Muhammad Dhugaatti Summii Nyaachuun hin Duune? Allaan hidda Onnee isaatii Kutuun hin Ajjeefne?

Muhammad Dhugaatti Summii Nyaachuun hin Duune? Allaan hidda Onnee isaatii Kutuun hin Ajjeefne?

Muhammad Summii nyaatee du’uu isaa ilaalchisee falmii dhiyaateef obboleessi keenya Musliimaa “deebiidha” jechuudhaan kutaa lamaan qooduun kan dhiyeesse ergaa sagalee isaa dhaga’uuf carraa argadheera. “Deebiin”kun akkuma falmiiwwan Islaamummaa  kanneen biroo yaadawwan faallessanii fi ilaalcha dogoggoraan kan guutaman ta’uu isaa argadheera.

Falmiin ani dhiyeesse yaadachuuf yoo jedhame:

Muhammad wanta sobaa maqaa Allaah tiin kan dubbatu erga ta’ee Allaahn hidda onnee isaatii kutuun akka ajjeesu Qur’aana keessatti barreesseera. Muhammad du’uuf siree irra otuu jiruu yeroo weerara Haayibarii dubartiin Yihudii tokko summii nyaachisuu isheetiin hiddi onnee isaa kutamee itti dhaga’muu isaa seenaa Islaamummaa keessatti barreeffameera. Kanaafuu yaada kanaaf xummurri isaa Muhammad nabiyyii sobduudha kan jedhuudha.

Musliimni obboleessi keenya falmii kanaaf deebii inni kenne tokko tokkoon ilaalla.

  1. Jalqaba irratti obboleessi keenya kun, Muhammad summiin kan ajjeefame yoo ta’e iyyuu garuu nabiiyyonni (raajonni) namaan ajjeeffamuun isaanii wanta haaraa ta’uu dhiisuu isaatiin nabiyyii sobduu ta’uu isaa akka hin mirkaneessine in falma. Garuu nabiiyyonni (raajonni) harka namaan du’uu isaanii, nabiiyyoota (raajota) sobduu isaan taasisa falmiin jedhu dhiyeeffamuu dhiisuu isaatiin fi Muhammad madaallii kanaan ilaalamuu dhiisuu isaatiin deebiin kun falmii nuti dhiyeessine waliin kan fakkaatu miti. Kun sirna falmii keessatti “Straw man fallacy” jedhama. Falmii gatii hin qabaanne kan falmataan keessan hin dhiyeessine kan inni dhiyeesse fakkeessee dhiyeessuu jechuun faallessuu jechuudha. Falmiin keenya Muhammad harka namaan ajjeefamuun isaa nabiyyii sobduu ta’uu isaa mirkaneessa kan jedhu miti. 
  2. Inni lammaffaan deebiin inni kenne, dubartiin Yihudii kun nabiyyii dhugaa ta’uu isaa ittiin madaaluuf summii kana Muhammadiif yoo dhiyeessite iyyuu du’uu dhiisuun isaa nabiyyii dhugaa ta’uu isaa argisiisa kan jedhuudha. Garuu Muhammad summii kana erga nyaatee booda yoo ture iyyuu garuu sababa summiin du’uu isaatiin madaallii kana kufeera. Garuu dubartiin kun akka mallattoo yokiin madaalliitti kaa’uun ishee du’a Muhammadiif qofa otuu hiin taane sababa summii kanaan kan dhufu miidhaan kamiyyuu jiraachuu isaa seenaan Islaamummaa ni dubbata. They replied, “We intended to learn if you were a liar in which case we would be relieved from you, and if you were a prophet then it would NOT HARM YOU.” (Sahih al-Bukhari, Volume 7, Book 71, Number 669). “Nabiyyii yoo taate summiin kun sin miidhu” jetteen. Kanaafuu otuu nyaataa jiruu miidhaan summichi of keessaa qabaatu naannaa afaan isaa irratti mul’atee ture. Kana booda summiin kun dhukkubaaf kan saaxileen yommuu ta’u dhuma irratti ajjeeseera. Kanaafuu Muhammad madaalli kana kufuun isaa otuu nyaataa jiruu ture.
  3. Musliima kan ta’e obboleessi keenya, Muhammad gonkumaa sababa summiin hin duune jedhee haala. Du’aatti yommuu dhiyaatu sababa summii kanaan balaa isa irra ga’een akka ta’e kan dubbate, Muhammad mataa isaa ta’uu isaatiin sobduudha jechuudha. Kanaafuu eenyuun amannu? Musliima obboleessa keenya kana moo yokiis Muhammadii fi naannaa isaa kan turan raga-baatota? Muhammad sababa summii kanaan du’uu isaa maddeewwan Islaamummaa kan dubbataniin fudhatee ibsa itti kennuu mannaa “sababa summiin gonkumaa hin duune” jedhanii haaluun Muhammadiin sobduu gochuudha. Kanaafuu maddeewwan Islaamummaa amanamummaa isaanii gatii kan hin qabaanne gochuudha.

