Tawuraatii fi Injiliin Kitaaba Qulqulluudha?

Tawuraatii fi Injiliin Kitaaba Qulqulluudha?

Lallabdooti Musliimaa tokko tokko Tawuraatiin Raajicha (nabiyyii) Museef, Injiliin ammoo Yesuusiif kan laataman kitaabota ta’uu isaaniin, Kitaaba Qulqulluu bara ammaa argamu keessa hin jiran falmii jedhu dhiyeessu. Namoonni kun Tawuraatii fi Injiiliin kan Qur’aanni ibse kitaaba Musee (Muusaa) fi Yesuusiif laataman malee nabiiyyota (raajota) fi ergamtoota kanneen kaaniin kan barreeffaman ta’uu dhiisuu isaaniin Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu hin danda’an jedhanii dubbatu. Falmiin kun ilaalcha dadhabaa ta’e irratti kan hundeeffame, seenaawwan, Qur’aanaa fi duudhaawwan Islaamummaa waliin kan faallessu falmii wanta ijoo of keessaa hin qabaanneedha.

Falmii kana sirriitti ilaaluu keenyan dura Injilii fi Tawuraatii ilaalchisuun ejjennoo Kiristiyaanummaa ifa gochuu feesisa.

(Dubbii keenya kana keessatti kitaabni Injilii jedhamu Allaah biraa Iisaaf buufamuu isaa Qur’aanni yoo dubbate iyyuu Museef (Muusaaf) garuu kitaabni akka isaaf buufame malee kitaabni Tawuraatii jedhamu isaaf buufamuu isaa hin dubbatu. Hiika afaan Amaariffaan jechoota hammattuu keessaan itti dabalaman Qur’aana afaan Arabaa keessatti hin argaman).

Tawuraatii kan jedhamu hiika afaan Arabaaf sababa kan ta’e jecha qeenxeen “Tooraah”, dachaan yommuu dubbifamu ammoo “Tooroot” kan jedhu yommuu ta’u, afaan Ibruutiin hiikni isaa seera yokiin seerawwan jechuu yommuu ta’u kitaabota Musee (Muusaa) shanan argisiisuuf faayidaa irra oolfama.

Bara Kiristos kan turan Yihuudonni Kakuu Moofaa bakka sadiin qooduun seera, raajota (nabiiyyota) fi faarsaawwan jechuudhaan moggaasu turan. Gooftaan Yesuusis qoodamsa kanaaf beekamtii laateera:

“Kana booddees Yesus, “Yommuun isinii wajjin ture waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana” isaaniin jedhe” (Luqaas 24:44).

Seerri Musee (Muusaa) Kitaaba Qulqulluu keessatti irra deddeebi’amee seera (tooraah) jedhamee waamameera.

“Museen dachaa Yordaanos isa biyya Mo’aab keessaatti seera kanatti fufee jiru ibsuu in jalqabe” (Seera Keessa Deebii 1:5).

“Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! Iddoo dhaqxu hundumaatti watni ati gootu akka wal siif qixxaatutti isa irraa gara mirgaaatti yookiis gara bitaatti hin jal’atin! Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamanin! Halkanii fi guyyaas waa’ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” (Iyaasuu 1:7-8).

“Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu hundinuu akka wal siif qixxaatutti, waan Waaqayyo gooftaan kee si irraa barbaadu raawwadhu! Karaa isaa irra deddeebi’i! Akkuma seera Musee (tooraa) keessatti caafamee jirutti seerrata isaa, abboommii isaa, wanta isa duratti qajeelaa ta’ee fi dubbii isaaf dhugaa ba’u eegi!”(1Mot. 2:3).

“Barsiisa garbicha koo Musee, seerataa (tooraa) fi wanta ana Waaqayyo duratti qajeelaa ta’e, isa ani tulluu Horeeb irratti guutummaa Israa’eliif isatti kanne yaadadhaa” (Miilkiyaas 4:4).

Garuu haala Kitaaba Qulqulluun jechi “tooraa” jedhu seera Waaqummaa guutummaa isaa kan dubbatu ta’ee Caaffata Qulqullaa’aa argisiisuuf faayidaa irra oolfameera. Gooftaan keenya Yesuus kitaabota Museen alatti kan argaman Caaffata Qulqullaa’aa “seera” yokiin “tooraah” jechuun moggaaseera:

“ Yesus immoo, ‘Anoo, isin waaqayyoota isiniin jedheera’ kan jedhu seera keessan keessatti caafamee jira mitii?… ” (Yohannis 10:34).

