Qur’aanni sirriitti eegameera?

Qur’aanni sirriitti eegameera?

Akka amantaa Musliimotaatti Qur’aanni kallattiidhaan Allaah biraatii kan buufame mul’ata dha. Mul’ata kana «Tanziil» jechuudhaan waamu.  Waggootan 23 keessatti karaa Jibriiliin isaaniif kan buufame dubbii Allaah ta’uu isaatti amanu. “Umm al-Kitaab” (haadha kitaabaa) jedhamuun beekamu, kan hin uumamne garuu Allaah waliin jalqabaa kaasee barreeffama jiraataa turee fi Qur’aannis kanarraa garagalfamuu isaa dubbatu (Suuraa 13:39).

Muhammad bara jireenyaan turanitti Qur’aanni bifa kitaabaan (jildii) tokkoon walitti hin qabamne ture. Qur’aanni jildii tokkoon akka walitti qabamu kan godhan namni jalqabaa Khaliif Abubakar Siidiiq yommuu ta’an, abboommii isaaniin Zaayid Saabitiin kan walitti qabame jildiin inni jalqabaa “Sihuuf” jedhamuun beekama ture. Moggaasi isaa ammoo Itiyophiyaa irraa fudhatamuu isaa ni dubbatama. Qur’aanni walitti qabame kun mallattoowwan jechoota ijoo ittiin dubbifaman otuu hin qabaatiin barreeffamuu isaatiin dubbisa seera isaa eeguun dubbifamu hin qabu ture. [1] Gaaf tokko Itiyophiyaa keessatti koolu-galtummaan jiraataa kan turan Khaliifaa Usmaan Tarmoon Qur’aanni akka qopheeffamu erga godhanii booda barreeffamoota kanneen jalqabaa ibiddaan gubaniiru.[2]

Musliimonni hedduun amma harka isaanii irratti kan argamu Qur’aanni afaan Arabaa bara 1924 itti bifa kana qabaachuu isaa fi barreeffamootaa harkaa kana dura turaniin baay’ee adda ta’u isaa hin beekan. Qur’aanni ammaa «Royal Cairo Edition» jedhamuun beekamu barreeffamoota harkaa kan Qur’aana durii hedduu isaa kan hin ibsineedha. Kana-maleesbarreeffamoota harkaa Sana’aa jedhamuun kan beekaman kooppiiwwan Qur’aanaa erga argamaniin asitti kitaabni kun musliimonni baroota hedduu ragaa isaaf ba’aa akkuma turan barreeffama hin jijjiiramne ta’uu dhiisuu isaa bira ga’amuu isaatiin gaaffiiwwan deebii hin arganne hedduun gama hayyootaan gaafatamaa jiru.[3]

Bara musliimota jalqabaa irratti iyyuu Qur’aanni wal-fakkaataan jiraachuu dhiisuu isaa fi harka namoota garaa garaa irratti kan argaman barreeffamoonni Qur’aanaa garaa garteen hedduun kan irratti argaman akka turan odeeffannoo islaamummaa irraa hubachuu ni danda’ama. Fakkeenyaaf yoo jedhame  Gama dandeettii Qur’aana barsiisuun Muhammadiin kan ajaa’ibsiifame Haadisaatii keessatti kan gabaafame Abdullah Iibin Mas’uud, barreeffama Qur’aana kan mataa isaa keessatti boqonnaa Al-fatihaa jedhamu itti hin daballe ture. Barreeffamni isaa Suuraa 113 fi 114 hin qabu ture. Kana malees Suuraa 3:19:39 irratti ammoo gara dubbisa kaanitti darba. Suuraa 9 irratti jechi bismillaahii jedhu hin  jiru.[4] Qur’aana Zayid iyyuu hin fudhatu ture.[5]

Saahiih Musliimaa keessatti akkuma gabaafame musliimonni bara Muhammaditti keeyyatoota 139 kan qabaatan Suuraa At-Tawbaa waliin kan gitu suuraa qara’aa turan. Garuu keeyyata tokkoon kan hafe guutummaatti dagatameera. Keeyyati tokkichi kunis yoo ta’e Haadisii keessatti ibsamuun alatti Qur’aana keessa hin galfamne.[6]

Iibin Abii Daawud itti fufee kan jiru dubbataniiru: “Keeyyatoonni Qur’aanaa hedduun isaanii buufaman waraana Yamaamaa jedhamu irratti namoota du’an biratti beekamu turan…namoota waraanaan ajjeefamuu irraa hafaniin garuu hin beekaman turan, Akkasumas barreeffamaan hin kaa’amne turan. Qur’aanni yommuu walitti qabame Abubakar, Umaris ta’e Usmaan hin beekan turan. Erga isaan du’anii booda nama kamiyyuu birratti argamuu hin danda’amne. [7]”Kanamalees Iibin Abi Dawud keeyyatoonni Qur’aanaa tokko tokko sababa tokko malee akka itti hin dabalamne godhamuu isaanii gabaasaniiru.[8]

As Suuyuxii namni jedhaman kitaaba isaanii Iitiqaan jedhamu keessatti akeekkachiisa itti fufee jiru kaa’aniiru: “namni tokko iyyuu isin keessaa Qur’aana guutummaa isaa argadheera jedhee dubbachuun isaaf hin malu. Kutaan Qur’aanaa guutummaan isaa badee otuma jiruu hunduma isaa nan beeka jedhanii dubbachuun akkamiin danda’ama? Kana mannaa balleeffamuu irraa kan hafe argadheera jedhanii dubbachuudha.”[9]