Musliimni obboleessi keenya taatee kana nabiyummaa Muhammadiif ragaa godhatee ittiin ibsachuuf yaala.

  1. Sagalee sur-maleen (audio) akkuma dubbate Muhammad summii kana erga nyaateen booda ture kan du’e. Garuu seenaa Islaamummaa keessatti akkuma gabaafame waggaa sadan gidduutti kan du’e.
  2. Haa ta’u malee inni kana dubbate, Muhammad summiin kanaan battala du’uu dhiisuu isaa, summii kanaanis miidhamuu dhiisuu isaa akka ragaatti dhiyeeffata. “Summiin kamiyyuu hidda dhiigaa kukutee ajjeesa” jechuudhaan wanta dhugaa irraa fagaatu dubbata. Wanti yaada keessa hin galfanne yoo jiraate, summiin kun ajjeesuus ta’u balaaf saaxiluun isaa akka haalaa fi namaatti garaa gara ta’uu isaa ti. Fakkeenyaaf yoo jennu, namni tokko fayyummaa garii fi ga’umsa dandeettii qaamaa yoo qabaate nama kaan irra foyyee qabaachuun battala summiin kun bu’aa argamsiisuun dandeettii ittiin dandamatu in qabaata. Hangi summi gara qaamaatti seenu hangi balaa geessisuu isaa dabaluu yokiin hir’achuu mala. Kanaafuu Muhammad dafee du’uu dhiisuun isaa balaa summiin kun battala geessisu damdamachu isaa ti malee turtii yeroo dheeraan summii kanaan miidhamuu dhiisuu isaa hin argisiisu. Isa kana haaluun jechuun Haadisaatii Islaamummaa sobuu jechuudha.
  3. Muhammad ergama isaa otuu hin raawwatiin battalumaan du’uu dhiisuun isaa karoora Allaah tiin jiraachuu fi du’uu isaa akka argisiisu erga dubbateen booda Islaamummaan amantaa dhugaa ta’uu isaa kan argisiisuu dha jedha. Garuu:

