Musee fi Muhammad kan ittiin wal hin fakkaanne qabxiiwwan Shantama
Musliimoonni waa’ee Muhammadiif Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbatamuu (raajamuu) isaa dubbatu. Kana mirkaneeffachuuf qabxiiwwaan kaasan keessaa Keessa Deebii 18:18 irraa kan argamu raajiin garbichi Waaqayyoo Museen dubbate isa jalqabaa ti. Luqqisichi akkana jedha:
“Ani raajii akka keetii obboloota isaanii keessaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaa’a, inni immoo wanta ani isa abboome hundumaa isaanitti in hima. Egaa eenyu illee dubbii koo isa inni maqaa kootiin dubbatu kana dhaga’uu yoo dide, gatii isaa in argata.”
Luqqisii kana Muhammadiif kan dubbatame fakkeessuun kan dhiyeessan obboleeyyan Musliimaa lakkoofa 15 fi 16 irra kan jiru “Ani raajii akka keetii obboloota isaanii keessaa isaaniif nan kaasa” jecha jedhu kan hin argine fakkeessanii irra darbu. Haala luqqisii kanaan “obboloota isaanii keessaa” inni jedhu qomoo Israa’el 12n kan ilaallatu malee ijoollee Ismaa’el ta’uu isaanii kan isaaniif dubbatame Araboota kan ibsu ta’uu dhiisuuun isaa ifaa dha. Luqqisichi “obboloota isaanii keessaa” jechuudhaan Israa’el qofaaf kan dubbatame ta’uu isaa ibsee otuu jiruu waa’ee saba biraaf kan dubbatame ta’uu isaa fakkeessanii hiikuun wallaalummaa dha. Kana malees gowwomsaa fi fudhatama kan hin qabaanneedha. Nama dhugaaf dhimma qabaatuu fi Waaqayyo (Rabbii) dhugaa ta’een hordofu falmii dhugaa of keessaa hin qabaanne kana ilaalcha keessa hin galchu.
Raajiin kun Muhammadiif kan dubbatame fakkeessuun kan dhiyeessaan barreeffamoonni Islaamummaa Musee fi Muhammad wal fakkaachuu isaanii argisiisuuf “wal fakkeenya isaanii” muraasaan ibsu. Ta’us qabxiiwwan isaan kaasan namni kamiyyuu Musee waliin karaa ittiin walfakkaachuu danda’uudha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, lamaanuu haala tooftaa uumaman dhalataniiru, lamaanuu haadha manaa fuudhaniiru, lamaanuu hoggantoota turan, lamaanuu du’aniiru fi k.k.f kan jedhan walfakkeenya ilaalcha keessa hin galfamne dubbatu. Barreessitoonni tokko tokko keessumaa maqaan lamaanii qubee ingiliffaa M jedhuun kan eegalu ta’uu isaatiin walfakkaatu jechuudhaan hanga falmanitti ga’u. Dhugaatti yoo ta’e garuu Musee fi Muhammad qabxiiwwan ittiin walfakkaataan mannaa kan ittiin garaa gara ta’antu baay’eedha. Garaa garummaan isaanii daran hedduu ta’uu isaaniin barreeffama kanaan shantama isaanii ragaa waliin ibsina.
- Musee (Muusaan) qomoon Leewwii kan ta’e lamummaan Israa’el ture (Ba’u 2:1-2), Hiddi dhaloota Muhammad “Quraayish” kan jedhame qomoo Arabaa keessaa ti (Suuraa, 41:44, Saahiih Bukhari 4:698).
- Museen sabni isaa Israa’el otuu biyya garboomfanii jiraatanii ture kan dhalate (Ba’u 1:9-14). Bara Muhammad Arabonni saba hin garboomfamne turan.
- Museen daa’imummaa isaatiin labsii du’aa irraa gargaarsa Waaqayyoo (Rabbiin) oolfameera (Ba’uu, 1:15-16, 2:2-10).j Muhammad seenaa kana fakkaatu hin qabu ture.
- Ilma Fari’oon kan taate Museetiin akka harma hoosiftuuf deebiftee daa’ima kana haadhuma isaaf kennite (Ba’uu 2:7-8). Haati Muhammad ofii isheetiin harma hoosisuu mannaa dubartii Haalimaa jedhamtuuf akka isheen hoosiftu kennite (Ibn Ishaq, Sirat Rasulullah, p. 72).
