Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
Musliimonni obboleeyyan keenyi gaaffiiwwaan isaan kaasan keessaa tokko “’Yesuus ani Waaqayyodha na waaqessaa jechuudhaan Macaafa Qulqulluu keessaa bakka itti dubbate nu argisiisaa” kan jedhu gaaffii ijoo fi isa duraa ti. Gaaffiin kun kan gaafatamuun isaaf malu yoo fakkaate iyyuu, garuu ergama Gooftaa Yesuus Kristos sirriitti hubachuu dhiisuu fi hiika Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuu dhiisuu irraa gaaffii maddedha. Yesuus Kristos Waaqa ta’uudhaaf dirqama ani Waaqayyodha na waaqessaa jechuudhaan dubbachuun isa barbaachisaa? Yaadni jedhu sababa miti. Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus ilma Waaqayyoo isa tokkicha ta’uu isaa, waa’ee fannifamuu, du’uu fi waa’ee du’aa ka’uu isaa kan itti dubbate bakki hedduun jiru. Musliimonni obboleeyyan keenyi garuu dhugaawwan kana fudhachuu dhiisuun isaanii Yesuus “Waaqayyo waanan ta’eef na waaqessaa” bakka jedhe dubbate yoo itti argisiifne iyyuu fudhachuu akka isaan hin dandeenye argisiisa. Kanaafuu gaaffiin isaanii inni dhugaan maaliidha?
Tawraata (Kakuu Duraa) keessatti Waaqayyo waaqa dhugaa ta’uu isaa bakka itti dubbate Musliimonni nutti argiisuun, yeroo Yesuus lafa kanarra turetti karaa wal-fakkaatuun dubbachuun isaaf mala ture nuun jedhu. Garuu barooti Kakuu Duraa fi Kakuun Haaraa garaa gartee qabaachuu isaanii hin hubatan. Waaqayyo baroota hundumaa keessatti haalawwanii fi karaa wal-fakkaataan of mul’isuun dirqama isa hin barbaachisu. Gaaffiin keenya ta’uu kan malu Yesuus Waaqummaa isaa karaa akkamiin ibsate? Kan jedhu malee, “karaa nuyi barbaannuun dubbachuu dhiisuu isaatiin Waaqa miti” jechuudhaan xummura itti kennuun sirrii miti.
Yesus Kristos haala ifaa ta’een Waaqa ta’uu isaa Kakuu Haaraa keessatti ibseera. Garuu karaa kanaan “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana dubbachuun ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaafuu “karaa ani jedhuun dubbachuu dhaa yoo baate waaqummaa isaa hin fudhu” jechuudhaan ragaawwaan kanneen kaaan fudhachuu dhiisuun inni gaafatu deebii barbaadee otuu hin taane falmii kan barbaadu ta’uu isaa argisiisa. Bara Yesuus Kristos lafarra jiraataa ture “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana dubbachuun kan isa hin barbaachifneef sababawwan muraasa dubbachuun ni danda’ama. Kana yommuu dubbannu garuu Yesuus Kristos Waaqummaa isaa ganeera, dhokfateera yokaan ammoo karaa kamiiyyuu hin dubbanne jechuu keenya miti.
- Yesuus Kristos gara lafaa dhufuun isaa Gooftummaa isaa fi Waaqummaa isaa labsuuf miti. Ergamni Yesuus mataa isaa gadi of deebisuun lubbuu isaa hedduuf aarsaa godhee kenuuf malee ulfina Waaqummaa isaa labsuun namoonni akka isa beekaniif waan hin taaneef bakka hundumaa deemuun Waaqummaa isaa otuu labsatee ergama isaa waliin hin deemu. Gooftaan keenya ulfina mataa isaa barbaaduun dhufuu dhiisuu isaa irra deddeebi’uun dubbateera (Yoh. 8:50, Mat. 20:28). Ergamaa kan ta’e Phawuloos qulqullichi yaada kana haala laphee namaa tuquun ibseera (Fil. 2:5-10).
