Seenaa Gabaabaa Islaamummaa

3. Seenaa Gabaabaa Islaamummaa

Du’a Muhaammad Booddee

Muhaammad kan du’e bara 632 W.A. (waggaa araaraa) yoo ta’u Kaalifa (dura bu’aa hawaasa Musliimaa) Abu Bakariin bakka bu’e. Innis hordoftoota Muhaammaditti dhihaatan keessaa isa tokko ture. Abu Bakar Islaamummaa Arabiyaan ala babal’isuu waan barbaadef biyyoota naannoo sanaa waraanuu jalqabe. Abu Bakar bara 634 W.A. erga du’ee booda Umar nama jedhamuun bakka bu’e. Umar immoo bara 644 irratti ajjeefamee Usmaan nama jedhamuun bakka bu’e. Usmaanis bara 656tti akkasuma ajjeefamee Aliidhan bakka bu’e. Sababa namoonni tokko tokko Aliin dura bu’aa akka ta’u hin barbaannef haalli kun Islaamummaa keessatti gargar ba’iinsa guddaa uume. Aliinis hamma ajjeefamutti waraanni waliinii (civil war) waggoota shaniif adeemsifame. Alii fi sanyii isaa akka dura bu’aatti kan fudhatan Musliimonni lakkoofsan muraasa ta’an Shi’aa jedhamanii beekkamu. Gareen Musliimotaa harka baay’en immoo Sunnii jeedhamanii beekkamu.

Wal diddaa, ajjeechaa, wal waraansa fi shororkeessummaa irraa kan hafe Musliimonni bara sana gara duubaa garagalanii ilaalun bara bareedaa Islaamummaa (golden age of Islam) jedhanii waamu. Akkasumas bara kana bara Kaalifoota qajeelan adeemanii jedhanii waamu (Kaalifoonni afran jechuun Abu Bakar, Umar, Usmaani fi Aliidha).

Islaamummaan ni Babal’ate

Musliimonni yeroo kana seenaa isaanii keessatti bara bareedaa Islaamummaa jedhanii sababni isaan waamaniif inni tokko Islaamummaan bara saffisaan itti babal’ate waan tureefidha. Kaalifoonni afran raayyaa isaanii Musliima ta’e fayyadamuudhan naannolee baay’ee bal’oo ta’an ni waraanan. Bara isaanii Islaamummaan gara Paalastaayin, Sooriyaa, Iraaq, Parshiyaa, Misir (Egypt) fi Afrikaa Kaabaa babal’ate. Naannoleen kunneen baay’een hawaasa Kiristiyaanaa cimaa kan qaban yoo turan weerara shororkeessummaa Musliimotaatin dadhabanii jiru.

Babal’inni Islaamummaa kun kan ilaallamaa ture akka waraana Qulqulluu yookan jihaadatti ture. Musliimonni kan amanan Waaqni namoota hundaa akka Islaamummaadhaf bitaman taasisuuf akka isaan ajajeedha. Si’a tokko naannon tokko erga injifatameen booda namoonni murtaa’an Arabiyaa irraa garas akka adeeman ni taasifama ture. Kunis Islaamummaan guutumaa guututti naannicha too’achuu isaa mirkaneeffachuuf ni gargaara ture. Bara 750 W.A. tti bulchiinsi Islaamaa karaa dhihaatin Ispeeni fi Morookodhaa hamma Chaayinaa fi Hindii karaa dhihaatin diriiree ture. Bulchinsi Islaamaa billaadhan kan babal’ate ta’uun isaa baay’ee ifadha. Namoonni Islaamummaadhaf ofii isaanii kennuu didan baay’en isaanii ajjeefamanii jiru. Biyyoota baay’ee keessatti namoonni Islaama hin taane garboota taasifamanii yookan akka lammii lammataatti lakkaa’amanii turan. Jaarraalee sanatti fufanii jiraniin biyyoota baay’ee keessatti motummaalee Islaamaa danuun ka’anii kufanii jiru.

