Waaqayyo Dhugaa Tokkichi Yesusin kan Dhile dhaa?

Waaqayyo Dhugaa Tokkichi Yesusin kan Dhile dhaa?


Gaaffii

Yesus akkas jedha “Waaqayyo isa tokkicha isa dhugaa. Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya barabaraa ti.” Yohannis 17:3. Egaa Yesus yoo Waaqayyoon ta’e yeroo Waaqasaa kadhatu maaliif ” Waaqayyoo isa tokkicha ati ergites beekuun jireenya bara baraati.” maaliif jedhe? Yesus Waaqayyo inni dhugaa isa osoo hin ta’in, Waaqayyo isa isa erge ta’u maaliif ibse?

Deebii

Lallabdoonni Musliimaa Macaafa Waaqumma Yesus labsuun eegalu keessa yaadaa Waaqummaa isaan wal-dhibu barbaaduun isaani waan bay’ee nama aja’ibsiisuudha.  Buusaa kana keessatti Yesus jireenyi bara baraa kan argamu yoo Isaafii  Abbaa beekuun akka ta’e walqabsiistuu afaan girikii “kay” fayyadamuun wal-qixxummaa Abbaa waliin qabu ibseera.

Namni tokko jireenya bara baraa akka argatuuf umaafi umama walitti ida’ee beekuu qaba barnoonni jedhu Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Islaamummaanis ta’u kana hin barsiisu. Dabalataan ammoo boqonnicha guutuu yoo dubbisnu Gooftaan keenya waa’ee mataa isaa kan inni dubbate hedduun kan Waaqummaa isaa agarsiisanii fii hiikaa dogoggoraa gaafataa kanaaf rakkoo kan uuman kunoo

  • Yesus Ilma Waaqayyooti (lak 1-2)
  • Jireenya bara baraa ni laata (lak 1-2). Jireenya bara baraa Waaqayyoon ala kan kennu eenyu ta’u danda’a? Waaqayyumtuu dandeettii kana umamtootaaf ni qoodaa?
  • Adunyaa osoo hin ummanni kabajaan Abbaa waliin ture. (Lak 5)
  • Waaqayyo Abbaan akka isa kabajus gaafateera (lak 1-2) umamaan gaaffii akkasii gaafachuuf mirga qabaa?
  • Kan Abbaa wanti ta’e hundi kan isaa ta’u dubbateera (lak 10) . waan akkasii dubbachuuf ija jabeessi akkasii ummatoota keessaa argamuu danda’a?

Gaafataan kun boqonnaa yaanni Waaqummaa Yesus keessa guutan kana keessa hima tokko qofaatti foxxoqsun fuullee tokkessituu qeenxeen ilaaluun Waaqummaa Yesus ganuuf yaalu. Kan nuuf ta’u dandii nuuf ta’utti hikkataa isa nuuf hin taanee gatuun dogoggora ta’uu isa hubachiisaa, buusaan kun sababni inni Yesus Waaqayyo ta’u dhiisuu isaaf ooluu hin dandeenyeef tuqaalee shan akka itti anutti tarreesina.

  • Akka barnoota Kiristaanaatti iccitiin Tokko-sadumma (Sillaasee) kan jiraatuu Waaqni tokkichi Waaqayyo tokkicha isa dhugaadha. Amalli waloo (general property) amala tokkoon tokkoon isaanii (particular property) ta’uu isaatiin amala Waaqummaa hirmaataan tokkicha qaama sadeen kan ta’e Waaqayyoo dhugaa tokkicha jedhamee waamamuu danda’a. Akka wanti kun wal-hinfallessine hubachuuf barnoota bu’uraa mara-waliigalchoo beekuun ga’aa dha.
  • Yesus qaamaan Abbaa waliin gargar ta’us, sagalee Waaqayyoo amma bara baraati (logoos) waan ta’ef, Abbaa waliin kan dhilaman ta’uu dhabuun isaa, Abbaan Waaqayyo tokkicha dhugaa yoo ta’e, Ilmis Waaqayyo dhugaa ta’a.
  • Yesus Kiristoos Abbaa dhaan Waaqayyo dhugaa tokkicha yoo jedhu Waaqota biroo wal cinaa qabuun malee Waaqummaan kan isa waliin tokko kan ta’e ofiifi Hafuura Qulqulluu waliin miti.
  • Yaanni kun kan inni caqafame foon uffachuun kan dhufe ilaalchaa Ilmaatiini malee ilaalcha namaan miti.
  • Ilmis “tokkicha” jedhamee buusaawwan inni itti waamame akkataan itti fayyadama jecha kanaa qaamota Tokko-sadumma (Sillaasee) dhiluuf kan karoorfame ta’u dhabuu nu hubachiisa. Fkn ;- “warri Waaqayyoo malee jiraatan, ayyaana Waaqayyoo keenya argachuun ‘gad-dhisaatti jiraachuudha’ jedhanii yaada diddiranii, goofta keenya Yesus Kiristoosin isa kophaa isaa gooftummaa qabus gananii, isaan kun wanta yakka isaanitti mursiisu kana jalatti duraan dursee caafamaniiru.”

Falmii gaafataa keenyaa yoo fudhannuu Yesus buusaa kana keessatti qofaa isaa kan jiruu fi Gooftaa ta’u isaa dubbachuun Waaqayyo Abbaan gooftaa miti jechuuf deemna. Barreessitoonni Kakuu Haaraa jechoonni akkanaa kun rakkoo uumuu akka hin dandeenye hubataniiru. Gaafataan keenya fuullee tokkessituu qeenxee isaanii amma baasanitti kana hubachuu hin danda’an.

 

YESUUS EENYU