  1. Muhammad du’arraa ooluun isaa summii kana baay’isee nyaachuu dhiisuu isaa yokiiin ga’umsi qaama isaatii balaa summii irraa akka oolu waan isa gargaareefi malee karaa ajaa’ibsiisaa ta’een du’a irraa oluu isaaf ragaan kamiyyuu hin jiraatu. Namoonni hedduun walumaan ta’anii nyaata summaa’e nyaachuun kanneen keessaa muraasni in du’u kaan immoo du’arraa oolu. Kun bara keenyattis yoo ta’e wanta ilaalaa jirru ta’uu isaatiin taatee ajaa’ibsiisaa fakkeessuun yaada sirrii hin taaneedha. Muhammad kanarraa adda ta’uu isaaf ragaan hin jiru. Keessumaa ragaawwan of harkaa qabaannu faallaa isaa kan nu argisiisaniidha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, namoonni hedduun Muhammad waliin nyaataa akka turan seenaa Al-Xabaarii keessatti kan galmeeffame yoo ta’eyyuu garuu battalaan du’uu isaa kan gabaafame nama Biishir jedhamu qofa ture. Dabalatas Biishir dursee akka nyaatee fi Muhammad lafee tokko nyaachuu yommuu eegalu inni lafee lammaffaa nyaataa akka ture barreesseera. Kanaafuu summiin gara qaama Biishir seene hangi isaa hedduu ta’uu isaatiin kan du’e yommuu ta’u garuu summiin qaama Muhammad keessa seene muraasa ta’uu isaatiin yeroof irraa ooleera. Booda dhukkuba summii kanaan argameen lubbuun isaa darbeera. The Apostle of Allah, may Allah bless him, lived after this three years till in consequence of his pain he passed away.During his illness he used to say: I did not cease to find the effect of the (poisoned) morsel, I took at Khaybar and I suffered several times (from its effect) but now I feel the hour has come of the cutting of my jugular vein, which is a vein in the back… (Ibn Sa’ad’s Kitab Al-Tabaqat Al-Kabir Volume II, pp. 251-252).
  2. Falmiin keenya Muhammad summii kanaan battala du’uu fi du’uu dhiisuu isaa otuu hin taane hiddi onnee isaatii akka kutame itti dhaga’amuu isaa dubbachuu isaa ti. Falmiin keenya haala du’a Muhammad irratti gonkumaa kan xiyyeeffate miti. Battalatti du’uun isaa nabiyyii ta’uu dhiisuu isaa hin argisiisu. Kana malee turee du’uun isaa nabiyyii ta’uu isaa hin argisiisu. Battalummaan du’uu fi du’uu dhiisuun isaa jijjiiramni inni fidu hin jiraatu. Garuu du’atti yommuu dhiyaatu wanti dubbate Qur’aana keessatti kan argamu keeyyata biroo waliin yommuu ilaalamu hiikni nuuf kennu nabiyyummaa isaa akka shakkinu nu godha.
  3. Duuti Muhammad qaawwaa hedduu uumuu isaa kan argisiisan wanti hedduun jiraachuu isaaniin “Islaamummaan qaawwaan isaa guutu erga ta’een booda kan du’e” falmiin jedhu soba dha. Fakkeenyaaf yoo jedhame;
  4. Muhammad bakka bu’aan isaa eenyu ta’uun akka isaaf maluu fi Musliimonni isaan booda jiraachaa turan haala bulchiinsa akkamii hordofuun akka isaaniif malu abboommiin dursee dabarse jiraachuu dhiisuu isaatiin bakka buufamuu Kaliifotaa irratti Musliimoonni wal-dhabdee guddaa keessa galanii turan. Umer ajjeefamuun Islaamummaan hanga ammaatti Suunni fi Shi’aa jedhamee bakka lamatti qoodameera. Haati manaa Muhammad Ayishaan fedha mataa ishee raawwachuuf waraana erguuun hokkara uumaa turte.
  5. Muhammad otuu Qur’aana hin xummuratiin du’uu isaatiin Musliimonni du’a Muhammadiin waggoota hedduun booda wal-dhabdee guddaa keessa galuu isaaniin kitaabonni Haadisii akka walitti qabaman godhameera. Isa kanaaf ammoo sababni isaa Qur’aana keessatti kan hin barreeffamne abboommiiwwan barbaachisaa ta’an jiraachuu isaanii ti. Qur’aanni Musliima tokkoof qajaalfama ga’aa fi guutuu ta’e hin kennu.
  6. Haala Qur’aanni walitti qabamu ilaalchisee qajeelfamni Muhammad kenne jiraachuu dhiisuu isaatiin kooppiiwwan Qur’aanaa fi walitti qabama sirrii ta’e irratti Musliimonni wal-dhabdee guddaa keessa galanii turan. Hanga har’aatti Qur’aanoti afaan Arabaa hedduun addunyaa irra jiraachuu isaaniif sababa ta’eera.

Kanaafuu Muhammad ulaagaa amantaa isaa erga guuteen booda du’eera kan jedhamu hin fakkaatu. Waantota baay’ee hir’uu of keessaa in qabaata. Guutuu dhiisuu isaaniin hawaasni musliima addunyaa garaa garummaa fi wal-dhabiinsaaf saaxilameera. Duuti Muhammad battala ta’uu isaatiin hanqinni hedduun amantaa isaa keessatti argameera.

  1. Muhammad summii kana erga nyaateen booda cimaa akka turee fi nyaata lagannaa irra turuu isaa akka ragaatti dhiyeesuun summiin kun miidhaa isarra hin geessifne nuun jedha. Ta’us Haadisii haala du’a isaaf dubbatame keessatti yerooma hundumaa dhukkuba itti deddeebi’u qabaachuu isaa nutti dubbatameera (Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 59, Number 723). Muhammad summii kanaan booda yeroo tokkoof yommuu dhukkubsatu yeroo kaan ammoo itti fooyya’uun ture dhuma irratti addunyaa kanarraa du’aan kan adda ba’e. Keessumaa Ayishaan haala du’a Muhammad yommuu dubbattu ilmi namaa akkanaan yommuu rakkatu ilaaltee akka hin beekne dubbatteetti. Jihaadistoonni Musliimaa otuu akka hoolaatti nama qalanii ilaalaa kan turte Ayishaan, garuu rakkina Muhammad ilaaluun rakkina biroo ilaalaa turte kamiyyuu waliin akka hin fakkaanne nutti dubbateetti (Sunan Ibn Majah 1622). Namni sagalee suur-maleen (audio) deebii nuuf kenne nyaata lagannaa amantaa Islaamummaa akkaa nyaata lagannaatti ilaaluun jabina Muhammadiif akka ragaatti dhiyeessuun isaa ajaa’ibadha. Nyaanni lagannaa amantaa Islaamummaa sa’a nyaati itti nyaatamu gara halkaniitti fiduudha malee nyaata lagachuu hin jedhamu. Musliimonni yeroo kamiyyuu caalaa nyaata filatamaa kan nyaatan yeroo nyaata lagannaa isaanii ti. Nyaata lagannaa Musliimotaa keessumaa naannaa Musliimonni baay’atanitti gatiin nyaataa in dabala. Musliimonni hedduun isaanii ulfaatinni isaanii in dabala. Kun illee akka ragaatti kan ilaalamtu miti.