Jaarraa 12ffaa keessa Islaamummaan gara biyyoota kibba dhiha Eeshiyaatti biyyoota Maaleezhiyaa, Indooneezhiyaa fi Taaylaand har’aa dabalatee babal’atee jira. Daandileen daldalaa fi dooniwwannii heddu too’annoo Musliimotaa jala oolanii turan. Musliimonni mataan isaanii daldala garbaa irratti baay’ee xiyyeffatu turan. Musliimonni heddu garba qabuu fi Islaamummaa babal’isuudhaf gara Afrikaa imala adeemsisanii jiru. Buufanni dooniwwanii fi daandiwwan daldala garbaa durii Afrikaa keessatti argaman amma Musliimonni kan irra jiraataniif kanaafidha.

Jaarrawwan 14ffaa dhaa hanga 16ffaa tti bulchiinsi Musliimotaa “Otomaan” eddoo barame irraa gara Turki ammaa, gara Awrooppaa babal’ate. Bulchiinsi Kiristiyaanotaa baay’en Otomaanotaan weeraramanii kan injifataman bulchiinsi Otomaan gara Awrooppaa, baha giddu galeessaa fi Afrikaa giddu galeessatti yeroo babal’achaa turetti. Bulchiinsi Otomaan yeroo jabina isaa Awrooppaa keessatti kan argamtu Ostiriyaa irraa kaasee Turki bira darbee Meeditiraaniyaanii bahaa qabatee hanga Afrikaa Aljeeriyaatti babal’atee ture. Bulchiinsi Turki Otomaan waraana addunyaa isa jalqabaa irratti erga injifatamee booda dhumateefii jira.

Kiruseedota (Lola Fannoo)

Baroota Islaamummaa isaan jalqabaa irratti ariitii babal’inaa Islaamummaan gara naannolee Kiristiyaanatti taasisaa ture ilaalchisee Kiristiyaanonni baay’en heddu dhiphachaa turan. Biyyi qulqullittii fi naannoleen Kiristiyaanaa kan akka Sooriyaa, Misir, Afrikaa kaaba fi Ispeen too’annaa Islaamummaa jala turan. Mootummaan Kiristiyaanaa Biizaantaayin waltajjii gosoota musliimota Turkii akka ta’uuf haleellan irra ga’aa ture. Faransaayi fi Poorchugaalis dhiibbaa guddaa keessa turan. Wanti tokko yoo hin godhamin Awrooppan guutun Islaamummaa jalatti kan kufu fakkaata ture. Kiristiyaanonni naannolee injifataman keessa turan weerartotaa fi haleeltota Islaamaa jalaa akka isaan baraaran obboleewwan isaanii Kiristiyaanota Awroppaa keessa turanitti ni watwaatu tuan.

Bara 1096 Kiristiyaanonni Awrooppaa keessa turan dhuma irratti wanta tokko gochuuf murteessan. Haaluma kanaan ari’atama Kiristiyaanota baha giddu galeessaa keessa turan dhaabsisuuf humna waraanaa ergan. Kuni Kiruseeda isa jalqabaa ture. Waggoota 200 keessatti walumaa galatti Kiruseedonni 9 adeemsifamanii jiru. Jalqaba irratti Kiristiyaanonni kunneen milkaa’anii turan. Garuu suuta suutan dhuma irratti Musliimonni eddoowan irraa fudhatame, Yerusaalemin dabalatee fudhatanii jiru.

kiruseedonni Kiristiyaanotaafis ta’ee Musliimotaaf yeroo fincila guddaa ture. Yeroo waraanotaa kanneen wantoonni sukkanessaa ta’an heddu raawwatamanii jiru.

