Marii Amantaalee Garagaraa Gidduutti Adeemsifamu
Walitti bu’iinsota addunyaa keessatti ka’an keessaa harki caalan wal diddaa amantaa irraa kan ka’e akka uummaman namoonni baay’een ni amanu. Waggoota dhihoo booddee amantaawwan addunyaa irra jiran gidduutti nagaha, waliigaltee fi araara uumuf carraaqqin bal’aan addunyaawwaa ta’e adeemsifamaa jira. Namoonni waa’ee marii hordoftoota amantawwaan gara garaa gidduutti taasifamuu ennaa kaasan yeroo baay’ee wal fakeenya amantaa isaanii yookin wa’ee bu’uura isaanii isa tokko ta’ee haasa’uuf akka walitti dhufan dubbachuu isaaniti. Amantaawwan baay’ee gidduutti walii galteen, walitti hirmaachun aakkasumas walitti dhufeenyi gaarin yoo uumamee gara nagahaatti fiduu fi hojiiwwan haleellaa fi jibbaa balleessuu ni danda’a jedhameet yaadama. Mariin hordoftoota amantaawwan lamaa gidduutti adeemsifamu falmii (mormii) miti. Bakka bu’oonni garaagarummaa ilaalcha isaanii akka dubbatan gonkumaa hin hayyamamuuf. Kan irratti xiyyeeffatan kutaalee walfakkaatan qofa irratti. Yeroo tokko tokko haalli kun gara qindoomina gargaarasa fi Pirojektii hawaasumma yookin immoo yeroo kadhannaa fi waaqeffannaa gamtaatti geessaa.
Kakuu haaraa keessatti waliin dubbii (dialogue) “diyaalogmahi” jedhamee kutaalee itti barreeffame keessatti falmii yaada nama isa dhaggeeffatuu jijjiiruf kaayyeeffamee ademsifamu jechuudha. Jechi kun ergamaan Phawuloos Wangeela tamsaasuf bifa fayyaduun dubbii kan itti taasise hojii Ergamootaa 17:17 irratti caqafamee jira. Waliin dubbiin kana fakkaatu kun har’a hordoftoota amantii garagaraa lama gidduutti baay’ee hin adeemsifamu. Kiristiyannonni namoota waliin mai’ataniif wangeela himuu fi yaada isanii jijjiiruf hin yaalan. |
Macaafni Qulqulluun maal jedha?
Waliin dubbiin akkanaa hordoftoota amantaawwan gara garaa gidduutti taasifamu yeroo har’aa kana marii (dialogue) jedhama. Mariin Macaafa Qulqulluu keessatti nuuf caqafame garuu amantaawwan gara garaa gidduu wal fakeenyota jiran yookin bu’uurawwan wal fakkataa waa’ee barbaaduu osoo hin ta’in namoonni yaada isaanii akka jijjiiran (fakkeenyaaf, namoonni Kiristiyaana hin taane gara Kiristiyaanummaa akka dhufan) waa’ee amansiisut dubbata. Kanaafuu kutaa boqonnaa kana isa hafe hunda keessatti “waliin dubbii hordoftoota amantaa gara garaa gidduutti adeemsifamu” jechuu irra “marii hordoftoota amantaa gara garaa gidduutti adeemsifamu” jennee ni waamna.
Macaafni Qulqulluun, keessumattuu Kakuu Moofan waa’ee marii amantoota fi hordoftoota amantaa biroo gidduutti godhamuu wanta baay’ee nuun jedhu ni qaba. Macaafni Qulqulluun hordoftoota amantaa biroo waliin hariiroo gaarii uumudhaafyookin jabeessuudhaaf yeroo yaallutti kutaa amantaa keenya isa kamiyyuu akka tuffannee hin dhiifne nu akeekkaachiisa. Amantaan keenyaa akkasumas gooftan keenya Yesus baay’ee adda akka ta’an Macaafni Qulqulluun nutti in hima. Dabalataanis boqonnaa kana keessatti Kiristiyaanonni hordoftoota amantaa biroo waliin ennaa mari’atanitti karaa amantaa isaanii irratti ejjennoo laafa agarsiisan waliin ni ilaalaa.