Sagalee suur-malee (audio) lammaffaa irratti applojestiin Musliimaa kun Qur’aana keessatti Muhammad Allaah tiin soba yoo ta’e hidda onnee isaa kutuun akka isa ajjeesu dubbateera kan jedhamuu fi akka Haadisiin ammoo Muhammad yommuu du’uuf jedhu “hiddi onnee koo kutamuu isaa natti dhaga’ama” jedhee kan dubbate ibsatti kennuuf yaala. Keeyyatichi akkana jedha.

“Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee, silaa Nuti mirgaan isa qabna turre. Ergasii hiddda onnee isarraa kunna ture. Isin irraa namni isarraa dhnetu tokkollee hin jiru” (69:44-47).

Muhammad yommuu du’uuf jedhu maal dubbate?

“Yaa harmee Biishir, Hayibaritti ilma kee waliin nyaata nyaadheen hiddi onnee kootii cituu isaa natti dhaga’ama” (seenaa Al-Xabrii  qajeelfama 8, fuula 124).

“Yaa Ayishaa! Nyaata Hayibariitti nyaadheen hanga ammaa dhukkubbin natti dhaga’ama. Yeroo kanatti garuu sababa summii kanaan hiddi onnee koo akka cite natti dhaga’amaa jira” (Saahiih Al-Buhaarii qajeelfama 5, kitaaba 59, lakkoofsa 713).

Wanta ifaa kana fudhatama dhabsiisuuf akkamiin akka yaale haa ilaallu:

  1. Kun mul’ataa Rabbii kan dhugaa ti jettanii amantu? Gaaffii jedhu in dhiyeessa. Akka yaada isaatti keeyyata Qur’aanaa nuti kaafnu hunda dirqama itti amanuun nurra jiraata. Yaadni kun isaaf milkaa’a laata? Deebiin ifaa fi gabaabaa ta’e, keeyyati kunis yoo ta’e dubbiin Qur’aana keessatti argamu kamiyyuu Waaqayyo Gooftaa biraa ti jechuudhaan itti amanna kan jedhuudha. Kanaafuu maaliif kaafne? Sababa lamaa tu jira:
  2. Odeeffannoowwan Musliimonni itti amananii fi fudhatan irratti hundaa’uun. Muhammad nabiyyii dhugaa ta’uu isaa ulaagaa ittiin qorrannee madaallu kaa’ateera. “Sobduu yoon ta’e Allaan hidda onnee koo kutee na ajjeesa” jedhe akkuma jedhe iyyuu ta’eera. Kanaafuu akka ulaagaa Muhammad kaa’ateen nabiyyii sobduudha.
  3. Keeyyati Qur’aana keessatti argamu Waaqayyo Gooftaa biraa dhufe hin jedhu ta’uus hin danda’u. Keessumaa dubbiin isaa matuma isaatiin iyyuu Muhammad nabiyyii sobduu ta’uu isaa kan argisiisu Muhammad ofii isaatiin kan kalaqateedha. “Nabiyyii dhugaa miti yoon ta’e Rabbi na ajjeesa” erga jedheen booda “argitanii? Rabbi anaan kan hin ajjeefne nabiyyii dhugaa waanan ta’eefi” namni jedhu nabiyyii sobaa ta’uu isaa shakkii hin qabaatu. Seenaa addunyaa keessatti nabiiyyonni (raajonni) hedduun ka’aniiru. Garuu hedduun isaanii yommuu sobuu eegalan hin duune. Kanaafuu “yoon sobe Rabbi na ajjeesa” yaada jedhu kan dhiyeeffatuu fi karaa kanaanis nabiyuummaa isaa mirkaneeffachuuf namni yaalu sobduudha. Garuu Muhammad mallatoo kana erga kenneen booda maal ta’e? nabiyoonni (raajonni) hedduun dubbii akkanaa yoo dhiyeeffatan Waaqayyo isaaniif dhiisuu kan danda’u yoo ta’e iyyuu haala Muhammadiin garuu wanti addaa mudateera. “Yoon sobe hidda onnee koo kutee na ajjeesa” jedhe. Yommuu du’uuf jedhu ammoo “hiddi onnee koo citeera” jechuudhaan otuma iyyuu du’e. Sobduu ta’uu isaaf ragaan kana caalu eessaa dhufa?
  4. Qur’aanaa fi Haadisaatii keessa jechooti jiran garaa gara ta’uu isaanii fi hiika garaa garaa qabaachuu isaanii dubbachuun dubbii waa’ee hin baafne dubbata. Qur’aana keessatti Al-Watii jechuu isaa fi Haadisii keessatti garuu jecha “Abhar” jedhu akka ibse, hiikni jechoota lamaan kanaas garaa gara ta’uu isaa nutti dubbata. “Watii” jechuun, hidda onnee akka ta’ee fi abhar ammoo hidda dhiigaa hedduu of keessatti kan qabate mormaa eegalee hanga onnee kan jiru hidda dhiigaa ta’uu isaa nutti dubbata. Kun jijjirama kamiyyuu hin argisiisu. Kitaaba hiika jechoota beekamaa kan ta’e Leen Arabiik Leegzikoon dabalatee kitaabni hiikni jechoota afaan Arabaa hedduun isaanii, jechooti lamaan kun hiika walfakkaataa qabaachuu isaanii argisiisu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, hiika jechoota afaan Arabaa “online” irra jiran jechoota lamaan walbira kaa’uun hiika walfakkataa isaaniif laateera http://www.almaany.com/en/dict/ar-en/aorta. Kanaafi, Qur’aanas ta’u Haadisaatii kan hiikan jecha afaan ingiliffaa tokko (Aorta) jedhamutti kan fayyadaman. Qur’aanichi kan bu’e otuu amaariffaan ta’ee fi Allaahn “hidda onnee isaa nan kuta” yoo jedhe, Muhammad ammoo Haadisii keessatti “hiddi dhiiga onnee koo citeera” otuu jedhee garaa garummaan isaa maali? Dubbiin kun akka nama bishaaniin liqimfamuuf jedhee lubbuu isaa oolfachuuf habaqii harkaan qabatuu yaalii gatii hin qabneedha. Kanaafuu eenyumaan iyyuu hin amansiisu.

