Muhammadii fi Dubartii Gurraattii
Hiika Abjuu Nama Ilaalcha Jibbiinsa Sanyii Gurraachaa Qabuu
Muhammad gurraachotaaf tuffii guddaa qabaachaa akka turee fi dubbii yaada qomoo sanyummaa of keessaa qabaatu dubbachuu isaa akkasumas gocha loogummaa raawwachuu isaatiin kana dura ilaalleerra. Barreeffama gabaabaa kanaan kan cimsu ragaa dabalataa isin dubbisiifna. Gabaasotni itti fufanii jiraniin Musliimoti Qur’aana irraa itti fufuun bakka ol aanaa kan isaaf laatan Saahiih Al-Buhaarii kan jedhamu barreeffamoota haadisii keessatti kan argamaniidha (Saahiih jechuun amanamaa yokiin dhugaa kan ta’ee jedhuudha).
“Abdallaah akkuma dubbate nabiyyiin akkana jedhan” (Abjuudhan) dubartii gurraattii kan rifeensa ishee hin filanne Madiinaa ba’uun Maha’ii jechuunis Al-Jufaa yommuu teessuun arge. Madiinaatti dhukkubi tasaa gara sana (Al-Jufaa) babal’achuu isaatii! Jedheen ajaa’ibsiifadhe (Saahiih Al-Buharii fuula 9, kitaaba 87, lakkoofsa 161).
Nabiyyichi waa’ee abjuu Madiinaa ta’uun arguu isaanii Abdullah Biin Umar yommuu dubbatu, Nabiyyiin akkana jedhan “(Abjuudhaan) dubartii gurraattii kan rifeensa ishee hin filanne Madiinaa ba’uun Maha’ii jechuunis Al-Jufaa yommuu teessuun arge. Madiinaatti dhukkubni tasaa gara Mahaa’ii jechuunis gara Al-Jufaa darbuu isaaf mallattoodha jedheen ajaa’ibsiifadhe (Saahiih Al-Buhaarii Fuula 9, kitaaba 87: lakkoofsa 162).
Gabaasa wal-fakkaataa Al-Buhaarii fuula 9: kitaaba 87, lakkoobsa 163 irratti argama.
Dubbiin akkana kun nama waa’ee hin baafne tokkoon yoo dubbatame salphisanii ilaaluun ni danda’ama. Garuu Rabbii biraatii kan ergame ta’uu isaa kan isaaf dubbatame “Nabiyyiin” dubbatamuu isaa fi kitaaba hafuuraa keessatti barreeffamee argamuun isaa dhimma kana akkasumaan akka irra hin darbamne nu dirqisiisa. Dubbii sanyummaa ta’aniin kan fakkaatan garaa gara namoota miiliyoonota lakkaa’amaniin yommuu dhaggeeffatamanii fi kutaa barootaaf yommuu dubbataman ilaalcha amala sanyummaa nama qabsiisan akka salphaatti kan ilaalaman miti. Namni dubbii kana dhaga’ee fi amanee fudhate rifeensi ishee kan hin filamne dubartii gurraattii rakkattuu yommuu ilaalu miraa yaraa itti dhaga’amu yaaduun nama hin rakkisu. Rabbiin ogeessaa fi hundumaan kan uume ta’uu isaatiin abjuu dubbii hamaa akkanaa kana itti hin argisiisu. Dhibeen tasaa bakka tokko gara bakka biraatti darbuu isaatiin “nabiyyiif” argisiiuun yoo barbaadame bineensa sodaachisaa yokiin saree maraatuu otuu argisiisuun isaaf maluu dubartii kan fakkaattu nama uumama isheen kabajamtuu taate “gurraattii fi rifeensi ishee kan hin filamne” kan jedhu ilaalcha sanyummaa of keessaa qabu waliin salphisee argisiisuun maaliif barbaachise? Abjuu kanaa fi hiika isaa keessatti ilaalcha sanyummaa Muhammad malee ogummaa fi beekumsi Rabbii hin mul’atu!