Tooftaawwan Baramoo Islaamaa Biyyoota Afrikaa Musliima Hinta’in Keessatti

Tooftaawwan Baramoo Islaamaa Biyyoota Afrikaa Musliima Hinta’in Keessatti

Boqonnaa 4 keessatti Muslimonni mankaraaresssitoota ta’an biyyoota Islaama hin taane Islaama gochuudhaf adeemsawwaan itti fayyadaman ilaallee jirraa. Boqannaa kana keessatti immoo addemsiwwan Kunneen haala akkamiitin addunyaa irratti hojii irra oolaa akka jiran ni ilaalla. Akkuma dhimmoota boqonaa 4 irratti ilaalle wantoonni boqonnaa kan keessatti argaman tokko tokko kan yaada keessa nama galchan ta’uu ni dandaa’u. Haata’u malee akkuma Yesus Kiristoos godhu Musliimota jaalachuu fi jaalala kenyaa agarsiisuu itti fufu akka qabnu dagachuu hin qabnu. Afrikaan ardiilee Addunyaa keessatti argamaan keessaa ishee baay’ee jeeqamtuu fi hiyyeetti taatedha. Walitti bu’iinsota, bulchiinsa dadhabaa, hongee, dhukkubaa fi hiyyummaadhan rukutamtee jirti. Kanaafuu Islaamummaan da’awwaa (Ergaama Islaamummaa) galmaan ga’uuf irra deddebidhaan gargaarsa maallaqaa fi gargaarsa namoomaa ni taasisa.

Barnoota

Uummanni Afrikaa heddun umriin isaa 16 gadi. Namoota Islaamessuu fi naannolee irratti dhiibbaa geessisuuf Musliimonni barnoota fayyadaman Afrikaa guutuu keessatti ni argamu. Naannolee Kiristiyaanaa baay’ee keessatti, keessumattuu ijoollee maatilee harka qalleeyyii ta’aniif Musliimotaan manneen barnootaa ijaaramanii jiru. Manneen barnootaa Kunneen barattoota isaanitiif tajaajila barnoota, uffata walfakkataa fi meeshaalee barnootaa kaffaltii malee kan kennan yoo ta’u yeroo baay’ees nyaata ni dhiheesuuf. Maatiwwaan ijoollee isaanii gara manneen barnootaa kanneenitti erguu akka danda’an yeroo baay’ee Musliima akka ta’anii fi torban keessatti yeroo baay’ee gara Masgiidaa deemudhaan kadhaannaalee Musliimaa irrattii hirmaachun isaan irraa ni eegama.

Mootummoonni Afrikaa heddu dhiibbaa kutaalee barnootaa dhiphoota ta’an irra jiru waan furaniif sochiiwwan kana fakkataniif balballi isaanii banaadha. Yeroo baay’ee gareewwan Islaamaa Kanneenif bu’aa ba’iin ijaarsa manneen barnootaa akka isaanif salphaatuuf lafa kafaltii malee ni kennnuf; akkasumas madaalliwwan sirna barnootaa isaan irratti hin cimsan. Manneen barnootaa tokko tokko akaakulee barnoota baramoon kan itti kennaman osoo hin ta’in madrasoota (manneen barnoota amantaa Islaamaa) kan ta’aniidha. Daa’immaan kunnen kan baratan Arabiffaan yoo ta’u xinnummaa Isaanii irraa mankaararsummaa Islaamaa ni obaafamu.