Faayidaa mariiwwan amantaa gara garaa gidduutti taasifaman
Mariiwwan amantaa gara garaa giduutti adeemsifaman Kiristiyaanonni fi Musliimonni ilaalcha nagahaa fi jaalala babal’isuu fedhuu irraa maddeen akka walitti dhufan godhee jira. Kana bira darbees Kiristiyaanonni fi Musliimonni walitti dhufeenya gaarii akka ijaaran gargaaree jira. odeeffannoo dogoggoraatin yookin cufumaanuu odeeffannoo dhugaa argachuu dhabuu irraa kan ka’e wal diddaawwan uummamanii fi ija cilaa’adhaan (ilaalcha sirrii hin taanen) wal ilaaluu hanbisee jira. Haalota irra caala, keessumattuu naannolee walitti bu’iinsa amantii keessa turan keessatti Musliimonnii fi Kiristiyaanonni kan ittiin waliin jiraachuu danda’an haala araaraa tokko uumee jira. Kutaan fayida qabeessi maarii hordoftoota amantaawwan gara garaa gidduutti taasifamuu kan xiyyeeffatu wantoota akka nagaha barbaaduu, hiyyummaa balleesu fi tamsa’ina dhukkuboota addunyaawoo kan akka HIV/Eedsii dhaabuu irrattidha. Kunis gara qindoomina manneen barnootaa, manneen jireenyaa fi hidha ittisa bishaanii ijaaruu pirojektota dandeessisanii geessuu danda’a. Kanaafuu qabxiin ka’umsa mariichaa nuti hundi keenya barmaatilee fi amantaa gara garaa kan qabnu haataanu malee sanyii, aadaa, gosaa fi amantaa garagaraa irraa kan waliitti bahan namoota fedha gaarii qaban hunda waliin gamtaa uumuu kan dandeenyu sanyii namaa ta’uu keenyadha.
Laafina marii hordoftoota amantaalee garagaraa gidduutti adeemsifamu
Mariin akkanaa kun faayidaa qabaatus Kiristiyaanonni irratti hirmaachuun isaanitiin duratti wantoonni sodaachisoo ta’an kan isaan beekuu qaban ni jiru. Mariin amantaalee gara garaa gidduutti gaggeeffamu kan xiyyeeffatu wal fakkeenyota amantaawwaan kanneen gidduu jiru irratti. Yeroo baay’ee garagarummaa wantoonni uuman gara maddiitti dhiifamu jechuudha. Kanaafuu Kiristiyaanonni Musliimonni Kiristiyaanota biyyoota isaanii keessa jiraatan maalif akka gadadootti isaan galchan gaafachuu hin danda’an. Mariin amantaawwaan gara garaa gidduutti taasifamu kan gaggeeffamu yeroo baay’ee biyyoota lakkoofsi Musliimotaa itti xinnaa ta’e keessatti qofa ta’uu isaa hubachuun ajaa’ibsiisadha. Mariin amantaalee gara garaa gidduutti adeemsifamu dhugumaan onnee Musliimotaa tuqee jira osoo ta’ee biyyoota Musliimonni itti baay’atan keessatti ni addeemsisu turan.
Dhaabbileen gargaarsaa harki caalan dhaabbilee Kiristiyaanaa yookin waldaalee Kiristiyaanaa Afrikaa keessatti argamaniif garagarsa kennuuf kan hayyamtotaa ta’an, akkajecha isaanititti, “mariiwwan amantaalee gara garaa gidduutti godhaman” irratti hirmaattota yoo ta’an qofa. Yeroo baay’ee dhabbileen Kiristiyaanaa fi waldaalen Kiristiyaanaa wantoota gochuu hin dandeenye gochuuf akka dirqaman isaanitti dhagahama. Gargaarsi kennamu kamiyyu kiristiyaanotaa fi Musliimotaaf walqixa qoodamuunis baramaadha. Haata’u malee biyyoota baay’ee keessatti hawaasni Musliimaa hawaasa guutuu waliin wal bira qabamee yoo ilaallamu lakkoofsan baay’ee gadi aanadha. Fakkeenyaaf kutaan hawaasaa harka 100 keessaa 5 qofa ta’e gargaarsa uummata harka caalu waliin walqixxee ta’e argachuun haqummaa miti. Mariin amantaalee gara garaa gidduutti gaggeeffamu fuula Musliimota uummata keessatti lakkoofsan gadi aanaa ta’anii baay’ee ol guddisee mul’isa. Kanaanis wal qabatee lakkoofsa uumata bal’aa keessa parsantii gadi aanaa ta’e yoo qabaatanis poolisiiwwanii fi waa’ee amantaa biyya tokkoo irraatti humna dhiibbaa ittiin geessisan uumufii ni danda’a.