- Yesuus garaa gartee qaamaa kan isaa fi Waaqayyo Abbaa gidduu jiru otuu ifa hin godhiin “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana otuu dubbatee Yihuudotatti bitaa gala ture. Yihuudonni waa’ee qaama sadan Waaqayyoo kana jechuunis waa’ee Sillaaseef hubannaa isaa qabaachuu dhiisuu isaaniin, Yesuus “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana otuu dubbatee “ani Waaqayyo Abbaadha” kan jedhu waan isaanitti fakkaatuuf kana jedhee dubbachuun isaa shakkii kan uumuu fi isa irrattis mormii kaasuurra kan darbe faayidaa qabaachuu hin danda’u ture. Kanaafuu yerooma hundumaa hojiiwwan Waaqummaa isaa argisiisan hojjechuu fi barsiisa isaa keessatti karaa ogummaa of keessaa qabaatuun isaanitti dubbachuun namoonni Waaqa ta’uu isaa gara sadarkaa beekanitti akka dhufaniif gargaareera. Garuu yerooma hundumaa kana yommuu godhu garaa gatee qaamaa kan Waaqayyo Abbaa waliin qabaatu ifa gochuun ture.
- Yesuus bara lafarra jiraataa ture namoota kanneen kaan irraa bifa adda ta’e hin qabu ture. Har’a namni tokko gara keenya dhufee “ani Waaqayyo dha na waaqessaa” otuu jedhee akkuma nuti hin simanne, akkuma kana ammoo Yesuus bara isaatti otuma kana dubbateera ta’ee mormii dabalachuurra kan darbe faayidaa kamiyyuu hin qabaatu ture. Karaa “ani Waaqayyodha na waaqessi” jedhuun mannaa hojiidhaan Waaqa ta’uu isaa mul’isuun foyyee kan qabaatu ta’uu isaatiin kana godheera. Namoonni ammoo hojii isaa arganii Waaqummaa isaa gara beekuutti yommuu dhufanii fi kabaja Waaqummaaf malu yommuu isaaf laatan itti walii galuun isaaniif mirkaneessuu malee yeroo kamiyyuu yommuu isaan mormu hin argamne (Yoh. 20:24-29).
Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa
Masihii Ta’uu Isaa(Kristos Ta’uu Isaa) Dubbachuun:
Yesuus Kakuu Moofaatti raajiin kan isaaf dubbatame Masihii ta’uu isaa irra deddeebi’uun dubbateera (Mat. 16:13-17, Yoh. 4:25-26, 26:1-3. Mar. 14:1-2, 12:35-37, 13:26-27, Luq. 24:13-15;24:25-27,24:44-49) ilaalaa.
Raajiwwan Kakuu Moofaa keessatti dubbataman Masiihichi Waaqa ta’uu isaa dubbatu:
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo’a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan hammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha” (Erm. 9:6-7).
“Nuyi amma marfamneerra, yaa warra mandara loltootaa, loltummaa keessaniin walitti qabamaa! Warri nu marsan isa Israa’elin seerratu uleedhaan maddii isaa in rukutu. Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa’elin kan mo’u tokko si keessaa anaaf in ba’a; hundeen isa si keessaa ba’uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti” (Mik. 5:1-2).
“Waaqayyo gooftaan maccaa, “kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa”jedha. Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda’a ree? Yeroo inni mul’atus eenyutu dhaabachuu dand’aa ree? Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis” (Mil 3:1-3).
“Teessoon kee inni Waaqayyo siif kenne, yeroo hundumaaf kan bara baraa ti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti; ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite, kanaaf Waaqayyo gooftaan kee dibata gammachuutin si dibee, hiriyoota kee akka caaltu in godhe” (Far. 45:6-7).
Tuqaaleen lamaan armaan oliin ibsine akka sababaatti yommuu kaafnu kan itti fufee jiruun ta’a:
- Yesuus Kakuu Moofaa keessatti raajiin kan isaaf dubbatame Masihicha ta’uu isaa dubbateera.
- Akka raajiiwwan Kakuu Moofaatti Masiihichi Waaqadha
- Kanaafuu Yesuus Waaqayyo ta’uu isaa dubbateera.
Sishooliizimiin salphaa ta’e kun (akkaataan tarreeffama jechoota sababa kanaa) Yesuus Waaqa ta’uu isaa akka dubbate ifatti mul’isa.
Duumessa Samiin kan Dhufu “Ilma Namaa” Ta’uu Isaa Dubbachuun:
Yesuus Kristos irra deddeebi’uun maqaa “ilma namaa” jedhuun yommuu fayyadamu argina ( Mar. 13:23-27, 14:60-64).
