Muhammad Gara-jabina Yihuudotarratti Raawwatan

Muhammad Gara-jabina Yihuudotarratti Raawwatan


Islaamummaan dura hawaasni Yihuudii hedduun kutaa baroota hedduuf biyya Arabaa keessa jiraataniiru.  Jabinni isaanii yommuu yaadamu humna waraanaan utuu hin qindaa’iin hawaasa kana waliin wal’aansoo qabuun badii ofitti fiduu waan ta’eef, Muhammad yeroo mijataan hanga dhufutti hanga danda’ameen isaan amansiisuun duuba isaanii hiriirsisuuf filannoo isa jalqabaa godhatanii turan. “Mul’ata isaaniin” isaan kakaasuun kabajni akka isaanitti dhaga’amu taasisuun laphee isaanii islaamummaaf bansiisuun shira isa jalqabaa yommuu ta’u, kutaalee Qur’aana waa’ee Yihudiif wanna gaggaarii dubbatan “buufamaniiru” kan jedhaman yeroo sana akka ture in dubbatama.

“Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isinii ooleefi kan Ani aalama hunda irra isin caalchise (yaadadhaa)”[1] (Suuraa Al-Baqaraa 2:47).

Abrahamiin kan fakkaatan Yihudota biratti kabaja kan qaban naamusa Macaafa qulqulluu jajuun laphee Yihudotaa booji’uuf faayidaarra kan oolfame shira biraa ture (2:124:117). Dabalatas kallattii sagadaa (Qiiblaa) gara Yerusaalemii akka ta’u taasifame. Musliimonni nyaata lagannaa kan ashuuraa (faasikaa) soomu turan.[2] Muhammad halkaniin haala ajaa’ibsiisaan gara mana qulqullummaa Yerusaalemii imaluu isaanii seenaan ibsu ni dubbatame (17:1). Garuu qubaan kan lakkaayamaniin kan hafe Yihuudonni akka nabiyyiitti Muhammadiin sababa fudhachuu dhiisuu isaaniin yaaliin kun hundi akkasumaan ta’ee hafe. Kanaafuu mul’anni ittiin ajaa’ibsiifamu kun gara abaarsaafi gara ga’isuutti jijjiirame (Suuraa An-Nisaa’ii 4:46). Qiiblaan gara Yerusaalemii ture gara Makkaatti deebi’e (Suuraa Al-Baqaraa 2:142-144). Nyaata lagannaa kan Ashuuraa (faasikaan Yihuudii) ramadaaniin bakka buufame. [3] Namoonni qomoo Yihuudii ta’an Allaatiin abaramanii gara jaldeessaafi booyyeetti[4] akka jijjiiraman keeyyatoonni dubbatan “buufamaniiru” jedhameera (7:166, 2:65, 5:60). Yihuodonniifi Kiristaanotiin salphatanii gibira (Jiiziaa) hanga kaffalanitti loluun barbaachisaa akka ta’e dubbateera (Suurat At-Tawbaa 9:29).

Bara Muhammad qomoon Yihudota jabaa ta’an hedduun Araba jiraachaa turan, garuu waraanni jihaad Muhammadiin qindeeffame badii jechaan ibsamuu hin danda’amne isaan irratti raawwateera, rakkina guddaaf isaan saaxileera:

Banii Qayinuuqaa’a– Muhammad waraana Badir irratti sababa injifannoo gonfachuu isaaniin loltoota isaanii baratti haamileen ture ol ka’aadha. Banii Qayinuuqaa’aan qomoo Yihudi kanneen daangaa Madiinaa isa dhumaarra jiraatan turan. Hojii warqee baqsuun waan jiraataniif abbaa qabeenyaa ta’uun isaanii hin hafne. Muhammad dhiyeenyatti waraana Badiir irratti kan isaan mo’atan Quraayishoota waliin ta’aniiru sababa jedhuun dubbii isaan barbaadu eegalan. Musliima durbaa tokkoofi Yihudii dhiiraa tokko gidduutti wal-dhabdee uumameen musliimni dhiiraa inni biraan nama Yihudii ajjeesuu isaafi Yihudiinis nama Musliimaa sababa ajjeesuu isaaniin Muhammad loltoota erguun isaan marseera. Qayinuuqaawotiin Abdallaah Biin Obay kan jedhamu hogganaa qomoo Hazraaj waliin hiriyaa waan turaniif isaan oolchuuf dhufuu akka danda’u yaaduun marfamuu sana to’atanii turaniiru. Garuu Abdallaan yeroon isaaniif ga’uu waan hin dandeenyef humni isaanii jalaa dhumee mo’amaniiru. Muhammadis harki isaanii gara duubaatti hidhamuun lafa dahannaa isaanii keessaa akka ba’an abboomaniiru. Ajjeefamuufis fuula “nabiyyi”tti dhiyaatan. Garuu Abdallaan yeroo dhumetti dhufee cimsee Muhammadiin kadhachuu isaatiin du’a isaaniif qopheeffame jalaa ba’aniiru. Mormi isaanii qalamuu irraa yoo hafeyyuu garuu qabeenyi isaanii saamamee biyyaa ari’amuurraa ooluu hin dandeenye.[5]

Banii Nadiir– Muhammad qomoo Yihudii kana waliin nagaan jiraachuuf waadaa nageenyaa galaniiru turan. Humni waraana isaanii ega jabaatee booda garuu waadaa isaanii diiguun kanneen Makkaa waliin ta’aniiru. Akkasumas nabiyyii ajjeesuuf  fakkeessitoota Madiinaa waliin shira godhaniiru kan jedhu sababa uumanii waxabajjii 4 bara 625 waraana isaanii isaaniitti erganiiru. Jihadistoonni musliimaas qabeenya Yihudotaa balleessuufi ija biqilaa isaanii kutuu jalqaban. Badiin qabeenya isaaniirra ga’e sodaachuu isaaniin Yihudonni harka kennuun kan hafe filannoo biraa hin qaban ture. Haal-duree Muhammad kaayaniin meeshaa waraana isaanii kennuun biyyaa godaanuuf walii galan. Magaala Madiinaa ishee jaallatan gadi dhiisuun harka isaanii duwwaa gara miilli isaanii isaan geessutti imalaniiru. Jihaadistoonni musliimaas qabeenya isaanii saamaniiru, lafa isaanii hirataniiru.[6]

Banii Qurayizaa– Banii Nadiir irratti yommuu haleellaan geessifame “Muhammad waliin waligaltee nageeenyaa qabna” kan jedhu amanamummaa yaraa ta’een otuu isaan hin gargaariin hafan. Kunoo, carraan isaanii waggaa lama boodaa isaan irra ga’e.  Muhammad loltoota 3000 fi fardeen 36 of duuba buusuun battalatti ganamaan mul’atan. Torbee lama yokiin sadii booda Banii Qurayizaan harka laataniiru. Dubartootaafi daa’imman dabalatee lakkoofsi isaanii gara 2000 ta’u turan. Kanneen dhiiraa dubartootaafi daa’imman irraa adda baafamuun harki isaanii gara duubatti hidhamee akka dhiyaatan godhame. Murtoon nabiyyi inni gara-laafina fakkaatu maaltu ta’uu akka qabu akka murteeessuuf namni Sa’aad Iibin Mu’aaz jedhamu abbaa murtii godhanii muudaniiru. Iibin Mu’aaz yeroo sanatti xiyya nama Yihudii tokkoon darbatameen madaa’ee waan tureef lapheen isaa ijaa baasuutiin guutamee ture. Carraa kanaan murtoo du’aa baay’olii irratti murteessuuf itti fayyadame. Yihuudonni kanneen dhiraa dhibba saddeetii hanga dhibba sagaliitti tilmaaman harki isaanii hidhamee bakka daldalaa gara Madiinaa akka dhufan godhame. Musliimonni halkaniin boolla yommuu qotan Yihudonni kun yaaddoo keessa ta’anii araara gaafatu turan. Nabiyyiin guyyaa itti aanutti tuuta isaa waliin dhufanii taa’an. Yihudonni murtoon du’aa itti murteeffames lakkoofsan ja’a ja’aan ta’anii gara boollaatti akka dhiyaatan ega godhamee booda mormi isaanii qalamee boolla keessatti awwaalamaniiru. [7]