Obboleessi keenya kun falmii kanaaf deebii isaa essaa akka argate, interneetii irraa otuun barbaaduu, appoloojestiin Musliimaa Baasam Zawadii jedhamu deebiin barreesse arge. Deebii kana keessatti Musliimni obboleessi keenya yaadni ibse “Taaj al-‘Aroos min Jawaahir Al-Qaamoos” hiika jechoota afaan Arabaan kan ibsame yommuu ta’u inni kan dubbate waliin garaa gartee in qabaata. Hiikni jechootaa kun Al-Abhar jechuun sammuu irraa ka’uun hanga miillaatti kan diriire hidda dhiigaa ta’uu isaa fi gara bitaa fi mirgaatti akka diriiru, kana boodas Al-Watiin jedhamee akka waamamu dubbata. Barreessaan keeyyatichaa Al-Watiin kutaa Al-Abhar ta’uu isaa fi kitaaba hiika jechootaa muraasa ta’an keessatti lamaanuu walfakkeenya qabaachuu isaanii dubbatamuu isaa amaneera. Kanaafuu akka yaada falmii isaatti iyyuu yoo fudhanne Watiin kutaa Abhar yoo ta’eMuhammad Abhar isaa akka cite yommuu dubbatuu kutaan watiir jedhamus cituu isaa argisiisuuf ta’uu mala. Inni lammaffaan, hiikni jechoota afaan Arabaa hedduun isaanii lamaanuu hiika tokko qabaachuu isaanii ibsuu isaaniin bara Muhammad lamaanuu garaa garummaa qabaachuu  isaaniif ragaa maaltu jira? Wanti kana ibsu kamiyyuu hin jiraatu.

Az-Zubaydee in his famous Arabic dictionary Taaj al-‘Aroos min Jawaahir Al-Qaamoos cites the scholar Ibn Athir as saying:

……………………………………….

The Abhar is a vein that originates from the head and extends to the feet.

He then proceeds to say after assigning names to specific veins and their respective locations in the human body:

……………………………………………………………….

And it extends to the back and is called al-wateen.

So here we observe that al-wateen is actually a part of al-abhar. This is why al-wateen is sometimes used synonymously with al-abhar in some dictionaries.