Afrikaa keessatti daa’imman miliyoona heddun lakkaa’aman warra isaanii kan Edsidhaan dhaban yoo ta’an daa’imman kanneen keessaa daa’imman xinnoo ol guddatan manneen daa’immaniin bulan keessa jiraatu. Manneen barnootaa Islaamaa heddun daa’imman akkanaatif manneen barnootaa bulanii barachuu isaanif ni qopheessu. Barnoota Isaanitiin barattoonni qabxii olaanaa fidan gara Yuunivarsitii akka galan carraan barnootaa kaffatii malee ni mijeeffamaaf isaan keessaa tokko tokko sirumaa barnoota isaanitiin akka itti fufan gara Sa’udii Arabiyaa, Iraanii fi Paakistaan biyyoota fakkaatan ni ergamu. Kanneen keessaa harki caalan kan sirritti baratanii fi hawaasa isaanii keessatti warra dhiibbaa geessisuu danda’an ta’uun gara Afrikaa deebi’u. Haata’u malee kan deebi’an Musliimota Mankaraaresssan (leellistoota) ta’uudhani.

Tajaajila Egumsa Fayyaa

Afrikaa keessatti H.I.V. Eedsii, dhukkuba sombaa, busaa fi dhukkuboota biroo irraa kan ka’e umriin jireenya namaa gabaabadha. Duuti daa’immaaniis baay’ee kan heddummaatedha. Tajaajilli waldhaansa fayyaa kutaa ardittii baay’etti kennamu gatiin isaa baay’ee mi’aawadha; yookin immoo hammi isaa baay’ee xinnaadha. Yeroo dhihootii as kiliinikoonni Islaamaa naannolee baadiyyaatti lakkoofsi isaaniii haala ajaa’ibsiisatiin dabalaa dhufee jira. Kiliinikoota kannen keessaa harki caalan kan dhaabbatan naannoolee Islaama hin taanettidha. Tajaajilli isaan kennen quubsaa ta’us kiliinikoota kanneen fakkaatan keessaa waldhanamtoonni lakkoofsan baay’atan yoo Musliima hin ta’in waldhaansi hin kennamuuf. Namoonni baay’een du’aa fi jireenya gidduu yemmuu ta’an filannoo biroo akka hin qabne yoo itti dhagahaame amantaa isaanii ni jiijjiru. Kanaaf fakkeenya guddaa kan nuuf ta’an haadholiin ijoollee isaanii Musliima taasisanii guddisuuf yoo waadaa seenan qofa tajaajila deessisuu kan kennan kiliinikoota Islaamawoo Brundii keessatti argamaniidha. Yeroo baay’ee ijoollonni Kunneen hospitaala keessatti kan galmaa’an maqaan Musliimaa isaanif kennamuudhani. Kiliinikoonni harka caalanis gamoo isaanii waliin walqabatee Masgiida ijaarame ni qabu.

Gargaarsa Midhaan Nyaataa

Afrikaa keessatti eddoo baay’etti gatiin midhaan nyaataa mi’aawaa yoo ta’u hir’inni dhiheessuu illeen ni jira. Hiri’inni midhaan nyaataa eddoo itti baay’atuu fi namoonni beelaan naannolee itti qabamanitti, beelli namoonni amantaa Isaanii gara Islaamaa akka jijjiiraniif karaa ittiin amansiisan ta’ee lakkaawwamuu ni danda’a. Biyyoota akka Itiyoophiyaa, Maalaawii, Seenegaal, Taanzaaniyaa fakkaatan keessatti namoonni Musliima ta’uudhaf yoo waliigalan qofa haalonni itti gargaarsa argatan ni jiru. Keessumattuu akka fakeenyatti kan kaasuu dandeenyu biyya Maalaawwii keessatti gargaarsa midhaan nyaataa fudhachuu isaaniin dura uffata Islaamaa akka uffatan namoonni taasifaman ni jiru. Haalli kun biyya waraanni bulleesse, Ripablika Dimokraatawa Koongoo keessatti abdii kutachiisadha.Biyya kana keessatti yeroo dhihoodhaa asittti namoonni baay’een ajjeefamanii jiru. Dabalataan miliyoononni immoo mana jireenyaa dhabuudhan gadadamaa jiru. Haala kana faakkaatu keessatti nyaanni Masgida keessatti ni hirama; yookin darbee darbee: ‘‘Kiristiyaanonni isin gargaaruf maal hojjetan? Musliimonni hir’ina hawaasichaa guutuf carraaqqii godhan ilaalaa” kan jedhu ergaa sagale guddistuudhan himamu waliin nyaanni gara manneen isaanii ni geeffamaaf.

