him – “Umm Bishr, at this very moment I feel my aorta being severed because of the food I ate with your son at Khaybay.” al-Tabari’s History, Volume 8, p. 124.

Haala du’a Nabiy Muhammad armaan oliin ibsame seenaa dubbatu, yaada Qur’aana keessatti kan dubbatame waliin yommuu walbira qabnu bu’aan isaa kan nama rifachiisuudha. Nabiy Muhammad isa irratti soba dubbatu yoo ta’e onnee isarraa kutuun akka isaan ajjeesu Allaan Qur’aana keessatti “dubbateera”.

“Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee, Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre. Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre. Isin irra namni isarra dhnetu tokkollee hin jiru” (Suuraa 69:44-47).

Seenaawwan islaamummaa keessatti kan katabame seenaa du’a nabiy Muhammadii fi Qur’aana keessatti Allaan dubbateera kan jedhame walbira qabanii ilaaluun murtoon irra geenyu itti fufee kan jiruun fakkaata:

  1. Allaan Qur’aana keessatti akkuma dubbatu Muhammad sobduu ta’anii yoo argaman hidda onnee isaanii kutuun isaan ajjeesa.
  2. Muhammad du’atti yommuu dhiyaatan hiddi onnee isaanii akka kutame isaanitti dhaga’amee ture.
  3. Kanaafuu Muhammad akka Qur’aanaatti nabiyyii sobduudha.

Jaallatamtoota obboleeyyan musliimaa, falaasama armaan oliin tarreeffame isiniif argisiisuun keenya amantaa keessan hammeessuuf yokiin ammoo kabaja kan isaaniif kennitan nabiyyii keessan ceepha’uuf miti. Kitaabota keessan keessa kan hin jiraanne yaada dhuunfaa keenyaa waan itti hin daballeef, amantaan keessan akka hamatametti isinitti dhaga’amuu hin malu. Garuu nabiyummaa Muhammad mirkaneessuuf kitaabota barreeffaman keessatti dubbiiwwan rifachiisaa kana fakkaatan maaliif argaman? Jechuudhaan akka gaafattanniif isin jajjabeessina.

DEEBILEE KEENYA