Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo Ta’uu Isaa Ragaawwan Mirkaneessan

Boqonnaa 2

Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo Ta’uu Isaa Ragaawwan Mirkaneessan


Kitaabni tokko duuka buutota qabaachuu isaatiin yokiin ammoo keessi isaa sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa kan dubbatu yaadni barreeffamuu isaatiin qofa sagalee Waaqayyoo ta’uu hin danda’u. Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoodha yoo jenne ragaawwan kana nuuf mirkaneessan jiraachuu malu. Ragaawwan kun ammoo gaaffiiwwan cimaa kaafamuu malan hunda keessa darbuuf humna isaa qabaachuun isaaniif mala. Ta’uudhaa yoo baate garuu yaadni tokko akka ragaatti dhiyaachuun matuma isaatiin iyyuu garaa garteen uumu hin jiraatu. Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaanii kan dubbatanii fi hordoftoota hedduu kan godhatan kitaabonni lakkoofsa hin qabaanne addunyaa keenya irratti argamu. Garaa gartee gidduu isaanii jiruun fakkeenyaaf, kitaabota addunyaa irra jiran keessaa lamaan isaanii yaada tokkoon dhugaa ta’uu hin danda’an. Isaan kana hundumaa keessaa sagalee Waaqayyoo isa dhugaa ta’uu kan malu kitaaba tokko qofadha. Kitaaba kana ittiin adda baafachuuf kan nu dandeessisan loogii kan hin qabaannee, ifaa kan ta’anii fi namoonni hedduun hubachuu kan danda’an ragaawwan qabaachuun nuuf mala.

Amantaaleen tokko tokko caaffanni qulqulluun isaanii sagalee Waaqayyoo kan dhugaa ta’uu isaani argisiisuuf yaadawwan shakkisiisaa ta’an, miira dhunfaa fi ilaalcha irratti kan hundeeffame ulaagaawwan (subjective) itti fayyadamu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, hordoftoonni amantaa Moormoon namni tokko harka isaa kitaaba qulqulluu isaanii irra kaa’uun yoo kadhate naannaa laphee isaa miirri gubaa akka itti dhaga’amuu fi kanaan adda baafachuunis dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffachuu akka danda’u dubbatu. Musliimonni ammoo Qur’aanni kitaabota hundumaan kan caalu sirna barreeffama isaatiin miidhagina waan qabaatuuf kun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa akka mirkaneessu dubbatu. Kiristiyaanoti garuu Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa mirkaneessuuf kanaan kan fakkaatan “ragaawwan” hin dubbatan. Isaan kana mannaa jabaa kan ta’anii fi miira dhuunfaan kan hin deeggaramne ragaawwan (objective) ni qabaanna. Ragaawwan kun maaliidha? Ibsamu kan malan keessaa muraasa isaanii itti fufee kan jiruun ilaalla:

Raajiiwwan Raawwataman

Raajuu jechuun haalota gara fuula duraatti mudatan dubbachuu jechuudha. Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo kennaa akkanaa namoonni isaaniif laate raajota jedhamuun beekamu. Raajiin madaallii kamiyyuu mannaa dhugaa ta’uu Caaffata Qulqullluuf akka ulaagaa dhaabbataatti tajaajiluu danda’a. Dhugaa kana haala gaariin yaadni nu hubachiisuu danda’u amantaa Kiristiyaanaaf falmaa kan ta’e Gerhaard Neels kitaaba barreessan keessatti argama. Isaan yaada kana kan ibsan kitaaba Musliimaa Miishkaat Al-Masaabii jedhamu seensa isaa irraa yommuu ta’u Kiristiyaanota qofa otuu hin taane hayyooti amantaa kanneen biroo dabalatee gaaleewwan armaan oliin ibsaman wajjin kan  walii galan ta’uu isaanii argisiisa. Kanaafuu ibsuuf yaalla:

“Waantota ajaa’ibsiisaa keessatti raajii jechuun waantota gara fuula duraatti ta’an dursanii dubbachuu jechuudha. Kun xiinxalummaa siyaasaa otuu hin taane waa’ee iccitiiwwan gara fuula duraa dubbii beekumsa Waaqummaa irraa kan madduudha. Raajiin sababa itti fufee jiruun wanna jaa’ibsiisaa hunduma irra kan caaluudha. Raajiin seenaan mirkaneeffamuu danda’a. Waanti ajaa’ibsiisaan garuu ta’uu hin danda’u. Waantonni ajaa’ibsiisaa humna Waaqayyoo yommuu ibsan raajiin garuu wanta gara fuula duraatti ta’u beekumsa Waaqayyoon kan ibsamuudha. Beekumsi humnarra akka caalu akkuma kana ammoo raajiin waantota ajaa’ibiisaa irra caala”[1]

Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbiin akkana jedhu barreeffamaa arganna:

“Isin immoo garaa keessanitti, “Dubbii isa Waaqayyo hin dubbatin sana attamitti beekuu dandeenya?” yoo jettan, raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin erga dubbatee booddee, dubbichi yoo raawwatamuu yookiis dhugaa ta’uu dhaa baate dubbichi isa Waaqayyo hin dubbatinii dha; raajichi kana ta’innaadhaan waan dubbateef isa hin sodaatinaa” (Kes 18:21-22).

