Yaa’ii Jamaa fi Falmii

Yaa’ii Jamaa fi Falmii

Lallaba Jamaa fi Mihadaaraa

Kiristiyaanummaa fi Islaamummaan lamaan isaanituu namoota gara amantaa isaanitti fiduuf eddoo namoonni baay’een itti argamanitti yaa’ii ni taasisu. Yaa’iwwan kunneenis eddoowwaa akka gabaa, Istaadiyeemota yookaan buufatoota geejjibaa irratti ni taasifamu. Yeroo baay’ee walitti qabamni Kiristiyaanotaa kana fakkaatu kun lallaba jamaa jedhameet beekkama. Gareewwan faarfattootaa, abboota wangeelaa fi namoota kenna hafuuraa kan akka raajii dubbachuu fi dhukkubsataa fayyisuu qaban ni hirmaachisu. Yaa’iwwan kunneen yeroo hamma torbee lamaatti dheeratuuf turuu ni danda’u. Afrikaa keessatti tooftaawwan beekkamoo wangeelli ittiin labsamu yoo ta’an qalbii namoota baay’ee ni hawwatu.

Musliimonni immoo walitti qabamoota isaanii Mihadaaraa jedhaniit waamu. Hiikni isaas “eddo namni walitti qabametti dubbii taasisuu” jechuudha. Yaa’ileen kunneen Afrikaa keessattii kan eegalaman bara 1980 jalqaba irratti akka kutaa da’awwaatti yemmuu ta’u yeroo sana irraa kaasee beekamtiin isaanii dabalaa dhufee jira yaa’ileen kunneen bakka lamatti qoodamu: Isaan jalqaba Kiristiyaanonni eddoo namni sassaabametti akka falman kan itti affeeramaniidha. Yeroo baay’ee falmaataan inni Musliimaa amantaa lameenuu sirritti kan beeku ta’a. Darbee darbee Kiristiyaanonni falmicha dura akka qophii taasisan itti ni himama. Haata’u malee yeroo baay’ee namoota sasaabaman keessaa Kiristiyaana qophii hin qabneef beekticha Musliimaa waliin mormii akka adeemsisuuf waamichi ni godhamaaf. Falmiiwwan uummata fuuldurattii godhaman kunnen beekkamoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e waldaalen Afrikaa keessatti argaman waltajjiiwwan kannen ofuma isaanitii qopheessuu eegalanii jiru.

Akaakuun walga’ii inni lammataa immoo Musliimonni lallabaa Musliimaa sagale guddistuu fayyadamuudhan waa’ee Islaamummaa akka labsu kan ittii taasisaniidha. Musliimonni baay’en tooftaa warra Wangeelaa Kiristiyaanota ta’anii faayyadamaa yoo jiraatan lallaba jamaa Kiristiyaanaa akka fakkeenyaatti fayyadamu. Adeemsi kun hanga mormiilee beekkamtii argachuu dhabuus suuta suutan deeggarsa argachaa ni jira.

Yaa’iwwan Kiristiyaanaa Adeemsisuu

Jabina Isaa

Walga’iiwwan kunneen baay’ee beekkamoo yoo ta’an namoota heddu sassaabuf humna qabu. Wangeela kana dure namoota dhagahanii hin beeknef labsuuf karaalee gaaridha. Kunis immoo Musliimota yookin dubartoota Musliimaa walga’iiwwan kanneen keessatti argamaniif akkasuma baay’ee ni hojjeta. Walga’iiwwan kunneen Musliimonni baay’een waa’ee Kiristiyaanummaa wanta dogongoraa baratan jijjiiruf ni fayyadu. Dabalataanis walga’iiwwan kunneen waaqeffannaa Kiristiyaana keessa gammachuu fi walabummaa jiru isaanittin ni agarsiisu. Sagantaalee duuka bu’uummaatin yoo deeggaraman immoo si’a tokkoon namoota baay’ee qaqqabuu ni dandeenya.