  1. Musliimni obboleessi keenya “hidda onnee koo tu cite” kan jedhu dubbii fakkeenyaan dubbatame ta’uu isaa fi dubbii kallattiin ta’uu dhiisuu isaa nu hubachiisuuf odeeffannoowwan Islaamummaa tokko tokko nuuf ibseera. Kanaafuu akka yaada isaatti Muhammad “hiddi onnee koo cituu isaa natti dhaga’ama” yommuu jedhu, dubbii kallattiin otuu hin taane akkuma “coggaarraa kootu na gubate” jechuudhaan dubbannu, akkuma kana itti dhaga’amaa kan jiru miira dhukkubbii guddaa ittiin ibsachuuf kan fayyadameedha. Sababa itti fufanii jiraniin falmiin kun gatii kan hin qabaanne ta’a:
  2. Dubbiin Muhammad karaa fakkeenyaan akka hiikamu godhamee kan ibsame miti. “hiddi onnee koo cituu isaa natti dhaga’ama” yommuu jedhu, miira dhukkubbii isaa ibsachaa jira. Kana malees cituun hiddi onnee isaatii itti dhaga’amaa jira jechuudha. Namni miirri dhukkubbii itti dhaga’amaa jiru ibsatu dubbiin isaa “fakkeenyaaniidha” jechuun hiika hin kennu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Namni aare tokko “coggaarraa kootu na gubate” yoo jedhee fi namni dhukkubsachaa jiru tokko “coggaarraa kootu na gubate” yoo jedhe, dubbiin namoota lamaanii gonkuma tokko ta’uu hin danda’u. Miirri nama jalqabaa (emotion) karaa fakkeenya ta’een ibsachaa kan jiru yommuu ta’u, inni lammaffaan garuu miira dhukkubbii isaa (pain feeling) kallatiin ibsachaa jiraachuu isaa ti.
  3. Haadisii biraan “(summiin) hidda onnee koo yeroo itti kuteedha” jechuudhaan dubbachuu isaatiin, akka Haadisii kanatti bu’aa summii kanaa ibsaa jira. Summiin kun hidda onnee isaa kuteera, hiddi onnee kan Muhammad addaan citeera.
  4. Bu’aawwan summii keessaa tokko hidda onnee (Aorta) miidhuudha. Kanaafuu Muhammad hiddi dhiigaa onnee isaatii cituu isaa akka itti dhaga’ame dubbachuu isaa “fakkeenyummaadha” jechuun akkamiin danda’ama? Dubbii fakkeenyummaa akkanaa kana afaan Arabaan jira yoo jedhame iyyuu haala Muhammad dubbateen garuu fakkeenyaan ta’uu hin danda’u.
  5. Miira dhukkubbii hamaa kan ibsu dubbii fakkeenyaan dubbatameedha yoo jedhame iyyuu dubbiin Qur’aana keessatti barreeffame fakkeenyummaan akka hin taaneef maaltu isa dhorka? Kanaafuu Allaan miira dhukkubbii hamaa ta’een nabiyyii sobduu kana akka ajjeesu karaa bifa fakkeenya ta’uun Qur’aana keessatti yoo dubbatee fi Muhammadis dhukkuba baay’ee hamaan rakkachuun yoo du’e dubbiin isaa kallattiin ta’e jechuuf mitiiree?        
  6. Musliimni obboleessi keenya keeyyati Qur’anaa fi Haadisii hariiroo yaadaa kan hin qabaanne ta’uu isaanii nutti dubbata. “Allaan hidda onnee Muhammad kutuun kan ajjeese Allaah sobuu isaatiin ture kan jedhu ragaan kamiyyuu hin jiraatu” nuun jedha. Kun falmii baay’ee gatii hin qabaanneedha. Muhammad Allaah tiin yoo sobe hidda onnee isaa kutee akka ajjeesu Qur’aana keessatti yoo dubbatee fi booda irratti hiddi onnee Muhammad kutamee yoo du’e mallattoon isaa ifaadha. Muhammad Allaah tiin sobeera jechuudha. Namni tokko “ani nabiyyii sobduu yoon ta’e hiddi onnee kootii kutamee nan du’a” jechuudhaan erga dubbatee fi haala dubbate kanaan du’ee yoo argame taateen kun nabiyyii sobduu ta’uu isaa hin argisiisuu akkamiin jedhamuu danda’a? Gama afaaniin falmiin dhiyeesse xiqqoo yoo ta’e iyyuu in deemsisa. Garuu falmiin kun otuu itti hafee isaaf gaarii ture.