Gooftaa Yesuus bakka kanatti kan dubbatu faarsaa Daawit yoo ta’e iyyuu “seera” jechuun moggaaseera. Kunis sagaleen kun kitaaba Museen qofa kan hin daangeffamnee fi seera Waaqayyoo guutummaa isaa kan argisiisu ta’uu isaa argisiisa. Sagaleen kun abboomii Waaqayyoo karaa raajota (Nabiiyyota) kanneen biroon laataman of keessatti akka qabatu kan argisiisan luqqisiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu:

“Isin warri akka bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhaga’aa! Isin warri akka saba Gomoraa gorsa Waaqayyo keenyaa dhaggeeffadhaa! Waaqayyo, “ ‘ Baay’inni qalma aarsaa keessan isa gubamuu maal anaaf godha? Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi moora  horii coccoomoo qufeera, akkasumas immoo dhiiga tuntunoo, dhiiga ilmoo hoolaa fi dhiiga ilmoo reettiitti ani hin gammadu” (Isaayaas 1:10-11).

Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba’uuf, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti  ol in baanaa” in jedhu” (Isaayaas 2:3).

“Isaan wanta hojjetan hundumaatti yoo yeella’an immoo, ati bifa ijaarsa mana qulqullummaa sanaa, akka inni itti dhaabatu, karaa ittiin gad ba’an, karaa ittiin ol galanis akka isaan beekan godhi; akkasumas guutummaa akeeka isaatii, seerrata isaa fi seera isaa hundumaas akka beekan godhi! Isaan kana eeganii seera isaa fi ajaja isaa hundumaa akka raawwatanittis kana isaan duratti caaafi! Seerri mana qulqullummaa sanaas, kanatti fufee jira; iddoon  naannoo isaatii inni gubbee tulluu sanaa irra jiru guutummaatti isa hundumaa caalaa qulqullaa’e haa ta’u! Kunoo, seerri mana qulqullummaa sanaa isa kana”jedhe” (Hisqi’el 43;11-12).

“Waaqayyo immoo anaan, “Yaa mucaa namaa! Yaada kee irra kaa’iitii ija keetiin ilaali, waa’ee seerrata mana Waaqayyoo hundumaa, waa’ee seera isaa hundumaafis wanta ani siin jedhu hundumaa gurra keetiin dhaga’i” (Hisqi’el 44:5).

Luqqisiiwwan armaan oliin ibsaman “seera” kan jedhamu dubbii Waaqayyo karaa raajota (nabiiyyota) isaatiin dabarse ta’uu isaa hubachiisa. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “tooraah” jedhamu seera Museen qofa kan daangeffame otuu hin taane seera Waaqummaa guutummaa isaa kan dhuunfatuudha.

Afaan Arabaan Injilii kan jedhamu afaan Giriikiin “Iiwaangeeliyoon” jedhamu irraa kan fudhatame yommuu ta’u hiikni isaa oduu gaarii yokiin sagalee misiraachoo jechuudha. Jechi afaan Arabaa isaa haala dubbifama afaan Sooriyaa irraa kan fudhatame ta’uu isaa hayyooti in dubbatu  (Arthur Jeffery, The Foreign Vocabulary of the Quran, pp. 71-72).

Yesuus kitaaba Wangeela jedhamu Allaah irraa fudhachuu isaa amantaan Islaamummaa yoo barsiise iyyuu, kanaaf deeggarsa kan laatu ragaan seenaas yoo ta’e kan Kitaaba Qulqulluu hin jiru. Akkuma “tooraa” jechi kunis karaa garaa garaan Kitaaba Qulqulluu keessatti faayidaa irra oolfameera:

“Kun jalqaba wangeela Yesus Kristos ilma Waaqayyoo ti.” (Mar 1:1).

“Yohannis cuuphaan mana hidhaatti dabarfamee erga kennamee booddee, Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe. “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi’aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!” jedhe” (Mar. 1:14-15).

“Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhe” (Mat. 24:14).

“Ani dhuguman isiniin jedha, guutummaa biyya lafaatti, iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama” isaanii jedhe” (Mat. 26:13).