“Ilma namaa” kan jedhu iccitii moggaafama isaa kan argannu Macaafa Daani’el Raajicha 7:13-14 irrattiidha.
“Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul’ataan nan arge; yommuus inni gara isa bara baay’ee dheeraa jiraate sanaa dhqee isa duratti in dhi’eeffame. Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootuumaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbineedha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti”
Akka luqqisii kanaan qaamni ilma namaa jedhame kun saba hundumaa kan bulchu, kan hin dabarre, bulchiinsa bara baraa kan qabaatuu fi mootummaa hin balleeffamne kan qabaatuudha. Waaqayyoon alatti sabni hundi kan isaaf bitamuu maluu fi mootummaa fi bulchiinsa bara baraa qabaachuu kan danda’u eenyuudha? Yesus maqaa “ilma namaa” kan jedhutti fayyadamuun isaa Waaqa foon uffatee dhufuu isaa argisiisuuf akka ture raajii kanarraa ni hubanna.
Wanta Waaqayyo qofti hojjechuu danda’u raawwachuudhaan:
Kanaaf fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u Yesuus cubbuu namaaf dhiifama gochuuf dandeettii qabaachuu isaa argiisuu isaa ti (Mar. 2:1-12).
Waaqayyoon alatti cubbuu kan namaaf dhiisuu danda’u eenyuudha?
Kabaji Waaqayyo Abbaaf kan malu hundi isaafis akka kennamuu malu dubbachuun:
“Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee. Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu” (Yoh. 5:22-23).
Waaqayyo Abbaa kan kabajnu isaatiin waaqeffachuuniidha. Yesusiin ammoo akkuma Waaqayyo Abbaa kabajnuun kabajuu kan dandeenyu ulfina Waaqayyo Abbaaf kenninu hunda yommuu isaaf laannuudha.
Gara isaa akka kadhannuu fi innis kan kadhannu hundumaa akka nuuf raawwatu dubbachuuniidha:
“Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta. Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha” (Yoh. 14:12).
Yesuus kadhata nama hundumaa dhaga’uuf bakka hundumaatti argamuu isaa fi wanna hundumaa beekuun isarra jiraata. Wanna kadhannu hundumaa raawwachuuf ammoo hundumaa kan danda’u ta’uun isaaf mala. Waaqa tokkichaan kan hafe kadhata keenya dhaga’uun wanna kadhannu hundumaa raawwachuu kan danda’u eenyuudha? Yesuus garuu kana hundumaa raawwachuu akka danda’u nutti himeera, kanaafuu Waaqa ta’uu isaa dubbateera.
Bakka hundumaatti argamuu akka danda’u dubbachuun:
“Ammas isiniin nan jedha; isin keessaa namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa’ee waan tokkootti walii galanii yoo kadhatan, abbaa koo isa waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan in kennamaaf. Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama” (Mat. 18:19-20).
“Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hudumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” (Mat. 28:19-20).
Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka walitti qabamnu hundumaatti gidduu keenyatti argamuu kan danda’uu fi hamma dhuma baraatti nuu waliin ta’uu kan danda’u dandeettii ittiin bakka hundumaatti argamuu danda’uun qofadha. Kanaafuu Yesuus kana gochuu akka danda’u dubbachuun isaa karaa biraatiin Waaqa ta’uu isaa dubbachuu isaa ti.
Namoonni maqaa isaatiin dhiifama cubbuu akka argatan dubbachuun;
“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha” (Luq. 24:45-48).
Maqaa Waaqayyoon alatti dhiifama cubbuu kan argamsiisu maqaa kan eenyuu ti?
Maqaa isaatiin dhukkubsatoonni akka fayyan, Seexannis akka nama keessaa ba’u dubbachuunii fi amantoonnis kana gochuu akka danda’an aboo kennuun:
“Warra naatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa’u, isaanis in fayyu isaaniin jedhe. Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa’e. Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse” (Mar. 16:17-20).
“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan aboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaan qabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” (Luq. 10:17-20).
Seexana nama keessaa baasuu fi dhukkubsatoota fayyisuu kan danda’u maqaa Waaqayyoo kana malee maqaa kamtu ta’u danda’a? Namoonni kana gochuu akka danda’aniif abboo kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyuudha?