Bakka biraan ammoo Waaqayyo akkuma kana karaa raajicha Isaayaas akkana jechuun dubbata:

“Ani Waaqayyoo dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu, maqaa koo isan ittiin galateeffamus waaqayyolii tolfamaniif hin dhiisu. Kunoo, wanti dur dubbatame ta’eera, amma immoo waan haaraa isinitti nan beeksis” (Isa 42:8-9).

Ammas Waaqayyo karaa Isaayaasiin akkana jechuun dubbata. Waaqolii tolfamootti in ga’isa.

“Waaqayyo mootiin Israa’el inni Israa’elin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru; kan akka kootii eenyu?  Mee achii as ba’ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul’isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta’e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu” (Isa. 44:6-7).

“Waaqayyo mootiin Yaaqoob, “Yaa waaqayyolii saba lafaa irraa, mee dhimma keessan dhi’eeffadhaa! Wanta ittiin falmattanis hmadhaa! Mee as ba’aatii wanta si’achi ta’uuf jiru nutti mul’isaa, nuyi akka qalbifannuutti yommuu inni fiixaan ba’us akka hubannutti, isa kanaan dura ta’e, yookiis wanta gara fuula duraatti ta’uuf jiru, nutti himaa! Nuyi waaqayyolii ta’uu keessan akka beeknutti, mee wanta kana booddeedhaan dhufuuf jiru nutti hiimaa! Eyyee! Nuyi isa arginee naanee akka sodaannutti, mee wanta gaarii yookiis wanta hamaa hojjedhaa kaa” (Isa. 41:21-23).

Waaqayyo gooftaan keenya waaqummaa isaaf kan dhiyeesse keessaa tokkoo fi ragaan inni guddaa wanta gara fuula duraatti ta’uuf jiru dandeettii ittiin dubbatuudha. Kanaafis ulaagaan kun kitaabni isa biraa ta’ee fi raajiiwwan dhugaa ta’an eenyu faa akka ta’an beekuuf gargaara. Raajonni sobduu fi kitaaboni Waaqayyo biraa hin taane haala gara fuula duraatti ta’u sirriitti beeksisuuf dandeetti isaa hin qabaatan.

Raajiiwwan dhugaa ta’anii fi hin taane akkamiin adda baasuu dandeenya? Gaaffiin jedhu kaafamuu mala. “Raajiin” tokko dubbichi raawwatamuu isaatiin booda yoo dubbatame, namni kamiyyuu salphaatti tilmaamuu kan danda’u yoo ta’e (fakkeenyaaf Oloompikii itti aanuun atileetonni Itiyoophiyaa medaaliyaa argatu inni jedhamu raawwatamuun isaa muraasaan ragaa kan qabaatu yoo ta’e), maddeewwan biroo irraa kan fudhatame yoo ta’e, guutummaatti yokiin muraasaan ergaa shakkisiisaa yoo qabaatee fi inni dubbate iyyuu wanta raawwachuu barbaade yoo ta’e raajii dhugaa ta’uu hin danda’u. Raajiin tokko wanti tokko otuu hin raawwatamiin dura durfamee kan dubbatame yoo ta’ee fi wanti dubbatames haala shakkisiisaa hin taaneen seenaa keessatti raawwii yoo argate, raajiin dubbatame to’annoo isa dubbatuun ala haala ta’een (raawwatamuu isaaf inni dubbatee ture sun yaaliin isaa otuu itti hin dabalamiin) raawwatamuu yoo danda’e akkasumas shakkisiisaa ta’uu dhaa yoo baate akka raajii dhugaatti fudhachuu dandeenya.

Fuula muraasa itti fufanii jiran keessatti kan raawwataman raajiiwwan ajaa’ibsiisaa hedduu Kitaaba Qulqulluu keessaa muraasa isaanii haa ilaallu:

Raajiiwwan Waa’ee Yesuus Kristosiif Dubbataman

Kakuu Moofaa keessatti waa’ee dhufaatii Masihichaaf kan dubbatamanii fi jireenya Gooftaa keenya Yesuus Kristos irratti kan raawwataman raajiiwwan 300 ol in argamu. Hayyuun amantaa Kiristiyaanaa Joosh Maakduweel jedhaman “Evidence That Demands a Verdict” (ragaa murtoo barbaadu) kitaaba isaanii jedhu keessatti raajiiwwan dubbataman 61 tarreessaniiru. Raajiiwwan kana keessaa saddeettan isaanii qofa otuu fudhattanii jedhu Proofeeser Maakduwel, namni tokko raajiiwwan saddeettan kana guutuu isaaf carraan isaa namoota 10 17 yokiin 100, 000, 000, 000, 000, 000 keessaa nama tokkodha. Kanas fakkeenyaan yommuu hubachiisan akkana jedhu: daangaa Teeksaas otuu fudhattanii fi saantimoonni meetii irraa tolfaman ol kaa’iinsa faana lamaa hanga qabaatuun daangaa isaa irra otuu tuulamanii, kana boodas saantimoota kana keessaa tokkoo ishee irratti mallattoo gochuudhaan daangaa sana keessaa bakka tokko otuu awwaaltanii, itti fufuunis nama tokko ija isaa erbeen haguuguunii fi saantimaa meetii irraa tolfaman kana bakka awwaalamee akka baasuuf yoo itti himtan, jalqaba yaalii isaatiin saantima mallattoo itti godhamte bakka awwaalmtee carraan baasuun isaa 1027dha![2]

Raajonni Kakuu Moofaa dholoota isaatii eegaluun hanga du’aa ka’uu isaatti kan jiru jireenya Gooftaa Yesus bal’inaan dubbataniiru. Raajiiwwan hedduu kana keessaa muraasa isaanii itti fufuun dhiyeessina.

