Giddu-gala Kiristiyaanaa kan Durii Irratti Weeyrara Musliimonni Gaggeessan

Giddu-gala Kiristiyaanaa kan Durii Irratti Weeyrara Musliimonni Gaggeessan


Bara Muhammad hawaasni kiristiyaana biyya arabaa turan lakkoofsi isaanii xiqqaa waan tureef, akka Yihudotaa hawaasa musliimaa isa haaraaf “sodaa’ uumuu kan danda’an hin turre. Garuu Muhammad naannaan isaanii haawasa kiristiyaanaan akka marfame beeku turan. Biyyootiin kun akka sallamaniif xalayaa gara hoggantoota isaaniitti barreessu turan. Hoggantoota kiristiyaanaa xalaayaa Muhammad fudhatan keessaa mootiin Aksuum in argama. Seenaan musliimotaan barreeffaman akka dubbataniitti “Al-Najaashii’ kan jedhamu mootiin Aaksuum akka musliimaatti kan lakkaayamu yommuu ta’u, isaatiin itti fufee mootiin mo’e akkuma kanaa gara islaamummaa akka dhufuuf affeerraa kan godhu jecha sodaachisummaan kan golaabame xalayaan Muhammad biraa isa ga’eera. [1]

Du’a Muhammad booda yeruma sana ture loltootni jihaad naannaa kiristiyaanaa weeraruu kan jalqaban. Bara sana giddu-gala kiristiyaanaa gurguddaa kan jedhaman yeroo gabaabaa keessatti to’achuun billaadhaan sallamsiisaniiru. Damaasqoon bara 635 harka loltoota jihaad irratti yommuu kuftu, Antsookiyaan bara 639 tti qabamte. Yerusaalem qabamtee waggaa lammaffaa keessatti ammoo Qisaariyaan yeroo dheeraaf ega marfamtee booda Mu’aawiyaafi obboleessa isaatiin kan hogganamu waraana jihaadiif harka kennite. Kiristaanotiin Sooriyaa turan bara 640 tti lafti isaanii musliimota arabaan jalaa fudhatameera. Faarisiifi Gibxiin bara 641tti loltoota jihaadiif harka kennaniiru. Bara 649-668 Qophroos, Roodees, Qarxeesii fi k.k.f bakka jireenyaa argama kiristiyaanaa kan turan waraana islaamaan qabamaniiru. Muhammad ega du’anii waggaa sagal keessatti bara sana kan beekaman giddu-galli kiristiyaanaa jihaadiif saaxilamaniiru. Jihaadistoonni musliimaa giddu-gala bahaafi Kaaba afrikaa kan turan biyyoota kiristiyaana ega to’atanii booda kallattiidhaan gara biyya Qusxinxiniyaa ture kan imalan. Bara 668[2] tti waraanni jihaad Sooriyaatii imale magalattii waggoota ja’aaf kan marse yommuu ta’u otuu isaaf hin milkaa’in hafeera. Sababiin isaa ammoo Baazaantaayinootiin dhugaatiif itti fayyadamaa kan turan dhangala’aa ho’ifamaa akka ture ni dubbatama. [3] Bara 1453 tti harka warra Ottooman Turkii irratti kan kufte yommuu ta’u, maqaan ishee jijjiramee Istaanbul jedhameera. Waldaan kiristiyaanaa Soofiyaa inni miidhagaa ta’e maskiida kan godhame yommuu ta’u jalqaba kutaa jaarraa digdamaffaa irratti gara muuziyeemiitti jijjiirameera. Yeroo weerartootaa kanatti ajjeechaa godhame dubbatanii xummuruun hin yaadamu. Bara nabiiyii Muhammad jalqabee hanga kutaa baraa jaarraa digdamii tokkoffaatti baay’inni uummata jihaadiin ajjeefamanii miiliyoona 270 akka ta’e tilmaamaa.[4]

Jihaadistootaa Turkiin gara maskiidaatti jijjiramee kan argamu waldaa kiristiyaanaa soofiyaa ti. Waldootiin kiristaa hedduun haala kanaan gara Maskiidummaatti jijjiiramaniiru.

Waraana fannoo (Kiruusediiwwan)   

Lola fannoo ka’umsa isaa kan sirriifi yaada isaa beekuuf waraana dura seenaa rawwataman gara boodaatti deebi’anii ilaaluun barbaachisaadha.

Jihaadistoonni biyyoota kiristiyaana bahaatti argaman ega weeraranii booda guutummaa Awurooppaa sallamsiisuun kiristaanummaa lafarra balleessuuf kallattiidhaan gara dhihaatti ture kan isaan imalan. Ka’umsa kanaanis bara 711, jihaadistiin Xaariq Iibin Ziyaad Rodeerik kan jedhamu yeroo sanatti hogganaa Ispeenii kan ta’e loltoota 25,000 of duuba buusuun isaa waliin kan wal arge yoo ta’eyyuu, hogganaan kun mootii Wiitizaa jedhamu irratti mootummaa fonqolchuu raawwachuun gara taayitaa kan dhufe waan tureef uummata biratti kan jaallatamu hin turre. Kana irraa ka’uunis fedhiin waraanuu kan loltootaa hanga kana hin turre. Obboleesa Wiitiiziimaa kan turan phaaphaasii Opaas sababa jihaad waliin ta’aniifi sababni biraas itti dabalamee waraanni jihaad in injifate. Bakka kiristiyaana kan taate Ispeen bittaa islaamummaa jalatti kufte.[5]jedhamu loltoota 7000 waliin ta’uun Kaaba afrikaa gara Ispeenitti imale. Yeroo muraasa booda lakkoofsi kun gara 12,000 guddachuun jabaateera.