Laafina Isaa

Walga’iiwwan kunneen yeroo tokko tokko Yesus Kiristoos irrattii osoo hin ta’in Islaamummaa ceephuu irratti xiyyeeffatu. Musliimonni haala kanaan baay’ee dallanu; walga’ichas bittinsuuf kaka’uu ni danda’u. Akkasumas Kiristiyaanota biraatti walga’iiwwan kana “Kiruuseedii” jedhanii waamuf haala baramaa bara dheeratu jira. Wal ga’iiwwaan kunneen kan adeemsifaman jaalalaan namoota gara Kiristoos fiduuf yemmuu ta’u jechi “Kiruuseed” jedhu kun keessumattuu Musliimotaaf ergaan inni dabarsu ni jira. Bara 1097- 1272 tti namoota maqaadhan Kiristiyaana ta’aniifi Musliimota gidduutti warranota adeemsifaman kan “Waraana Fannoo” jedhamanii beekkaman isaan yadachiisa. (Kiruseedii yookin “Waraana Faannoo” jedhamee kan beekkamu waraana waraana Kiristiyaanonni dhugaa irratti hirmaatan osoo hin ta’in siyaasawaa fi  maqaa Kiristiiyaanaa kan fayyadame akka ture akkasumas Kiristiyaanonni dhugaa ittiin qeeqamuu akka hin qabne hubachuu qabu)

Kan biraa yeroo lallaba jaamaa kanneenii kan raawwatamu gochi Kiristiyaanota biratti barame immoo namoonni uummata fuulduratti Yesus Kiristoos fudhachuu isaanii akka labsan waamicha dhiheessuu isaaniti. Kunis namoonni harka isaanii olqabani akka agarsiisaniifi akka isaanif kadhatamu gara waltajjii akka dhufan waamicha dhiheessuu dabalata. Yeroo tokko tokkos namoonni Yeesus Kiristoos fudhachuu isaanitiif mirkansuun inni qofaa harka isaanii ol kaasuu akka ta’e ni himama. Musliimonni harki caalan ergaa dhagahan irraa kan ka’e Kiristoos onnee isaanii keessatti kan fudhatan yoo ta’an garuu Musliimota biroo fuulduratti kana kan labsan yoo ta’e, ofii isaanii balaadhaf saaxiluu danda’u.

Gamin dadhabaan wal ga’iiwwan kanneenii inni biro immoo warra Kiristiyaanummaa fudhataniif hordoffiin godhamu xinnaa ta’uu isaati. Kan irratti xiyyeeffatamu lakkoofsi namoota gara Kiristiyaanummaatti dhufan baay’ee ta’uu isaa irratti malee sadarkaa qulqullina jireenya namoota gara Gooftaa dhufaan irrattii miti. Kiristiyaanonni haarofni kunneen kunnuunsa fi hordoffii duuka bu’uummatu isaan barbaachisa. Namoonni Islaamummaa irraa dhufan maatii isaanii, mana isaanii, hawaasa isaanii kana bira darbees hojii isaanii dhabuu waan danda’aniif jaalala baay’efi gargaarsa qabatamaa Kiristiyaanota biraa argachuu qabu.

Wal ga’ii isaanii irratti Musliimotaan falmuu

Jabina Isaa

Wangeela dhaggeeffattoota Musliimotaatif dhiheessudhaaf falmiiwwan isaan qopheessan irratti hirmaaachun kara baayeessa. Kiristiyaanonni falmiiwwaan kanneenif yemmuu qophaa’anitti Macaafa Qulqulluu isaanii akkasumas Islaamummaa itti dhihaatanii akka qo’ataniif isaan kakaasa. Kiristiyaanonni tokko tokko haala kanaan qophaa’aniitu walga’ii Musliimotaa gidduutti argamu. Mormuudhaf Kiristiyaanonni fedha qaban akka of dhiheessaan yemmuu gaafatamu haala kanaan of dhiheessuf isaanif mijata.