Dhalachuu Isaa Ilaalchisuun

Durbee irraa dhalachuu isaa

“Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi,  maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jettee in moggaafti” (Isa. 7:14).

Raawwitamuu isaa:

“Elsaabex ulfooftee ji’a ja’affaatti, ergamichi Gabri’el Waaqayyo biraa kutaa biyya galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame. Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkootti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte. Ergamichi isheetti mul’atee, “Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira’o, nagaan siif haa ta’u, yaa ayyaana-qabeettii!” ittiin jedhe. Maariyam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, “Kun maal jechuu dha?”jettee of gaafatte. Yommus ergamichi ishee dhaan, “Yaa Maariyaam, Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin! Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! Inni guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama” (Luq. 1:26-32).

Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka dhalate irratti ijaaramuu isaa kan yaadamu Beetliheemitti kan argamu Waldaa Kiristiyaanaa (The Church of Nativity)durii ti. Maddi suura kanaa: wherejesuswalked.net

“Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha;Israa’elin kan mo’u tokko si keessaa anaaf in ba’a; hundeen isa si keessaa ba’uuf jiruus kan bara durii durii bara baraati.” (Miik. 5:2).

Raawwatamuu isaa:

Gooftaan keenya Yesuus Kristos akkuma beekamu biyya Israa’elitti bara dhalate Israa’el guutummaan ishee bittaa Roomaa jala turte. Haadha Gooftaa kan taate Maariyamii fi kaadhimaan ishee Yoseef jiraachaa kan turan magaala Daawit (Betliheem) irraa deemsa guyyaa sadiin fagaachuun kan argamtu Naazireet jedhamuun kan beekamtu magalaa xiqqoo keessa ture. Raajiin Kakuu Moofaa armaan oliin ibsame kan dubbatu Masiihichi magaala Betliheemitti akka dhalatuudha. Namni magaala Betliheemitti hin dhalanne kamiyyuu Masihii ta’uu isaa yoo dubbate mallattoo Masihii keessaa baay’ee ifaa fi barbaachisa kan ta’e ulaagaa waan hin guunneef fudhatama argachuu hin danda’u. Naazireet fageenya Betliheem irraa qabaattuu fi haati Gooftaa guyyaan dahumsa ishee dhiyaachuu isaa waliin yaada keessa yommuu galfamu haalli ittiin raajiin dubbatamee ture sun raawwatu kan jiru hin faakkatu ture. Garuu Waaqayyo abbaa aangoo inni ta’e Qeesaar mootichi Waaqayyoon hin beekne namoonni daangaa isaa keessatti argaman hundi gara biyya dhaloota isaa deemuun akka galmaa’aniif abboommiin akka ba’u isa daddammakse. Yoseefii fi Maariyaam lamaan isaanii iyyuu qomoo Daawit irraa ta’uu isaaniin galmeeffamuuf gara magaala Daawit deemuun isaaniif mala ture. Maariyaamii fi Yoseef halkan Beetliheem ga’an sanatti fayyisaa kan ta’e Yesuus Kiristos sababa dhalachuu isaatiin, waggoota 500niin dursuun raajiin waa’ee dhalachuu isaatii dubbatame raawwatameera!

“Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba’e. Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Sooriyaatti abbaa biyyaa turetti ta’e. Kanaaf namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. Yoseef sanyii mootichaDaawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii ba’ee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit ga’e. Kaadhima isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte. Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luq. 2:1-20) dabalatas Maatewos 2:1-6.

Du’a Isaa Ilaalchisee

Akka garafamu, akka fannifamu

Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka garafamee fi itti fannifame ta’uu isaa kan amanamu irratti Waldaa Kirsitiyaana kan durii ijaarameedha. Maddi suura kanaa: Oxford Bible Atlas, Four Edition

“Isa nuyi dhageenyee himne eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul’ate? Inni akka biqiltuu mukaatti goofticha duratti ol in ba’a, akka hidda mukaa isa lafa gogaa keessaa ba’uus in ta’a; simboodhaa fi surraa waan hin qabneef, nuyi isa ilaaluu hin jaallanne; miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre; namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baaya’te ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta’e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne. Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa’e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha’icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkofne. Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;  nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa  in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa’e. Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne. Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame; hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree? Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame, balleessaa saba kootiiitiin hamma du’aatti in adabame; inni jal’ina tokko illee hin hojjenne, gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin bane; awwaalli isaa warra jal’oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame” (Isa. 53:1-9).

Raawwatamuu isaa:

“Yommus Philaaxos Yesusiin achii fuudhee reebsise. Warri loltuu gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa’an; uffata dhiilgees itti uffisan. Gara isaatti deddeebi’aniis, “Attam ree, yaa mootii Yihudootaa!” jedhanii isa in kabalu turan. Philaaxos ammas gad ba’ee, “Dabaa tokko illee akkan isa irratti hin argine akka beektaniif, kunoo, gara keessanittan gad isa baasa” isaaniin jedhe. Yesus immoo gonfoo qoraattii kaa’atee, uffata dhiilgees uffatee gad ba’e;  yommus Philaaxos, “Namichi kunoo ti ilaalaa!” isaaniin jedhe. Luboonni warri angafoonnii fi eegdonni yeroo isa argan, “Fannisi! Fannisi! ” jedhanii iyyan. Philaaxos immoo, “Isin ofii keessanii fuudhaatii isa fannisaa, ani dabaa tokko illee isa irratti hin argine” isaaniin jedhe. Warri Yihudootaa deebisanii, “Nuyi seera tokko qabna; inni immoo ilma Waaqayyoo of godheera, kanaaf akka seera keenyaa sanatti du’uutu isa irra jira” jedhan.” (Yohaannis 19:1-7) dabalatas Luqaas 23:33-49.