- Museen biyya Gibxii jiraateera (Ba’uu 2:10). Muhammad garuu biyya Gibxii hin seenne.
- Museen daa’imummaa isaatiin shaakala hafuuraa shakkisiisaa ta’e hin qabaatu ture. Muhammad garuu daa’imummaa isaatiin kufee dhidhiittachuu isaatiin Jiinniin keessa isaa akka jiru Haalimaan yaaduu isheetiin haadha isaatiif deebiftee kenniteetti (Ibn Ishaq, Sirat Rasulullah, p. 72).
- Museen waaqa tolfamaatti hin sagadne. Muhammad garuu daa’imummaa isaatiin waaqa tolfamaaf aarsaa godheera (Hisham Ibn Al-Kalbi, The Book of Idols (Kitab al-Asnam), pp. 17-18; A. Guillaume, Islam, pp. 26-27).
- Museen barumsa biyya Gibxii barachuun barreessuu fi dubbisuu kan danda’u hayyuu ture (HoE. 7:22, Ba’uu 24:4, Leewwota. 1:1, 4:1, 5:14, Seera Lakkoobsaa, 1:1, 33:2, Keessa deebii,1:1, 4:44, 29:1). Muhammad garuu dubbisuu fi barreessuu kan hin dandeenya doofaa ture (Suuraa, 7:157-158, Sahih Muslim Vol. 1, p. 97).
- Museen abboommii Waaqayyo isaaf laateen harkuma isaatiin barreesseera (Ba’uu, 24:4, Lew. 1:1, 4:1, 5:14, Seera lakkoobsaa 1:1, 4:44, 29:1), Muhammad doofaa ta’uu isaatiin kan isaaf barreessan jiru turan. Yeroo tokko tokko yaada kan mataa isaanii itti makuun barreessu turan (Al-Wahidi Al-Naysaboori. Asbaab Al-Nuzool; p. 126 Beirut’s Cultural Libary Edition “Tub’at Al-Maktabah Al-thakafiyyah Beirut).
- Museen obboleessaa fi obboleetti Aaronii fi Maariyaam jedhaman qaba ture (Seera lakkoobsaa 26:59). Muhammad garuu obboloota kan hin qabaane ilma Abdallaah fi Amiinaa ture (Ibn Sa’d. Kitab al-Tabaqat al-Kabir Volume I Parts I & II, p. 107).
- Museen qomoon maatii Israa’el Waaqayyoon beeku irraa dhalate (Ba’uu. 2:1-3; Ibroota 11:23). Maatii fi sanyiin Muhammad waaqolii tolfamoo itti sagadan turan. Abbaa fi haati isaa Jahaannama keessa ta’uu isaanii dubbateera (Sahih Muslim Vol. 2, Book 4, Hadith 2130).
- Museen ijoolleen dhiraa isaa Gershomii fi Elii’ezer gaa’ilaaf ga’uun fuudhanii ijoollee godhataniiru (1Sen. 23:15-17). Muhammad garuu ijoollee dhiiraa sadii kan godhate yommuu ta’u (Kadiijjaa irraa kan argate Al-Qaasimii fi Abdullaah, garbittii biyya Gibxii irraa kan argate Iibraahiim) yommuu ta’an sadan isaanii iyyuu daa’imummaan du’aniiru (Ibn Ishaq, Sirat Rasulullah, p.83).
- Museen taajajilummaaf kan waamame waggaa 80 isaatiin ture (Ba’uu 7:7). Muhammad garuu Jibriil naaf mul’ateera kan jedhe waggaa 40 isaatiin ture (Sahih Bukhari 5:242).
- Museen raajii (nabiyyummaa) isaa mirkaneeffachuuf haati manaa isaa akka isaaf mirkaneessitu hin barbaanne (Ba’uu. 4:1-18). Muhammad garuu nabiyyii ta’uu isaa kan isa amansiifte haadha manaa isaa Kadiijjaa dha (The History of Tabari, translated by W. Montgomery Watt, vol. 6, p. 72).
