Wahaabiizimii Itiyoophiyaa keessatti
A.D.W.U.I cunqursaa kan ta’e mootummaa Dargii balleessuun biyyatti ega to’atee booda amantaa hundumaaf walqixxumaa labsuun hojiirra oolchuuf yaalii guddaa taasisuun isaa dhugaadha. Sababa kanaanis biyyatti keessatti qilleensi bilisummaafi nageenyaa qilleensa’eera. Garuu bilisummaa kana seer-malee kan fayyadamaniifi summii badiisa isaanii uummata gidduutti facaasuuf kan yaalan, kanarraa ka’uunis gareen badiisa hedduu geessisan jiraachuu isaanii hin hafne. Gama kanaan keessumaa falaasama waabiizimii (salafii) kan hordofan in ibsamu. Biyyattii keessatti har’a baay’inaan babal’atee uummata gidduu kan jiru aadaa wal danda’uufi waliin jiraachuu diigaa kan jiru wahaabiizimiin, bilisummaa kanatti fayyadamuun kan babal’ateedha malee miilla isaa biyyattii keessa ega galfatee waggaa kudhan darbeera.
Bara mooticha Haayila Sillaasee
Dursinee akkuma ibsine musliimonni imala haajii akka godhaniif faashistiin Xaaliyaanii in jajjabeessa ture. Qarshiin deeggaruun ergaa ture. Kanneen Itoophiyaa bara 1993 deemsa haajiif gara Makkaa imalan lakkoofsi isaanii 11 qofa yommuu ta’u bara 1934-1935 kan imalan 29, bara 1935-1936 ammoo namoota 7 qofa turan. Garuu bara 1937 tti lakkoofsi kun gara 1,700 itti guddateera. Hundi isaanii ammoo deeggarsa Xaaliyaaniin kan imalan turan.[1] Saa’udii Arabiyaan kanneen Itoophiyaa haajiif imalan falaasama wahaabiizimiin guutuun gara biyya keessaa galchuun hojii falaasama babal’isuu ishee kan jalqabde Xaaliyaaniin otuu Itoophiyaa hin weerariin dura ture. Keessumaa ammoo Sheekii Abdal Rahiimaaniifi haajii Ibraahim Hasan jedhaman namoonni lama isa kanaaf adda durummaan ibsamu. Lamaan isaanii gara Saa’udii Arabiyaa kan imalan naannaa jalqabaa bara 1930 ture. Sheekii Yusuuf bara 1939 gara Itoophiyaa deebi’uun barsiisa wahaabiizimii isaanii magaala Hararitti barsiisuu kan jalqaban yommuu ta’u, bilisummaa isa duraa kan magaala Hararii deebisuuf beekota musliima magaalattii qindeessuun mallattoo sassaabuun yeroo sanatti gorsaa Biriitaaniyaa naannaa sana ture Koloneelii Daallaasiif gaaffii dhiyeessanii ture. Garuu koloneeliin gaaffi isaanii fudhatama dhabsiisaniiru. Kana booda ture Sheek Yusuuf qabsoo yeroof dheeraaf ta’u yaadannoo kaa’uuf kan murteessan. Kana booda Waldaa Islaamummaa biyyaalessaa (Al-Jamaa’iyaa Al-Waaniyaa Al-Islaamiyaa) yokiin Waldaa Al-Wataaniyaa jedhamu hundeessuun socho’uu kan jalqaban. Miseensonni waldaa kanaa hundi harariin “bittaa Itoophiya” jalaa bilisa baasuun akka fakkeenyummaa Ahimad Giraanyi kaayee darbetti mootummaa Islaamummaa deebisanii hundeessuuf waadaa seenan. Uummata Hararii sirriitti otuu hin barsiisiin mootummaa irratti qabsaa’uun akka hin danda’amne waan hubataniif Waldaan Waataanii Islaamummaa mana barumsaa durfamee ijaarameen fayyadamuun barsiisa islaamummaa barsiisuurratti akka xiyyeeffatu murteeffame. Manni barumsaa kunis bifa ammayyumma qabaatee afaan Arabaafi karaa Hajii Ibraahim Hasaniin ammoo barumsi wahaabiizimii akka laatamu jedhame. Haajii Ibraahiim falaasama kana cimina guddaadhaan yeruma galgalaa mana isaaniitti barsiisuu itti fufan. Seenaa Giraanyiifi tooftaan waraanaa akka gosa barumsa tokkotti laatama ture. Waldaan Waataanii Islaamummaa ayyaana qopheesse irratti faarfaannaafi walaloo wa’ee Giraanyi dubbatan qopheeffamanii faarfattootaan faarfatamu turan. Sheekii Abdal-Rahimaan ammoo kuusa kitaabaa Finfinne keessatti qabaachaa turaniin kitaaboota wahaabiyaa Arabiffaan qopheeffaman fichisiisuun hiru turan. Booda irratti ministeera barumsaa ta’anii kan muudaman Kabbaadaa Mikaa’eel yeroo mana barumsaa sana daawwatanitti faarsaa Giraanyiif faarfataman hiika isaa ega dhaga’anii booda akka hin faarfatamneef kan dhorkan yommuu ta’u, amaariffi afaan ittiin baratamu akka ta’u abboommii laatanii turan. [2]