Mismaaraan Akka Waraanamu, Uffata Isaa Akka Hirmaatan, Kittaa Isaa Irratti Carraa Akka Buufatan.

“Warri akka saree adamsan ana in naanna’an, gareen warra hamaa godhaniis ana in marsan, harka koo fi miilla koos uranii in fullaasan. Lafeen koo hundinuu lakkaa’amuu in danda’a, jarri immoo ana ilaalanii akkasitti na arguutti in gammadan. Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis muka in buufatan” (Far. 22:16-18).

Ragaawwan akkuma nu argisiisan namoota fannoo irratti fannisanii ajjeesuun kan eegalame saba Fooneeshiyaan jedhamaniin yommuu ta’u barri isaa ammoo dhaloota Kiristosiin dura naannaa bara 600 ture. Warri Roomaa duudhaa kana kan fudhatan saba kanarraa ture. Faarsaan raajii of keessaa qabaatu mooticha Daawitiin barreeffame kun dhaloota Kirstosiin dura naannaa bara 1000 ta’uu isaatiin, barri fannifamuu hin eegalamnetti barreessaan kun harkaa fi miilla isaa waa’ee mismaaraan uramuu dubbachuu danda’uu isaa baay’ee ajaa’ibsiisaadha.

Raawwatamuu isaa:

“Yesusin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, tokko tokko akka isaan ga’utti iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dha’aa tokkichaan ba’e malee, hodhaa hin qabu ture. Kanaafis, “Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, muka itti buufannee abbaa inni ba’uuf ilaalla!” waliin jedhan. Kanaanis dubbiin macaafaa inni, “wayyaa koo hirmaatanii, uffata koottis muka buufatan” jedhe in raawwatame. Warri loltuus kanuma godhan. Fannoo Yesus bukkees haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam isheen Magdalaas in dhaabatu turan”(Yoh. 19:23-25).

Itti fufee kan argamu raajiin Zakaariyaasiin kan dubbatame ammayyuu kan hin raawwatamne yommuu ta’u waraanamuu Yesuus haala kanaan kan ibsuudha.

“Ani hafuura araaraa fi hafuura kadhataa mana Daawitii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti nan dhangalaasa; isaanis isa waraanan sana in ilaalu, akka nama mucaa tokkichaaf boo’uutti in boo’u, akka nama du’a ilma angafaatiif baay’isee gadduuttis in gaddu” (Zak, 12:10).

Raajichi Zakaariyas dhalootaa Kiristosiin naannaa waggoota 500 niin dursee jiraachaa kan ture yommuu ta’u Israa’elonni wallaalummaa isaaniin kan waraananiin eegaa turan Masihii ta’uu isaa hubachuun guutummaa biyyaatti qalbii kan jijiirratanii fi dogoggora hojjetaniifis guyyaan itti boo’an dhufuu isaa dubbata. Ta’us raajiin kun bara dhumaatti kan raawwatamu ta’uun isaa kan eegamu yoo ta’e iyyuu Masiihichi otuu hin fannifamiin dura kan dubbatame akka ta’ee fi waraanamuu isaa kan ibsu ta’uu isaa muraasaan raawwatameera. Kutaan raawwatamu kan eegamu gara fuula duraatti yeroon isaa yommuu ga’u raawwatamuu isaaf shakkiin tokko iyyuu hin jiraatu.

Du’aa Akka Ka’u

“Waaqayyo, “Isa ani dhiphise sana caccabsuun jaalala koo in ta’e; inni lubbuu isaa aarsaa sababii yakkaatiif dhi’aatu godhee yoo dhi’eesse, sanyii isaa arguuf jira; jabanni isaas in dheerataaf; jaalali koos karaa isaa in raawwatama; dhipina cimaa dhiphatee erga du’ee booddee deebi’ee jiraataa ta’ee garaa in ciibsata; garbichi koo inni qajeelaan beekumsa isaatiin namoota baay’eedhaaf in farda, yakka isaaniis isaaniif in baata; inni cubbuu namoota baay’ee baatee, waa’ee cubbuu isaaniitiifis isaaniif in kadhate; lubbuu isaa du’atti dabarsee kenne, warra balleessaa qabanii wajjinis waan lakkaa’ameef…” (Isa. 53:10-12).

“Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu; kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata. Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu. Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira” (Far. 16:8-11).

Raawwatamuu isaa:

Guyyaa jalqaba torbanitti, ⦋gaafa Sanbata guddaa⦌ obboroo, dubartoonni sun urgooftuu dhibataa isa qopheessanii turan, fudhatanii gara awwaalichaa dhaqan. Dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turanis, garagalfamee argatan. Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne. Waa’ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jirani, kunoo, dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan bukkee dhaabatan. Dubartoonni baay’ee sodaatanii  lafa ilaalan; namoonni sun immoo, “isa jiraataa maaliif warra du’an keessaa barbaaddu? Innoo as hin jiru, ka’eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa! ‘Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuu, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf jira’ jedhe” ittiin jedhan. Yommus isaan dubbii isaa yaadatan. Iddoo awwaalichaatii yeroo deebi’an ammoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokkonuutti, warra kan hundumaattis odeessan.”  (Luq. 24:1-9). 