  7. Falmii ajaa’ibsiisaa kan biroo iyyuu nuuf dhiyeesseera. “Muhammad Allaah tiin sobeera erga ta’ee Allaahn Muhammad sobuu isaa ibsuu mannaa keeyyatoota Qur’aana kana booda argaman maaliif buuse?” kan jedhu yaada kana fakkaatu dhiyeessa. Yaadni kun garuu Qur’aanni dubbii Allaah kan dhugaati ilaalcha jedhu irraa kan madde falmii gatii hin qabaanneedha. Jalqabumaan iyyuu, Qur’aanni dubbii Allaah miti, jechi waa’ee hidda onnee isaa kutuu kan dubbatu yoo ta’es dubbii Rabbii otuu hin taane Muhammad ergamummaan isaa fudhatama akka isaaf argatuuf maqaa Rabbiin kan dubbate “dubbii ittiin haqa-qabeessa of fakkeessedha.” “Sobduu yoon ta’e Rabbi na ajjeesa kanaafuu waanan hin duunef nabiyyii dhugaadha” kan jedhuun kan fakkaatu mataa isaa haqa-qabeessa gochuuf dubbii ittiin of dhiyeessuudha. Muhammad wanta kamiyyuu kan Rabbii biraa ta’e dubbatee hin beeku. Maqaa Rabbiin kan dubbate hundi ofiin kan kalaqatee fi fedha garaa isaa ti. Garuu sobduu ta’uu isaaf addunyaa hundumaaf ifaa akka ta’uuf “sobduu yoon ta’e hiddi onnee koo citee nan du’a” haala jedheen, Rabbi inni dhugaan hiddi onnee isaatii kutamee akka ajjeefamu godhe. Garuu Musliimonni obboleeyyan keenya Muhammad sobduu ta’uu isaa Rabbi akkanaan ifa godhee isaan argisiisaa otuu jiruu dirqamaan nabiyyii dhugaa gochuuf yaalu.
  8. Musliimni obboleessi keenya keeyyati kun Muhammad Allaah tiin sobuu isa hin dubbatu nuun jedha. “ Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) nurratti dubbatee, Silaa……” waan jedhuuf “otuu godheera ta’e” malee “godheera hin jedhu” kan jedhu falmii dhiyeessa. Falmiin kun sababa lamaan kufaa ta’a:
  9. Keeyyatichi wanta hin godhamne jechuunis Muhammad sobuu isaa kan dubbatu yoo ta’e iyyuu hanga yeroo sanaatti kan hin sobne ta’uu isaa ti malee sana booda sobuu dhiisuu isaaf ragaa hin ta’u. Muhammad kana dura hin sobne yoo jedhame iyyuu keeyyaticha keessatti adabbiin dubbatame isarra ga’uu isaatiif kana booda sobeera jechuudha. Falmiin Musliimni obboleessa keenyaa kun Muhammad gaaf tokko nabiyyii dhugaa akka ture malee umurii isaa guutuu nabiyyii dhugaa ta’uun jiraachaa akka ture nutti hin argisiisu.
  10. Muhammad mul’ata Rabbii biraa ta’e gaaf tokko iyyuu dubbatee hin beeku. Keeyyatichi Muhammad haqa-qabeessa of gochuuf kan dubbate keeyyata ofiin kalaqateedha. Garuu Muhammad mataa isaa haqa-qabeessa of gochuu fi dhugummaa isaaf ragaa godhatee kan dubbate jechi isaa dhuma irratti sobduu ta’uu isaa kan mirkaneessu ta’ee argameera.