Islaamummaan kutaa baroota Ispeeniin bite sanatti badii hedduun kiristaanota irratti raawwatamaniiru. Keessumaa Al-Hakiim kan jedhamu mootiin Umayaad Emiir bara (796-822) baay’ee nama hamaa ture. Bakka Tooleedoo jedhamutti gara islaamummaatti jijjiramanii kan turan kiristaanotiyyuu ajjeefamuu irraa hafuu hin dandeenye ture. Guyyaa tokkotti namoonni gara 5,000nii ta’an mormi isaanii qalamuun gabaafameera. Kunis seenaa Ispeenitti ‘guyyaa boollaa” jedhamee beekama. Koordoobaatti jihaadistoonni musliimaa sababa gatii nyaataa ol kaasuu isaaniin hoggantoonni hiriira nagaa waaman akka fannifaman godhameera. Ganamaan fannoo kana mormuuf kan ba’an namoonni300 fannifamaniiru. Bara sana karaa irratti reeffa tortoran fannoo irratti ilaaluun kan amaleeffame ture. Bara godaansa Roomaanotaa jalqabee seenaa waldootii kiristiyaanaa Awurooppaatti kan wareegamtoonni itti baay’atan kan akka bara sanaa hin turre. Filooraafi Maariyaam kan jedhaman dubartoonni lama seenaan yaadatamaa kan turan wareegamtoota Ispeenii keessaa in ibsamu. Luboonni Parfeektoosiifi Iloogiyoos akkasumas wareegamtoonni Kordoobaa kudha tokko hedduu isaanii keessaa muraasa isaaniidha.[6]

Parfektos wareegamtichi waa’ee maalummaa Yesuusiifi Muhammad yeroo gaafatame Yesuus ilma Waaqayyoofi fayyisaa keenya ta’uu isaa garuu Muhammad nabiyyii isa dhugaa ta’uu dhiisuu isaa sababa dubbachuu isaatiin ebla 18/850 bifa kanaan ajjeefame.

Waraanni jihaad gara Ixaaliyaa imaluun bara 827-902 haleellaa addaan hin cinne Siisii irratti raawwateera. Baroota sanatti jihaadistoonni dhageettif sukkanneessaa kan ta’an badii hedduu kiristaanota irratti raawwataniiru. Waldootii kiristiyaanaafi gadaamota xureessu ture. Uummata kiristiyaanaa ajjeessuu, salphisuufi qabeenya isaa saamu ture. Barreessaan seenaa Ediwaard Giboon jedhamu akka gabaasetti yeroo Seeleernoon marfametti hogganaan jihaad bakka taa’umsa hirbaata qulqulluu kan ta’e aarsaa mana qulqullummaa keessatti argamu irratti huccuu marata isaa diriirsuun moloksummaa isaaniin jiraachaa kan turan gadaamii keessatti durbummaan isaanii kan jalaa hin fudhatamne tokko tokkon baasuun durbummaa isaanii fudhata ture. Yeroo kanatti fiixeen mana qulqullummaa battalatti jiguun mataa isaa irratti kufuun jihaadistii ejjituu kana ajjeeseera.[7]

Jihaadistoonni giddu-gala kiristanaa kan turan Roomaafi Qusxinxiniyaa to’achuuf gara fuula duraatti imalaniiru. Bara 846 magaala Roomaa seenuun Waldaa kiristiyaanaa Phexros qulqullicha saamaniiru. Phaaphaasichi waggaatti qarshii saantima 25,000 kaffaluuf waadaa waan seenaniif weerartoonni irraa deebi’aniiru. Phaaphaasichi Liyoon arfaffaan Waldaa kiristiyaanaa kan Pheexros miidhaa irraa ittisuuf “keenyaa Liyoon” jedhamee kan beekamu gamoo ijaarsisaniiru. Garuu loltuun jihaad kan mo’amu itti hin fakkaanne guutummaa awurooppaa to’achuuf yaalii inni godhe bakka Tursii jedhamutti daangeffameera. Araboonni xoofoo mo’atamuu isaanii harka warra Faransaayiin dhuganiiru. Awurooppaanis islaamummaaf harka kennuurraa oolteetti.[8]