“Namni kun akka  Waaqayyo dur murtoo godhetti, akka yaada isaattis dabarfamee kenname; isin immoo harka warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin, muka irratti fanniftanii isa ajjeeftan. Waaqyyo garuu hidhaa du’aattii hiike; inni harka du’aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef, du’aa isa kaase. Daawit waa’ee isaatiif, ‘Yeroo hundumaa goofticha fuula koo durattan ilaala, akka ani hin sochooneefis inni gara mirga koo jira; kanaaf garaan koo gammade, arrabni koos in ililcha; foon koos abdii keessa in buufata. Lubbuu koo iddoo warra du’aniitti hin dhiiftu, dhuunfaa kees tortoratti dabarsitee hin kennitu. Karaa gara jireenyaatti geessus na barsiifteetta; anaa wajjin jiraachu  keetiin garaa koo gammachuudhaan in guutta’ in jedha. “Yaa obboloota ko, waa’ee Daawit abaabilii keenyaa mul’inatti isinitti himuu nan jaalladha; inni du’eera awwaalameeras, awwaalli isaas hamma har’aatti iyyuu nu bira jira. Inni raajii ture, Waaqayyo sanyii isaa keessaa tokko teessoo muutummaa isaa irra akka teessisuuf, kakuudhaan akka isa abdachiise in beeke. Kanaaf duraan dursee argee, wa’aee du’aa ka’uu Kristosiif, ‘Inni iddoo warra du’aniitti hin dhiifamne, foon isaas tortoratti hin kennamne’ jedhee raajii dubbate. Yesus kana, Waaqayyo du’aa kaaseera; nus hundumti keenya isa kanaaf dhuga-baatuudha” (HoE. 2:23-32).

Dursinee kan ibsine amantaa Kiristaanaaf falmaa kan ta’e Joosliin Maakduwel inni beekamaan (Joosh Maakduweel maqaa jedhamuun caalaatti beekamu), Kakuu Moofaa keessatti raajiiwwan waa’ee Kristosiif dubbataman akka ta’uu malutti kan qoratanii fi kitaabota isaanii keessatti nama barreessaniidha. “Ragaa Murtoo Barbaadu” mata-duree jedhuun kitaaba barreessan keessatti haala ifaa ta’een kan kaa’an raajoota waa’ee Gooftaa Yesuusiif dubbataman keessaa tokko akka itti fufee jiruun dhiyaateera.

Irra-daddarbaan raawwatee akka hafutti, cubbuu hojjechuun akka dhaabatutti, yakaafis dhiifamuun akka argamutti, qajeelummaan bara baraa akka dhufutti, mul’anni, raajiinis mallattoodhaan akka jabeeffamutti, iddoon inni hundumaa irra caalaa quqlulluun dibamee akka qulqulleeffamutti, waggoonni torba si’a torbaatamni saba kee irratti mandara kee ishee qulqullooftu irratti akka darban murtoo ta’eera. Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramatuuf abboommiin ba’ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti wagga torba si’a torba in ta’a; yeroon isa yeroo rakkinaa yoo ta’e iyyuu, mandarattiin waltajjii ishee fi qotaa ishee wajjin deebitee ijaaramtee, waggaa torba si’a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti; egaa kana beeki hubadhus! Dibamee kan moosifame tokkos Waggaa torba si’a jaatamaii  lamaa sana booddee firdii malee lafa irraa in balleeffama; namoonni geggeessituu isa dhufu tokkoos, mandarattii, mana ququllummaas in balleessu; hamma dhumaattis lolli, diigamuu fi balleeffamuun inni murtoo ta’e irra in ga’a; dhumni geggeessituu sanaas lolaa bishaaniitiin in ta’a. Inni utuu jiruu waggaa torbaaf namoota ciccimoo wajjin kakuu isaa in jabeessa; waggoota sana erga walakkeessee immoo qalmi, kennaan midhaaniis akka hafu in godha; wanti jibbisiisaan nama rifachiisu sun mataa iddoo aarsaa gara tokko irra kaa’amuuf jira; kunis hamma badiisi murtoo ta’e isa diigamuu fidu sana irratti dhangalaafamutti in tura ” (Dan. 9:24-27).

Daani’el 9:24-27 irratti dhufaatii Yesuus ilaalchisee yeroon raajiidhaan murteeffame jira. Raajichaa fi waggoota toorba si’a torbaatama kan jedhamu safartoo yeroo isaa hubachuuf Yihuudoti ilaalchi isaan waa’ee torba si’a torbaatamaaf qaban beekuun barbaachisaadha. Waggoota torba jechuun afaan Ibruutiin hiikni isaa “Shaabu’aa” kan jedhu yommuu ta’u kallattiin yommuu hiikamu “torba” jechuudha. Shaabu’aa jechuun akka yaada afaan Ibruutti waggoota torba si’a torbaatama jechuudha. Masiihicha ilaalchisee raajichi kutaawwan sadiin dhiyeeffameera. Kutaan jalqabaa akkuma dubbatu dhuma waggoota 7 si’a 69 irratti Masiihichi gara Yerusaalemii in dhufa (torbaa fi waggootiin 62 kan waggoota torba si’a 69 ti hubannoon jedhu jira). Jalqaba waggoota torba si’a 69 irratti labsii Yerusaalamiin haaressuu fi deebisanii ijaaruudha. Haala luqqisii itti fufee jiruun labsiin kun kan baaafame dhaloota Kiristosiin dura bara 444 akka ture hubanna:

Nahimiiyaan, “Artashaastaan mo’ee waggaa digdamaffaatti, ji’a Kiisluutitti…” (Nah. 2:1).