Mormiiwwan kunneen yeroo baay’ee amantaawwan lamaan walitti dhiheessuf kan fayyadan akka ta’an kan yaadaman yemmuu ta’an Kiristiyaanotaa fi Musliimota gidduutti walitti dhufeenya uumuf faayyaduu danda’u. Falmiiwwan kunneen, keessumattuu Afrikaa Bahaatti baay’ee beekkamoo ta’aa dhufuu isaanii iraa kan ka’e televizhinaa fi reediyoodhan osoo hin hafin ni gaggeeffamu. Kunis dhaggeeffattoota baay’een karaa itti argaman uuma.

Laafina Isaa

Musliimonni falmiiwwan uummata fuulduratti godhaman kan qopheessaniif sababoota gurguddoo lama qabu. Kaayyon inni jalqabaa namoota gara Islaamummaa fiduudha. Kaanaafuu falmiiwwan kunneen Kiristiyaanonni Musliimota, Musliimonni immoo Kiristiyaanota jijjiiruf wal’aansoo taasifamu ta’a. Dhuma irrattis warra lachan keessaa kan jijjiiraman lakkoofsan xinnoo yookin hoomtuu dhabamuu danda’u.

Kaayyon falmiiwwan kanneenii inni lammataa immoo Islaamummaa uummata fuulduratti beeksisuu fi Kiristiyaanummaa busheessudha. Yeroo baay’ee mormiiwwan kunneen kan qophaa’an Musliimota Mankaraaressitoota ta’aniinidha. Kaayyoon isaanis Ilsaamummaan amantaawwan bioro irra kan caalu ta’uu agarsiisudha. Falmiiwwankunneenis itti yaadamanii Kiristiyaanota dallansiisuf qophaa’uu danda’u.

Falmitoonni Musliimaa yeroo baay’ee, baay’ee barnoota kan qabanii fi falmiidhaf kan dandeettii ol’aanaa qabaniidha. Cufumaayyuu Musliimonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu Kiristiyaanota harka caalan irra ni beeku. Kana irraa kan ka’es wanta dubbatamuun Kiristiyaanota aarsuf yaali godhu. Kiristiyaana  mormichaaf qophii hin qabnee fi miira isaa too’achuu hin dandeenye Musliima beeka haala gaariidhaan qophali’e fi tasgabbaa’aa ta’e waliinakka falmu ni affeeru. Akka tilmaamun danda’amutti Kiristiyaanni qophii hin qabne Musliima dandeettii guddaa qabu waliin wal hin gitu. Kiristiyaanota haala kanaan naasisuun Kiristiyaanummaa naasisuu akka ta’e yaadu.

Falmitoonni Kiristiyaanaa tokko tokko wanta jedhamuun dallanuu isaanii irraa kan ka’e Islaamummaa gara qeequ fi arrabsuutti dhufu. Kunis Musliimonni Kiristiyaanotaan arrabsaman gara Gooftaa akka hin dhufne isaan godha. Si’a tokko tokko immoo Kiristiyaanni sirritti qophaa’e falmicha haala gaaridhaan injifatee garuu onnee namootaa qaqqabuu haalli inni itti hin dandeenye jiraachuu danda’a.

Gaafilee Musliimonni gaafatan Ilaalchisee odeeffannoo dabalataatif kan ta’u toorri intarneetii kunoo: www.answering- islam.net  www.ewnetlehulu.net 


Yaadota Gorsaa

Lallaba Jamaa Kiristiyaanaa

Walga’iiwwan akkanaa Musliimota Wangeelan qaqqabuuf baay’ee fayyadau. Gara gamtaatti namoota dhufanis argachuuf firi qabeeyyii ta’uu ni danda’u. Walga’iiwwan kanneen “Kiruseedii” jennee osoo waamuu dhiifnee baay’ee gaaridha. Maqaalee akka “lallaba jamaa” “tamsaasa Wangeelaa” fi “ergamsa” jedhan osoo fayyadamnee namootaa dallansiisuu irraa nu oolchu. Yaa’iwwan kunneenis Islaamummaa qeequf carraawwan itti fayyadamnu ta’uu irra Yesus Kiristoosi fi Wangeela irratti kan xiyyeeffatan ta’uu qabu.