Ergamoota abboomuu akka danda’uu fi kan isaa ta’uu isaanii dubbachuun:
“Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca’u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu. Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru. Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu” (Mat. 24:29-31).
Waaqayyo malee qulqulloota kan ta’an ergamtoota akka tajaajilaa dhuunfaa isaatti abboomuu fi erguu kan danda’u eenyuudha?
Guyyaa dhumaatti kanneen du’aniin kan kaasu isuma ta’uu isaa dubbachuun:
“Fedha ofii kootiii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee. Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du’aa akkan isaan kaasu fedha malee. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du’aa isa nan kaasa” (Yoh. 6:38-40).
Waayyo malee guyyaa firdiitti kanneen du’aniin kaasuu kan danda’u eenyuudha?
Guyyaa dhumaatti hundumarratti faraduuf aboo isaa kan qabaatu isa ta’uu isaa dubbachuun:
“Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommuus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargara fo’u, innis namoota sana gargara in fo’a. Warra hoolotatti fakkeefaman gara mira isaa, warra re’ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba. Ergasii mootichi warra mirga isaa jiraniin, ‘Isin yaa warra abbaa kootiin eebifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa’etti galaa! Beela’een ture, nyaata naaf kennitaniittu; dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simtaniittu. Qullaa koo ta’een ture, daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafattaniittu; hidhameen ture garakoo dhuftaniittu’ jedhe. “Ergasii warri qajeelonni deebisanii, ‘Gooftaa! Yoom beela’uu kee arginee, nyaata siif kennine? Yookiis yoom dheebochuu kee arginee, dheebuu si baafne? Yoom orma ta’uu kee arginee akka nama keenyaatti si simne? Yookiis yoom qullaa ta’uu kee arginee, daara si baafne? Yoom dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, gara kee dhufne? Jedhaniiin. Mootichi immoo deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi’an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan’ isaaniin jedhe’. “Ergasii mootichi namoota bitaa isaa jiraniin,‘ Isin abaaramoo nana, na biraa adeemaa! Gara ibidda bara baraa isa Seexanaa fi ergamoota Seexanaatiif qophaa’e dhaqaa! Ani beela’een ture, isin nyaata anaaf hin kennine; dheebodheen ture, isin dheebuu ana hin baafne. Orman ture, isin akka nama keessaniitti ana hin simane; qullaa koo ta’een ture, isinis daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture, hidhameen tures, isinis ana hin dubbifne …” (Mat. 25:31-43).
“Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee. Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu” (Yoh. 5:22-23)”.
Waaqayyo malee guyyaa dhumaatti kan jiraanii fi du’aniirratti faraduuf aboo kan qabaatu eenyuudha?
Waaqeffannaa fi sagada Waaqayyoof malu fudhachuun:
“Tokko isaa keessaa akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessaa, deebi’ee gara Yesus in dhufe. Miilla Yesus jalatti adda isaatiin lafa dha’ee isa galateeffates; inni nama Samaariyaa ture. Yesus deebisee, “Namoota kudhantoo qulqullaa’ee, salganuu meerree ree? Isa orma kana irraa kan hafe namni Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessuudhaaf deeb’ee hin argamnee?” jedhe. Yesus yommus namichaan, “Ka’ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera” jedheen” (Luq. 17:15-19).
“Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa wanta dinqisiisaa inni gochaa turee fi ijoollota mana quqlullummaa keessatti sagalee isaanii ol fudhatanii, “Hosaa’inaa ilam Daawitiif!” jedhan yommuu argan in aaran. Kana irratti isaan, “Waan isaan kun jedhan dhageessaa?” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Eyyee, ‘Mucooliinii fi daa’imoonni afaan isaaniitiin akka si galateeffatan godhate’ isa jedhu takkaa hin dubbifnee ree?”(Mat. 21:15-16).
Waaqayyoo sagalee qulqullaa’aa isaa keessatti ulfina isaa enyuuf iyyuu akka hin laanne irra deddeebi’ee dubbateera (Kes. 5:6-10, Isa. 42:8). Yesuus Kristos garuu waaqeffannaa fi sagada namootaa simateera. Ulfina Waaqayyoof qofaaf malu fudhachuun Waaqa ta’uu isaa argisiiseera.