Artashaastaan kan mo’ee dhaloota Kirsitosiin dura bara 465 ture.

Bakka kanatti guyyaan ifa baafame jiraachuu dhiisuu isaatiin haala duudhaa Yihuudotaatti guyyaa kana kan hubannu ji’a isaatti guyyaa jalqabaa akka ta’eedha, kana jechuunis dhaloota Kiristosiin dura ji’a Kiisluutii bara 444 dha. Kun dhaloota Kiristosiin dura bitootessa bara 5/444 ta’a. (Waggootiin dhaloota Kiristosiin booda dura turan gara boodatti lakkaa’amuu isaanii hubachuun nurraa eegama).

Kutaan Raajii inni lammaffaan Masiihichi erga dhufee booda akka ajjeefamu dubbata. Kana boodas geggeessaan dhufu Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishee diiga.

Haala Daani’el 9:24-26 dubbatameen kun hundi kan ta’u waggaa toorba si’a 69 liin booda dha. Garuu Daani’el 9:24 irratti  69 qofa otuu hin taane waggaa 7 si’a torbaatama dubbata (7+62+1). Waggaan torba si’a torbaatammaffaa in dhumaa 9:27 irratti ibsame gara fuula duraatti nama dhufu kan biroo kan argisiisu fakkaata.

Kanaafuu haala Raajii Daani’eliin yommuu ilaalamu Yerusaalem ijaaruu fi hundeessuuf yeroon labsii itti baafame, kana jechuunis dhaloota Kristosiin dura Kiisluutii 1/444 eegaluun hanga Masihiin gara Yerusaalem dhufetti waggoota 483 (69⨯7) ta’a. Waggoonni hundi isaanii guyyoota 360 yommuu qabaatan waggoota Yihuudotaa waliin tokkumadha. (Kunis walumaa galatti guyyoota 173, 880 ta’a).  

Waggootiin 7 si’a ja’aatamii sagalii raawwiin isaa haala Zakaariyaas 9:9 irratti raajameen Kiristos mataa isaa Israa’eliif mul’isuu isaa ti. Daani’el keessatti kan argamu raajiin kunii fi yeroowwan walqabataa ta’aniin kan qoratan hayyuun[3] Ech Ho’eehinar jedhaman taatee yeroo kanaa akka itti fufee jiruun hubataniiru:

“Waggootiin 7 si’a ja’aatamii sagalii tokkoon tokkoon isaanii waggoota torbaa fi waggooti tokkoon tokkoon isaanii ammoo guyoota 360n yoo baay’ifne guyyoota 173, 880 arganna. Haala kanaan dhaloota Kiristosiin dura bara 444 fi dhaloota Kiristosiin booda bara 33 gidduu garaa garummaa jiru waggoota ifaa 476 dha. 476 ⨯365.24219879  yokiin guyyoota 365, sa’aa 5niin, daqiiqqaawwan 48tiin, sekondoota 45,975 otuu baay’ifnee ⦋waggaa tokko keessatti guyyoota 365 ¼ faa tu jiru⦌. Kana malees deebiin nuti argannu guyyoota 173, 855, sa’aa 6, daqiiqaawwan 52, sekondoota 44 yokiin guyyoota 173,855 ta’u. Kunis dhaloota Kiristosiin dura bara 444 fi dhaloota Kiristosiin booda bara 33 gidduutti lakkaa’amuun kan isaaniif malu guyyoota 25 qofa kan hambisu ta’a. Guyyoota digdamii shan dhaloota Kiristosiin dura bitootessa 5(444) irratti otuu ida’amee dhaloota Kiristosiin booda Kiisluutii  10/33 gara ta’e bitootessa 30 (33 dhaloota Kiristosiin booda) nu fida. Kunis Yesuus yerootti ulfinaan gara Yerusaalem seenedha.”

Waggootiin torba si’a ja’aatamii sagal otuu hin xummuramiin duraa fi waggootiin torba si’a torbaatamni otuu hin seeniin dura taateewwan lama ilaalamuun isaanirra jiraata; Ajjeefamuu Masihichaa (Dan. 9:26) fi Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishee hogganaa biyya Roomaa Taayitas yokiin Tiitoo jedhamuun dhaloota Kristosiin booda bara 70 balleeffamuudha. Herreegni isaa hundii fi dhaloota Kiristosiin dura bara 444 itti labsichi baafamuun isaa dhugaa yoo ta’e Kiristos fannifamuun isaa gara Yerusaalem ulfinaan seenuu itti fufee dhaloota Kiristosiin booda ebla 3/33n kan ta’uudha.[4]

Ibsi armaan oliin tarreeffameen qabiyyeen raajii Kitaaba Qulqulluu hangam ajaa’ibsiisaa ta’uu isaa nu argisiisa. Kitaabni amantaan addunyaa irratti argamu kamiyyuu raajii akkanaan ifaa ta’ee fi ragaa of keessaa qabaatu hin jiru. Kunis Kitaaba Qulqulluu kitaabota kanneen biroo waliin yommuu ilaalamu adda isa godha.

