Yaadota Mormisiisoo Wangeela Labsuu Keessatti

Yaadota Mormisiisoo Wangeela Labsuu Keessatti

Misiyoononni Wangeela labsuuf gara Musliimotaa dhihaatan kan fayyadaman “sochii keessaa” (insider Movement) kan jedhamu karaan haarofti ni jira. Namoonni gara Kiristiyaanummaa dhufan haala baramaa ta’een amantaa Islaamaa fi akkataa jireenyaa Islaamummaa dhiisudhaan Yesus Kiristoos hordofuu jalqabu. Haata’u malee “insider Movement” Musliimonni Yesus Kiristoos akka Fayyisaa isaanitti fudhatan aadaa Islaamummaa isaanitiif barmaatilee Islaamummaatin keessa (Insider) jiraachuu akka danda’anii fi akkasumatti jiraachuu akka qaban  ni dubbata. Kanaafidha amantoonni kunneen “namootaa keessaa” (insiders) jedhamanii kan waamamaniif. Jireenyi Misiyoonota “keessaa” Musliimota waliin baay’ee wal fakkatadha.

Misiyoononni Tokko Sochii Keessaa (Insider Movement) Kan Fayyadamaniif Maalidhaafi?

Musliimonni Deebii Diddaa Akka Hin Deebisneef

Musliiminni baay’een Kiristiyaanummaan hammeenyan kan guutame akka ta’e yaadu. Musliimonni Kiristiyaanummaa fi kiristiyaanota irratti ilaalcha badaa isa qaban kana haquuf jecha namoonni “keessaa” kunneen ofii isaanii Kiristiyaana jedhanii hin waaman; yookin gara waldaa Kiristiyaanatti hinmakaman ofii isaanii “hordoftoota Issaa” jedhanii waamu.

Aadadhaaf Kabaja Kennuuf

Baroota darban keessa abboonni Wangeelaa fi Misiyoononni Kiristiyaanota ta’an tokko tokko naannolee itti hojjetanitti aadawwan jiraniif kabaja kennuuf yookin hubachuuf kan yaalan hinturre. Mufanna hin barbaachisne fiduu irraa kan hafe yeroo tokko tokko Kiristiyaanummaa waliin aadaa biyyota dhihaa dabarsuuf ni yaalu. Sochiin keessa kun (Insider Movement) immoo gara qarqara biraatti adeema. Aadaawwaan keennaalee Waaqayyo irraa kennaman akka ta’an ni amanu. Aada nama tokkoo keessatti kan argamu wanta tokko illee osoo hin fudhatin hafuun eenyumaayyuu akka hin mufachiifne of eeggannoo godhu. Ilaalchi kun aadaa Islaamaa irratti osoo hin hafin raawwatamuu akka qabu ni amanu.

Misiyoononni keessaa (Insider) akka Musliimotaatti jiraachuu bira darbee kadhannaalee Masgiida keessatti gaggeeffaman hunda irratti ni hirmaatu; akkasumas Qur’aana ni dubbifatu. Musliimonni akka Yesus beekan gochuuf karaan inni mijaawaa ta’e michooma jiruufi walfakkeenyaawwan Kiristiyaanummaa fi Islaamummaa gidduu jiru agarsiisuu akka ta’e yaadu. Sochiin keessa kun (Insider Movement) akka dubbatutti yoo ta’e, namni tokko Yesus Kiristoos akka fayyisaa dhuunfaa isaatti erga fudhatee booda gocha Islaamummaa kamiyyuu addaan kutuu hin qabu. Dabalataanis gara Masgiidaa deemudhaan kadhannaa Islaamummaa gaggeessuu akka qaban ni barsiisu. Garuu yemmuu kadhatan kadhannaan isaanii gara Issaa ta’uu qaba jedhu. Amantoonni haarofti Qur’aana dubbisuu itti fufanii Yesus akka keessatti argatan itti himama.

Amantoota Haara’a Balaa Irraa Eeguf

Amantoonni Islaamummaa irraa garaa Kiristiyaanummaa dhufan Islaamummaa akka ganannitti lakkaa’ama. Gantoota jedhamaniis waammamuu bira darbee adabbii fudhachuun isaanii kan hin hafnedha. Yeroo baay’ee hawaasa isaanitiin adda baafamuun kan irra ga’u yoo ta’u maatin isaanii irraa fudhatamuu, isaanis reebamuu yookin du’uuni danda’u. Sochiin keessa (Insider Movement) amantoonni haarofti haala kana fakkaatun akka hin gadadamne wanta danda’u hunda godha. Misiyoononni kunneen amantoonni haarofti amantii isaanii Yesus irratti qaban dhoksaadhan qabanii jireenya isaanii baramaa keessatti wanta godhan hunda aakka hin jijjirre ni gorsu. Kiristoos hordofuuf murteessun  isaanii yoo hin beekkamin balaan tokkollee irraa hin ga’u.

