Biyyoota Islaama Hintaane Islaamessuu

Biyyoota Islaama Hintaane Islaamessuu

Boqonnaa kana keessatti wantoonni eeraman harki caalan jalqaba irratti isin naasisuu danda’u. Kayyon boqonnaa kanaa soda, daallansuu yookin abdi kutannaa kakaasu miti. Kaayyon isaa wal-bira qabiinsan Musliimonni Mankaraaressitoota (leellistoota) ta’an tokko tokko biyyoota Islaama hin ta’in keessatti humna argachuuf karoorawwan isaan baasan ilaalchisee dhugaa hanga tokko mul’isuufidha. Boqonnaa kana yemmuu dubbisnu Waaqayyo hunda danda’aa akka ta’ee fi yoo isatti abdanne sodaachuu akka nuti hin qabne yaadachuuf carraaquu qabna. Inni Musliimota dabaltee namoota hundaa ni jaallata. Isa akka Gooftaa fi Fayyisaa isaanitti akka beekan ni barbaada. Fakkeenyummaa Kiristoos yoo hordofne boqonnaan kun nu keessatti soda, dallansuu fi jibba fiduu irra jaalala Waaqayyoo akka beekaniif fedhii Musliimotaaf ragaa ba’uu nu keessatti kakaasuu qaba. Boqonnaalee itti fufanii jiran keessatti Musliimotaaf akkamitti ragaa ba’uu akka qabnuu fi dhuunfaa isaanitti Kiristoos gara beekutti akka ga’aniif akkamitti akka isaan gargaarun nurraa eegamu ni baranna.

Boqonnaalee darban keessatti akkuma ilaalle kaayyon amantaa Islaamaa amanticha gara Addunyaa guututti tamsaasudha. Boqonnaa kana keessatti immoo biyyoonni Islaama hin taane akka Islaamawaniif Musliimonni mankaraaressitoota ta’an tooftaalee ifa ta’an kan akkamii akka fayyadaman ni ilaalla. Yeroo tokko tokko Kiristiyaanonni biyyuma ofii isaanii keessattiyyuu tooftaalee Musliimonni itti fayyadaman hin beekan.

Muuxannoo Afrikaa Kibbaa Irraa Argame

Afrikaa Kibbaa keessatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa barattoonni Kiristiyaanaa lakkoofsi isaanii gara kuma tokko (1000) ta’u itti barachaa turan ni jira ture. Barattoonni kadhannaa, galataa fi waaqeffannadhaf walitti ni sassaabamu turan. Balbala mana barumsichaa irraatti manni barumsichaa fi barattoonni keessatti baratan hordoftoota Kiristoos akka ta’an kan labsu mallattoon ni afarsama. Manni barumsichaa kan hogganamu bulchiinsa maatiwwanii fi jiraattota naannoo irraa walitti ba’een yemmuu ta’u waggoota kudhanii oliif dura taa’aa Kiristiyaana ta’e ni qaba ture. Dura taa’aa filachuudhaf yeroo filannoon waggaa itti ga’u maatiwwaan baay’een namichumti inni duraa akka filatamu waan yaadaniif filaannicha irratti hin argamne. Filannichi gaggeeffamuu isaatin daqiiqaa muraasa dura Musliimonni lakkofsi isaanii jahaatama (60) caalu gara mana barumsichaa dhufan lakkoofsaan matilee Kiristiyaanotaa caaluu isaanii irraa kan ka’e dura taa’aa Musliimaa ta’e filachuu danda’an.

Torban tokko booda kadhannan kiristiyanaa fi waaqeffannan ni dhoorkaame. Mallattooleen beeksisoonni fi barreeffamooni Kiristiyaanaa eddoowwan fannifamanii ni bu’an. Baatii duraa irratti bulchaan mana barumsiichaa kan Kiristiyaana ture eddo isaa irraa ka’ee Musliiman bakka bu’e. Waggaa duraa keessaatti martinnu (hundinuu) jechuun hanga danda’amutti barsiisotonni Kiristiyaana ta’an hojii irraa ni ari’aman. Waggaa lama keessatti manni barumsichaa mana barumsa Kiristiyaanaa iraa gara mana barumsa Islaamatti jijjiirame. Magaalaa dhiheenya irratti argamu tokko keessaa mannen barnootaa Kiristiyaana ta’an 15 caalan irratti garewwan Musliimaa gocha wal-fakkataa raawwachuudhaf yaalii taasisanii jiru.