“Filiphos kutaa macaafa kanaatii jalqabee, waa’ee Yesus misraachoo itti himuutti ka’e” (Hojii Ergamootaa 8:35).

“Ani Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta’uudhaaf Waamamee, wangeela Waaqayyoos lallabuudhaaf addaan kanan baafame kana caafuu koo ti. Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa’aa keessatti abdachiisee dha. Inni waa’ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate” (Rom. 1:1-3).

Haala luqqisiiwwan armaan oliin ibsamaniin maddii Wangeelaa Waaqayyodha. Wangeelli kun ammoo waa’ee ilma isaa Yesuus Kristosiidha. Wangeelli jalqabatti Yesuusiin kan lallabame yommuu ta’u ergamtoonni isaa haala abboommii isaatiin Yihuudotaafis ta’e saba ormaaf lallabaniiru. Kitaaba irratti kan barreeffames Wangeeluma kanadha.

Wangeelota arfan jechuudhaan kan moggafne kitaabonni Kakuu Haaraa namoota garaa garaa arfaniin kan barreeffame Wangeela tokkicha malee Wangeelota garaa garaa miti. Kanaafi, seensa isaanii irratti “Isa Maatewos Caafe, Isa Maarqos Caafe, Isa Luqaas Caafe, Isa Yohannis Caafe” mata-dureen jedhamu kan isaaniif laatame. Wangeela tokkichuma kanadha namoota garaa garaan kan barreeffame. “Iisaaf kan lataame kitaaba Injilii jedhamu jira” kan jedhu barsiisni Islaamummaa soba fudhatama kan hin qabaanneedha.

Kana erga dubbannee booda, Injilii fi Tawuraatiin Qur’aanni ibse Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiran kan jedhu falmiin lallabdoota Musliimaa hanga eessaatti akka isaan deemsisu waliin ilaalla. Falmiin kun sababoota arfan itti fufanii jiraniin fudhatama hin qabaatu:

  1. Ilaalcha Dadhabinaa Irratti kan Hundeeffameedha.

Falmiin kun “Qur’aanni mul’ata dhugaa kan waaqummaa ti” ilaalcha jedhu irratti hundeeffamee kan hin mirkaneeffamne ta’uun isaa fudhatama hin qabaatu. Qur’aanni kitaabota Tawuraatii fi Injilii jedhaman yoo ibse iyyuu, “warreen kitaabichaa” jedhamanii Qur’aana keessatti ibsaman Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti Tooraa fi Wangeela jedhanii kan waaman kitaabonni Qur’aana keessatti kan ibsaman Tawuraatii fi Injilii waliin hin fakkaatan. Garuu walfakkaachuu dhiisuun isaanii Tawuraatii fi Injiliin hin jiran yokiin Tawuraatii fi Injiliin Qur’aana keessatti ibsaman harka Yihuudotaa fi Kristiiyaanota irratti kan argaman miti gara xummura jedhutti hin geessu. Isa kanaaf deebii salphaa fi Sababa kan ta’u barreessaan Qur’aanaa hubannoon Tawuraatii fi Injiliif qabaachaa ture dogoggora kan jedhuudha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, namni tokko mootiin Itiyoophiyaa Haayila Sillaasee jedhaman hojjaan isaanii dheeraa, funyaan isaanii dabaa, bifti nafa isaanii adii fi kkf jechuudhaan Haayila Sillaasee ibsuuf yoo yaale, Haayila Sillaaseen seenaa keessatti beekamaa ta’an garuu hojjaan isaanii gabaabaa, funyaan isaanii konkona, bifti nafa isaanii magaala ta’uu isaatiin seenaan kan isaan beeku mooticha Haayila Sillaasee isa dhugaa miti yokiin Haayila Sillaaseen nama kanaan ibsame kan biraa ti jechuun gowwummaadha. Haayila Sillaaseen seenaa Itiyoophiyaa keessatti beekaman Haayila Sillaasee tokkichumadha. Namni Haayila Sillaasee ibsuuf yaale kun dhugaan isaa kana ta’uu isaatiin joonja’eera jechuudha. Akkuma kanaa seenaa keessatti kan beekaman Tawuraatii fi Injiliin harka  Kiristiyaanotaa fi Yihuudota irratti kan argaman ta’uu isaaniin barreessaan Qur’aana haalli ittiin Tawuraatii fi Injilii ibse dogoggoradha. Kanaafuu barreessaan Qur’aanaa dogoggora hojjechuu dhiisuu isaa hanga hin mirkaneeffamnee fi Qur’aana keessatti kan ibsamaan kitaabonni Tawuraatii fi Injiliin fakkaatan seenaa keessa jiraachuu isaaniif hanga ragaan hin dhiyeeffamnetti, seenaa keessatti kan beekaman Tooraa fi Wangeelli  jiraachuu isaanii haaluun seera falmii kamiyyuu keessatti kan deemsisu miti. Kun gara falmii keenya lammaffaatti nu deebisa. 