Sheekii Abaddaallaan Hararii gara Finfinnee dhufuun turtii isaanii naannaa Markaatoo taasifachuun hawaasa musliimaa barsiisuun beekamaa ta’anii turan. Boodarratti gara Libaanoos imaluun barumsa isaanii giddu gala bahaatti babal’isuun addunyaarratti diina wahaabiizimii isa jalqabaa kan ta’e Waldaa Islaamummaa adil-addunyaaf hogganaa ta’niiru. [3] Araboonni barsiisa nama lammii Itoophiyaa kanaa “ahibash” jechuudhaan isa waamu. Sababni isaa ammoo Hajii Abdallaan biyya habashaarraa kan dhufan ta’uu isaaniidha. Barumsi isaa garuu Itoophiyaa keessa barootaaf jiraachaa kan tureefi hawaasni musliimaa Itoophiyaa hedduun kan hordofu suufii Islaamummaa malee kan biraa miti. Hayyoonni nama lammi Itoophiyaa kanarraa barataniifi barsiisa isaa fudhatan leenjiiwwan kennuuf yeroo Libaanosii dhufan “amantaa haaraa mootummaa ahibash jedhamu nutti fidan” jechuudhaan wahaabistoonni hokkara uumuu jalqaban. Isaan abbaa biyyaa ta’anii beektota suufii biyyaatti ari’achuufi ajjeessuutti fufan.Garuu mootummaa mannaa wahaabiziimiif diina jalqabaa kan turan Sheekii Abdallaa Iibin Muhammad Yusuuf (Abdallaa Al-Hararii) kan jedhaman hayyuu islaamaa turan. Namni kun musliimni biyya keenya hedduun kan hordofu guutummaatti nageenyaa jedhamuu kan danda’amu hordoftuu Suufii islaamummaa yommuu ta’an, barsiisa diina nageenya isaa dabalatee amma ifatti kan nuti hin ilaalle barumsa Wahaabiizimii mormu turan.
Sheekii Abdallaan yeroo tokko mana barumsaa wahaabotaa kan Hararii keessa ture irratti mormii sababa kaasaniin hidhaaf godhamanii turan. Finfinnee wayita turan Haajii Ibraahiim gaazexaa afaan arabaaf barruu barreessaniin Itoophiyaa ishee kiristiyaanaafi mooticha himachuu isaanii mootummaaf odeeffannoo akka laatan dubbatama. Sababa kanaan Haajii Ibraahimiifi barsiisonni wahaabiyaa mana barumsichaa hidhamanii murtoof kan dhiyeeffaman yommuu ta’u Haajii Ibraahiim magaala Hararii gara kutaa biyya Itoophiyaa imalanii akka jiraatan isaanitti murteeffameera. Namni kun amma jireenyaan hin jiran. Sheek Abdallaan booda irratti muftii magaala Hararii ta’uun sababa muudamuu isaaniin wahaabonni sagalee isaanii dhabamsiisanii jiraachuuf haalatti dirqaman ture. Wahaabonni Hararii bara 1948 “garee dargaggoota Somaalee” jedhamee heeyyama mootummaan garee hundeeffame keessatti harka isaanii keessa galchani kan turan yommuu ta’u “amalli” Ahimad Giraany deebi’ee dhufuun biyyatti to’atee ture. Garuu dhimmii kun ifa ta’uu isaatiin ji’a Amajjii bara 1948 miseensonni garee kanaa dhibba lama ta’an to’annaa jala galani. Kana booda dargaggoonni dhiifama gaafachuun kan hiikaman yommuu ta’u sochii wahaabotaa kan hogganan 81 ta’an miseensonni Waldaa Wahaataanii magaalattii gadi dhiisuun akka bittinnaa’an godhameera. Baruma kanatti Itoophiyaan daangaa ishee kan Ogaadenii sababa argachuu isheetiin to’annaa guutuu Harar irratti qabdu ifa waan ta’eef bara 1936 dadammaqina siyaasa islaamummaa wahaabiizimiin hogganamu Harar irratti jalqabame fashalaa’uu danda’eera.[4]
Bara Dargii