- Museen raajii (nabiyyii) ta’uu isaa kan mirkaneeffate haala ajaa’ibsiisaa ta’een Waaqayyo itti mul’achuu isaa ti (Ba’uu 3-4). Muhammad nabiyummaa isaa kan beeke Kadiijjaan uffata ishee ofirraa fuudhuun saala ishee itti argisiiftee deebiftee haguuguu isheetiini (Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah”, The Life of Muhammad, translated by A. Guillaume, p. 107).
- Museen yommuu Waaqayyo isaaf mul’ate kan isaaf mul’ate Waaqayyo ta’uu isaa amane malee “Sheeyxanatu naaf mul’ate” jedhee hin dubbanne (Ba’uu 3-4). Muhammad garuu qaamni isaaf mul’ate Sheeyxana ta’uu akka danda’u sodaa guddaa keessa galee ture (Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah,” The Life of Muhammad translated by A. Guillaume, p. 106).
- Waaqayyo yommuu Museef mul’ate dubbii fi mallattoodhaan amansiifate malee isaatiin hin dirqisiifne (Ba’uu 3-4). “Jibriil” gara lafaatti Muhammadiin gadi qabee dirqisiisuun Qur’aana dubbisiiseera (Sahih Muslim Vol. 1, p. 97).
- Museen guyyaa 40f gaara Siinaa irra erga tureen booda fuulli isaa ifeera (Ba’uu 34:30). Garuu Muhammad holqa keessa haala irra ga’een sodaa fi raafamuu keessa ta’uun gara haadha manaa isaa deebi’e (Ibn Sa`d, Kitab al-Tabaqat al-Kabir, Vol. 1, p. 225).
- Museen waantota ajaa’ibsiisaa hedduu godheera (Ba’uu 7:8, 14:17, Suuraa 2:50, Suuraa 2:57). Muhammad garuu wanta ajaa’ibsiisaa kamiyyuu hin raawwanne (Suuraa 28:48, Suuraa 6:109, Suuraa 13:27, Suuraa 17:59, Suuraa 13:7). Kitaabota Haadisiin Muhammad waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuu isaa yoo gabaafame iyyuu Qur’aanan faallessuu isaaniin kutaa barootaan booda kan barreeffaman seenaa sobaan kalaqame ta’uun isaanii ifaadha.
- Museen kallattiin Waaqayyo waliin dubbateera (Ba’uu 33:11, Suuraa 4:164). Muhammad garuu waliin hin dubbanne (Suuraa 42:51, Bukhari Vol. 6, Book 60, No. 378 ). Mul’ata iyyuu kan fudhate karaa Jibriiliin ture (Suuraa 2:97).
- Museen baay’ee gara-laafessaa fi faayidaa dhuunfaa isaatiif nama hin falmanne ture (Seera lakkoobsaa 12;3), Muhammad mataa isaaf kabaja hin mallee kan laatuu fi namoota isa gaddisisan ammoo lubbuu baastotaan kan ajjeessisu nama haaloo qabatu ture (Suuraa 33:57, Bukhari vol 5 No. 369, Ibn Sa`d, Kitab al-Tabaqat al-Kabir, Vol. 2, p. 31, Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah,” The Life of Muhammad translated by A. Guillaume, pp. 675, 676 ).
- Museen guyyaa tokkotti haadha manaa tokkoo ol hin fuune, gaa’ilaan alatti ejja hin raawwanne. Muhammad garuu ga’ilaa dachaa gaggeeffateera (Bukhari, volume 7, No. 142). Gaa’ila isaatiin alatti ejja raawwateera (Kitab al-Tabaqat al-Kabir, p. 151).
- Museen umurii gaa’ilaaf hin geenye daa’ima hin fuune. Muhammad garuu Ayishaan otuu daa’ima waggaa 6 taatee jirtuu kaadhimmachuun waggaa salgaffaa isheetiin waliin ciiseera (Sahih Al-Bukhari, Volume 5, Book 58, Number 234; Volume 5, Book 58, Number 236; Volume 9, Book 87, Number 140; see also Number 139; Volume 7, Book 62, Number 64; see also Numbers 65 and 88; Sahih Muslim, Book 008, Number 3309; see also 3310; Book 008, Number 3311; Sunan Abu Dawud, Number 2116; Book 41, Number 4915; Book 13, Number 2380).Muhammad daa’immaan jilbaan daa’iman iyyuu gaa’ilaaf hawwaa akka ture seenaa Islaamummaa keessaa dubbifachuun hedduu rifaasisaadha. “daa’imni Abbaas Uum Habiib yeroo umuriin harma hoodhuu irra jirtu fuula isaanii dura jilbaan yommuu daa’imtu Nabiyyichi ishee arguun akkana jedhan, ˱Ani otuu lubbun jiruu kan guddattu yoo taate nan fuudha. ” (Musnad Ahmed, Number 25636).