Musliimota Wangeelan Qaqqabuuf

Sochiin keessaa (Insider Movement) hawaasa fi Masgiidota isaanii keessa amaantoonni jiraatan Musliimota biroof Yesus beeksisuuf carraa fooyyee ta’e akka qaban ni dubbatu. Namoonni ala jiran Wangeelan qaqqabuuf kan yaalan irra namoonni keessa jiran yoo itti himan bu’a qabeessa ta’a.

Sochiin keessaa (Isider Movement) sirrii kan hin taaneef maalifi?

Aadan Islaamummaa fi Amantaan Islaamummaa Gargar Bahuu Hin Danda’an

Islaamumaan walxaxaa fi makaa amantaa, aadaa fi ilaalchati. kanaafuu kutaa amantaa Islaamaa kutaawwan aadaa irraa adda foonee baasun rakkisaadha. Sochiin keessaa (Insider Movement) aadan fayida qabeessa fi qabeenya kabajamuu qabuudha jechuu isaatin hin digoggooree. Haata’u malee aadaawwan faallaa wanta Macaafni Qulqulluun nutti himu irra dhaabbatanii jiran nijiru. Haala kana fakkaatu keessatti immoo namoonni Yesus Kiristoos akka Goofta fi Fayyisaa isaanitti yemmuu fudhatan barmaatilee aadaa kanneen cufumaan dhiisuu qabu.

Sochiin keessaa (Insider Movement) garuu amanaan  haarofti aadadhaan, seeran yookin amantaadhanis haata’u Musliima ta’ee jireenya isaa itti fufuu akka qabu dubbata. Amantoonni keessa (Insiders) Qur’aana dubbisuu, gara masgiidaa deemu, guyyaatti si’a shan gara Allahtti kadhachuu, ji’a Ramadaanaa soomu akkasumas fayyina argachuuf gara Makkaa imaluu dabalatee utubaalee Islaamummaa shanan hordofuu qabu jechaadha. Musliima ta’anii yoo itti fufaan immoo ibsa amantii Musliimotaa isa shahaadaa jedhamu sana afaanin dubbachuun isaan irraa eeggama. Ibsi amantichaas “Waaqni tokkodha; Muhaammad immoo ergamaa Isaati” kan jedhudha. Sochiin keessaa aadadhaaf eddoo guddaa kennuu isaa irraa kan ka’e aadawwan Macaafa Qulqulluu waliin waldidan balleessuu irra kutaalee Macaafa Qulqulluu aadawwan waliin hin adeemne kara maddiitti dhiisa. Qolasiyaas 2:6-8 ifaan akka nuuf kaa’etti Yesus Kiristoosin akka fayyisaa keenyaatii yemmuu  fudhannu aaddawwanii fi barmaatillee Waaqayyoo kan hin taane dhiisuu qabna.

Kiristoosifi Waldaa Kiristiyaanaa ni Balaaleffata

Wantoota hubachuu dadhabuu yookin hololli Islaamummaa jechoota Kiristiyaanonni itti fayadaman tokko tokko Musliimotaaf kan qaanii hin qabnee fi dallansuu kan kakaasu godhee itti mul’isee jira. gonkumaayyuu amantoota haarawa waliin wal hin argan. Kunis immoo Waaqayyoo Ibroota 10:25 irratti kan nu ajaju waliin wal faallessa. Amantoonni haarofti heddu masgiida keessa turuu hin barbaadan. Haata’u malee Misiyoononni sochii keessaa (Insider Movement) waan isaan jajjabeessaniif achuma turu. Kan ta’uu qabu garuu amantoota Kiristiyaanaa kan birood waliin waaqeffannaa fi walitti dhuffeenyaa kiristiyaanawaa gochuu isaaniti.