Kiristiyaanonni mariiwwaan hordoftoota amantaalee gara garaa gidduutti taasifaman irratti hirmaatan nagahaa fi walii galtee uumuu irratti baay’isaanii fuulleeffachuu isaanii irraa kan ka’e qabxiilee baay’ee barbaachisoo ta’an irratti osoo hin hafin ejjennoo isaanii gara laaffisuutti adeemu. Haalli kun bu’uura amantaa kan ta’an kan akka Sadantokkoo, Macaafni Qulqulluun abbaa angoo gootuu ta’uu, Yesus karaa fayyinaa isa qofaa ta’uu fi kkf tuquu ni danda’a. Ejjennoon kan itti laafu haalli biroo immoo sagantaan amantaa qindoominaan gaggeeffamu adeemsifamuu isaati. Kana fakkeenyi sirritti nuuf mul’isu Musliimni tokko gara waldaa Kiristiyaanaa dhufee akka lallabu taasifamuu fi akkasumas walga’iin Kiristiyaanonnii fi Musliimonni bakka tokkotti itti kadhatan qophaa’uu isaati. Matewoos 18:19-20 kan nu barsiisu kadhannaan Keenya gara isa dhagahuufi maqaa Yesus Kiristoosin qofa gara isa deebisuu, gara waaqayyo Abbaa qofa akka dhiheessinudha. Musliimonni Abbummaa Waaqayyoo waan hin fudhannee fi Yesus Waaqa akka ta’e waan hin amanneef gara Abbaa maqaa Yesusin Yemmuu kadhatamu dallanuu ni danda’u. Kanaafuu Kiristiyaanonni kunneen Yesuus akka nuti kadhanutti akkataa nu ajajeen kadhachuu hin danda’an jechuudha. Kiristiyaanonni kadhannaadhaaf maqaa isaatin akka sassabbamnu nutti himamee jira. Maqaa Yesus Kiristoosin kadhannaadhaf Muslimota hin sassabamne waliin kadhannaa qindoominaa gochuuf yaalun Yesus akka goonu wanta nu ajaje waliin kan wal dhiitudha (kan wal faallessudha). Musliimonni kadhannaa Islaamummaa kutaa keessaa jiran yookin gamoo keessaatti kadhatan keessatti akka karaa humna hafuuraa ittiin fudhataniitti lakkaa’u. Kanaafuu kiristiyaanonni Muslimota gara dallaa waldaa Kiristiyaanatti kadhannaadhaaf yoo affeeran Muslimota biratti akka injifannoo guddaatti lakkaa’ama. Kadhannaan Muslimotaa tokko tokko ilaalcha Kiristiyaanummaatin balaa kan qabuufi kan qo’atameedha (Musliimotaan kan sirritti itti yaadamee qophaa’edha). Kadhannichi kan gaggeeffamuu Arabiffaan waan ta’eef Kiristiyaanonni harki caalan maaltu jedhamaa akka jiru dhagahuu dhabuu danda’u. Yeroo ammaa kana kadhannaawwan qindoomina Muslimaa fi Kiristiyaanaa kunneen biyyoota dhihaa keessaatti baay’ee baramaa dhufanii jiru. Akkasumas biyyota Afrikaa keessaatti saffisaan babal’achaa akka jiru odeeffannoowwaan ni agarsiisuu.
Mariiwwaan hordoftoota amanataawwan gara garaa gidduutti taasifamu irraatti Kiristiyaanonni hirmaatan waa’ee “taqiyyaa” beekuu qabu. Taqiyyaan Musliimonni Islaamummaadhaaf jecha yookin namoota wal lolaan lama araarsuf jedhanii wantoota dhugaa hin taane akka dubbatan kan hayyamu barsiisa Islaamummaatti. Musliimonni mariiwwan hordoftoota amantootaa gara garaa gidduutti adeemsifaman irraatti taqiyyaan fayyadamuu ni danda’u. Fakkeenyaf barsiisa Islaamummaan mata duree tokko irratti qabu ilaalchisee wantoota dhugaa irraa fagaatan dubbachuu ni danda’u. Yeroo baay’ee Musliimonni mariiwwaan akkanaa qaama ergama Islaamummaa (da’awwaa) godhanii itti fayyadamuudhaaf ni yaalu. Islaamummaan kaayyoo siyaasawaa tokko illee kan hin qabne amantii nagahaa fi ofitti kan nama siiqsu akka ta’e Kiristiyaanota amansiisuf ni yaalu. Namoonni gara Islaamummaa dhufan akka jiraanis ni abdatu. Kiristiyaanonni mariiwwaan hordoftoota amantiiwwaan gara garaa gidduutti adeemsifaman irraatti hirmaachuu isaanitiin Islaamummaa biyyaa isaanii keessaatti babal’isaa jiraachuu danda’u.