Gooftaa ta’uu isaa dubbachuun
Namoonni Gooftaa ta’uu isaa:
“Barsiisaa, gooftaas jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera”(Yoh. 13:13-15).
Sanbata irratti gooftaa ta’uu isaa:
“Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” isaaniin jedhe (Mar. 2:28).
Musliimonni hedduun Yesuus gooftummaa isaa ifatti dubbachuu isaa beekuu dhiisuu isaaniin “bakka itti gooftaadha ofiin jedhe nu argisiisaa” jechuudhaan gaafatu. Garuu Yohannis 13:13-15 irratti kan argamu yommuu itti argisiifnu xiqqo erga rifatanii booda tooftaa biraa uummatu. “Macaafa Qulqulluu keessattii namoonni gooftaa jedhamaniiru” jedhu. Garuu Yesuus gooftummaan isaa akkuma ergamtoonni isaa ittiin jedhan ta’uu isaa waan dubbateef, karaa ergamtoonni jedhaniin malee karaa mataa keenyaan hikkatti kennuu hin dandeenyu. Mata-duree kana jalatti itti fufnee akkuma arginu ergamtoonni waaqummaa Yesuus itti amanaa waan turaniif “gooftaa yommuu isaatiin jedhan waaqummaa isaa argisiisuuf malee namoonni sadarkaa guddaa qabaatan karaa ittiin gooftaa jedhamaniin kan isa waaman miti. Yesuus Gooftaa ta’uu isaa kan dubbate karaan inni biraan sanbata irratti Gooftaa ta’uu isaa ti. Kun ammoo haala falmii kaafneen waaqummaa isaa argisiisa. Sababni isaa guyyaa Waaqayyoof eebbifame ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatameera (Ba’u 31:12-17). Waaqayyo guyyaa ofii isaaf eebbifate irratti gooftaa ta’uu kan danda’u Waaqayyo matuma isaa ti.
Mul’ata Yohannis keessatti ragaawwan argaman
Jechooti Yesuus Kristos luqqisii kana keessatti argaman gara samiitti erga ol ba’ee booda kan dubbateedha.
- Isa duraa ti isa boodde ti
“Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa ti is dhumaa tis” jedhe (Mul. 22:13).
“Yommuun isa arge akka nama du’ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa’ee, “Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; inni jiraatus ana. Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii banu irrattis ani gooftummaa qaba” (Mul. 1:17-18).
Luqqisiin Kakuu Moofaa dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa:
“Waaqayyo mootiin Israa’el inni Israa’eliin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru; kan akka kootii eenyu? Mee achii as ba’ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul’isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta’e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!’” (Isa. 44:6-7).
- Yaada namaa fi garaa namaa kan ilaalu
“kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta’uu isaa beekuuf jiru” (Mul. 2:23).
Kan namootaa yaada dhokataa sakatta’ee beekuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a? Luqqisiin Kakuu Moofaa itti fufee jiru dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa.
“Ani Waaqayyo garaa namaa fi yaada namaa isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf” (Erm. 17:10).
- Nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kan kennu
“Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul. 22:12).
“Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira” (Mul. 2:23).
Gaafa guyyaa firdii isa dhumaatti nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a?
- Waaqayyo dha ofiin jedheera.
“Inni teessoo irra taa’e immoo, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jedhe; itti dabalees, “Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta’eef, kana caafi!” naan jedhe. Akkasumas, “Ta’eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jaqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf. Inni mo’u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaan nan ta’a, innis ilma koo in ta’a” (Mul. 21:5-7).
Akka luqqisii kanaatti Alfaa fi Omeegaa, kan jalqabaa fi isa dhumaa kan ta’e Waaqayyo ta’uu isaa dubbata. Mul. 22:12-13 irratti Alfaa fi Omeegaa kan jalqabaa fi dhumaa kan ta’e kun dafee akka dhufu dubbata. Boqonnaa 22:20 irratti dafee kan dhufu kun Yesuus ta’uu isaa nutti dubbatameera. Kanaafuu Alfaa fi Omeegaa kan ta’e dafee akka dhufu kan dubbate boqonnaa 21:7-8 irratti Waaqa ta’uu isaa kan dubbate Gooftaa keenya Yesus Kristos ta’uun isaa ifaa dha.
Waaqayyo Abbaan Waa’ee Isaa Maal Jedha?