Macaafa Qulqulluu ni Jijjiira

Sochiin keessaa (Insider Movement) amantoonni haarofti Qur’aana dubbisuu akka itti fufan itti hima. Misiyoononni sochii keessaa (Insider Movement) heddun Waaqayyo ofii isaa Macaafa Qulqulluu keessatti akkuma ibse Qur’aana keessattis akka of ibse ni amanu. Muhaamad raajii ta’uu isaas ni fudhatu. Si’a tokko tokko amantoota haarawa irra akka balaan hin geenye Macaafni Qulqulluun hin kennamuuf; Macaafni Qulqulluun kan kennamuuf yoo ta’e immoo itti yaadamee jechoonni akka “Ilma Waaqayyoo” jedhan kan Musliimota dallansiisuu danda’an keessaa kan kutaamanii baafaman yookin kan laaffifamanii keessa itti barreefaman Macaafa walmaakaa ta’etu kennamaaf. Musliimonni Yesusin fudhatan heddun isaanii waa’ee isaa beekuf waan dheebotaniif Macaafa Qulqulluu dubbisuu barbaadu. Kunis Yesus Yohaannis 8:31-32 irraatti “ isin dubbii kiyyaan yoo jiraattan dhugatti duuka bu’oota kiyyaa. Dhugaas ni beektu dhugaanis bilisa isin baasa” akkuma jedhe ta’uu isaati.

Adeemsa Dogoggorsiisaa

Sochii keessaa (Insider Movement) keessatti Misiyoononni Kiristiyaanaa argamanii fi amantoonni haarofti Musliima akka ta’an fakkeessu. Kuni garuu amantoota iftooma qabanii fi itti gaafamtoota ta’an akka taanu kan nu ajaju Macaafa Qulqullluu waliin walittibu’a. Phawuloos 2Qorontoos 4:2 irratti “Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru. Nuyi mul’ifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaan amootaatti of dhi’eessina”nuun jedhee jira. Dhugumatti amantoonni haarofni tokko tokko balaa isaan muudachuu danda’u irraa kan ka’e waa’ee amantaa jijjiiruu isaanii dubbachuu hin barbaadan ta’a. Kun filannoo dhunfaa amatoota sanaati.

Dhiphina Biyyoota Dhihaat Calaqqisiisa

Sochiin keessaa (Insider Movement) kan madde baha giddu galeessaa, Afrikaa yookin Islaamummaa irra warra gara Kiristiyaanummaa dhufan irraatii miti. Kan dhufe Misiyoonota biyyoota dhihaa irraati. Namoonni baay’en biyyoota dhihaa keessatti argaman dhugaa irra caalaa aadan faayidaa akka qabu yaadu.

Yaadota Gorsaa

Adeemsawwan Wangeela Labsuu Hunda Macaafa Qulqulluu Waliin Wal Bira Qabanii Ilaaluu

Sochiin keessaa (Insider Movement) jaalala Musliimotaaf jiruu fi fayyina isaanii hawwuu irraa, walumaa galatti ilaalcha gaarii irraa kan maddedha. Haata’u malee adeemsa Wangeela tamsaasu kamiyyuu Macaafa Qulqulludhan walbira qabnee madaalun barbaachisaadha. Bifa isaanii osoo waliin hin dhahinii fi amantaa biraa irraa homaa osoo itti hin makin barsiisota Macaafa Qulqulluu hordofuun dirqama keenya. Karaan nuti fayyadamnu hammamiiyyuu beekkamaa, bu’aa qbeessa yookin jaalalaan kan guuttame fakkaatuyyuu bu’uuraaleen Kiristiyaanummaa boqonnaa 6 irratti ibsaman bifuma kamiinuu walitti mammakamuu hin qaban.

Amantoonni Haarofti Qaama Waldaa Ta’uu Qabu

Wangeela haala yookin aadaa nama tokkoof ta’uun lallabuun barbaachisaa ta’us amantoonni haarofti gara waldaa dhuufuun isaan isaanii hammuma sana barbaachisaadha. Qaama jireenya isaanii gara calu waan too’atuuf Musliimotaaf aadaa Islaamaa dhiisun baay’ee itti ulfaachuu danda’a. Kiristiyaanonni amantoonni haarofti addunyaan moofan isaan keessa turan baay’ee adda akka ta’e barachuu akka qaban hubachuudhan laphee isaanii bal’isanii jaalalaa fi garraamummaadhan duuka bu’oota isaan gochuu qabu. Amantoonni haarofti jireenya Kirirstiyaanaa waliin yemmuu wal baranii fi Hafuurri Qulqulluun jireenya isaanii irratti dhiibbaa gaarii yemmuu fidu kutaalee aadaa Islaamaa jireenya isaanii keessa jiran isaan Macaafaa Qulqulluu waliin wal faallessan jireenya isaanii keessaa ni ba’u. kunis haala quubsadhaan ta’uu kan danda’u amantoota haarawa sannen gara waldaa fiduu fi Macaafa Qulqulluu akka dubbisan gochuudhani. Haala baramaadhan nama Islaamummaa irraa dhufe tokko jireenya Kiristiyaanummaatin akka jabaatu gochuun yeroo dheeraa fudhata.