  1. Ragaawwan Seenaa Waliin Faallessa

Tooraa fi Wangeelli kan dubbatan ragaawwan seenaa fi bu’aawwan arki’oloojii hundi akkuma argisiisan jiraachuu isaaniif ragaa kan qabaatanii fi bara Yesuusii fi Musee waliin kan dhufan Wangeellii fi Tooraan, harka Kiristiyaanota irratti kan argamu Kitaaba Qulqulluu keessatti kan argamaniidha. Tawuraatii fi Injiliin kan Qur’aanni dubbate ragaa seenaa fi arki’oloojii hin qabaatan! Akka raga-baatota hayyoota amantaa Kiristiyaanaas ta’e Kiristiyaanota hin taanetti Tawuraatii fi Wangeelii Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti kan   fudhataniidha. Kanaafi, amantaa isaaniif beekumsa kan qabaatan hayyooti Musliimaa tawuraatiin kitaaba Musee Kakuu Moofaa keessatti argamuu fi [1]Injiliin ammoo Kakuu Haaraa ta’uu isaanii[2] amanuun kan fudhatan. Hayyooti kun Tawuratii fi Injiliin boora’aniiruu malee har’a kitaabonni harka Yihuudotaa fi Kiristiyaanotaa irratti argamaniin adda miti jedhu. Waa’ee booreffaamuu himanni dhiyaate mataa isaatiin iyyuu himannaa ragaa of keessaa kan hin qabaanne yoo ta’e iyyuu Tawuraatii fi Injiliin Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiran ilaalcha jedhu mannaa hiika filatamaa kenna. Tawuraatii fi Injiliin Kitaaba Qulqulluu keessatti kan argaman miti yaadni jedhu kanneen beekumsa hin qabaannee fi  Islaamummaa komee irraa oolchuuf hanga isaaniif danda’ameen yaalii gochuun kan argaman amantaa Musliimaaf namoota falman biratti kan jajjabeeffamu yommuu ta’u, itti fufuunis kan ilaallu waa’ee Qur’aanas ta’e duudhaawwan Islaamummaan deeggarsa kamiyyuu kan hin qabaanne maree sadarkaa falmiif iyyuu hin dhiyaanneedha.

  1. Qur’aanaan Faallessa

Akka Qur’aanatti Tawuraatii fi Injiliin bara Muhammad jiraachaa kan turan harka Yihuudotaa fi Kiristiyaanota irratti kan argaman yommuu ta’u, barreessaan Qur’aanaa dhugaa of keessaa qabaachuu kitaabota kanaa mirkaneessuun Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti akka itti fayyadaman isaan jajjabeessa. Ragaa isaa iyyuu akka itti fufee jiruun dhiyeessina:

  1. Kitaabichi bara Muhammad jiraachaa kan turan harka Yihuudotaa fi Kiristiyaanota irratti argama  ture:

“Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani ittiin isin qanansiise yaadadhaa. Waadaa kiyyas guutaas; (Anis) waadaa keessan nan guuta. Ana qofas sodaadhaa! Waan Ani buuse kan mirkaneesssaa waan isin bira jiruu (Tawraatiifi Injiil) ta’ettis amanaa. Jalqaba warra isatti kafaruu hin ta’inaa. Keeyyattoota  kiyyaanis gatii xiqqaa hin bitatinaa. Ana qofas sodaadhaa” (Suuraa 2:40-41).

Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e kan aan isaan wajjijn jiru (Tawraatii fi Injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo wargatan (dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiini) kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanittidhufu isati kafaran. Kanaafuu abaasi Rabbii kaafiroota irratti haa jiraatu” (Suuraa 2:89).