Karaaleen Kunneen namoota gara Islaamummaa fiduudhaf baay’ee bu’a qabeeyyidha. “Garaan beela’e gurra hin qabu” kan jedhu jechi durii afaan Siwaahilii ni jira. Hiyyummaa guddaakeessa seenee namni nyaanni kennameefakkasumasuffanni itti uwwifame, nama beela’aa jiru caalaa ergaa itti himamu dhaga’uuf fedha ni horata.

Akkaataa Fayyadama Maallaqaa Islaamummaa

Waggoota digdamman darban keessatti baankiwwaan Islaamummaa tajaajiloota fayyadama maallaqaa kan akka liqaa, qusannoo, invastimantii kan fakkaatan kennuu jalqabanii jiru. Kuni ta’uu kan danda’es Mankaraaresssitoonni Musliimaa tajaajilli maallaqaa Islaamummaa keessatti barame kan hin heyyamamne akka ta’e waan dubbataniifi. Haata’u malee Musliimonni biroo kana waliin waliif hin galan. Sababni isaan itti walii galuu didaniifis jecha Arabaa Qur’aana keessatti argamu “riibaa’’ jedhu irraa kan ka’eedha. Qur’aanii ‘‘riibaa’’n akka hin hayyamamne ni dubbata. Musliimonni hiika jechaa “riibaa” jedhu kana irratti walii galtee hin qaban. Musliimonni Mankaraaressitoota ta’an dhala kanfaltii kan bifa kammiyyuu yookin maallaqa liqaa ilaallata yemmuu jedhan, warri biro immoo ‘‘riibaa” jechuun dhala hammi isaa baay’ee guddaa ta’eedha jedhu. Akka jecha warreen kanaatti dhalli inni baramaa ta’e ni hayyamama. Itti fayyadamni maallaqaa Islaamawoon bifa adda ta’een qindaa’uu isaanii irraa kan ka’e dhaalli kanfalamu hin jiru. Haata’u malee namni liqeesse bu’aa kan ittin argatu karaaleen biroo ni mijaa’uf. Haalli fayyadama qarshii Islaamawaan kun qaama (adeemsa) mankaraaressummaa Islaamaa addunyaa guutuu irratti tamsaasuti. Wanti rakkisaan biroo immoo adeemsi hojii isaa too’annaadhaf kan hin tolle ta’uu isaati. Kunis baankota baraman caalaa herrega waliin dhahuudhaf kan tole isa godha. Kunis immoo shororkeessitoota salphumatti maallaqaan deeggaruuf karaa isaaf bana.

 

Deeggarsa Baqattootaa

Afrikaa guutuu keessatti baqattoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an Miliyoonotaan lakkaa’aman ni jiru. Yeroo baay’ee dhaabbileen gargaarsaa Islaamaa gargaarsa ni godhu. Haata’u malee gargaarsicha yemmuu godhan warra Musliima ta’aniif loogii (madalata yookin gartummaa) agarsiisu. Baqattoonni danuun gargaarsicha argachuuf qofa Musliima ta’u. Haroowwan gurguddoodhan kan dangeffaman byyoota akka Ruwaandaa, Burundiii, Ripaablika Dimokraatawa Koongoo kan fakkatan naannoo baqattoonni danuun wanta qaban hunda sababa waraanaa fi hongeetin itti dhabanitti baqattonni kunnen amantaa isaanii kan jijjiiran yoo ta’e Musliimonni manneen jireenyaa, lafoota fi hojiiwwan daldalaa ni kennuuf.