- Museen haadha manaa kan guddifachaa isaa fudhachuun hin fuune. Muhammad garuu haadha mana Zayiid kan guddifachaa isaa Zayib jedhamtu fuudheera (Suuraa 33:37፣ Sahih Muslim Book 8, Number 3330).
- Museen Israa’oleta gara abdii isaaniif galame biyya isaaniitti geesseera (Seera ba’uu, Seera Lewwootaa, Seera Lakkoobsaa, Seera Keessa Deebii). Muhammad garuu billaadhaan Israa’olta ajjeeseera, saameera, garba godhateera, biyyaa ari’eera (Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah,” The Life of Muhammad translated by A. Guillaume, pp. 363, 437, 461, 510). Bara dhumaattis Musliimonni Yihuudota hunda akka ajjeesan dubbateera (Sahih al-Bukhari Volume 4, Book 52, Number 177; Sahih Muslim, Book 041, Number 6981).
- Museen Jiinniin keessa isaa akka jiru yaadee hin beeku. Muhammad garuu Jiinniin keessa isaa akka jiru dubbateera (Sirat Rasulallah p. 106, 121, 130, 136).
- Museen of ajjeesuuf yaalee hin beeku. Muhammad garuu gaara irraa of darbatee ajjeesuuf yeroo hedduu yaaleera (History of Tabari, translated by W. Montgomery Watt, vol. 6, p. 69-70; Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah,” The Life of Muhammad, translated by A. Guillaume, p. 106).
- Museen hanga dhumaatti yaadaa fi sammuuu fayya-qabeessa qabaachaa ture (Keessa Deebii 34:1-7). Muhammad yommuu du’uuf jedhu rakkinni sammuu isarra ga’ee ture (Sahih al-Bukhari Volume 2, Book 23, Number 471).
- Museen dubbii Sheeyxana biraa ta’e hin dubbanne. Muhammad garuu keeyyata kan Sheeyxanaa ta’an dubbateera (History of Tabari, vol. 6, pp. 108-110).
- Museen maqaa Waaqayyoon malee maqaa waaqa biroon hin dubbanne (Keessa Deebii 18:20). Muhammad garuu maqaa Al-Laat, Al-Uzaanaa fi Manaat jedhamaniin dubbateera (History of Tabari, vol. 6, pp. 108-110).
- Museen maqaa Waaqayyoon soba dubbatee hin beeku (Keessa Deebii 18:20). Muhammad garuu maqaa waaqa isaatiin soba dubbachuu isaa fi waaqni isaa kan dubbate fakkeessuun dubbachuu isaa hubachiiseera (Al-Tabari, The History of Al-Tabari, vol. vi, p. 111; Ibn Sa’d, Kitab Al-Tabaqat Al-Kabir, vol. 1, p. 237).
- Musee irratti toshaan milkaa’uu hin dandeenye (Seera Lakkoobsaa 23:23). Muhammad garuu to’annoo toshaa jala ta’uun waggaa tokkoof rakkachaa ture (Al-Bukhari, vol. 7, no. 660; Al-Bukhari, vol. 7, no. 658).
- Waaqni Musee saba isaaf abbaa dha (Keessa Deebii 32:6). Waaqni Muhammad garuu eenyumaaf iyyuu abbaa ta’ee hin beeku (Suura 5:18).
- Museen mul’ata kan mataa isaatiin faallessee hin beeku. Muhammad garuu mul’ata isaa irra deddeebi’uun faalleessa ture (Suuraa 13:39, 16:101, 2:106, 17:86).