“Yeroo waan Rabiin buusetti amanaa isaaniin jedhame “nuti waan nurratti buufametti amanna” jedhu. Waan isaan ala jiru odoo inni dhugaa dhugoomsaa waan  (kiaaba) isaanii wajjin jiruu ta’ee jiruu itti kafaran. (Yaa Muhammad! SAW) jedhi; “Sila yoo dhugaan mu’umintoota taataniif maaliif sana dura nabiyyoota Rabbii ajjeeftu? ”(Suuraa 2:91).

“Yeroo ergamaan Rabbiin biraa dhugoomsaa waan isaan biraa ta’ee isaanitti dhufes, gareen warra kitaabni kennameef irraa ta’e akka waan hin beekiniitti kitaaba Rabbii dugda duuba isaaniitti of irraa darbu”(Suuraa 2:101). Dabalatas 3:81; 4:47, 5:43, 16:43-44, 21:7 ilaala.

  1. Muhammadii fi dhaggeeffatoonni isaa kanneen kitaabicha dubbifataniin akka gaafatan Allaahn isaan abboomeera.

“Yoo waan Nuti gara keetti buufne irraa shakkii keessa jiraatte, isaan si dura kitaaba dubbisaa turan gaafadhu. Dhugumatti, haqni Gooftaa kee irraa sitti dhufee jiraa, shakkitootaa irraa hin ta’iin” (Suuraa 10:94).  

“Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine. Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadha” (Suuraa 21:7).

  1. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti carraa Kitaabicha dubbafatan in qabaatu turan.

 

“Booda isaaniitiis bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan bakka bu’an. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa “fuulduratti nuuf dhiifama” jedhu. Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufes ni fudhatu. Sila waadaan kitaabaa kan akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraas isaan Rabbiin sodaataniif caalaa dha. Sila isin hin xiinxaltanuu?” (Suuraa 7:169).

Sila odoo kitaaba dubbiftanuu gaaritti nama ajajaa lubbuu keessan dagattuu! Sila hin xiinxaltanuu!” (Suuraa 2:44). “Do you order righteousness of the people and fnetet yourselves while you recite the Scripture? Then will you not reason?”

“Oduma kitaaba qara’anuu yahuudonni “kiristaanonni homaa irra (amantii sirrii ta’e hordofaa) hin jiran” jedhu; Kiristaanonnis “yahuudonni homaa irra hin jiran” jedhu. Akkuma san warri hin beekne fakkaataa jecha isaanii dubbatan. Rabbiin Guyyaa Qiyamaa gidduu isaaniitti waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan irratti murtii kenna” (Suuraa 2:113).

“Isaanann Nuti kitaaba (Tawraatiin yokiin Qur’aana) isaaniif kennine qaraatii (hordoffii) malu isa qara’u. Isaan isatti amanu. Namni isatti kafares, isaan warra hoonga’oodha” (Suuraa 2:121).

“Waan Israa’iil! Odoo Tawraat hin bu’in dura lubbuu isaa irratti haraama taasise malee nyaanni hunduu ilmaan Israa’iliif  halaala ture. (Yaa Muhammad) “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif Tawraatiin fidaa dubbisaa” jedhi.” (Suuraa 3:93).

“Isaan wal qixa miti. Abbootii kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuuda sa’aatii halkanii keeyyatoota Rabbii qara’antu jira” (Suuraa 3:113).

  1. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti kitaaba isaaniif laatameef abboomamuun isaaniif mala.

 

“Odoo isaan Tawraatiin, Injilii fi waan Gooftaa isaanii irraa gara isaaniitti buufametti hojjatanii, silaa gubbaa isaanitiifi miila isaanii jalaa nyaatu turan. Isaan irraa ummata gidduu galeessa ta’antu jira. Hedduun isaan irraa ta’e immoo hojiin isaanii waa fokkaate” (suura 5:66).

“Jedhi: “Yaa warra kitaabaa! Iisn hanga Tawraatiin, Injiilii fi waan Gooftaa keesan irraa gara keessanitti buufametti hojjatanitti homaa irra hin jirta.” Dhugumatti, wanti Gooftaa kee irraa gara keetti buufame daangaa dabruu fi kufrii irra hedduu isaaniitiif dabala. Ummata kaafiraa irratti hin gaddin” (Suuraa 5:68).