 

“Hawaasichi si’a tokko sirritti erga dhaabbatee booda dursitoonni abbootin angoo Musliimotaaf akka hawaasa amantaa of danda’aniitti akka beekkamtii kennaniif carraaqutu isaan irra jira. Hawaasichi si’a tokko beekkamtii yoo argate immoo haawasonni amantaa biroo biyyaattii keessatti mirga qaban akka horatu gaafachuu isaa itti fufuu qaba. Dhuma irrattis hawaasichi kutaa hawaasaa biyyattii keessatti argamu keessatti qaama tokko waan ta’eef mirgoota siyaasaa gonfachuuf qabsaa’utu isa irraa eeggama. Si’a tokko mirgoota kanneen harkaa keessa yoo galfate hawaasni kun biyyichi guutun amantaalee isaa akka dhaalu gochuuf jabaatee hojjeta” M. Ali Kettani, Problems of Muslim Minorities (London Islamic Council of Europe, 1980) fuula 105

 

Hawaasa Islaamessuu

Musliimonni haala baratamaadhan hawaasa Kiristiyaanni itti baay’atu gara hawaasa Islaamatti jijjiruf tooftaalee ittiin yaalan keessatti adeemsawwaan afurtu jiru. Isaan sadan jalqabaa fuulawwan da’awwaa (ergama Islaamaa) ti. Adeemsi Afraffaa fi, si’a tokko tokko barbaachisaa ta’ee kan hin argamne immoo akaakuu jihaadaa tokkodha.

Muslims Buying Land in Africa Musliimotaan Bittaa Lafaa Afrikaa Keessatti Biyyoota Addunyaa keessatti argaman keessaa Afrikaa keessatti biyyoonni bittaa lafaa gaggeessan gurguddoon Sa’udii Arabiyaa, Kuwaataar United Arab Emirates fi Kuweetidha. Biyyoonni Musliimaa, biyyoota Afrikaa lafa harka caalu keessatti bitatan keessaa Sudaan, Keeniyaa, Naayjeeriyaa, Taanzaaniyaa, Malaawwii, Itiyoophiyaa, Koongoo, Zaambiyaa, Ugaandaa, Madagaaskaar, Zimbaabwee, Maalii, Seraaliyoon akkasumas Gaanaan keessatti ni argamu. Dabalataanis dhaabbileen Musliimaa karaa baankii misoomaa Islaamatiin dolaara biliyoona tokko caalaa dhangaalaasudhaan Senegaal, Maalii, Sudaanii fi Ugaandaa keessatti lafa bituun hirmaatanii jiru. Musliimonni dureeyyii ta’anis lafa bitatanii jiru. Namoota dureeyyii Addunyaa keessatti argamaan 50 keessaa isa tokko kan ta’e Sheek Muhaammad Alaamuddii Itiyoophiyaa keessatti qofa bittaa lafaatif qarshii biliyoona lama baasee jira.

 

Dammaqqii Sammuu Islaamummaa Uumuu

Hawaasni Musliimaa Addunyaa ‘‘Ummaa’’ jedhameet beekkama. Ummaan Musliimotaaf akka biyya isaanitti lakkaawama. Hawaasa Kiristiyaanni itti baay’atu Islaamessuuf adeemsi jalqabaa namni hundinuu Musliimonni naannoo sana keessa jiraachuu isaanii akka hubatan gochuudha (itti of agarsiisudhaan). Musliimonni biyyoota Islaamaa kan akka Iraan, Sa’udii Arabiyaa, Paakistaani fi biyyoota Musliimaa biroo irraa gara Afrikaa dhufuudhan Musliimonni amantaa Islaanii jabeessanii akkamitti akka qabachuu danda’an ni barsiisu. Haala akkanaa kanaaf mallattoon inni jalqabaa Muslimonni Afrikaa uffata Islaamaa, fakkeenyaaf, dubartoonni ‘‘hijaaba’’uffachuu jalqabuu isaaniti. Musliimonni uffata akkaanaa kana kan uffataniif warra isaan ilaalanitti (uummata Islaama hin taanetti) isaan miseensotaa Ummaa akka ta’an beeksisuufi.

Dhaabbilee Islaamaa Uumuu

Adeemsi itti aanu immoo dhaabbilee Islaamaa fi manneen barnootaa dhaabudha. Kunneenis manneen barnoota islaamaa yookin qindaa’inaa fi dhaabbilee ta’uu ni danda’u. Dhaabbata daldaltoota Musliimaa akka fakkeenyatti kaasuu ni dandeeny.  Kanneen biroo immoo dhaabbilee ergama Musliimaa (da’awwaa) fi dhaabbilee gargaarsa Islaamaa ta’uu ni danda’u.

