Macaafa Qulqulluu Keessati Dogoggorawwan Kuma Shantamni jiru?

Macaafa Qulqulluu Keessati Dogoggorawwan Kuma Shantamni jiru?

Soba Ahimad Diidaat

 


Yeroon sun hordoftoonni Jehoovaa “Hiika Addunyaa Ishee Haaraa” kan jedhamu hiika sobaa isaanii beeksifachuuf yaalan ture. Kiristiyaanoti hedduun fayyadamaa kan turan hiika Kiing Jams waan tureef hordoftoonni Jehoovaa hiika mataa isaanii akka furmaataatti dhiyeeffachuun hiika Kiing Jams ammoo fudhatama dhabsiisuu yaalaniiru. Kanaafuu barruu isaanii irratti hiikti Kiing Jams dogoggora 50,000 of keessaa qaba jechuudhaan barreessuu eegalan. Kana jechuun luqqisii hiika Kiing Jamsa hundumaa keessatti dogoggora tokkoo ol of keessaa ni qabaata jechuudha! Hordoftoonni Jehoovaa dogoggorawwan kana uumuu isaaniin hiika isaanii kan sobaa kanaan karaa ittiin amantoota kirsitiyaanaa seenan argachuuf malee dhugaatti hiikti Kiing Jams rakkina hanga kana ta’e qabaachuu isaa miti. Diidaat olola sobaa kana barruu sobdoota kana irraa fudhachuun kitaaba isaanii keessatti barreessuun fudhatama akka qabaatu godhaniiru. Yeroo sanaa eegalee waggoota 40f Musliimoti obboleeyyan keenya olola sobaa kanaan fakkaatan barreessaa jiru! Hiikti Kiing Jams akka hiika kanneen kaan kan mataa isaa ta’e  hanqina ni qabaata. Sababni isaa hiikti sirrii ta’e hin jiru. Hiikti Qur’aanaas akkuma kanadha. Qur’anni yeroo jalqabaaf gara afaan amaariffaatti hiikamee yommuu maxxanfamu barreefamni boqonnaa guutuu tokko dagatamee ture. Dogogora jechootaa fi hanqina qubee heedduu of keessaa qabaachuu isaatiin sirreeffamaaf kan ta’u barreeffama miiljalee waliin maxxanfamee ture. Hiika ingiliffaa kanneen duraa yommuu ilaallu rakkinoota walfakkaataa ni qabaatu. Hiikti Kiing Jams rakkinoota qabaachuu isaatiin Kitaabni Qulqulluun dogoggora in qabaata jedhanii dubbachuun, Qur’aannis  hiika dogoggoraa afaan oromiffaan ni qabaata jedhamee akkuma dubbatamuu ti. Kana yoo jenne ammoo “Qur’anni jalqaba kan barreeffame afaan Arabaan ta’uu isaatiin hiikti afaan oromiffaa isaa dogoggora waan qabaatuuf Qur’aanni dogoggora qaba jettanii dubbachuu hin dandeessan” jechuudhaan obboleyyan keenya Musliimaa nu sirreessuuf yaaluun isaanii beekamaa dha. Qur’aanni afaan Arabaan akkuma ta’e Kitaabni Qulqulluunis Kakuu moofaan afaan Ibrootaa fi Kakuu Haaraan ammoo afaan Giriikii dha. Musliimonni obboleeyyan keenya waa’ee dogoggoraa dubbachuu barbaadu yoo ta’e dursa waa’ee barreeffama oriiginaala isaa dubbachuu dandeenya. Garuu kanneen hiikaman ilaaluun Kitaabni Qulqulluun dogoggora ni qabaata jechuudhaan kan dubbatan yoo ta’e wallaalummaa isaanii fi namoota sababa waa’ee hin baafneen nama madaalan ta’uu isaanii mirkaneeffachuu irra kan darbe falmiin isaanii fudhatama argachuu hin danda’u.

 

DEEBILEE KEENYA