  1. Falmii isaan keessa jiru hiikuun kan isaaniif malu haala Qur’aanan otuu hin taane kitaaba isaaniin ta’uu mala.

 

“Sila odoo Tawraat kan murteen Rabbii ishee kessa jiru taatee isaan bira jirtuu akkamitti si murteessisiiffattu? Ergasii san booda gara galu. Jarri sun mu’uminoota miti. Dhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaa fi ifaan jiru taatee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu. Qeesonniiifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniifi ishee irratti ragaa ta’aniin (murteessu). Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaa. Keeyyattoota kiyyas gatii xiqqaan in gurguratinaa. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota” (Suuraa 5:43-44).

“Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun finciltoota” (Suuraa 5:17).

  1. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti Injiliif yoo abboomaman in eebbifamu:

 

“Odoo isaan Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa isaanii irraa gara isanitti bufametti hojjatanii, silaa gubbaa isaanitiifi miila isaanii jalaa nyaatu turan. Isaan irraa ummata gidduu galeessa ta’antu jira. Hedduun isaan irraa ta’e immoo hojiin isaanii waa fokkaate” (Suuraa 5:66).

  1. Musliimonni mul’atawwan kanneen duraatti amanuun isaaniif mala:

 

“Ammas isaan warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amananii fi isaan Aakhiraa dhugoomsaniidha” (Suuraa 2:4).

“Waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii fi Asbaax itti buufametti (amannee jirra). Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis. Waan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis (amannee jirra). Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnu. Nutis warra Isaaf butamee dha” (Suuraa 2:136).

“Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’umintoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaa fi ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu” (jedhaan). “Nuti dhageenye; ajajamnes. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna). Deebiinis garuma keeti” jedhan (Suuraa 2:285).

“(Yaa Muhammad Saw) “Rabbitti, Waan nurratti bu’etti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Iisihaaq Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub irratti buufametti, waan Muusaa, Iisaa fi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amanee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonu. Nutis isaaf ajajamtoota” jedhi” (Suuraa 3:84). Dabalatas 3:119, 4:136, 5:59, 28:49, 29:46.

Armaan oliin akkuma ilaalle, haala Qur’aanni jedhuun Tawuraatii fi Injiliin bara Muhammad  harka Yihuudotaa fi Kirsitiyaanota irra jiru turan. Muhammadii fi dhaggeeffatoonni isaa kanneen kitaabicha dubbifataniin akka gaafatan Allaahn isaan abboomeera. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti carraa kitaaba isaanii dubbifatan qabu turan. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti kitaaba isaaniif laatameef abboomamuun akka isaaniif malu dubbatameera. Falmii  isaan gidduu jiru iyyuu hiikuuf kitaabni isaanii ga’aa ta’uu isaatiin Qur’aanni isaan hin barbaachisu. Kitaaba isaaniif yoo abboomaman akka eebbifaman dubbatameera. Musliimonni mul’ata kanneen jalqabaatti amanuun akka isaaniif malu dubbatameera. Bara Muhammad Tawuraatii fi Injiliin harka Yihuudotaa fi Kiristiyaanota irra turan har’as harka Kiristiyaanota irratti kan argamaniin adda ta’uu dhiisuu isaanii kan beekamuu fi mirkaneeffameedha. Kanaaf ammoo barreeffamoonni harkaa kumaatamaan lakkaa’aman raga-baatotadha. Kanaafuu Qur’aana keessatti kan dubbataman Tawuraatii fi Injiliin har’a harka Yihuudotaa fi Kiristiyaanota irratti kan argaman miti kan jedhu falmiin lallabdoota Musliimaa tokko tokko sababa kan hin qabaannee fi falmii abdii kutachuu dhiisuuf godhamuudha.

  1. Duudhaawwan Islaamummaa Waliin Faallessa.

Walitti qabama Haadisii ja’an keessaa tokko kan ta’e Suunnaan Abu Dawud akkana jechuun falmii kana kufaa godha:

“…Ergamticha Allaaf (nagaan isaaniif haa ta’u). Taa’umsa isaaniif fidanii isaanis irra taa’an. Kana booda Tawuraatii naa fidaa jedhan, isaanis fidaniif. Taa’umsa irraa ka’uunis Taawuraatii lafa kaa’uun akkana jedhan: Karaa kee kan mul’isee fi siin kan mul’ise Rabbi itti nan amana. ” Sunan Abu Dawud, Book 38 (Kitab al Hudud, i.e. Prescribed Punishments), Number 4434.