Kiristiyaanonni Amantoota Haara’a Gargaaruu Qabu

Amantoonni haarofti Islaamummaa irraa dhufan hawaasa isaani fi maatii isaanitiin addaa foo’amu  fi hubaatin qamaa irra ga’u danda’a. Mana isaanii, maatii isaanii akkasumas hojii isaanii dhabuu danda’u. Fedhii amantoota haarawa kanneenii guutun itti gaafatama Kiristiyaanotaati. Jireenyaf kan ta’u eddoo eegamaa, karaa  qarshii ittin argachuu danda’an, jaalaala, fudhatamaa fi tokkummaan (amantoota waliin) isaan barbaachisa. Amantoota Islaamummaa bara dheeraa dura dhiisan yoo ta’ananiyyuu ammas maatii isaanii biratti fudhatama yoodhaban jaalala beela’uu ni danda’u. seenan isaanii duubaa Islaamummaadhan kan jalqabe waan ta’eef waldaa keessatti loogin (adda foo’amuun) isaan irra ga’uu hin qabu. Haalota baay’ee irraa kan ka’e amantoonni duraan Musliima tura kunneen Musliimota yoo qaqqaban bu’a qabeeyyii wanta ta’aniif abboota wangeelaa boruu kanneen haala cimaadhan guddisuu qabna.

2 Qorontoos 6:14-17 dubbifadhaa Macaafni Qulqulluun warroota amantoota hin taane waliin adeemsa tolaa hin taanen akka qabamuu nuti hin qabne ifaan nutti hima. Warroota hin amanne waliin michooma uumannii wangeela labsuun gaaridha. Haata’u malee amantaa Kiristiyaanaa irratti oliif gadi jechuun haala jiru keessatti warra hin amanne waliin gonkumaa tokkummaa uumuu hin qabnu. Musliimni tokko Kiristoosin akka Goofta fi Fayyisaatti erga fudhatee booddee “isaan jidduudhaa ba’uu fi foo’amuu” qaba. Kiristiyaanota ka’umsi isaanii Islaamummaa irraa ka’e gara ifa Wangeela guututti fiduu fi gaaddidduu jireenya isaanii isa kaleessaa irraa bilisa baasuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Amantoota haarawa gara tokkummaa jaalala qaama Kiristoos ishee waldaa Kiristiyaanaan jedhamtee bekkamtu isaan affeeru qabna. Jireenya Kiristoosin jiruun guutummaattii fi bilisaan jiraachuf hidhaachuu kan dada’an waldaa keessattidha.

 

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Waa’ee sochii keessaa (Insider Movement) kana dura dhageessanii ni beektuu?
  2. Warra keessaa (Insiders) jedhamanii kan waamaman maalifi?
  3. Misiyoononni tokko tokko maalif sochii keessa (Insider Movement) keessa galu?
  4. Sochii keessaa (Insider Movement) ilaalchisee sodaawwan jiran keessa muraasaa ibsaa.
  5. Sochiin keessaa (Insider Movement) barsiisa Macaafa Qulqulluu ni hordoofaa?
  6. Sochiin keessaa (Insider Movement) Islaamummaadhaf deebii kennuuf karaa gaaridha jettanii yaadduu?
  7. Sochii keessaa (Insider Movement) ilaalchisee gochuu wantoonni nuti qabnu maali isaan?
  8. Kiristiyaanonni amantoota harawa akkamitti qabuu qabu?
  9. 2Qorontoos 6:14-17 dubbifadhaa. Waarra hin amanne waliin adeemsa hin tolleen kiyyeeffamuu jechuun maal jechuudha?
  10. Duuka bu’aa Kiristoos namni ta’e tokko miseensa gamtaa fi waldaa Kiristiyaanaa ta’uun kan isa fayyadu maaliif?

Baafata