Namoonni dubbii adeemsisan aadaa namoota qaqqabuu barbaadanii beeku fi Musliimota amantaa isaanii jijjiiran irra balaawwan gahuu danda’an hubachuu qabu. Kun kan barbaachisaa ta’u keessumattuu namoonni nuti ergaa dabarsineef deebii akka kennan yeroo itti gaafannutti dha. Deebii kennuun isaanii barbaachisaa ta’us yaa’ii keessatti harka isaanii ol kaasani waltajjii irratti murtii isaanii ifa gochuu baatanis onnee isaanii keessatti garuu deebii kennanii jiru ta’a. Filatamaa kan ta’u namoonni Kiristoosin duuka bu’uu barbaadan dhuunfaa isaanitti Kiristiyaanota biroo waliin wal arguudhan yookin immoo gara godoo yookin mana kanumaaf jedhamee dhiheenya irratti qophaa’etti adeemudhaan murtii isaani akka beeksisan agarsiisudha. Kiristiyaanonni haarofni kunneen maatin isaani ni hayyamu yoo ta’e hordoffiin akka godhamuuf akkasumas duuka buutota akka ta’an gara waldaa affeerun barbaachisaadha. Gara waldaa deemuu hin danda’an taanan immoo tokko tokkoof yookin gareedhan sagantaalee qophaa’an mijeessun barbaachisaadha.

Falmii Waltajjii Musliimaa

Musliimota gara Kiristiyaanummaatti fiduudhaf jecha kiristiyaanonni falmii Musliimaa irratti hirmaatan yeroo baay’ee bu’a qabeeyyi hin ta’an; sababni isaatis falmiiwwan kunneen kan qophaa’an Kiristiyaanota gara Islaamummaa fiduuf yookin Kiristiyaanummaa qaanessuu fi busheessuf waan ta’eef Kiristiyaanonni falmiilee kanneen irratti hirmaatan Musliimonni isaan dallansuuf yoo yaalan ille gonkumaa dallansuu agarsiisuu akka hin qabne dursaqnii murteessuu qabu.

Musliimonni wanti baay’ee eegan dallansuu Kiristiyaanotaati. Kiristiyaanonni haala jaalalaan guutameen deebii kennu taanaan baay’ee dinqisiifatu. Aarii tokko malee Kiristiyaanonni amantii isaanii hala inaaffan guutameen agarsiisuu fi qabxiilee isaanii irratti haala quubsadhaan falmuu ni danda’u. haata’u malee yeroo kanatti wantoonni Musliimota dallansan yoo jiraatanis (boqonnaa 6 ilaalaa) Kiristiyaanonni barsiisota bu’uuraa Kiristiyaanaa irratti ejjennoon isaan qaban kan reeqqisu ta’uu hin qabu. Musliimonni kiristiyaanota amantii isaanitti cimoo ta’an ni kabaju.

Musliimonni Kiristiyaanota yoo arrabsanii fi wanta isaan dallansu yoo dubbatanis Kiristiyaanonni tasumaa gara Musliimota yookin Islaamummaa arrabsuutti galuu hin qaban. Kiristiyaanonni kan xiyyeeffachu qaban Yesus Kiristoosi fi wangeelaa irratti. Musliimonni mormiilee akkamii akka fidan beeku fi deebiwwan barbaachisoo qopheessun fayida qabeessa. Gara mormiitti adeemuu keenyan dura Macaafa  Qulqulluu keenya fi bu’uurawwa Islaamaa beekun barbaachisaadha. Akkasumas Musliimonni falmii qaramaadhan kiristiyaanota kiyyoo isaanii keessa buusuu waan barbaadaniif qophii gaarii gochuun barbaachisaadha.