- Museen dhuunfaan haaloo ba’uu dhorkeera (Seera Lewwootaa 19:18). Muhammad garuu dhiifama gochuun filatamaa ta’uu isaa yoo dubbate iyyuu haaloo ba’uu heeyyameera (Suura 16:126). Innis haaloo kan ba’u ture (Bukhari vol 5 No. 369; Ibn Sa`d, Kitab al-Tabaqat al-Kabir, Vol. 2, p. 31; Ibn Ishaq’s “Sirat Rasul Allah,” The Life of Muhammad translated by A. Guillaume, pp. 675, 676).
- Museen waraana hirmaate hundumaa yeroo tokkoof iyyuu hin mo’amne. Muhammad garuu waraana Uhuud irratti akka malee mo’ameera. Waraana kanarratti eessumni isaa Haamzaan kan du’e yommuu ta’u Muhammad iyyuu hidhiin isaa tarsa’ee ilkaan garri fulduraa isaa harca’eera. Kan Muhammad ta’uu isaanii kan isaaniif dubbatame ilkaan lamaan har’a muuziyeemii Istaanbul keessa kaa’amanii argamu (Paul Fregosi. Jihad in the West, Muslim Conquest from 7th to 21st Centuries; 1998, p. 53).
- Museen dhiirri uffata durbaa akka hin uffanne dhorkeera (Keessa Deebii 22:5). Muhammad uffata durba kan haadha manaa isaa Ayishaa uffachaa ture (Sahih al-Bukhari Number 2442; 2393; 3941; Sahih Muslim, Book 031, Number 5984).
- Museen haadha manaa namaa hawwuu dhorkeera (Ba’uu 20:17). Muhammad haadha manaa namaa hawwuurra darbee nama jalaa fudhatee fuudhera (Suuraa 33:37, Sahih Muslim Book 8, Number 3330).
- Museen dubartoota waraanaan booji’aman gudeeduu dhorkeera (Ba’uu 21:10-14). Muhammad garuu heeyyameera, keessumaa ammoo abbaan manootii isaanii otuu lubbuun jiranii! (Sahih Al-Bukhari 62:137; Bukhari 34:432; Abu Dawud 2150; Sahih Muslim volume 2, No. 3371; ሱራ 70፡29-30፣ 23፡5-6).
- Museen dhiifama cubbuuf sirna aarsaa raawwachaa ture (Seera Lewwootaa guutummaa isaa). Muhammad garuu waa’ee aarsaa dhiifama cubbuuf ta’u hin barsiifne. Seera Museen nyaataaf iyyuu kan dhorkame Gaala aarsaa gochaa kan ture yommuu ta’u hiika aarsaa Museen itti kennameen tasumaa wal hin fakkaatu, waaqolii tolfamoo Arabaa irraa kan fudhatameedha (Suuraa 22፡32-36፣ 2፡196).
- Muhammad kitaaba Musee irraa yommuu ibsu jecha mataa isaa itti dabalee ibseera. Kunis Kitaaba Musee beekuu dhiisuu isaa ti. “Lubbuun lubbuudhaan, iji ijaan, funyan funyaanin, gurri gurraan, ilkaan ilkaaniin, madaanis gumaadha jechuun isaan irratti barreessinee jirra” (Suuraa 5:45). Garuu abboommiin isaa bakka kenname hundumaatti “iji ijaan, funyaan funyaaniin” kan jedhu hin jiru (Ba’uu 21:24, Lewwoota 24:20, Keessa Deebii 19:21).
- Museen foon Gaalaa nyaachuu dhorkeera (Lewwoota 11:1-4, Keessa Deebii 14:3-7). Muhammad foon Gaalaa nyaachuu qofa otuu hin taane fincaan Gaalaa iyyuu dhuguu heeyyameera (Sahih Bukhari 8፡796; ሱራ 22:36).
- Museen barumsa waa’ee eegumsa qulqullinaa barsiiseera (Lewwoota 11:25, 13:47-58, 14:8, 15:5-13, Keessa Deebii 23:12-14). Muhammad garuu fayyummaa namaa balaaf kan saaxilan barumsa barsiiseeraa. Fakkeenyaaf: Tisiisni dhugaatii keessa yoo galte gara keessaa akka seentu gochuun dhukkuba akka namarraa dhorkuu fi bineensonni du’an kan itti gatamanii fi dubartoonni laguu ji’aa isaanii bishaan ittiin miiccatan dhuguun fayyummaa akka hin miine dubbateera (Sahih Al-Bukhari Volume 4, Book 54, Number 537; Sunan Abu Dawud 67; Sunan Ibn Majah 520; Sunan Ibn Majah 521).