Ijaarsaalee Hawaasaa fi Siyaasaa Keessatti Hirmaachuu

Dhaabbileen kunneen erga qindaa’anii booda iddoowwan taayitaa naannawaa fi biyyoolessa ta’an akkasumas barcumoota motummaa irratti iddoo argachuudhaf ni socho’u. Seeronni naannolee fi biyyoolessaa kutaalee Shari’aa (seera Islaamaa) akka of keessatti qabatan gaafachuu eegalu. Si’a tokko tokko Musliimonni bakka bu’oota uummata lakkofsan muraasa ta’ee kan ta’an biyyi tokko fedhii Musliimota lakkoofsaan xinnoo ta’anii guutudhaaf jecha seerota ishee akka jijjiirtu dhibbaa cimaa ni geessisu. Sirrumatti (Musliimota lakkoofsi isaanii muraasa ta’e) dabalatee mirgaa fi walabummaa gareewwan lakkoofsaan xinnoo ta’anii eeguun barbaachisaadha. Haata’u malee gareewwaan Mankaraaressitoota ta’an xinnoon warra Musliima hin taane caalaa warra Musliima ta’aaniif akka toluuf jecha seeronni akka jijjiraman dhama’uun isaanii balaa uuma. Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u bara 2010 (lakkoofsi isaanii uummata guutuu keessaa harka 10 qofa kan ta’an) Musliimonni Keeniyaa seerri mootummaa manneen murtii Shari’aa Kaadihii jedhamanii waamaamaniif biyyattii gutuu keessatti beekkamtiin akka kennamu gochuu danda’uu isaaniti. Haala kana irraa kan ka’e mirgii fi walabummaan namoota keeniyaa keessa jiraatanii balaa irraa bu’ee jira.

Fakkeenyaf dubartoonni Musliimota ta’an sababa tokko malee abbootii warraa isaanitiin hiikamuun irra gahuu ni danda’a; akkasumas ijoollen isaanii irraa fudhatamuu ni danda’u. Ugaandaa keessatti Kiristiyaanonni manneen murtii kaadihii seera motummaa biyyattii keessatti gahee bal’aa ta’e akka hin qabaanne dhaabsisuu danda’anii jiru.

Doorsisuu Yookin Humna Fayyadamuun Haleellaa Geessisuu

Waggoota dhihoodhaan asitti Afrikaa keessatti Musliimota mankaraaressitoota ta’aniin gochi haaleellaa fi shororkeessummaa godhamu haala yaadachisaadhan ariitidhaan dabalaa dhufee jira. Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa fi Naayjeeriyaa dabalatee biyyoota baay’ee keessatti haleellaan boombii gahee jira. Finciloonnis kan baramaniidha. Kanaafidha haleellaan Islaamaa akkamiyyuu biyyittii keessatti osoo hin raawwatamin biyyoonni baay’een jijjiiramoota gaafatan hunda Musliimonni akka argatan kan hayyamaniif. Musliimonni tokko tokko gochaalee haleellaa kanneen cunqursaa warra Musliima hin taanen irra ga’uuf saaxilamuu isaanii irraa kan ka’e gochoota raawwatan ta’uu isaanii ibsuudhan sababa uumufii yalu.

Hawaasa Islaamaa

Adeemsiwwan Kunneen hunduu Islaamumaa hawaasa tokko keessatti gara humna cimsachuutti isa geessa. Kaayyoon Islaamummaa fi Mankaraaressitoota Muslimmaa inni dhumaa biyyoota hunda bulchuu fi nama hundaa seera tokkoof, seera Shari’aatif akka bitamu gochuu akka ta’e yaadachuun baay’ee barbaachisaadha.

Islaamummaan Afrikaa Keessatti Babal’achuu Akka Danda’u Haalotaa Salphisaaniif

Hiyyummaa

Boqonnaa itti aanu keessatti akkuma ilaallu Musliimonni Afrikaa gutuu keessatti harka garagaasa isaanii diriirsanii jiru. Yeroo baay’ee gargaarsa namoomaa wanti godhaaniif namoota Islaamessuuf yookin motummaa biyyattii yookin hawaasicha irratti Islaamummaan dhiibbaa ol’aanaa akka fidu haala itti hayyamu mijeessufi.

