Seensa

Seensa

“Kutaa jaarraa tokkoon booda Kitaabni Qulqulluun lafarraa bade”.  Voolter kan jedhamu falaasfaa beekamaan lammii Faransaay waggoota 250n dura kan dubbate ture. Volter kana dubbachuun isaa beekumsi ilma namaa guddaachaa yoo deemu barbaachisummaan Kitaaba Qulqulluu hir’achaa deema kan jedhu yaada dogoggoraa irraa ka’uun ture. Voolter du’eera garuu faallaa yaada isaatiin barbaachisummaan Kitaaba Qulqulluu fi rabsamuun isaa yeroo kamiyyuu caalaa haala addaa ta’een dabalaa deeme malee yommuu hir’atu hin argamne. Du’a isaatiin booda mana maxxansaa fi mana jireenyaa isaa Waldaan Kitaaba Qulqulluu Jenevaa bitachuun bakka kuusa Kitaaba Qulqulluu gochuun isaa taatee namoota hedduu ajaa’ibsiise ta’eera. Kanaan hin raawwatamne, Dh.K.B Ebla bara 24/1933 barreeffama harkaa Kitaaba Qulqulluu kan Koodeks Siinaayitikas mootummaan Ingilizii doolaara miiliyoona walakkaan mootummaa Raashiyaa irraa kan bite yoo ta’u yeroodhuma sanatti Paarisiin kan argamu mana gurgurtaa kitaabaa keessatti kitaabni Voolter maxxansaan inni jalqabaa saantima kudha tokkoon qofa gurgurameera.

Mootichi Roomaa Diyaakileeshiyaan jedhamu Kiristiyaanota akka malee kan ari’atan mootota Roomaa keessaa adda durummaan ibsama. Mootiin hamaa kun Kitaaba Qulqulluu lafarraa balleessuuf murteeffatee ka’uun kooppiiwwan hedduu gubee ture. Kiristiyaanummaan kan bade hanga fakkaatuun haala sukkanneessaa ta’een Kiristiyaanota hedduu ajjeesee ture. Dhuma irratti yaadannoo  “injifannoo isaaf” Kitaaba Qulqulluu gubaman irratti siidaa dhaabuun “maqaan Kiristiyaana jedhu guutummaan badeera” barreeffama jedhu irratti barreessise. Kun ta’ee waggoota digdamaan booda Qusxinxiinoos kan jedhaamu Kiristiyaanota kan jaalatu mootiin Roomaa irratti mo’e. Nama Kitaaba Qulqulluu fidee dhufeef badhaasa guddaa qopheessuu isaa labse. Sa’aa digdamii afur keessatti shantaaman ol kan ta’an kooppiiwwan Kitaaba Qulqulluu bakka dhokfamanii baasuun gara mootichaa qabatanii dhufan. Kiristiyaanoti lafa ari’amanii fi ajjeeffaman irratti eegumsi mootummaa isaaniif godhameen kitaaba jireenyaa kana bilisummaan baay’isuu fi rabsuu danda’aniiru.

Seenaa ilmaan namaa keessatti akka Kitaaba Qulqulluu kan ari’atamee fi rakkinoota hedduu fudhate kitaabni hin jiru yoo jenne soba hin ta’u. Mormitoonni kitaaba kana gatii dhabsiisuuf yaaliin isaan hin goone hin jiru. Amanamummaa isaa hanqisuuf kitaabonni lakkoofsa hin qabaanne barreeffamaniiru. Walumaa galatti Kitaaba Qulqulluu balleessuuf tajaajiltoota sagalee isaa ta’an ari’achuunii fi barreeffamoota isaa walitti qabanii gubuu irraa eegalee karaa qorannaawwan hayyootaan fayyadamuun himannaa hanga dhiyeessuutti kan jiran karaawwan hedduun faayidaa irra olfamaniiru. Har’a garuu heddumina barreeffamoota harkaa kanneen jalqabaa fi gara afaan garaa garaan hiikuun akkasumas maxxansuu fi rabsuun kitaaba guddaa kanaa waliin dnetomuu kan malu kan amantaas ta’e amantaa hin taane hin jiru. Odeeffannoowwan dhiyeenyaa akkuma argisiisan barreeffamoonni harkaa kan durii Kakuu Haaraa 25,000nii ol ta’an muuziyeemii garaa garaa keessatti kan argaman yoo ta’u gara fuulatti yoo jijjiirru gara fuulota miiliyoona 1.3 ni qabaanna! Hojii Hoomer kan ta’e Iiliyaad kan jedhamu barreeffamoota harkaan heddumina Lakkoofsaan 643 kan qabaatu barreeffamoota harkaa Kitaaba Qulqulluun itti fufee sadarkaa lammaffaan kan argamu waliin yoo ilaallu hangam guddaa ta’uu isaa fakkiin isaa sammuu keenyan kan tilmaamuudha.