Waldaalen Kiristiyaanaa biyya UK (Ingiliiz) kessatti argaman tokko tokko Musliimota gorsitoota aadaa ta’anii tajaajilan ni qabu |
Yaadota Gorsaa
Dadhabbiiwwaan armaan olitti caqafaman irraa kan ka’e mariin hordoftoota amantaawwaan gara garaa gidduutti adeemsifamu gonkumaa ta’uu hin qabu jechuu keenyaa miti. Bal’inan sababni isaan dhihaataniif kiristiyaanoonni mariiwwaan akkanaa irraatti hirmaachuu yookiin hirmaachuu dhiisudhaaf yemmuu murteessaanitti qabxillee beekuu qaban wanta ta’aniifi.
Kiristiyaanonni mariiwwaan kanneen irratti hirmaachuf murteessan mariiwwan kanneen Musliimonni Islaamummaa beeksisuuf akka itti fayyadamuu danda’an qalbeeffachuu qabu. Lallaba wangeelaa Musliimotaaf godhamu yookin immoo kadhannaa fi qo’annaa Macaafa Qulqulluu manneen barnootaa keessatti adeemsifaman akka dhaaban kan itti himan yoo ta’e gonkumaa tole jechuufii hin qaban. Dabalataanis qabiyyeewwan seera shari’aa hawaasa keessatti akka hojii irraa oolan yemmuu gaafatamanis walii galuu hin qaban. Irra deddeebi’uudhan akkuma mul’atetti Musliimonni waltajjiiwwan marii hordoftoota amantiiwwaan gara garaa gidduutti adeemsifaman fayyadamuun amntiiwwaan hunduu kan itti walii galan fakkeessun ajandaa mataa isaanii motummaadhaf dhiheessuf fayyadamu.
Kiristiyaanonni biyyuma isaanii keessaatti waa’ee amantaa isaanii namoota biroof qooduu akka hin dandeenye gochuudhaaf Muslimonni mariiwwaan kanneen akka karaatti itti fayyadamu; akkasumaas dhaabbileen Misiyoonotaa gara biyyota Muslimaatti akka Misiyoonota hin ergine dhiibbaa gochuuf waltajjiiwwaan mijaawoo isaaniif ta’u. kiristiyaanonni garuu gaafilee kanneeniif deebii waliigaltummaa deebisuu irra waltajjiwwaan kanneen walabummaa amantaa jajjabeessuf itti fayyadamuu qabu. Musliimonni mariiwwan kanneen biyyota Musliima hin taane keessatti adeemsisuuf ariifatoodha. Haata’u malee waltajjiileen akkanaa biyyota Musliima ta’an keessatti carraan isaan itti mul’atan baay’ee xinnaadha. Kaayyoon mariiwwan kanneenii nagahaa fi araara yoo ta’e, biyyota fi hawaasota Musliimonni itti baay’atan gidduutti kiristiyaanota irraatti, keessumattuu amantoota haarawa Islaamummaa irraa dhufan irraatti gadadoofi ari’atama gaggeeffamu dhaabuuf karaa gargaaru ta’uu qaba. Mirgoota Musliimonni biyyoota Musliima hin taane keessatti gonfatan kiristiyaanonni biyyoota Musliimonni itti baay’atan keessatti argachuu fi akkasumas Kiristiyaanonni addunyaa guutuu keessatti argaman amantaa isaanii guutummaatti walabummaadhan gaggeeffachuu qabu. Kunis waa’ee amantaa isaanii namoota birootiif qooduu ni dabalata. Waliga’iiwwan, qophiile fi pirojektota qindoominaan gaggeeffaman ilaalchisee Kiristiyaanonni of eegattoota ta’uu qabu. Kiristiyaanonni walga’ii kadhannaa Musliimota waliin gonkumaa adeemsisuu hin qaban. Dabalataanis waldaalee isaanii keessatti dubbii akka gaggeessan, akka kadhatanii fi akka lallaban hayyamuu hin qaban. Marii fi waliigalteen osoo waliin hin kadhatiin dhufuu ni danda’a. Kiristiyaanonni Musliimota waliin kadhatan jechuun kadhannichaan waliigalan jechuudha. Haala baramadhan kadhannaawwan Musliimotaa yeroo hundaa dubbiiwwan amantaa Kiristiyaanummaa waliin walfaalleessan of keessaa kan qabaniidha. Musliimni tokko waldaa Kiristiyaanaa keessatti dubbii akka gaggeessu hayyamuun Islaamummaa Kiristiyaanotaaf akka beeksisu carraa kennaaf.