Falmiin dursinee dhiyeessine Muhammad summiin du’uu isaatiin nabiyyii sobaa ta’uu isaa kan argisiisu miti. Ta’us taateen kun sobduu ta’uu Muhammad mirkaneessuu isaa kan argisiisan tuqaawwan itti fufanii jiran dhiyeessina.

  1. Taateen kun soba nabiyyumma Muhammadiif akka ragaatti dhiyaachuu isaaf sababni jiran keessaa tokko, Muhammad nyaata kana keessa summiin jiraachuu isaa dursee beekuun mataa isaas ta’e hiriyoota isaa oolchuu waan hin dandeenyeefiidha. Kana manna summii kana erga nyaatee fi hiriyoonni isaa iyyuu erga nyaatanii ittiin miidhamanii booda “lafeen miilla re’ee summiin keessa ishee jiraachuu isaa natti himte” jechuudhaan wanta seenaa iyyuu hin fakkaanne uummachuun “nabiyyii” fakkaachuuf yaaleera. Taatee sodaachisaa akkanaan booda seenaawwan ajaa’ibsiisaa fakkaatan uumuun maalummaa isaanii guddisanii mul’ifachuuf yaaluun amala nabiyyii sobduudha.
  2. Haadisii keessatti akkuma gabaafame Biishir nyaata kana nyaachuu akkuma eegaleen ture summiin keessa isaa jiraachuu isaa kan beeke. Garuu sababa nabiyyummaa Muhammaditti amanuu isaatiif Muhammad nyaata kana hanga nyaachuu dhaabutti itti fufee nyaachuu isaa eegale. Garuu amanamummaa Muhammad irratti qabaachaa tureen lubbuu isaa dhabeera. Jireenya lafarraan amanamummaan kan hin ilaalamne Muhammad akkamiin jireenya bara baraaf amanamuu danda’a?
  3. Taateen kun nabiyyummaan Muhammad sobaa ta’uu isaa kan mirkaneessu sababni biraanis jira. Namni ganamaan ija meexxii nyaatu yeroo kanatti summii yokiin toshaan miidhamuu akka hin dandeenye Muhammad dubbatee ture (Sahih al-Bukhari, Volume 7, Book 71, Number 671). Muhammad summiin du’uu isaa qofa otuu hin taane to’annoo toshaa jala akka ture Haadisaatii keessatti gabaafameera (Sahih al-Bukhari, Volume 7, Book 71, Number 660). Kanaafuu Muhammadis ta’e hiriyooti isaa ija meexxii nyaachaa kan turanii fi summii kanaanis booda carraa ittiin fayyan qabaachaa kan turan ta’uu isaaniin, summii kanaan du’uu isaaniif dubbiin Muhammad soba ta’uu isaa argisiisa. Kanaafu Muhammad nabiyyii sobduudha.
  4. Haadisii biraan ammoo abasuudi gurraachi du’aan kan hafe gosa dhukkubaa kan hin fayyifne hin jiru jechuun Muhammad dubbateera. Kanaafuu abasuuda gurraacha nyaachuun innis ta’e hiriyaan isaa miidhaa fi du’aa irraa maaliif hin oolchine? Sahih al-Bukhari Vol. 7, Book 71, Hadith 592.
  5. Kakuu Moofaanis ta’e Kakuu Haaraan namoonni raajonni (nabiiyyonni) fi qulqulloonni du’a irraa ooluu fi hordoftoota isaaniis oolchuuf Waaqayyo biraa kan ergaman ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

“Bara biyyatti beelli bu’e Elsaa’in gara Giilgalitti in deebi’e; kutanni raajotaa fuula isaa dura taa’aa utuu  jiranii yommus hojjetaa isaatiin, “Xuwwee guddaa isaa ibidda irra kaa’ii, kutata raajotaa kanaaf ittoo tolchi!” jedhe. Kutata raajotaa sana keessaa tokko biqiltuu funnaannachuuf ba’ee, waynii caakkaa argatee, isattii buqqee hadhooftuu uffata isaa guutu ciratee, deebi’ee yeroo dhufe waliin isaa utuu hin beekamin murmuree xuwwee ittoo sanatti in naqe. Namoonni akka nyaataniif yeroo saaniif baafametti, akkuma nyaachuu jalqabaniin, “Yaa nama Waaqayyoo!  Xuwwicha keessa wanta nama ajjeesutu jira” jedhanii in iyyan; kanaaf jarri isa nyaachuu hin dandeenye. Kana irratti Elsaa’in, “Daakuu muraasa fidaa!” jedhee, xuwwichatti naqee, “Amma namoonni haa nyaatanii baasaafii!” jedhe; kana booddee xuwwicha keessatti wanti nama miidhu hin argamne” (2Mot. 4:38-41 ).

“Nuyis du’a erga oollee, biyyichi bishaan keessaa sun Malaaxiyaa jedhamee akka waamamu barre. Namoonni biyya sanaas jaalala guddaa nuti argisiisan; bokkan in rooba, in dhaamotas waan tureef, ibidda qabsiisanii hunduma keenya ofitti waaman. Phaawulso hanxaxii qabaa tokko hammaaree biddatti naqnaan, bofni hadhaa qabu tokko qoraanicha keessaa ho’a ibiddaa utuu baaqatuu, harka Phaawulos ciniine. Namoonni biyyasii immoo boficha harka Phaawulositti rarra’u yommuu argan, “Namichi kun nama gumaa ta’uu isaa hin mamsiisu; galaanaan nyaatamuu yoo oole iyyuu, adabni gumaa isa hin jiraachisu” waliin jedhan. Phaawulos garuu boficha sana ibiddatti gad hurgufe, homtuus itti hin hammaanne. Isaan immoo amma iita’a yookiis amma lafa dha’ee du’a jedhanii eegan. Yeroo dheeraa eegaa turaniis waan tokko illee akka irratti hin ta’in arginaan, yaada isaanii geddaranii, “Inni Waaqayyo tokko” jedhan” (Hojii Ergamootaa. 26:1-6).

Kanaafuu Muhammad nabiyyii isa guddaa erga ta’ee raajii (nabiyyii) Eelsaa’ii fi ergamticha Phaawulos qulqullichaan gadi akkamiin ta’uu danda’e?

“Muhammad is the most obvious false prophet in history!” Dr. David Wood

 

MUHAAMMAD