Ginus World Records“ waa’ee Kitaaba Qulqulluuf toora marsariitii isaatiin akka itti fufee jiruun ibseera. “Lakkoofsa isaa beekuun rakkisaa yoo ta’e iyyuu garuu sadarkaa gurgurtaa fi rabsuun Kitaaba Qulqulluun addunyaa irraa kitaaba jalqabaa ta’uun isaa shakkii hin qabaatu. Waldaa Kitaaba Qulqulluun qorannaa godhameen akkuma argisiisu Dh.K.B bara 1815 fi 1975 gidduu kooppiiwwan Kitaaba Qulqulluu Biiliyoona 2.5 ta’an kan maxxanfaman yoo ta’u tilmaama dhiyeenyaan lakkoofsa isaa biiliyoona 5nii ol taasisa…Kitaabni Qulqulluun guutummaa afaanota gara 349liin kan hiikame yoo ta’u afaanonni 2,123 ta’an ammoo yoo xiqqaate Kitaaba Qulqulluu keessa kan jiran gosa kitaabota keessaa tokko in qabaatu. ”[1]

Kiristiyaanoti akkuma jedhan Kitaabni Qulqulluun kan sagalee Waaqayyoo ti? Ragaawwan kanaan deeggaranis jiru? Kitaabni Qulqulluun boora’uu isaa, faallessuu isaa, seenaawwan dogoggoraa fi dogoggora saayinsawaa isaatiin guutamuu isaa mormiiwwan dubbatamaniif deebiin Kiristiyaanoti kennan maaliidha? Ergaa isaa sirriitti hubachuuf karaan ittiin dubbafamu fooyyee qabaatu isa kamiidha? Kan jedhanii fi gaaffiiwwan hedduu kanneen biroo ibsa deebiiwwan ragaan deeggaraman kitaaba kana keessaa argattu. Kaayyoo guddaan barreeffama kanaa hundeen Kiristiyaanoti irra dhaabatan hangam amanamaa fi cimaa ta’uu isaa akka beekaniif kan deeggaru yoo ta’u gaaffiiwwan gaafatamaniif deebii laatamuu malu akka kennuu danda’aniif isaan gargaara. Namoonni Kiristiyaanota hin taane ammoo ragaawwan jiran ilaaluun Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa gara beekuutti akka dhufaniif kan deeggaruu fi himannaawwan beekamaa ta’an dhiyaataniif immoo sababa kan hin qabaanne ta’uu isaanii akka beekaniif falmii amantaaf godhamuuf ga’ee guddaa akka ba’u kan amanamuudha. Obboleeyyan Kiristiyaanaa dhiiraa fi durbaa gosa tajaajila amantaaf falmuu irratti hirmaataniif ammoo qorannaa caalmaa qabaatuuf kallaattii kan argisiisu madda odeeffanno faayidaa qabeessa akka ta’u abdiin jira. Kitaaba kana dubbifattoota garaa garaaf mijataa akka ta’uuf salphaa kan ta’ee fi jalqaba isaa irraa eegaluun hanga qabiyyee isaaniin ulfaataa ta’anitti kan jiran odeeffannoowwanii fi yaadawwan itti daballeerra.

Jaallatamtoota dubbifattoota! “Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ti?” gaaffii jedhuuf deebiin qabdan maali laata? Deebiin gaaffii kanaaf kennitan jireenya bara baraa keessan kan murteessu qabxii kan jalqabaa ta’uu isaa hin shakkinaa. Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa Kiristiyaanoti in amanu. Amantiin kun ammoo amantii duuchaatti amanamu otuu hin taane amantii hundee jabaa irratti ijaarame ta’uu isaa barreeffama kana gara keessaa seenuun yeruma dubbifattan dhugaa mirkaneeffachuu dandeessaniidha. Dhugaa fudhachuuf garaa qophaa’ee fi haala ariifannaa irraa bilisa ta’uun akkasumas murtoo sirrii ta’e kennuuf sammuu gaarii qophaa’een akka dubbifattan affeeramtaniittu. Gaaffii yokiin yaada qabaattaniif teessoo itti fufee jiruun yoo nuu ergitan gammachuun simanna. Dubbisa gaarii!

[1] http://www.guinnessworldrecords.com/world-records/best-selling-book-of-non-fiction/

 

Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyooti?

Macaafa Qulqulluu