Waadaa Zimmaa
Waraanni Haayibar Musliimonni hanga har’aatti hariiroo Kiristaanotaafi Yihudota waliin qaban bu’uura kan kaa’e mudannoo seenaa ture. Muhammad yeroo waraana Hayibar Yihudota lubbuun hafan amantaa isaanii qabatanii akka turan kan isaaniif heeyyaman yoo ta’eyyuu sana raawwachuu akka danda’aniif waadaa tokko isaan galchanii turan. Waadaan kun “Waadaa ziimaa” yokiin “waadaa bitamuu” jedhamee beekama. Jecha “ziimaa” jedhu jecha arabaa “zamaa” jedhu irraa kan argame yommuu ta’u “(amala hamaa ilaalchisee)” ceepha’uu, galata kennuu dhiisuu, balleessaa barbaadanii argachuu, gamaggamuu” hiika jedhan qaba. Faallaa galateeffachuudha. Ziimaan badii yokiin dogoggora raawwachuun kan ka’e itti gaafatamummaa dhufu kan argisiisu yommuu ta’u, yoo diigame yokiin kabajamuudhaa yoo baate nama waadaa diige itti gaafatamaa gochuu kan danda’u walii galtee yokiin waadaa argisiisuuf faayidaarra oola.[1] Namoonni walii galtee kana mallatteessan ammoo “ziimii” jedhamuun kan beekaman yommuu ta’u, waada isa galan hanga hin diignetti jireenyi isaanii seeraan eegama. Warri ziimii jalqaba irratti waadaan isaan galan musliimotaaf akka gumaa dhiigaatti kan lakkaayamu gibira “Jiiziyaa” jedhamee beekamu kaffaluudha. Gibirri kun kan kaffalamu lubbuu tursiisuufi. Musliimonni Gibira kana kan fudhatan akka nama miidhamaatti ta’uuni. Kana jechuunis namni Jihaadii tokko nama Kiristiyaana yommuu ajjeesu nama ajjeese kana qabeenya, haadha manaafi mucaa kan dhuunfaa isaa godhachuuf carraa isaa in qabaata. Garuu yoo hin ajjeefneen ta’e faayidaa kana dhabee “miidhamaa” waan ta’uuf gumaa miidhaa isaaf kaffalamuu mala jechuudha. Karaa jecha biraan jiiziyaan kan kaffalamu musliimonni mataa isaanii irraa ziimii kana akka eeganiifidha. [2] Keeyyanni Qur’aana itti fufee jiru waa’ee kaffaltii jiiziyaa kan dubbatuudha:
“Isaan Rabbiifi Guyyaa Dhumaatti hin amanin, kan waan Rabbiifi ergamaan isaa haram godhe haram hin godhin, kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaabni kennameef irra kan ta’an hanga isaan salpatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti loolaanii” (Suuratu At-Tawbaa 9:29).
Muhammad kanneen ziimii akka hin ajjeefamne cimsanii dhorkaniiru. Sababa isaa yommuu dubbatan ammoo madda galii musliimotaa waan ta’aniif akka ta’e ibsaniiru.[3]
Akka seera shari’aatti dubartoonni, hiyyeessonni, dhukkubsatoonniifi humnaan dadhaboota kan ta’an jiiziyaa akka hin kaffale yoo dubbatameyyuu, garuu Armaaniyaa, Sooriyaa, Sarbiyaafi Yihuudiirraa kan argaman maddeen akka ragaa ba’anitti daa’imman, hiyyeesonni, maatii kan hin qabneefi kanneen du’aniyyuu otuu hin hafiin jiiziyaa kaffaluun isaan irraa eegama ture.[4] Hawaasni ziimii jiiziyaa dabalatee kan isaan kaffalan gosti gibiraa turan. Musliimonni daldalaaf yokiin geejjibaaf kan kaffalan qaraxni biraa hundi kanneen ziimii akka kaffalan in godhama. Sababa waraanan baasii ba’uu bakka buusuuf hoggantoonni musliimaa shira ittiin haawasa ziimii saaman wixineessu turan. Shorkeessitoonniifi saamtonni musliimaa ammoo namoota ukkaamsanii fudhachuun Wajjoo (kaffaltii ittiin gadhiifaman) akka kaffalan dirqisiisu turan. Kiristaanotiin hedduu saamicha to’achuu dadhabuu isaaniin kan ka’e ijoollee isaanii gabrummaaf hanga gurguranitti ga’aniiru.[5]
Waadaan ziimaa baay’ee kan nama salphisuufi bifa cigaassisaa qaba:
Seera kaffaltii jiiziyaa
℘ Guyyaa gibirri kaffalamutti bakka gadi aanaa balfaan guutamerra akka dhaabatan godhama.