Deeggarsa Daldalaa

Musliimonni tokko tokko daldala wanta carraa da’awwaadhaf fayyadu gadhaniit lakkaa’u. Musliimonni kutaa daldalaa too’achuudhan hawaasotaa fi biyyoota gidduutti dhiibbaa uumtotaa cimoo ta’anii jiru. Itti aansudhaanis maallaqni sochiiwwaan daldala Musliimotaa irraa argamu sochiiwwanii fi tooftaalee Islaamaa kan biro deeggaruuf ni oola.

Biyyoota lakkoofsi Kiristiyaanotaa irra calutti osoo hin hafin daldallii fi sochiin gabaa harki caalu kan jiru too’annoo Musliimotaa jaladha. Musliimonni lakkoofsan xinnoo ta’an hawaasa keessa jiraatan keessatti kan argamu sochii daldalaa bal’aa too’achuun isaanii wanta baramaadha. Pirojeektonni deeggarsa maallaqaa xixinnoon yookin kan liqaa xixinnoo Musliimotaa heddumminaan ni argamu. Maatilee daldalaatif tajaajiloonni liqaa yeroo dheeradhaan kafalamuu danda’an yookin gargaarsi maallaqaa ni kennamu. Haata’u malee fayyadamtoota ta’uu kan danda’an Musliimota qofa. Namoonni tokko tokko qarshii kana argachuuf jecha amantaa isaanii gara Islaamummaatti ni jijjiru. Hawaasonnii faayidaa dhaabbilee raabsotaa fi maamiltoota Musliimaaakkanaatin waliitti nama fidan keessatti hirmaachuu, akkasumas faayidaa dhaabbilee deeggarsa Gorsa daldalaa kennan keessatti hirmaachuu ni lallabamu. Kunis biyyoota Sahaaraa gaditti argaman keessattii bal’inaan ni taasifama.

Siyaasaa

Islaamummaan amantaa baay’ee siyaasawaa ta’e yemmuu ta’u yeroo baay’ees Musliimonni sochii siyaasaa biyya isaanii keessatti argamu keessatti hirmaattota dammaqoodha. Eddoo teessowwan motummaa fi siyaasaa keessatti qaban fayyadamuudhan Islaamummaa babal’isuudhaf akka isaanitti toluuf jecha seerotaa fi akkataa hojii biyyattii irratti dhiibbaa taasisu. Kana bira darbaniis seera Shari’aa tokko seera motummaa biyyattii keessa galchuudhaf yaalii gochuus ni danda’u. Dabalataanis iddoowwaan baay’ee barbaachisoo ta’an; biiroowwan akka barnootaa, haqaa, daldalaa fi ministeera ittisaa keessatti dhiibbaa uumurraa gara duubatti hin jedhan.

Gaa’ela

Musliimonni Islaamummaa Afrikaa keessatti babal’isuudhaf tooftaalee itti fayyadaman keessaa tooftan baay’ee baramaa fi bu’a qabeessa ta’e dubartoota Kiristiyaanaa fuudhudha. Dhiironnii Musliimotaa dubartoota Kiristiyaanaa hamma danda’an akka fuudhaniif ni jajjabeeffamu yookin ni ajajamu. Badhaasa yookin maallaqa akka argatan abdiin ni galamaaf. Intala luba waldaa fuudhuu yoo danda’an immoo badhaasni isaan argatan ol’aanaa ta’a. Islaamummaa keessatti ijoollenii fi niitoleen Musliima tokkoo Musliimota akka ta’anitti lakkaa’amu. Islaamummaan dubartoonni Musliimaa dhiirota Kiristiyaana ta’an akka heeruman hin hayyamu. Barmaatni Musliimotaa niitolee baay’ee fuudhu fi ijoolee baay’ee horachuu kun Islaamummaan addunyaa guututti akka saffisaan babal’atu taasisa.