Kiruseedota ilaalchisee, Kiristiyaanotaa fi warra Awrooppaa itti gaafatamtoota gochuuf, Musliimonnii fi warri dhihaa heddu ariifatoodha. Yeroo baay’ee wanti Musliimonni dubbatan raayyan Awrooppadhaa dhufe isaan waraanuf yemmu itti duuletti, isaan akka nagahaan jiraachaa turaniidha. Yeroo baay’ee Musliimonni Kiristiyaanonni waa’ee Kiruseeditiif dhiifama isaan gaafachuu akka qaban ni dubbatu. Kana irraa ka’uudhanis Kiristiyaanonnii fi warroonni dhihaa wanta kana irratti dhiifama gaafachuuf baay’ee ariifatu. Biyyoonni Musliimaa garuu deebii dhiifamaa tokkollee godhanii hin beekan. Kunis naannolee Kiristiyaanaa irratti dursanii kan weerara geessisan isaan ta’uun isaanii akkuma eeggametti osoo jiruuti. Akka dhugaatti Kiruseedonni jihaada Musliimonni jaarralee dheeraf godhaniif, weerara lafa Kiristiyaanotaatif akkasumas ari’annaafi ajjeechaa Kiristiyaanota irratti raawwataniif baay’ee turanii kan adeemsifaman haleellaawwan harka deebii turan.

Islaamummaa Yeroo Ammaa

Yeroo ammaa kana Islaamummaan addunyaa irratti Kiristiyaanummaatti aansee hordoftoota baay’ee qabaachudhaan amantaa isa lammaffaadha. Haaluma kanaan Musliimonni lakkoofsi isaanii biliyoona 1.4 ol ta’u addunyaa irra ni jiraatu. Namoota addunyaa keessa jiraatan 4 keessa 1 Musliima ta’us kanneen keessaa 15% gadi kanta’an Araboota. Musliimonni harka baay’en kan jiraatan Afrikaafi Eeshiyaa kibbaa keessatti. Biyyoota addunyaa keessatti argaman 50 keessatti lakkoofsan kan baay’atan Musliimotadha. Dhaabbata gamtaa Musliimotaa (OIC) jedhamu keessatti biyyoonni miseensa ta’an 50 ni argamu. Biyyoota kanneen keessaa tokko tokko kan Musliimonni keessatti baay’atanii miti. (OIC)n gamtaalee mootummootaa addunyaa irratti argaman keessa Gamtaa Mootummoota Wal Ta’aniitti aansee guddinaan isa lammaffaadha. (OIC)n cimaa fi dhaabbata dhagahamtii qabu yoo ta’u biyyoota miseensa ta’aniif faayidaa siyaasa fi diinagdee ni kenna. Afrikaa keessatti qofa biyyoonni 30 kan Musliimni itti baay’atu yookan miseensota (OIC)ti. Lakkoofsi Musliimota Afrikaa gara biliyoona walakkaatti dhihaatee jira. Kana jechuunis ardicha keessatti baay’ina uummataa argamu keessaa walakkaadha jechuudha.

Yeroo ammaa kana Islaamummaan kan babal’atu daldalaan, siyaasadhan, jijjiirraa seeratiin, baay’inaan biyya gadhiisanii godaanudhaan, gaa’elaan, amantaa jijiirudhaan, haalota tokko tokkoon immoo shoroskeessummaa fi balaa geessisuudhan (humna fayyadamuudhan) kan kana fakkaataniidha. Biyyoota harka qalleeyyii keessatti yeroo baay’ee gargaarsa maallaqaa gochuudhan namoonni gara Islaamummaa akka jijjiiraman ni godhu.