Afrikaan haadha qabeenya addunyaa harkaa 30fi lafoota babal’oo hin misoominiiti. Dursitoonni Musliimaa tokko tokko keessumattuu qabeenyi addunyaa yeroo itti gadi xinnaachaa dhufaa jiruuttii fi hir’inni nyaataa addunyaa itti hammaachaa yeroo dhufe kanatti qabeenyota Afrikaa akaakuu isaanitiin baay’ee ta’an too’achuuf ni hawwu. Biyyoonni Islaamaa yeroo baay’ee lafa isaani fi qabeenya isaanii too’achuudhaf akka isaanitiii tolu biyyoota fi dursitoota Afrikaatif walii galteewwaan daldalaa, gargaarsa maallaqaa yookin kenna meeshaalee waraanaa ni dhiyeessuf.

Dabalataanis biyyootaa fi gaggeessitoota biyyoota Afrikaa biratti gita bitamuu fi gabrummaa jibbuu irraa kan ka’e dabalaa kan dhufe ejjennoon farra warra dhihaa babal’atee jira. Akkasumas waraanota akka mallattoo Impeeriyaaliiziimii warra Awrooppaa godhanii gaggessitoota Afrikaa ilaalan biratti waraanonni biyyoota dhihaatin hogganamuun Iraaqi fi Afgaanistaan keessatti gaggeeffaman deeggarsa hin argaanne. Kana irraa kan ka’e biyyoonni Afrikaa tokko tokko balaaleffannaa Addunyaa dhihaatif qaban agarsiisuf biyyoota Islaamaa waliin walitti dhufeenya cimaa uumuu jalqabanii jiru. Irra caalas Ameerikaa fi biyyoonni dhihaa kan biroo teessuma isaanii irra turuuf jecha dursitoota  Afrikaa angoo isaanii seeran ala fayyadaman yookin sarbuu mirga namummaa gaggeessan irratti irra deddebi’uudhan dhibbaa geessisaniiru yookin qoqqobbii irra kaa’anii jiru. Dursitoonni Afrikaa Kunneen yeroo baay’ee gara biyyota sadarkaa eegumsa mirga namuumma ifa ta’ee fi lafa yookin qabeenya yoo kennaniif isaan waliin gamatoomuu danda’anitti fuula isaanii gargalchatu.

Gosummaa

Biyyoota lolli hadhaawan gosummaa keessa ture kan akka Ruwaandaa, Burundii fi Keeniyaa fakkataniif Ummaa yookin hawaasa Islaamummaa tokko jalatti hammatamuun filannoo baay’ee gaarii fakkaatee mul’achuu danda’a.

Kiristiyaanummaa Maqaa

Afrikaanonni harkaa caalan amantaa akaakuu gara biraa waan hin hordofneef qofa ofii isaanii akka Kiristiyaanatti lakkaa’u. Haata’u malee baay’en isaanii Gooftaa Yesus Kiristoos waliin hariiroo dhuunfaa hin qaban. Kiristiyaanota maqaa kanneen keessaa baay’een isaanii gargaarsa namoomaa fudhachuuf yookin Misiyoononni Musliimaa  dirqama jaalalaa keessa waan isaan galchaniif qofa amantaa isaanii gara Islaamummatti jijjiiru. Mataa isaanii guutumaa guututti Islaamummaadhaf bichisiisuu baatanis, qabxiin inni guddaan namoonni Kunneen Kiristoos hordofuu dhiisuu isaaniti.

Keessumattuu dargaggoonni haala hiyyummaa keessa jiraniin jaamuu isaanii irraa kan ka’e, wareera H.I.V. Eedsitiin warra isaanii dhabuu irraa kan ka’e yookin immoo kaayyodhaan gaggeeffamuu fi qaama dhaabbata tokkoo ta’uudhaf fedhii qabaachuu irraa kan ka’e haala kanaaf ni saaxilamu. Islaamummaan fedha isaanii guutudhaaf abdii isaanif gala. Qaama Hawaasa addunyaawaa ta’ee akka of taasisan isaan affera. Akkasumas kaayyoo tokko isaan qabachiisuf; eenyummaa isaanii isaanitti agarsiisu fi carraa barnootaa osoo hin hafin isaanif kennuudhaf isaan sossoba.