Gabaasni itti fufee jiru Ayishaa irraa kan dabarfameedha: “Waa’ee dhagaadhaan rukutamuu fi dhiirota ga’eessota ta’an yeroo kudhan harma hoosisuu kan dubbatan keeyyatoonni Qur’aanaa buufamanii turan. Waraqaan irratti katabame ana bira boraatii kiyya jala ture. Ergamtichi Allaah yeroo boqotanitti du’a isaaniin sodaannee otuma jirruu re’eetu galee nyaate.”[10] Gabaasa biraatiin ammoo Ayishaan odeeffannoo akkana jedhu dabarsite: “Dhiiroti ga’eessota ta’an yeroo kudhan harma yoo hodhan gaa’ila diiga seera jedhu ergamticha Allaaf buufamee ture. Seerrii kunis Qur’aana keessa ture. Seera kan biraa yeroo shan jedhuun mulqame. Hanga guyyaa du’a isaaniitti Qur’aana keessa kan ture yommuu ta’u musliimonnis ni qara’u turan.”[11] Har’a seeronni kun musliimotaan hojiirra oolfamaa kan jiran yoo ta’aniyyuu Qur’aana keessatti garuu hin argaman.

Al-Buhaariin itti fufee kan jiru gabaseera “Anas Iibin Maaliik akka dubbatetti «namooti Biir Maa’unaatti du’an ilaalchisee keeyyata akkana jedhu qaraana ture: ˱Gooftaa keenya argachuu keenyaa fi nuttis gammaduu isaa nus gammachiisuu isaa uummata keenyatti himaa.˲ garuu keeyyati kun Qur’aana keessaa akka baafamu godhameera».”[12]

Raafiid kan jedhaman shi’aawoti mankaraarsitoota ta’an Aaliin bakka bu’aa Nabiyyichaa ta’uu isaa kan argisiisan dabalatee keeyyatoota gara 500n ta’an Usmaaniin fi gargaartonni isaa ˱Musaahiif˲ kan jedhamu walitti qabama Qur’aanaa isa jalqabaa keessaa sababa tokko malee balleessuu isaanii dubbatu.[13]

Abdullah Yusuuf Aalii kan jedhaman Qur’aana kan hiikan Suuraa 33:6 irratti barreeffama Qur’aanaa kan Ubey Biin Kaab “akkasumas inni abbaa isaaniidha” gaalee jedhu qabaachuu isaa xummura fuula irratti barreesseera. Gaaleen kun garuu Qur’aanota ammaa keessatti hin argamu. [14]

Xummura

Namni kiristiyaanaa Al-Kindii jedhamu bara 830 tti nama Musliimaa Al-Hashiim jedhamurraa xalayaa isaaf barreeffameef deebii yommuu kennu kitaabaa kabajamaa musliimotaa kan ta’e Qur’aana ilaalchisuun itti fufee kan jiru dubbatee ture;

“Seenaawwan xummuramaa hin taane bakka tokkotti wal makanii barreeffamaniiru. Kunis kan argisiisu namooti hedduun hojii kanarratti hirmaachuu isaanii fi kan jaallatan itti dabaluu fi kan hin jaallanne ammoo keessaa baasuun wal-dhabdee geessisuu isaanii ragaa argisiisuudha. Kanaafuu isaan kun amaloota mul’ata saamiirraa ergamanii ti?”[15]

Gaaffiin kun nuufis gaaffiidha. Qur’aanni dhugaatti sirriitti eegameera? Obboleeyyan keenyi musliimaa qubeen tokkoyyuu akka itti hin dabalamnee fi akka irraa hin hir’ifamne irra deddeebi’anii dubbachuu isaanii gama dhugaa ibsaman kanaan akkamiin ilaalama?



[1] የአማርኛ ቁርኣን መቅድም፣ ነጃሺ አሳታሚ ድርጅት፣ ገፅ 11

[2] Zini Kamahu Sahih Al Bukhari 6:61:510

[3] Keith Small, Holy Books Have History, 2010, PP.116-117

[4] bu Bakr `Abdullah b. abi Da’ud, “Kitab al Masahif”, ed. A. Jeffery, Cairo, 1936/1355, p. 17

[5] Ibn Sa’ad, Kitab al tabaqat al kabir, vol. 2, p. 444

[6] Sahih Muslim 5:2286; Jalal al Din `Abdul Rahman b. abi Bakr al Suyuti, “al Itqan

[7] Ibn abi Da’ud, “Kitab al Masahif”, p. 23

[8] Ibid., p.11

[9] al Suyuti, “al Itqan fi `ulum al Qur’an”, part 2, p. 25

[10] Sunan Ibn Majah, 1944

[11] Sahih Muslim, book 8, no. 3421

[12] Sahih Bukhari, vol. 5, p. 288

[13] Ibn abi Da’ud, “Kitab al Masahif”, p. 36

[14] Abdullah Yusuf Ali. “The Holy Quran”, 1975, note 3674

[15] Bennet, C., In Search of Muhammad, 1998, P. 76



 

QUR’AANA