- Museen tajaajila waaqeffannaaf kan malu dhagaa kamiyyuu bocanii dhaabuu dhorkeera (Ba’uu 26:1, Keessa Deebii 16:22). Muhammad garuu dhagaa gurraacha waaqolii tolfamoo kan Araboonni itti sagadaa turan dhungateera, harkaan qaqqabateera, hordoftoonni isaa guyyaatti yeroo sadii gara isaa naanna’uun akka sagadaniif abboomeera (Sahih al-Bukhari, Volume 2, Book 26, Number 673; ሱራ 2፡150).
- Waaqni Musee sobuu fi gowwomsuu kan hin beekne qulqulluudha (Seera Lakkoobsaa 23:19). Waaqni Muhammad garuu tooftaa jedhamee waamameera. Suuraa 3:54: “Isaanis tooftaa baasanii: Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti (wa’alahu hayiruu Al-Makiriin) jechuudhaan Allaan tooftaa kanneen uumaniin kan caaluudha” jechuudha. Allah (is) the best (of) the cheaters/deceivers. Yaada walfakkaataa kan qabaatan keeyyatoota Qur’aana hedduu arganna (Suuraa 7:99, 8:30, 10:21, 13:42). Garuu namoonni Qur’aana afaan oromoon hiikan jechoota garaa garaan bakka buusuunii fi baay’isuun yoo hiikan iyyuu hiikni kallatii isaa Allaan sobdoota yokiin gowwomsitoota hundumaa irra kan caalu sobaa fi gowwomsaa ta’uu isaa kan argisiisuudha. Maqaawwan Allaah 99 keessaa tokko “Al-Makir” yokiin “sobdicha” kan jedhuudha. Dikshinariin afaan Arabaa hedduun “sobaa, gowwomsaa, dabaa fi kkf “ jechuudhaan hiiku.
- Museen yeroo tokkoyyuu faayidaa dhuunfaa isaatii kabachiisuuf mul’ata dubbatee hin beeku. Muhammad garuu mul’aa naaf bu’eera kan jedhu sababa uummachuun faayidaa dhuunfaa isaa barbaadaa ture (Suuraa 33:51, Suuraa 33:37, Suuraa 33:50, Suuraa 33:53, Suuraa 49:4).
- Museen durba lammiin itiyoophiyaa taate fuudheera (Seera Lakkoobsaa 12:1). Muhammad kanneen Itiyoophiyaa ta’aniif keessumaa ammoo gurraachotaaf tuffii guddaa qabaachaa ture. Kana malees garba isaan godhateera (Sahih Muslim, Book 10, Number 3901; Sahih Bukhari, Volume 9, Book 91, Number 368) . Kanneen Itiyoophiyaa ta’aniin “sammuu zabiibaa” Jechuudhaan isaan arrabseera (Sahih al-Bukhari Book Number 89 Hadith Number 256). Gurraachota Sheeyxana waliin fakkeesseera (Ibn Ishaq, Sirat Rasulallah, translated as, The Life of Muhammad by A. Guillaume, page 243). Durbi gurraattiin mallattoo weerara dhibee ta’uu ishee dubbateera (Sahih Bukhari, Volume 9, Book 87, Number 161). Odeeffanno dabalataaf ሙሐመድ ለጥቁሮች የነበረዉ ንቀት (Muhammad tuffii gurraachotaaf qabaachaa ture) barreeffama jedhu dubbifadha.
- Museen qamaa isaa irraa dhukkuba kamiyyuu akka hin qabaanne haadisaatiin Islaamummaa in dubbatu (Sahih Al-Bukhari Volume 4, Book 55, Number 616; Volume 1, Book 5, Number 277). Muhammad garuu dugda isaa irra madaatu jira ture. Musliimonni kanneen jalqabaa rakkina fayyumaa kana “mallattoo Nabiiyyotaa” godhanii hiikaniiru (Sahih al-Bukhari Volume 1, Book 4, Number 189; Volume 7, Book 70, Number 574; Sahih Muslim Book 030, Number 5790). Odeeffannoo dabalataaf “የነቢይነት ማህተም ወይንስ የጤና ችግር?” (mallattoo Nabiyummaa moo rakkina fayyummaa?) mata-duree jedhuun barreeffamee qophaa’e dubbifadha.