Weerara Haayibar– Hayibariin naannoo gammoojjii biyya arabaa keessatti kan argamu yoo ta’eyyuu lallisummaa isaatiin beekama ture. Bakka argama burqaa bishaanii hedduu sababa ta’uu isaatiin mukeen ija godhatan hedduminaan itti argamu turan. Ji’a fulbaanaa bara 628, Muhammad loltuu jihaad 1,600 waliin battala mul’atan. Yihuudonni hojii isaanii kan idileef ganamaan yommuu ka’an, “gara-laafina nabiyyiin” kan hogganamu loltuun jihaad akka bishaan badiisaa isaanitti dhufe. Kanneen dhiiraa jireenya isaaniifi kan maatii isaanii badii loltoota shororkeessitoota kan kutaa jaarraa torbaffaa araara gochuu hin beeknerraa oolchuuf jabaatanii yoo qabsaa’aniyyuu, humna gitu waan isaan hin qabneef mo’atamaniiru. Hogganaa isaanii kan ture dargaggeessichi Kinaanaan in qabame. Kinaanaan abbaa qabeenyaa ta’uu isaa Muhammad beeku turan. Yeroo cidha isaatti kennaa warqee hedduu akka fudhateefi jiraattota Makkaadhaaf akka laate odeeffannoo qabu turan. Garuu bakka taa’umsa warqee eessa akka dhokse waan isaan hin beekneef akka inni dubbatuuf Zubaayir kan jedhamu isaan waliin kan deemu, isaafi ilma eessuma isaa akka rakkisaniif abboommii laatani. Zubaayir sibiila batteen ibidda laphee isaaniirra kaa’uun baay’ee isaan rakkise. Xummura irrattis qabeenyi kun eessa akka dhokfame ega dubbatanii booda akka qalaman “nabiyyiin gara-laafessi” abboomaniiru. Kinaanaan haadha manaa miidhagduu Soofiyaa jedhamtu qabu turan. Muhammadis dargaggeetti waggaa 17 kana haadha manaa isaanii akka isheen taatuf fudhatan. Yihudonni du’arraa hafanis waadaa ziimaa galuun garba godhaman.[8]

Muhammad mul’ata isaanii gatii kan dhabsiisan Yihudota, lubbuu baastota erguun ajjeessisu turan. Fakkeenyaf Abu Afaak kan jedhamu umuriin isaa 120 kan ture jaarsi lammii Yihudii mul’ata Muhammad gatii dhabsiisuu isaatiin lubbuu baastuu Saliim Biin Umayir jedhamuun ajjeefameera.[9] Dubartii Asima Biint Marwaan jedhamtu sababa wal-fakkaataan Umayir Bii Aadii Al-hatmii jedhamu lubbuu baastuu Muhammad irraa ergameen ajjeefamteetti.[10] Kaa’ib Biin Al-ashiraaf kan jedhamu namni hubataa lammii Yihudii, hordoftuu nabiyyichaa Muhammad Biin Masilamaa jedhamuuun akka ajjeefamu godhameera.[11]

 


[1] Haammattuu keessa kan jiru barreeffam afaan Arabaa keessatti hin argamu

[2] Sahih al-Bukhari, Vol. 3, Book 31, Number 222

[3] Sahih al-Bukhari, Vol.3, Book 31, Number 116

[4] Leellistoonni musliimotaa yeroo baay’ee Yihuudotaan “Booyyee” (Hanziir) jechuudhaan yommuu waaman kan baramedha.

[5] Guillaume. The Life of Muhammad; p. 363

[6] Ibid., p. 437

[7] Ibid., p. 461

[8] Ibid., p. 461

[9] Ibid., p. 510

[10] Alferd Guillaume. The Life of Muhammad: A Translation of Ibn Ishaq’s Sirat Rasul Allah; 1955,p.306

[11] Sahih al-Bukhari, vol. 5 Hadith Number 369

 

SHORORKEESSUMMAA