Naata Hayyamamaa/ Halaala

Musliimotaaf nyaata akka foon booyyee nyaachun yookin alkoolii dhuguun hin hayyamamuuf. Dabalataanis horiin nyaataf qalamu kumiyyuu qophaa’uu kan danda’u bifa murtaa’aa ta’e qofaani. Kunis yeroo horichi gorra’amu kadhannaa Islaamummaa kadhachuu of keessatti hammata. Nyaanni Musliimonni akka hin nyaanne dhoorkamu ‘‘haraam’’ jedhama. Nyaanni Musliimonni akka nyaatan isaanif hayyamame immoo ‘‘halaala’’ jedhama.

Musliimonni biyyoota Afrikaa baay’ee keessaatti argaman akaakun nyaataa hundi, keessumattuu foon halaala akka ta’u motummaa fi oomishtoota nyaataa irratti dhibbaa kan uuman manneen marii halaalaa ni dhaabu. Musliimonni tokko tokko gocha kana biyyootaa fi uummattoota irratti akka karaa humna hafuuraa itti argannaatti lakkaa’u. Lakkoofsi Musliimotaa lakkoosfa uummata guutuu keessaa harkaa tokko qofa kan itti ta’e biyya Bootsuwaanaa keessatti, hundumtuu jechuun hanga danda’amutti manneen fooni fi oomishoonni nyaataa harki caalan halaala kan ta’aniidha. Biyyoota biroo heddu keessattis haalli wal fakkaatan ni argama. Kiristiyaanota biratti osoo hin hafin ilaalchi nyaata halaala hin ta’in nyaachuu irra nyaata halaala ta’e nyaachuun fayyaadhaf gaarii akka ta’e yaachisu dabalaadhufee jira. Ilaalchi akkanaa garuu dhugaa miti. Sirumattuu qaliin halaalaa yeroo baay’ee Qulqullummaa kan hin qabnee fi horiiwwan qalaman baay’ee kan gadadeessu ta’uu ni danda’a. Biyyoota baay’ee keessatti dhaabni tokko nyaanni inni qopheessu sartafikeetii akka argatu kafaltii gaggeessun irraa ni eegama. Dhuma irrattis kafaltii kana akka kafalu kan taasifamu nama nyaaticha fayyadamuudha. Kafaltiin haala kanaan argamus pirojeektota Islaamaa biroo gargaaruf oluu danda’a.

Masgiidota

Akkuma Kiristiyaanotaa Musliimonnis humna lola hafuuratti ni amanu. Eddoo tokko irratti humna hafuuraa kana argachuuf karaalee itti fayyadaman keessaa inni tokko masgiidota ijaarudha. Yeroo baay’ee masgiidonni Kunneen kan ijaarraman karaalee gurguddoo fi hadiidota baaburaa qabatanii yemmuu ta’u, fageenyi isaan gidduu jiru immoo kiilomeetiroota xinnoo ta’a. Masgiidota harka caalan kanneen guutudhaaf lakkoofsi namootaagahaan jiraachuu dhabus Musliimonni tokko tokko waamichi sagalee kadhannaa Masgiidota kannee keessaa ba’u iddoon inni qaqqabu marti Islaamummaadhaf akka dalla’amu ni amanu. Kiilomeetiroota kumaatamaan lakkaa’aman keessatti masgiidota walitti dhiheessun ijaarun naannooleen babal’oon Islaamawoo akka ta’an addunyaa hafuuraa keessatti ni labsama. Achuumanis ijaarasawwaan kanneen fayyadamuun Islaamummaan naannoo sana akka jiru ni dubbatu.

Yeroo tokko tokko biyyooni Musliimaa qabeenya guddaa qaban, karaalee gurguddoo moggaatti masgiidotaa akka ijaaran kan hayyamamuuf yoo ta’e biyyoota Afrikaa keessaatti baasii dolaara biliyoona heddutin dandiiwwanii fi hadiidota baaburaa ijaaruf gaafii ni dhiyeessu. Kan biraa immoo Musliimonni Masgiidota isaanii waldaalee Kiristiyaanaa, dhaabbilee daldala Kiristiyaanotaa fi mannen barnootaa cinaatti ijaaruu kan jaalataan ta’uu isaati. Kunis naannoolee sana irratti dhiibbaa hafuuraa fiduu fi Kiristiyaanota abdii kutachiisun da’awwaadhaf karaan akka toluuf karoorfachuudhani.