- Museen umurii dheeraa jiraatee akka yaada Waaqayyootti boqoteera, reeffi isaa ergamootan eegama (Keessa deebii 34; Yihudaa 1:9). Muhammad garuu summii dhugee du’eera bakki awwaalli isaa ammoo magaala Madiinaatti argama (Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 59, Number 713).
- Museen raajiin (nabiyyiin) akkasaa Israa’el keessaa akka ka’u dubbateera (Keessa Deebii 18:18). Muhammad garuu waantota shaniin Nabiiyyota hundumaan adda ta’uu isaa dubbateera. Kanaafuu haala dubbii isaatiin Musee waliin hin fakkaatu (Sahih al-Bukhari Volume 1, Book 7, Number 331).
Yaa Musliimota jaallatamoo! Gama dhugaawwan kanaan nabiyyiin Musee fakkaatu Muhammad ta’uu isaa dubbachuuf kan dandeessisu ragaa maalii dhiyeessuu dandeessu? Barreeffamoota kana erga dubbifattanii booda falmii Ustaazonni keessan dhiyeessaniin amantaan isin qabaattan hangamiidha? Namoonni bara Muhammad turan iyyuu Musee fi Muhammad walfakkaachuu dhiisuu isaanii hubachuun gaaffi kaasanii akka turan Qur’aana isaanii keessatti barreeffameera. Suuraa 28:48 “Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu, “Inni maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhan. Sila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turre? “(Tawraatiifi Qur’aannis) Sihrii lama kan walgargaaraniidha” jedhan. “Dhugumatti, nuti (isaan) hundattuu kafarree jirra” jedhan.”
Muhammad nabiyyichi keessan waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuu dadhabuu isaatiin waantota Museen hojjete ajaa’ibsiisuummaa isaa xiqqeessee argisiisuuf yommuu yaalu argama. Museen waantota ajaa’ibsiisaa kana hundumaa otuu hin argisiifne ta’ee harka garbummaa keessaa Israa’elota baasuu hin danda’u ture. Muhammad mallattoowwan dhugaa kan nabiiyyotaa otuu argisiisuu danda’a ta’ee Araboota sallamsiisuuf billaa luqqifachuu hin barbaachisuun ture. Har’a Islaamummaan hordofaa kan jirtan Muhammad nabiyyii dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffattani moo duuchaatti? Billaa sodaattanii moo fedha mataa keessaniin? Islaamummaa dhiisuu keessaniin kan isin irra ga’u adda ba’uu fi rakkina yeroof jedhame sodaachuun moo jireenya bara baraa nan argadha jettanii ti?Mee jireenya isaa ilaaluun yaada garaa keessan waliin dhugaa jiru dubbadhaa! Akkuma Muhammad cubbuu fi jallinni irratti kan hin argamne fayisaa tokko isin beeksifna. Maqaan isaan Yesuus jedhama! Afaan Ibruutiin Yashuwaa Mashiyaa jedhanii waamu. Kiristiyaanoti Arabaa iyyuu Yasuwaa Al-Masiih yommuu jedhan isin ammoo Al-Masiih Iisaa jettanii waamtu. Inni dhugaatti qajeelaa, qulqulluu fi cubbuu ofirraa kan hin qabaanne ta’uu isaa Caaffati Qulqullaa’aan ragaa ba’u. Inni ilmaan namaa cubbuu isaanii irraa fayyisuuf samiirra kan dhufe ilma Waaqayyoo ti. Akkana isiniin jedha:
“Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” (Mat. 11:28).
Gooftaan qajeelaa ta’e kun hojii gaarii mataa keessaniin argachuu kan hin dandeenye jireenya bara baraa gatii bilisaan isiniif kenna. Cubbuu haala ittiin injifachuu dandeessan qulqulluu hafuura isaa isiniif erga. Har’uma maqaa isaatiin amanuun badiisa bara baraa irraa akka ooltaniif waamicha isiniif dhiyeessina! Waaqayyo Gooftaan isin haa gargaaru!