Yeroo falmii goonu Macaafa Qulqulluu fi dhuga ba’umsa dhuunfaa keenyaa yoo fayyadamne bu’a qabeeyyii ta’uu ni dandeenya. Kunis Yesus Kiristoos nu waliin dhuunfatti walitti dhufeenya gochuu kan danda’u Waaqa jiraataa akka ta’e ni musl’isa. Mu’ata 12:11 “Isaanis  dhiigaa hoolichaa fi dubbii dhuga ba’umsa isaanii irraa kan  ka’e ni injifatan” jedhamee akkuma barreeffame; kana gochuun meeshaa hafuuraa guddaa nuuf ta’a. Kiristiyaanonni gareedhan ta’anii Kiristiyaana isa falmuuf yoo kadhatan gaarii ta’a. Ogummaa Waaqayyo kabachiisun deebii kennuun akka isaaf ta’uu fi Musliimonni isa ilaalanis karaa ulfina Waaqayyoo ittiin argan akka ta’us kadhadhaa. Musliimni inni falmu qabxii gaarii yoo kaase yookin Kiristiyaanichaa falmii qaramaadhan yoo kiyyeesse Musliimonni ilaalan iyyuu fi deeggarsa isaanii ibsuun kan hin hafneedha. Kiristiyaanonni achitti argaman wacaa fi harka rukkuttaa kanneenin rifachuu fi deebii kennuu hin qaban. Akkasumas Kiristiyaanni inni falmu qabxiiwwan gaarii yemmuu galmeessisu yookin yemmuu falmii injifatu deeggarsa baay’ate agasiisuu hin qaban.

1Phexros 3:15-13 Dubbifadhaa

Macaafni Qulqulluun Kiristoos irratti maalif akka abdii qabnu warra nu gaafataniif deebii kennuuf yeroo hundaa kan qophoofne akka taanu nutty hima. Macaafa Qulqulluu keenya beeku fi Gooftaa beekuf kadhannaadhan yeroo fudhachuu nu barbaachisa. Yoo kana goone namni kamiyyuu yoo gaafii nu gaafate sammuu keenyaa fi onnee keenyaan kan qophoofne taanee ni argamana. Dabalees deebii kennuu kan qabnu garraamummaa fi kabajni haala itti guutameen ta’uun akka qabu Macaafni Qulqulluun nu barsiisa. Namootni nu arrabsan jiraatanis dacha deebisuudhaf ka’uun nu hin barbaachisu. Waaqayyoo jaalala akka ta’e labsaa yoo kan lollu ta’ee fi yoo kan aarru ta’e gaarii hin ta’u. Phexros lakkoofsa 15 irratti deebin keenyaa kan garraamummaa fi kan kabajaa akka ta’uu qab yoo nutti himes lakkoofsa 18 irratti itti fufuudhan wantoota nuti irratti laafuu hin qabne nutti agarsiisa. Kanaafuu namoota biroo arrabsuu osoo hin qabaatin ejjennoo keenya osoo hinjal’isin waa’ee amantaa keenyaa inaaffadhaan dubbachuu ni dandeenya. Wangeelli keenya kan jaalalati kanaafuu akkaatan nuti ittiin dubbannu hammuma wanta nuti dubbannuu barbaachisaa akka ta’e dagachuu hin qabnu.

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Kiristiyaanonni yaa’iwwan wangeela labsuu isaanii “kiruseedii” jedhanii yemmuu waaman Musliimonni maalif mufatu?
  2. Jabinaaf laafinaa lallaba jamaa Kiristiyaanonni qopheessan keessaa muraasa tarreessaa.
  3. Jabinaa fi laafina falmiiwwan waltajjii Kiristiyaanonni Musliimota waliin adeemsisan keessaa muraasa tarreessaa.
  4. Musliimonni falmiwwan waltajjii maalif qopheessu?
  5. Lallaba jamaa Kiristiyaanaa yemmuu qopheessinu qabxiilen barbaachisoon nuti yaadachuu qabnu maa fa’i?
  6. Falmiiwwan waltajjii Musliimonni qopheessan irratti yemmuu hirmaannu qabxiilen nuti yaadachuu qabnu maal fa’i?
  7. 1Phexros 3:15-18 dubbifadhaa. Kiristiyaanonni maalifii akkaataa kamiin warra waa’ee amantaa isaanii isaan gaafataniif deebii laachuuf kan qophaa’uu qaban?

Baafata