2Qorontoos 9:6-15 dubbifadhaa

Akkuma ilaalle Musliimonni kennaa fi gargaarsaa gochuu Islaamummaa balba’isuuf itti fayyadamu. Kanas kan raawwatan namoota gara Islaamummaa dabalaman karaa ittiin argatan godhanii wantaa lakka’aniifi. Dabalatanis Musliimonnii hojiin isaanii gaarin hojii isaanii badaa irra caalanii yoo argaman gara Jannataa akka galan ni amanu. Efeson 2:8-10 akka nutti himutti nuti Kiristiyaanonni kan fayyine hojiiwwaan gaarii hojjenne irraa kan ka’e osoo hin ta’in nuti kan fayyine hojii gaarii hojjechuufidha. Faayyinni keenya kan mirkaanaa’u Yesus akka Fayyisaa keenyaatti godhaannee wanta fudhanneefi. Waaqayyoo akka Kiristiyanummaa keenyaatti hir’ina warra rakkatanii akka guunnu, walii keenyafis hir’uu keenya akka walii golginu waamamnee jirraa. Hojii gaarii hojjechuuf waamichi nuuf dhihaate kuni jaalala tokko tokkoon keenyaf akkasumsas Waaqayyoof qabnu irraa kan maddedha. Yeroo kenninu gammachuudhan, karaa Waaqayyo ittiin waaqeffannu kan ittiin galateeffannu fi kan ittiin dinqisiifannu akka ta’e Yaadun ta’uu qaba. Hojii gaariin, harka qalleeyyii gargaarunii fi waalii keenya walgaraarun itti gaafatamaa Kiristiyaana hundaa yemmuu ta’u Hojii dhaabbilee gargaarsaa yookin tajaajitoota yeroo guutuu qofa ta’uu hin qabu.

 

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf fayyadan

  1. Musliimonnii barumsa fayyadammuudhan Islaamummaa akka hin babal’inse Kiristiyaanonni maal gochuu qabu?
  2. Islaamummaa babal’isudhaaf Musliimonni gaa’ela kan fayyadaman akkamitti?
  3. Musliimonni lakkoofsi isaanii baay’ee gadi aanaa ta’e nyaata Kiristiyaanonni lakoofsi isaanii ol’aanaa ta’e nyaatan too’achuun isaanii rakkina ni qaba jettanii yaadduu?
  4. Waldaaleen Kiristiyaanotaa fi hawaasni Kiristiyaanaa dhiibbaa nyaata halaalaa dhaabsiisuuf maalfaa gochuu danda’u?
  5. Musliimonni kaayyoo hojii daldalaa itti adeemsisaniif ilaalcha akkamii qabu? Ilaalchi isaanii ilaalcha Kiristiyaanonni heddu hojii daldalaa ittin adeemsisan irraa kan adda ta’u bifa akkammiitini?
  6. Islaamummaan hawaasa keessan keessatti yookin biyya keessan keessatti karaa akkamiitiin yeroo dhiibbaa geeessisu isin qunnamee jira?
  7. Musliimonni hir’ina nyaataa fi tajaajila waldhaansa fayyaa gaarii Afrikaa keessatti namoota Islaamessuuf haala akkamiitin itti fayyadamu?
  8. 2Qorontoos 9:6-15 dubbifadhaa. Kiristiyaanonni arjoota ta’uu kan qabanii fi warra rakkatan gargaaruu kan qaban maalifi? Kuni hoo gargaarsa Musliimonni godhan irraa akkamitti gargarta’a?
  9. Harka qalleeyyii hawaasa keessan keessatti argaman karaaleen ittiin gargaaruu dandeechan jiruu?

Baafata