Obboleeyyan keenyi Musliimaa dubbii Allaah Qur’aana keessatti argaman ta’uu isaanii jechoota itti amanan haal-duree tokko malee ni fudhatu. Fakkeenyaaf Iisaan durbee irraa dhalate kan jedhu dubbii itti amanamummaa guddaa of keessaa qabaatu kan fudhatan Iisaan Qur’aana keessatti “ani durbee irraan dhaladhe” jechuudhaan waan dubbateef otuu hin taane, Allaan ofii isaatiin Iisaan durbee irraa akka dhalate waan dubbateefiidha. Iisaan durbee irraa dhalachuu isaa itti amanuuf isaaniif jechooti Allaah Qur’aana keessatti barreeffaman qofti ga’aa erga ta’ee, nuufis Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf dubbiin Waaqayyo Abbaa sababni ga’aa hin taaneef hin jiraatu. Kanaafuu Waaqayyo Abbaan waa’ee waaqummaa ilma isaa Yesuus Kristos maal jedhee akka dubbate barreessaan Ergaa Ibrootaa faarsaa Daawit keessatti raajii barreeffame ture ibsuun dubbate haa ilaallu.
“Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta’e, innis ergamoota irra caale. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Ati ilma koo ti, ani har’an si dhalche” yookiis eenyuun, “Ani isaaf abbaa nan ta’a, innis ilma anaaf in ta’a” jedhee beeka? Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, “Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!” jedhe. Waa’ee ergamootaa illee, “Inni ergamoota isaa akka qulleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata” jedhe. Waa’e ilmaa garuu, “Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti. Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise” jedhe. Ammas immoo, “Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti. Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa’u; akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban” jedhe. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo ta’i!” jedhee beeka? Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree” (Ibr. 1:4-14).
Akka luqqisii kanaatti Waaqayyo Abbaan Ilma isaa Yesuus Kristosiin ergamtoonni kan isaaf sagadan, Gooftaa, Waaqa, teessoo bara baraa kan qabu, uumaa bantiiwaaan waaqaa fi k.k.f jechuudhaan ittiin waama. Kun Kiristiyaanotaaf Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf ragaa ga’aa ta’eedha.
Ergamtoonni Maal Jedhan?
Ergamtoonni Yesuus isaa waliin jiraachuu isaaniin waa’ee maalummaa isaatii eenyu iyyuu caalaa ni beeku. Kanaafuu dhuga-ba’umsi isaanii Waaqummaa Yesusiif ragaa guddaa dha. Namoonni qulqullooti kun waa’ee waaqummaa isaa kan dubbatan itti fufuun haa ilaallu.
Simon Phexros
“Ani Simoon Phexros, Yesus Kristosiif hojjetaa, ergamaas ta’ee, warra karaa qajeelina Waaqayyo keenyaaf fayyisaa keenyaa Yesus Kristos amantii gati-jabeessa isuma nuyi arganne sana argataniif caafuu koo ti. Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga’uu keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay’atu”(2Phex. 1:1-2).
Yohannis ilma Zabdewos
“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayo ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. Wanti hundinuus isumaan ta’e; waan ta’e keessaas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru”(Yoh. 1:1-3).
“Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana”(1Yoh. 5:20).
Toomaas
“Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef. Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!”(Yoh. 20:28-29).
Phaawulos Qulqullicha
Gooftaa Yesuusiin kallattiin arguu isaatiin ergamtoota waliin hammuma tajaajileen dhuga-ba’umsi Ergamticha Phaawulos Qulqullichaa wanna akka salphaatti ilaalamu miti. Inni waa’ee waaqummaa Yesuus maal jedhe?
“Abboonnni qomoo kan isaanii ti; akka firooma fooniittis Kristos qomoo isaanii keessaa dhalate. Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraan haa galateeffamu!Amen” (Rom. 9:5).
“Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul’iseera. Ayyaanni Waaqyyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa. Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deeb’ee mul’atu sanaa in eegganna. Inni mul’achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”(Tit.2:11-13).
Ragaawwan armaan oliin ibsaman erga dubbifatee booda Yesuus waa’ee Waaqummaa isaa dubbachuu fi Macaafni Qulqulluun Waaqummaa isaa mirkaneessuu isaa kan haalu namni garaa isaaf bulu jira kan jedhu yaada isaa hin qabnu.