℘ ziimiin kun beeylada geejjibaatti fayyadamuun utuu hin taane miilla isaatiin deemee gara bakka sanaa dhufuu qaba. Barreeffamoonni tokko tokko harkaafi jilba isaatiin deemaa dhufuu akka qabu dubbatu.
℘ Kan fudhatu taa’ee inni garuu dhaabatee kaffaltii isaa kaffaluu qaba. Inni fudhatu kun isaan ol ta’ee taa’a.
℘ Ziimiin kun gamaa gamasitti akka malee darbatama, akka sodaatuufi raafamu in godhama, ni salphata.
℘ Inni gibira fudhatu harka isaatti qaccee qabata.
℘ Ziimiin kun maaliif bakka sanatti akka argame kan beeku yoo ta’eyyuu akka kaffaluuf abboommiin in laatamaaf.
℘ Reebbichaan irratti raawwatama.
℘ Akka nama booji’amee ajjeefamuuf fudhatamee deemutti huccuu isaa qabachuun yokiin morma isaa irratti funyoon hidhamee harkifamuun qoonqoon isaan hudhamee gara fuula duraatti akka harkifamu in godhama.
℘ Akka nama qalamutti morma isaa irra yokiin ammoo qoonqoo isaa irra in rukutama (mallattoo qalamuu billaadhaan in godhama).
℘ Rifeensa isaa naannaa adda isaa irraa akka haadu in abboomama. Kunis kan godhamu mormi isaa qalamuurraa hafuu isaa akka yaadatuufidha.
℘ Inni biraan mallattoon qalamuu hudhaa mormaa sibiilaa mormatti kaa’uudha.
℘ Akka nama qalamuutti areedni isaa qabame ni harkifama.
℘ Mataa isaa irratti balfaan in gatama.
℘ Namni musliimaa morma ziimii kanarra dhaabata.
℘ Kaffaltii isaa ega raawwatee booda billaa jalaa ooluu isaa argisiisuuf gara cinaatti darbatamuun akka deemuu godhama.
℘ Kanneen ziimii nagayee ittiin kaffalan qabatanii kan hin sochoone yokiin gatan jireenya isaanii balaa guddaaf saaxilu.
Dirqama zimmii
℘ Daangaa islaamummaa jala jiru keessatti musliimni gara kiristaanummaa yokiin yihuudiitti jijjiirame in ajjeefama. Namoonni amantaa isaanii qabatanii akka turan heeyyamameera garuu gara Islaamummaa kan hafe gara amantaa biraatti jijjiiruun dhorkaadha.
℘ Musliima tokko amantaa isaa akka jijjiiru taasisuuf yaaluun du’aan adabsiisuu kan dandeessisuufi gocha dhorkamedha.
℘ Ziimiin tokko Islaamummaa akka hin fudhanne gufuu ta’uun dhorkaadha.
℘ Musliimni dhiiraa tokko durba kiristiyaanaa yokiin yihuudii fuudhuu danda’a garuu ijoolleen isaanii akka seera Shari’aatti musliimotadha. Maatiin sun maatii musliimaadha. Ziimiin durba musliimaa waliin hariiroo kamiyyuu qabaachuu hin danda’u. Gocha kana raawwachuun adabbi hanga du’aatti geessisu namatti fida.
℘ Namni gara Islaamummaatti jijjiiramu kamiyyuu maatii isaa keessatti mirga dhaala addaa in qabaata. Hiriyaan gaa’ilaa inni sallamu yokiin isheen sallamtu yeroo wal hiikanitti ijoollee guddisuuf mirga addaa in argatti yokiin argata.
℘ Weerara booda Waldootii kiristiyaanaa ijaaruun kan dhorkameedha. Kan dulloomanis haaressuun kan dhorkameedha.
℘ Kitaaba qulqulluu isaanii baay’isanii rabsuun kan dhorkameedha.