Kiruusedoota yokiin waraana fannoo jedhamanii kan beekaman haala kanaan guutummaa hawaasa kiristiyaanaa balleessuuf kan ka’e jihaadiin to’achuuf bara 1095-1291 gidduutti kan godhaman turan. Waggoota 200n kana gidduutti walumaa galatti kiruusediin 10n godhamaniiru. Waraanota kan labsan phaaphaasii Faransaayii kan turan Arbaan isa lammaffaa ti. Kiristaanotni Awurooppaa kiruusedii isa jalqabaan hanga giddu-gala bahaatti imaluun Yerusaalemiin harka Islaamotaa keessaa kan baasan yommuu ta’u, Sooriyaafi Filisxeem daangaan hirachuun bulchuu jalqabanii turan. Garuu booda irratti injifatamanii gadi dhiisaanii keessaa bahaniiru. [9]

Waraanotiin kiruusedii Waldaan kiristiyaanaa Awurooppaa seenaa ishee keessatti dogoggora gurguddaa raawwatte keessaa adda durummaan yoo ibsamaniyyuu, ka’umsa waraanotaaf sababa kan ta’an humnootii weerartoota Islaamaa malee kiristaanota ta’uu dhiisuu isaanii jala sararamuu qaba.  Har’a Islaamummaan ukkaamsee kan isaan irra taa’e biyyootiin giddu gala bahaafi kaaba Afrikaa biyyota kiristiyaanaa kan turaniifi humnoota weerartoota islaamaan balleeffamuun seenaan kiristaanummaa isaanii akka badu kan godhamaniidha. Isa kanaaf ammoo hanga har’aatti kan mul’atan diigamsi Waldootii kiristiyaana duriifi hojii badii hedduurraa hojii dinqisiisaa Waaqayyon irraa hafanii kiristaanummaa isaanii eeguun kan argaman hambaaleen ragaadha. Musliimonni biyyoota kana kan sallamsiisan billaa isaaniin malee raawwatanii kitaaba isaaniin hin turre. Hanga Ispeenitti seenuun morma isaaniirra billaa kan kaaye weerara jihaad islaamummaa kana to’achuufi akkuma shororkeessitoota kanneen har’aa IS fi Alqaa’idaa gara-jabeessota kan turan harka jihaadistootatti kan kufan obboleeyyan isaanii kan giddu-gala bahaa Afrikaa sagalee waamicha nu gargaaraa jedhuuf deebii kennuuf filaannoon qabaachaa turan humnaan fayyadamuu akka ture waan isaanitti dhaga’ameef kiristaanotiin Awurooppaa duula waraanaa taasisuun furmaata itti laataniiru. Garuu kiristaanotiin mudannoo seenaa yeroo sana dogoggora uumame yommuu yaadatan hanga har’aatti itti gaabbu. Waldaan kirsitaanaa Awurooppaa irra deddeebitee dhiifama gaafateetti. Biyyootiin Musliimaa garuu yeroo tokkoyyuu gaaffi araaraaf bakka laatanii hin beekan. Gaaffiin araaraa kan kiristaanotaa kan madde billaan fayyadamuun barsiisa Yesus waliin kan faallessu ta’uu isaa amanuu isaanii malee, isaan kan raawwatan mataa ofii du’a irraa oolchuuf jedhamee qabsoo godhame, kutaa baroota jaarraa 7ffaa jalqabee badiifi yakka kirisitaanota irratti jihaadistootaan raawwatame waliin kan walbira qabamu ta’ee miti. Ta’us garuu billaa billaadhaan haaloo ba’uun barsiisaafi jireenya Yesuus waan hin taaneef Waldaan kiristiyaanaa isheen kan Kiristos luboonniifi sabni hordofu kufaatii akka kanaa keessa seenuun isaanii dogoggora ture.

Kiruusedoonni hanga har’aatti kanneen lixaafi biyyoota musliimaa gidduu hariiroo jiruuf fakkeenya ta’anii itti fufaniiru. Bara Kiruusediitti Musliimonni biyya isaaniitti nagaan jiraachaa akka turaniifi sababa malee weerarri kiristaanotaan akka isaan irratti raawwatame fakkeessuun yommuu dubbatan dhaga’uun kan beekamedha. Waldaa kirsitaanaa jechuunis kirsitaanotaafi mana walitti qabama isaanii irratti miidhaa isaan raawwataniif akka ragaatti fayyadamu.

 


[1] ሙሐመድ ጦይብ፡፡ ኢትዮጵያና ኢስላም፤ በኢድሪስ  ሙሐመድ የተተረጎመ፤ 1999፤ገጽ 102-1-3.

[2] Bara isa sirrii ilaalchisee barreessitoonni garaa garaa bara garaa garaa kaa’u

[3] Fregosi. Jihad; pp. 71-86

[4] http://www. Politicalislam.com/tears/pages/ tears-of-jihaad/

[5] Anwar Shaikh. Islam and Terrorism; 2004, pp. 167-173

[6] Fregosi. Hihad; pp. 1126-129

[7] Edward Gibboon. Decline and Fall of Roman Empire; Vol. 5, chap. 46, quoted in Paul Fregosi. Hihad in the West; 1998, p. 133

[8] Ibid. 116-121

[9] Campo. Encylopediaof Islam; p. 175

 

SHORORKEESSUMMAA