Namni beekamaan Iibin Kasiir jedhamu Qur’aana kan barsiisu ammoo Allaahn isaan abboomuu isaatiin Muhammad kana gochuu isaanii dubbata. (Tafsir Ibn Kathir (Abridged) Volume 3, Parts 6, 7 & 8).

 “…Kaab Tawuraatii dubbisuun «nabiyyichi kan dubbatan dhugaa dha» jedhe” (Sunan Abu Dawud Book 3, No. 1041).

Kitaabni Tawuraatii jedhamu bara Muhammad harka Yihuudota irra yoo jiraate jiraachuu isaa kan haalan Musliimota bara keenyaaf rakkina guddaadha.

“Kadiijjaan gara ilma eessuma ishee Warraaqaa jedhamu Muhammadiin fudhattee deemte…innis bara Islaamummaan dura Kiristiyaana kan ture yommuu ta’u barreeffamoota Ibruu barreessa ture. Allaahn hanga barreessuu isaaf heeyyameen Wangeela afaan Ibruun barreessa ture” (Sahih Al-Bukhari Vol 1, Book 1, No 3).

“Warraaqaan bara Islaamummaan dura Kiristiyaana kan ture yommuu ta’u Allaahn hanga isaaf heeyyameen Wangeela afaan Arabaan barreessa ture” (Sahih Al-Bukhari Vol 6, Book 60, Number 478).

Haala gabaasa biroon ammoo Warraaqaan Wangeelota (Wangeelota kan jedhu heedduminaan ta’uu isaa hubatamuu kan maluudha) afaan Arabaan dubbisa ture (Sahih Al-Bukhari Vol 4, Book 55, Number 605).

Injiliin Qur’aana keessatti ibsame harka Kiristiyaanota irratti kan argamu erga hin taanee Warraaqaan amantaan Kiristiyaana jedhame heeyyama Allaah tiin barreessaa fi dubbisaa kan ture maaliidha?

Xummura

Seenaa keessatti kan beekaman Tawuraatii fi Injiliin harka Kiristiyaanotaa fi Yihuudota irratti kan argaman qofa ta’uu isaaniin Injilii fi Tawuraatiin Qur’aana keessatti ibsaman Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argaman kan jedhu falmiin leellistoota Musliimaa tokko tokko gonkumaa fudhatama hin qabaatu. Nama Seenaa fi kitaabota Islaamummaa beeku irraa kan eegamu miti. Namoonni ilaalcha kana leellisan Tawuraatii fi Injiliin Kitaaba Qulqulluu keessatti kan argaman adda ta’uu isaaniif ragaa kennaa otuu jedhamanii ragaa seenaa, Arki’ooloojii fi kitaabota kabajamaa kan Qur’aanaa dhiyeessuu hin danda’an. Falmiin isaanii rakkina Qur’aanni keessa galee jiruu baasuuf deebii hatattamaan dhiyaate (ad-hoc) malee hayyoota Musliimaas ta’e Musliima hin taane biratti fudhatama kan qabaatu deebii qorannoo irratti hundeeffame miti.

Namoonni kun falmii faayidaa hin qabaanne kana uumuun isaanii Tawuraatii fi Injilii Qur’aanni ibse harka Kiristiyaanota irratti kan argaman waliin fakkaachuu dhiisuu isaanii fi ergaan isaaniis Qur’aanan waan faallessuufi. Kitaabonni Qur’aana keessatti ibsaman boora’aniiru malee harka Kiristiyaanota irratti kan argaman waliin garaa garummaa hin qabaatan kan jedhu falmii Islaamummaa beekamaa ta’e fudhachuu dhiisuun isaanii himanni waa’ee boora’uu Qur’aanattis ta’e duudhaawwan Islaamummaa keessatti deeggarsa kan hin qabaanne ta’uu isaatiin fakkaata. Dabalatas dubbiin Allaah akka hin jijjiiramne Qur’aanni dubbachuu isaatiin falmii kana filachuu isaaniif sababa biroo ta’uu mala.