℘ Manneen ziimii manneen musliimotarra kan xiqqaatan ta’uu qabu. Yommuu galaniifi ba’an akka gadi jedhaniif balballi mana isaanii dhiphaafi gababaa ta’uu qaba. Ispeen ishee durii keessatti kan argaman Yihuudonni keessa jiraachaa kan turan manneen gaggabaabaan hanga ammaatti in argamu.
℘ Kanneen ziimii haala adda ta’een uffachuufi huccuu kan musliimotaan hin caalle itti fayyadamuu qabu.[6]
℘ Maqaa islaamummaatti fayyadamuun dhorkaadha. Kunis salphaatti saaxilamtoota akka ta’aniif kan yaadameedha.
℘ Ziimiin bakka taa’uufi karaa imalurratti nama musliimaaf dirqama gadhiisuuqaba.
℘ Ziimiin dhaabbii nama kabaja laatu fakkaatu qabaachuu qaba.
℘ Ziimiin nama musliimaa irratti harka isaa kaasuu (rukutuun) du’aan yokiin qaama kutuun kan adabsiisu kana malees gocha cimsamee dhorkamuudha. Musliima tokko sababa maaliiniyyuu rukutuun dhorkaadha.
℘ Musliimota arrabsuun kan dhorkameefi du’aan kan adabsiisuudha.
℘ Ziimiin meeshaa qabaachuu yokiin qabachuu hin danda’u. Kiristaanotiifi Yihuudonni mataa isaanii kan ittiin of irraa ittisan karaan kamiyyuu jiraachuu hin qabu jechuudha. (Har’a garuu biyyoota musliimaa tokko tokko kan jiraatan kiristaanotiin meeshaa qabachuun waan isaaniif hin heeyyamamneef eegduun Waldaa kiristiyaanaa musliimotadha).
℘ Dhiigni nama musliimaa dhiiga nama ziimii waliin wal-qixa miti.[7] Fakkeenyaaf nama musliimaa tokko ajjeesuun du’aan kan adabsiisu yoo ta’eyyuu, seerri Shari’aa akka dubbatutti nama musliima hin taaneen sababa ajjeesuu isaatiin musliimni kamiyyuu du’aan adabamuu hin qabu.
℘ Ziimiin ziimii biraa ega ajjeesee booda yoo sallame adabbii jalaa ba’uu danda’a. Namni gara islaamummaatti jijjiiramu kamiyyuu adabbii du’aa isa eeggatu jalaa ba’a.
℘ Kristaanotiifi Yihuudonni taayitaa kan uummataa qabaachuu hin danda’an, yokiin taayitaan Musliimotaan caalanii akka argaman isaaniif hin heeyyamamu.
℘ Musliima garba ta’e qabaachuu hin danda’an yokiin musliima irraa garba bitachuu hin danda’an.
℘ Mana murtii shari’aa islaamummaatti ziimiin musliima irratti ragaan inni laatu fudhatama hin qabaatu.
℘ Musliimni tokko himannaa adabbii cimaa fiduun kiristiyaana tokko yoo himate ragaan kiristiyaana kanaa mataa isaa oolfachuuf ga’aa kan ta’eefi fudhatama kan qabu miti.
℘ Musliimni dhiiraa tokko durba kiristiyaana tokko yoo gudeede dubbiin ishee fudhatama hin qabu.
℘ Kanneen ziimii loltoota musliimaa leenjisuufi nyaachisuuf dirqamni isaan irra jira. Akka walii galtee kanatti jihaadiin deeggaruu qabu.
℘ Kanneen ziimii diinota musliimaa waliin firoomuu, isaan gargaaruus yoo ta’e isaan irraa gargaarsa fudhachuun kan dhorkameedha.
℘ Kanneen ziimii naannaa to’annaa islaamummaa jala jiru gadi dhiisanii deemuun kan dhorkameedha.
℘ Kanneen ziimii amantaa isaanii wal-tajjii irratti karaa kamiyyuu akka calaqqisiisan hin heeyyamamu. Fannoo argisiisuu hin danda’an. Akkaataa amantaa isaaniin sirna awwaalchaa raawwachuu hin danda’an. Bilbila waamichaa kan mana qulqullummaa qabaachuu hin danda’an. Sagalee isaanii ol kaasanii faarsuus yoo ta’e barsiisuu hin danda’an.[8]
℘ Kanneen ziimii ijoollee isaanii waa’ee islaamummaa barsiisuurraa dhorkamaniiru. Seera isaa jalatti cunqurfamanii rakkachuu malee seera maalummaa isaa beekuun dhorkaadha.