Maaltu Nagahee Kiristiyaanotaa (Dhimma Dhabuu)

Dadhabbiin kun Afrikaa keessatti qofa osoo hin ta’in biyyoota addunyaa heddu keessatti kan mul’atuudha.Yeroo baay’ee kiristiyaanonni mormii Islaamummaan biyya isaanitiif yookin hawaasa isaanittif kaa’e hin qalbeeffatan. Wadaalee keessatti dammaqqiidhan hirmaannaa yoo godhan iyyyuu sochii hawaasni yookin motummaan isanii taasisaa jiruuf baay’ee dantaa hin qaban. Mana barumsa Afrikaa kibbaa keessatti argamu irratti haalli raawwatame Kiristiyaanotaaf hawaasa isaanii keessatti haalli walfakkaatan akka hin uumamne  akkekkachiisa ta’uufii qaba. Irraa deddeebi’uudhaan akka mul’atetti Kiristiyaanonni maaltu akka adeemsifamaa jiru osoo hin hubatin dura Islaamummaan gara biyya tokkoo dhufee ofii isaa ijaaree seera fi aadaa isaa namoota biroo irratti fe’uu danda’a. Kiristiyaanonni caalatti dammaquu fi mirgaa fi walabummaa (fakkeenyaf walabummaa amantaa, walabummaa dubbachuu fi walqixxummaa saalaa) Kiristiyaanotaa fi amantaawwaan biroo irratti dhiibbaa fiduu wantoota dandaa’an irratti carraaqqii dhugaa gochu qabu.

Mul’ata 3:14-16 dubbifadhaa Macaafa mul’ataa keessatti Gooftaan Yesus waldaa Laa’odeeqiyaa waa’ee dadhabuu isheetif yookin fedha ishee dhabuu isheetif akeekkaachiisee jira. Bulluqaa (hoo’aa) fi diilallaa’aa gidduu ta’uu isaanii isaanitti ni hima. bulluqaa yookis diilallaa’aa osoo ta’anii akka filatu isaanitti ni dubbata. Kana jijjiiruu yoo isaan hin dandenye ta’e afaan isaa keessa akka isaan tufuutti jiru ni dubbata. Kunis akkeekkachiisawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran keessaa isa tokkodha. Waaqayyo Kiristiyaanota onnee hiramaa qaban hin fedhu. Namoonni isaa isaaf guutumaa guututti kan of kennan akka ta’aanii fi wangeela akka tamsaasan barbaada. Akka Kiristiyaanatti bal’eensawwan hawaasa fi biyya keenyaa hundaa irrati qooda fudhattoota ta’uu nu barbaachisa. Kiristiyaanummaa fi Kiristiyaanotaaf mormiin akkamii akka jiru adda baasudhaan dammaqoota ta’uu qabna. Kiristiyaanonni biyya isaanii bulchuu fi wantoota Waaqayyoof ulfina hin finneen mormuuf erga tokko osoo ka’anii turanii Islaamummaan Afrikaa keessatti ariittii amma tamsa’aa jiruun hin tamsa’u ture. Kiristiyaanota akka ibiddaatti qabanne ta’uu qabna.

 

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Waa’ee mana barumsa Afrikaa Kibbaa kessatti argamuu yemmuu dhageechan maaltu isinitti dhagahame?
  2. Nutihoo kana irraa barumsa fudhachuu ni qabnaa?
  3. Musliimonni hawaasa islaamawaa uumudhaaf yemmuu ka’anitti adeemsa duraa irratti maaltu ta’a?
  4. Adeemsi inni duraa kun biyya keessan keessatti yookin naannoo keessanitti isin qunnamee jiraa?
  5. Biyya keessan keessatti dhaabbilee Islaamaa akkamiifaan dhaabbatanii jiru?
  6. Hawaasa Islaamawaa uumuu keessatti sadarkaa lammaffaan maalinni?
  7. Motummaa keessan seera isaa irratti jijjirama akka taasisu dhiibba kan godhan gareewwan Islaamaa isin qunnamanii jiruu?
  8. Biyya keessan keessatti haleellaawwaan Islaamaa yookin doorsisa haleellaawwanii keessaa kummeen rawwatamanii jiru?
  9. Afrikaa fi Kiristiyaanumaa Afrikaa ilaalchisee Islaamummaa salphumatti akka babal’atu kan taasisan wantoonni gurguddoon shanan maal isaan?
  10. Biyyaa keessan keessatti Waaqayyoof ulfina kan hin finne wantoonni akkamii adeemsifamaa jiru laata?
  11. Wantoota kannen dhaabsisuuf maal gochuu dandeessu isinitti fakkaata?
  12. Mul’ata 3:14-16 duubbifadhaa. Gooftaan Yesus Kiristiyaanonni bu’aa’oo (bulluqaa fi diilallaa’aa gidduu jiran) maal ta’u jedheet nutti hime?
  13. Yeroo ammaa kana nuti Kiristiyaanonni karraawwan akka bishaan bu’aa’aa ittiin taane kamisaan?
  14. Gooftaadhaaf sirritti kan hoo’ine ta’uufii kan dandeenyu akkamitti?

Baafata