  • “Jechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiru” 6:34
  • “Jechoota isaatiif jijjiiraan hin jiru” (6:115)
  • “Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru” 10:64
  • “Jechoota isaa jijjiiraan hin jiru” 18:27
  • “Karaa Rabbiitiifis jijjiirama hin argitu” 33:62

Haadisaatii fi Tafsiirota kanneen duraa irraa akkuma hubannu kitaabni Qulqulluu Allaahn buuse gonkumaa akka hin jijjiiramnee fi eenyu iyyuu jijjiiruu akka isaaf hin danda’amne Musliimonni kanneen durii cimsanii itti amanu ture. Fakkeenyaaf, Tafsiira Iibin Kasiir itti fufee jiruun ilaala:

“…Al-Buhaariin akkuma gabaase Iibin Abbaas akkana jedheera: ˱hiikni keeyyata kanaa itti fufee kan jiruudha:…Uumama Rabbii keessaa jecha Allaah Kitaaba isaa keessaa balleessuu kan danda’u hin jiru. Hiika isaanii kan dhugaa jalaa dabsu jechuudha. ˲Wahaab Iibin Munaabiih akkana jedhe: “Tawuraatii fi Injiliin haala Allaahn isaan ibseen eegamanii jiru. Keessa isaanii qubeen tokko iyyuu hin hir’ifamne. Garuu namoonni kitaaba ofii isaaniin barreessan keessatti hundaa’uun itti dabaluu fi hiika sobaa ta’een kanneen kaan dogoggorsu.”…Kitaabonni Allaah garuu hanga ammaa eegamanii jiru jijjiiramuus hin danda’an” (Tafsir Ibn Kathir – Abridged, Volume 2, Parts 3, 4 & 5, Surat Al-Baqarah, Verse 253, to Surat An-Nisa, verse 147, First Edition: March 2000, p. 196).

Taafsiirota kana yaadannoo miil-jalee irratti akkana kan jedhuun arganna.:

“Jecha isaa dabsu jechuun hiika isaa jijjiiru yokiin jallisu jechuudha. Kitaabota Allaah keessaa jecha tokko jijjiiruu kan danda’u kamiyyuu hin jiru. Kana jechuun karaa dogoggooraan kan hiikan jechuudha.”

Ta’us Tawuraatii fi Injiliin kitaaba qulqulluu keessatti hin argaman falmiin jedhu yokiin booreffameera kan jedhu himanni, sababa, seenaa, Qur’aanaas ta’e duudhaawwan Islaamummaa dura dandeetti ittiin dhaabatanii falman hin qabaatan. Tooraa fi Wangeelli harka isaanii irratti argamu. Dubbii isaaf amanamaa fi kabaja kan qabaatu Waaqni keenya akka isaan balleeffamanii fi booreffaman hin heeyyamne.

Yaa Musliimota obboleeyyan keenya! Barreeffamni sobaa jaarraa torbaffaatti barreeffame dogoggora isaa irraa oolchuuf jettanii dubbiin Rabbii inni qulqulluun badeera, booreffammeera fi kkf jechuudhaan Rabbii keessan irratti yakka maaliif dubbattu? Bitaacha’uu hanga kanaa fi yakka kan ta’e barreeffama Qur’aanaa dhiisuun gara dubbii Rabbii kan dhugaa Kitaaba Qulqulluutti deebi’uun isiniif hin wayyu? Waaqayyo Gooftaan hubannaa nuuf haa laatu! Amen!.


[1] The Torah is the Jewish holy book, believed to have been revealed to Moses on Mount Sinai. The written Torah consists of the first five books of the Hebrew Bible (known to Christians as the Old Testament): Genesis, Exodus, Leviticus, Numbers, and Deuteronomy… The Torah is mentioned explicitly 18 times in the Quran, in addition to a number of indirect references. On the basis of statements in the Quran, Muslims agree that it is the holy book of the Jews revealed to Moses on Mount Sinai, and that it is why they consider Jews to be people oF the book (for example, Q 5:44, 68). (Juan E. Campo. Encyclopedia of Islam, p. 671).

[2] The Quran and Muslims refer to the entire New Testament as the Gospel, not just the first four books of that section of the Bible. The Quran could be interpreted as suggesting that the Gospel is a sacred text that God revealed to Jesus, as he revealed the Torah to Moses and the Quran to Muhammad. This relationship with other sacred scriptures is evidenced by the fact that nine of the 12 times the Gospel is mentioned in the Quran, it occurs in relation to the Torah (Arabic: al-tawrat), the Jewish sacred text. However, Muslims have also maintained that the Torah and the Gospel, as Jews and Christians have received them, contain errors and omissions, while the entire Quran is absolutely perfect and complete. (Ibid., pp. 265-266).