℘ Islaamummaa, Muhammadiifi seera ziimaa ceepha’uun cimsamee kan dhorkameedha.
℘ Kanneen ziimii farda irra akka hin teenye dhorkamaniiru, sababiin isaas sadarkaadhaan Musliimotaan ol isaan taasisa.
℘ Harree irra akka taa’an kan isaaniif heeyyamame yommu ta’u miilla isaanii adda baasanii irra taa’uun hin danda’amu. Miilla isaanii lamaan gara kallattii tokkootti naannessuun karaa cinaan taa’uun isaanirra jiraata.
℘ Kanneen ziimii bakka hedduutti kanneen kaan irraa adda akka ba’aniif huccuu isaanii irratti mallattoo qalama addaa akka qabaataniif isaan irraa eegama ture.
℘ Bakka hedduutti kophee gosa tokko akka godhatan isaaniif hin heeyyamamu ture.
℘ Bakka dhiqannaa hawaasummaatti musliima irraa adda ba’anii akka beekamaniif hidhaa mormaa yokiin bilbila mormaa akka godhatan dirqisiifamu ture.
℘ Bakka garaa garaatti hawaasa ziimii kan salphisan gochi garaa garaa faayidaarra oolfamu ture. Fakkeenyaf Yihudonni biyya Morookoo lafa balfaan itti gatamu akka qulqulleessan, bineensota du’an akka kaasaniifi mataa yakkamtootaa kanneen murtoo du’aa itti murteeffame irra dhaabachuun soogidda akka itti firfirsan dirqisiifamu ture.
℘ Namoonni musliima hin taane xuraa’ota ta’uu isaanii kan dubbatu jecha Qur’aanaa (9:28) irraa kaa’uun kutaa jaarraa 19ffaatti Yihuudonni Hamadaan (biyya Iraan) jiraachaa turan guuyyaa cabbiifi roobaatti manaa akka hin baane dhorkamu ture. Kunis sababni godhameef jiidhinsi qaama isaanii tuqe booda irratti miilla musliimotaa tuquun akka isaan hin xureessine kan jedhuun ture.
Seera mirga dhala namaa hin taane kanaan haawasa ziimii keessaa namni tokko waadaa seene diiguun seera tokko irra darbee yoo argame illee guutummaa hawaasa ziimii adabuufi ajjeesuuf musliimonni mirga qabu. Akka dubbii islaamummaatti dhiigni isaanii halaal (kan heeyyamame) ta’a jechuudha. Gibirri kun baay’ee rakkisaa ta’uu irraa kan ka’e sammuu isaanii kan dhaban, bakka buutee isaanii otuu hin beekiin badanii jooruun kan du’an kiristaanonniifi yihuudonni hedduun jiraachuu isaanii seenaan in gabaasa.[9]
Kutaa baroota jaarraa 18ffaatti hataachii lammii Morookoo kan ture Iibin Ajiibaah Suuraa 9:29 irratti yaada yommuu laatu akkana jedhe:
“Ziimichi lubbuu isaa, hawwiifi carraa gaarii isaa hunda fedha mataa isaatiin akka mo’atu in abboomama. Hundumaan olitti jireenya, aboofi ulfinaaf jaalala qabu ajjeefachuu qaba. Ziimichi fedha lubbuu isaa jijjiiruu qaba. Guutummaan hanga of bitutti lubbuun isaa baachuu kan isheen hin dandeenyeen olitti rakkisuu qaba. Kana booda wanni inni baachuu hin dandeenye hin jiru. Ceephoofi haleellaa humnaaf dhimma kan hin qabne ta’a. Hiyyumniifi qabeenyi tokkuma isaaf ta’u. Kabajniifi tuffiin tokkuma isaaf ta’u. Kennuufi dhorkuun tokkuma isaaf ta’u. Argachuufi dhabuun tokkuma isaaf ta’u. Kanaafuu wanni hundi yommuu tokkuma jalaa ta’u sirriitti bitamee wanna isarraa barbaadamu dhiyeessuu danda’a.” [10]
Iibin Kasiir kitaaba isaa keessatti akkana jechuun barreesseera:
“Allaan Qur’aana keessatti ‹hanga isaan salpatoo ta’anii gibira harkatti kenanitti loolaanii› jedheera. Musliimonni uummata ziimaa kabajuu yokiin musliimotaan olitti isaan ilaaluun hin heeyyamamuuf. Sababiin isaa isaan carra dhabeessa, sodaattotaa fi kanneen salphataniidha. Gabaasaan musliima jedhamu Abu hureeyiraa irraa dhaga’uun akkuma dabarse nabiyyin akkana jedhaniiru: ‹Yihuudota yokiin kiristaanota nagaa hin gaafatiinaa, isaaniin karaa irratti yoo argitan gara karaa isa dhiphaatti isaan dhiibaa›. Kanaafidha hogganaa kan amanamtootaa inni ture Umar Al-kataab (Allaan isa haa jaallatuutii) haal-duree kan hundi keenya beeknu kiristaanotiiin akka fudhatan kan abboome. Haal-dureen kunis salphina isaaniifi qaaniin isaanii itti fufiinsa qabaachuun isaa akka mirkanaa’u taasisuuf kan yaadameedha.[11]
Seerri rakkisaa ta’e kun bara Awurooppanootiin bittaa garbummaan biyyoota musliimaa hanga qabataniin itti fufee ture. Har’as yoo ta’e biyyoota musliimaa hedduu keessatti bifa muraasan hojiirra oolfamaa jira. Sooriyaa, Gibxii, Iraaniifi Iraaq kan fakkaatan biyyoota arabaa keessa jiraataa kan jiran kiristaanotiifi yihudonni seera mirga namaa dhiiban kana dandamatanii kan darbaniidha.
[1] Mark Dure. The Third Choce; Islam, Dhimmitude and Freedom; 2010, pp. 122-123
[2] Ibid., pp. 122-125
[3] Sahih al-Bukhari. The Book of al-Jiziya the Stoppage of war. Vol.4, Book 58, No. 3166
[4] Bat Ye’or. Islam and Dhimmitude; Where Civilization Collide;2002,p.69
[5] Ibid., p. 71
[6] Qaadii Ahimad Biin Xaaliib (bara salgaffaatti) Andaluushiyaa (Ispeen)tti Yihuudoonni gatiittii isaaniirratti mallattoo jaldeessaa kan qabuufi kiristaanotiin ammoo mallattoo booyyee kan qabu uffata adii akka uffatan, akkasumas balbala isaaniirratti mallattoo jaldeessaa kan qabu gabatee akka maxxanfatan abboomiin dirqisiisu ba’ee akka ture barreesseera. Bat Ye’or. The decline of Eastern Christianity Under Islam: from jihad to Dhimmitude; p. 340
[7] Saawudii Arabiyaan gatii dhiigaa kan sanyii gosa nama hedduu argisiisu barreeffama qabdi. Musliimni inni dhiiraa gatii hundarra caalu qaba. Kanarraa itti fufuunis durba musliimaa, dhiira kiristiyaanaa, durba kirsitaanaa, dhiira yihuudii, durba yihuudii, dhiira Hinduu, durba Hinduu jechuudhaan sadarkaan ramaddii isaa itti fufaa. http://en.wikipedia.net/wiki/Diyya
[8] Kanaafi jaarraan 19ffaatti kan kaafaman suuraalee Yerusaalemii yommuu ilaallu Waldaa kirsitaanaa kamiyyuurratti mallattoo fannoo ilaaluun kan hin danda’amne.
[9] Ragaaleen kun kan fudhatama:- Mark Durie. The Third Choice; Islam, Dhimmitude and Freedom; pp. 131-153 akkasumas Bat Ye’or. Islam and Dhimmitude: Where Civilization Collide; 2002, pp. 50-110 irratti dha. Dabalatas Baat Uuriin kan hundeeffame www. Dhimmitude.net ilaaluun odeeffannoo argachuun ni danda’ama
[10] Durie, The Third Choic;p. 140-141
[11] Tafsir Ibn Kathir, vol 4:406-7; Quoted in:- Durie. The Third Choic; p. 142