Kiristiyaanonni pirojektota qindoominaa yookin hojiiwwan gamtaa irraatti Musliimota waliin yemmuu hojjetanittis yoo ta’e of eeggannoo guddaatu barbaachisa. Yeroo tokko tokko Kiristiyaanonni fi Muslimonni wantoota akka ulfa baasuu fi saalqunnaamtii saala walfakkaataa kan fakkatan balaaleffachudhaan motummaa isaanii wal wajjiin balaaleffachuuf nikaka’u ta’a. Haata’uu malee Kiristiyaanonni isaan waliin hojjechuuf hayyamuu isaanin dura Musliimonni haalota kanneen irratti ejjennoo gadi fageenyaan qaban dirqama beekuu ni qabu. Fakkeenyaf seerri shari’aa ulfa baasuu torbeewwan ulfaa muraasa keessatti raawwatamu ni hayyama. Akka manneen barumsa shari’aa tokko tokkootitti murtiin kun hanga torbeewwan 16 turuu kan danda’u yoo ta’u kanneen biroo immoo hanga torbeewwan 7 qofa akka ta’e ni dubbatu. Dabalataanis warri saal qunnamtii saala walfakkaataa waliin raawwatan battalatti yoo qabaman duuti akka itti faradamuu seerri shari’aa ni murteessa. Kunis sodaawwan waliigalaa kanneen irratti osoo hin hafin Kiristiyaanonni Musliimota waliin gamtaa uumuu kan qaban daangadhaan akka ta’ee nutti mul’isa.
Kiristiyaanonni fi Musliimonni baay’en nagahaa fi araara fiduudhaaf hawwii dhugaa qabaachun isaanii kan ganamuu miti. Mariilen kunneen faayidaa kana jedhamu qabaachuu dhabanis Kiristiyaanonni gara marii yemmuu seenan sirritti qophaa’anii of eeggannoo fi ogummaadhan ta’uu qaba.
Romans 12:14-18 Roomaa 12:14-18 dubbifadhaa Waaqayyo haala danda’amu hunda keessatti namoota hunda waliin nagahaan akka jiraannu nu waamee jira. Kutaalee Macaafa Qulqulluu biroo keessatti akka barreeffametti immoo warra walitti araarsan akka taanu waammamnee jirra. Akka Kiristiyaanotaatti warroota nu ari’atan waliin yoo ta’eyyuu nagaha uumudhaaf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Kana gochuudhaanis ayyaana fi araara Kiristoos nuuf kenne addunyaatti mul’isuu ni dandeenya. Jabina dhiifama ittiin gochuu dandeenyu fi amantii keenya osoo hin jal’isin ogummaa ittiin nagaha uumuu dandeenyu Hafuurri Qulqulluun akka nuuf kennu gaafachuu qabna. Wantoota kanneen hunda yemmuu goonu maqaa fi ulfina gooftaa keenyaa kan ta’e amantii keenyatti akka hin laafne of eeggachuu qabna. |
Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaaf Fayyadan
- Namonni bara kana keessa waa’ee mariiwwan amantaalee gara garaa gidduutti adeemsifamuu yemmuu dubbatan maal jechuu isaaniti?
- Mariin (dialogue) Macaafa Qulqulluu keessaatti caqafame maal jechuudha?
- Dubbiiwwaan hordoftoota amantii biroo namoota ta’an waliin adeemsifamu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?
- Hordoftoota amantaawwan gara garaa gidduutti mariin adeemsifamu biyya keessan keessatti ni adeemsifamaa?
- Mariiwwaan hordoftoota amantaa gara garaa gidduutti adeemsifaman karaa kamiin faayida qabeeyyii ta’uu danda’u?
- Mariiwwan hordoftoota amantaa gara garaa gidduutti taasifaman dadhabinni isaanii maal fa’i ta’uu danda’u?
- Biyya keessan keessatti faayidaan yookiin dadhabbinni mariiwwan kanneenii isiin qunnamanii ni beekuu?
- Kiristiyaanonni mariiwwaan hordoftoota amantaa gara garaa gidduutti adeemsifaman irraatti hirmaachuuf murteessuu isaanii dura qabxiileen isaan yaadachuu yookin irraa of eeguu qaban maal isaan?
- Roomaa 12:14-18 dubbifadhaa. Macaafni Qulqulluun yeroo dandeenyu hundatti namoota hunda waliin nagahaan akka jiraannu waamicha nuuf godhee jira. Kun isiniif maal jechuudha?