Mootummaan dargii waa’ee guutummaa amantaa ilaalchisee seera hordofaa tureen kan ka’e sochiin wahaabiziimii hanga kana ifa ta’ee kan mul’atu hin turre. Garuu hojiiwwan keessa keessaan hojjataman akka turan dhugaadha. Bara 1958 kooluu galtuu biyya Yemen irraa dhufeen kan hundeeffame manni barumsaa Al-Awaliyaa bara Dargii to’annaa mootummaa cimaa ta’e jala ture.[5] Dargiin naannaa kufuuf jedhetti bifa ariitiin jijjiirama seeraa sababa taasisuu isaatiin sochii kanneen Saa’udiif karaa baneera ture. Akkaataa kanan Waldaan musliimota addunyaa koomishiinii ijaarsaafi qindeessaa deeggarsaa (እማማኮ) waliin ta’uun manneen barnootaa, bakka awwaalchaafi kilinika ijaaruuf walii galtee godhe. Mootummaaniifi waldaan kun hariiroo isaan qaban jabaachuu isaa gochawwan argisiisan keessaa tokko waldaan kun leenjii barsiisa afaan arabaafi amantaa akka laatu heeyyamuu isaa ture. Bara 1991 daawwannaaf gara Itoophiyaa kan dhufe jilli garee waldaa kanaa Walloo, Harar, Finfineefi Bishooftuutti hojii manneen barnootaa ijaaruurra akka jiru ta’uu ibsuu isaa sochii Itoophiyaa sallamsiisuu bifa haaraan jalqabamuu isaa kan argisiisu ture. [6]
Bara A.D.W.U.I
Bara 1991 asitti jijjiirama mootumma taasifameen itti fufee bilisummaa amantaa magaala keenya keessatti argame dawoo godhachuun ilaalcha diinummaa kan qabaatan gareen tokko tokkoofi namoonni dhuunfaa badii hedduu raawwataniiru. Keessumaa hordoftoonni wahaabizimii karaa bilisummaan kun isaaniif laateen fayyadamuun barsiisa eenyutu nama morma kan jedhu barsiisuun amalli oftuulummaa isaanii daangaarra darbee sagaleefi barreeffamoota ittin dabarfatan akkasumas mallattoo ergaa qabaataniin amantaa kaan dubbiin waraanuun biyyatti hokkaraa turaniiru. Taayitaa mootummaa isaaniif laatameen amantaa isaanii ittiin balbal’ifachuuf fayyadamanii badii hedduu kan raawwatan abbootiin taayitaa turaniiru. Yeroo tokko biyya hambaatii baay’inaan seenuun biyyattii kan dhuunfatan fiilmiin jihaadiifi leellisummaa lallaban hojiiwwan maxxansaa bu’aan isaan fidan ifatti mul’ateera. Keessumaa Saa’udii Arabiyaatii kan dhufu gatii doolara boba’aan kan ijaaraman giddu gala islaamaafi Maskiidi akka tajjaba galaanaa biyyatti liqimsaniiru. Maqaa tola ooltummaan gara biyya keessaa kan seenan dhaabbanni islaamummaa hedduun iccitiin jihaadistoota leenjisuufi deeggarsa qarshii taasisuun biyyattii gara balaa hin eegamnetti fidaniiru. Haalli kun humnaa ol ta’uun akka jalqaba isaatti otuu itti fufeera ta’ee balaa dhufuu danda’u yaaduun baay’ee sukkaanneessaadha. Gama balaa kana hambisuutiin mootummaatiin godhamuu qaba kan jedhamu tarkaanfiin fudhatameera. Keessumaa giddu gala Ribii wahaabiizimii isa jalqabaa kan ta’e manni barumsaa islaamummaa Al-Awaliyaa harka wahaabistootaa akka bahuu godhamuun isaa tarkaanfii murteessaafi sirrii ture. Sadarkaa tokkoffaarraa jalqabee Itoophiyaa qofa keessatti otuu hin taane baha Afrikaa dabalatee mana barumsaa islaamummaa adda duree ta’uuf kan male giddu galli leellistootaa kun dhiibbaa biyyatti irratti fide salphaatti kan ilaalamu miti. Tarkaanfiin fudhatame ega yeroon darbee booda yoo ta’eyyuu garuu ega hundi raawwatamee booda ta’uu dhiisuun isaa abdii kan laatuudha. Garuu mootummaan ergamtoota badii geessisan waliin qabsoo taasisaa ture deeggaruu mannaa beekuu dhiisuunis ta’e faayidaa siyaasaa kan yeroof jedhamee ergamtootaa badii geesisaniif ragaaf dhaabachaa kan turan namoonni jiraachuu isaanii baay’ee kan nama gaddisiisuudha.
[1] Ibid., p.73
[2] Ibid., 80-83
[3] Ibid., 84
[4] Ibid., 85-92
[5] Ibid., 189-190
[6] ኤፍሬም እሸቴ፡፡ አክራ እስልምና በኢትዮጵያ፤2002፤ ገጽ 142-143