Biyyoota isaani fi naannoo isaanitti jabeenya fi lakkoofsa baay’ee qabaachuf Islaamummaan karaalee itti fayyadamu Kiristiyaanonni beekuu qabu. Akka Kiristiyaanotaatti naannoo keenyatti dhiibbaa Islaamummaa fuul dura dhaabbachuuf kadhachuu fi Waaqa biraa ogummaa fi jabeenya gaafachuun nurra jiraata. Nutis daldala, barnoota, siyaasa fi odeeffannoo tamsaasuu  dandeettiwwan fakkaatan irratti hirmaachuf kaka’uu qabna. Kana yoo goone eddoo hunda irrattuu waa’en Kiristiyaanotaa bakka bu’ama jechuudha. Yeroo ammaa kana Islaamummaan addunyaa irratti kan babal’achaa jiruuf Kiristiyaanonni hawaasa keessatti akka barbaachisutti waan hin hirmaannefi. Haata’u malee nuti yeroo hundaa nageenya fi karaa Kiristosin socho’uu fi Musliimotaaf wanta goonu hundaan jaalala itti agarsiisuu qabna.

Matewoos 28:18-20 dubbifadhaa

Ajajni guddaan Gooftan keenya Yerus Kiristos nu barsiise Waaqayyo Gooftaa onnee, sammuu fi lubbuu keenya hundaan akka jaalannuudha. Akkasumas ollaa keenya akka ofii keenyatti akka jaalannudha. Itti aansunis Gooftan Yerus kan nutti hime sagalee misiraachoo isaa biyyoota lafa irra jiran irratti labsuuf akka adeemnu angoo akka nuuf kenneedha. Gooftan Yerus akka goonu kan nu ajaje kana hunda namootaf barsiisuu qabna. Kunis jaalala isaanif qabnu ni agarsiisa. Ergaa isaatis yemmuu dabarsinu jaalalaan gochuu akka qabnu gooftan Yerus nu ajajee jira. Luqaas 4:18 irratti gooftan Yerus kan dubbate warra hidhaman bilisa baasuf gara biyya lafaatti akka dhufeedha.

Gaafilee hubannaa fi maariidhaf gargaaran

  • Kaalifoonni afran qajeelan adeeman jedhaman eenyu fa’i?
  • Yeroowwan Kaalifoonni itti bulchaa turan Musliimonni maal jedhannii waamu?
  • Sababn isaan yeroo sana akkas jedhaanii itti waaman maal isiniitti fakaata?
  • Warra Musliima hiin taane irratti akka raawwatan Waaqayyo akka isaan ajaje Musiliimonni kan amaanan maali?
  • Musliimotaan waraanamannii erga injifatamanii booda Kiristiyaanonnii fi uummatoonni biroo haala akkamitin qabamu ture?
  • Baay’inni Musliimota addunyaa harka dhibbaan hammam ta’a?
  • Naannon tokko erga injifatamee booda Araboonni heddu maal godhu turan?
  • Islamumman Afrikaa keesstti kan baba’late haala akkamittin ture?
  • Waraanni Fannoo (Kuruseedin) haala akkamitiin adeemsifame ture?
  • Waraanni Fannoo godhamuu isaatti Musliimonni Kiristiyanota irratti himannoo kan dhiheessan maalif isinitti fakkaata?
  • Waa’ee Kiruseedii wanti nuti yaadachuu qabnu maali?
  • Bulchiinsi Otomaan hammam bal’ata ture?
  • Otomaanonni dhuma irratti kan injifataman yoom ture?
  • Addunyaa fi Afrikaa keesstti biyyoota Musliimaa hammamtu argamu?
  • Yeroo ammaa Islaamummaam babal’achaa kan jiru haala akkamiitini?
  • Islaamummaan Afrikaa keessatti yemmuu babal’atu isin kan agartan yookin kan habattan barannoon keessan maali?
  • Matewoos 22:34-40 akkasumas Matewoos 28:18-20 dubbifadhaa. Akka Kiristiyanotaatti gooftan Yesus mootummaa issa haala akkamiitin akka babal’isnu kan nutti hime? Kuni babal’ina Islaamummaa irraa adda kan ta’u akkamitti?

 

IFA – Baafata