Baabilooniin Booji’amuu Ilaalchisee Raajii Ermiyaas Dubbate

Maqaa masoo isaatiin “Raajii boossuu” jedhamuun kan beekamu raajichi Ermiyaas raajummaan kan tajaajile dhaloota Kiristosiin dura naannaa bara 626 ture. Sabni Yihuudaa cubbuu irraa akka deebi’anii fi qalbii akka jijjirrataniif irra deddeebi’ee Waaqayyo raajota isaa ergee yoo itti dubbate iyyuu deebi’uu hin dandeenye. Kanaafuu mootichi Baabiloon Nebukadneezar akka isaanitti fiduu fi Yihuudanis akka mo’amtu, lafti isaaniis akka balleeffamtu, booji’amuunis waggoota torbaatamaaf gara Baabiloon akka fudhataman, waggaan torbaatamnis yommuu raawwatamu Baabiloon akka mo’amtu, Yihuudonni bakka bittimaa’aan hundumaa Gooftaan isaaniin walitti qabamuun gara biyya qulqulluttii akka isaan deebisu raajichi Ermiyaas dubbatee ture (Erm. 25፡8-14፣ 29፡10-11).

Raajii kana keessatti kan dubbatame ijoon kamiyyuu shakkisiisaa miti. Akkkasumas waantonni dubbataman kun to’annoo Ermiyaasiin ala kan ta’anii fi haalaa fi yeroo mataa isaaniin ta’uun kan hafe dandeettii isaatiin waantota gara xummura isaaniitti dhufuu danda’an akka hin taane ifaadha.

Raawwatamuu isaa

Chaappaan suphee irraa tolfame amma ilaalaa jirtan kun dhaloota Kiristosiin booda bara 1975 tti qotamuudhaan kan argame chaappaa Baarook Walda Neeriyaa ti. Baarook yeroo sana raajiiwwan Ermiyaas dubbate barreessaa kan tureedha (Erm. 36:4). Chaappaan kun argamuun isaa seena qabeessa ta’uu kitaaba Ermiyaas mirkaneessa. Maddi suuraa kanaa: biblicalstudies.info

Qorannoon seenaa durii fi arki’oloojiin akkuma mirkaneessan raajiin Ermiyaas dubbate kun dhugaatti raawwatameera. Haala kanaan dhaloota Kiristosiin dura bara 606 (raajichi dubbatamee waggoota 20n booda) loltoonni Nebukadzeera Yihudaa weeraruu isaa fi (saba kaan dabalatee) kumaatamaan kan lakkaa’aman Yihuudota gara Baabiloonitti booji’anii fudhachuu isaanii argina. Haalli booji’amuu isaanii Yerusaalem dhaloota Kiristosiin dura bara 605 hanga diigamtuu fi sabni Yihudaa guutummaan booji’amuun hanga deemeen itti fufeera. Barri booji’amuu saba Yihudii kanaa hanga Baabiloon bittaa Meedonii fi Faarees jalatti kufteen yommuu ta’u raajichi Ermiyaas iyyuu dhaloota Kiristosiin dura bara 595niin raajii walfaakkaataa dubbate (Baabiloon bittaa Meedoonotaa jalatti kufuun isaa) kanumaan raawwii argateera. Kana boodas Faares (Iraan ishee ammaaf) mootii kan ture Qiiros Yihuudonni gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif dhaloota Kiristosiin dura bara 536n labsii baase. Haala kanaan Yihuudonni hedduun gara biyya qulqullittii deebi’aniiru. Karaa raajicha Ermiyaasiin hundi ni deebi’u kan jedhamu dubbiin abdii qabaatu jijjiiramuu dhiisuu isaatiin sabni hedduun fedha qabaatan deebi’aniiru. Boojiin sunis akkuma jedhame waggaa 70 irratti raawwatameera. Kun raajii hedduu ajaa’ibsiisaadha. 

Israa’elonni Gara Biyya Isaanii Deebi’uu fi Hundeeffamuu Mootummaa Israa’el

Seenaa addunyaa keessatti akka saba Yihuudii kan ari’atamee fi rakkate kamiyyuu hin jiru yoo jedhame dhugaa irraa kan fagaatu hin ta’u. Seenaa addunyaa kan durii otuu qorannee sabni hedduun saba Yihuudii irra cimoo turan lafarraa badaniiru. Sabni Yihudii garuu rakkinaa fi dararaa hunda dandamachuun kutaa baraa jirru kana keessa teknolojii fi humna waraanaan addunyaa irratti toora saba cimoo jedhamaniin hiriiree argama. Dhugaatti seenaa saba bar-tokko biyya dhabeeyyii kan ture hayyoota qorattoota seenaaf baay’ee bitaa dha. Namni seenaa Yihudii irratti xiyyeeffachuun qorate duuba saba kanaa humni Waaqummaa tokko jiraachuu isaa hubachuun kan hin hafneedha. Yeroo waraana addunyaa lammaffaa muummicha ministeera Ingiliizi kan turan Wiinstan Charchil itti fufee kan jiruun dubbatanii turan:

“Namoonni tokko tokko Yihuudota in jaallatu kanneen tokko tokko ammoo isaaniin jibbu. Garuu addunyaa irratti kan argaman sabni baay’ee ajaa’ibsiisaa fi cimaa ta’an keessaa adda duree ta’uu isaanii namni qalbii qabu kanaan haalu hin jiru”[5]

Hidhamtoota beelaan miidhaman kaampii Maa’utaawusan jedhamu keessattiidha. Hidhamtoonni kun injifatamuu loltoota Naaziin dhaloota Kiristosiin booda caamsaa bara 1945 bilisa kan ba’aniidha. Yeroo kanatti kaampiiwwan kana keessa gara miiliyoona shanii kan ta’an Yihuudonni haala sukkanneessaan gara jabinaan ajjeefamaniiru. Kanneen kaan hedduun ammoo qaamni isaanii haala sukkanneessaa ta’een kukkutamuun qorannaawwan garaa garaa fi gocha seera hin taaneef saaxilameera. Maddi suuraa kanaa: wikipedia.net

Leewwota 26:14-16 irraa akkuma dubbifannu abboommii isaa akka ta’uu maluun hin hordofan yoo ta’e adabbii sodaachisaa isaanirra ga’u Waaqayyo karaa garbicha isaa Museen isaanitti himeera. Addabbiiwwan tarreeffaman keessaa diinaan booji’amanii fudhatamuu fi biyya ormaatti salphina  guddaan jiraachuu keessatti in argama. Kitaaba Qulqulluu fi galmeewwan seenaa kanneen kaan keessatti barreeffamee kan arginu seenaa Israa’elotaa akkuma ragaa ba’u kutaa barootaa hedduun dura Waaqayyo karaa nama isaa Musee fi karaa raajota kanneen biroon kan dubbate gosti adabbii hundi isaan irra ga’eera. Keessumaa Seera Lewwootaa boqonnaa 26 dubbifachuun kutaa barootaa gidduutti seenaawwan Yihuudonni darbarsan waliin walbira qabuun namni ilaale baay’ee ajaa’ibsiifachuun isaa kan hin hafneedha. Garuu bakkuma boqonnaa sana lakkoofsa 44 irratti Waaqayyoo raawwate saba Israa’eliin kan isaan hin balleessine ta’uu isaa akkana jechuun dubbata:

“Kana hundumaa keessaa immoo ani Waaqayyo gooftaa isaanii waanan ta’eef, ani isaan tuffadhee, isaan ciigga’es yeroo isaan biyya diinota isaanii keessa jiranitti isaan hin fixu; kakuun isaanii wajjin qabus hin cabsu”(Lew. 26:44).

Gaaf tokko isaaniin bitaa kan turan Sooriyaanota,Baabiloonotaa, Roomaanotaa fi kkf sabni gurguddoonni qaroominni isaanii yommuu badu Yihuudonni garuu rakkinaa fi dararaa isaanirra ga’e hunda dandamachuun maalummaan isaanii otuu hin badiin hanga ammaa turuun isaanii kana malees akka uummataa fi mootummaatti ijaaramanii gara biyya isaanii deebi’uun jiraachuu eegaluun isaanii hojii ajaa’ibsiisummaa Waaqayyoo ta’uun alatti hiika biraa qabaachuu hin danda’u. Kitaabni Qulqulluun taateewwan kana dursee dubbachuun isaa ammoo duuba seenaa saba kanaa humni Waaqummaa jiraachuu isaa mirkaneessa. Kitaabichis ammoo sagalee Waaqayyoo kan dhugaa ta’uu isaa argisiisa. Kanaan ilaalchisuun raajiiwwan barreeffaman keessaa muraasa isaanii itti fufanii kan jiraniin ibsina:

Israa’elonni Biyyoota Irraa Walitti Qabamuu Isaanii

“Saba koo Israa’elin gara gaariitti nan deebisa; isaan mandaroota diigaman deebisanii ijaaranii keesa jiraatu; iddoo dhaabaa waynii in qopheeffatu, daadhii waynichaas in dhugu, lafa muka ija kennu  dhaabbatan in qabaatu, ija isaas in nyaatu. Biyya isaanii irra isaan nan dhaaba, biyya ani isaaniif kenne keessas deebi’anii hin buqqifaman jedhe; inni kana dubbate immoo Waaqayyo gooftaa kee ti” (Amos. 9:14-15).

Amos raajichi gara biyya isaanii deebi’anii dhufuu Israa’elotaa erga dubbatee booda kanaan booda lafa isaaniirraa gonkumaa akka hin buqqaane dubbata. Yeroo ammaa dandeettii diinagdee, siyaaa fi teknolojii Israa’el qabaattuu yommuu ilaallu wanti haaraan Waaqayyo biraa uumamuun kan hafe diinoti naannaa ishee argaman akka isaan yaadanitti kaartaa addunyaa irraa balleeffamuu akka hin dandeenye ifaadha.

“Ol jedhii asii fi achi ilaali! Hundumti isaanii walitti qabamanii gara kee in dhufu; ilmaan kee fagoodhaa in dhufu, intaloota kees kaasuutti baatanii gara kee in fidu; ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan ka’e na’ee in dha’ata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in ta’a, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu. Gaalonni coccolleen danuun, biyya Miidiyaanii fi biyya Eefaatii dhufanii, biyya kee keessa in guutu; namooni biyya Sheebaatii dhufan hundinuu, warqeedhaa fi ixaana fe’anii in fidu, galata Waaqayyoos in himu. Karri bushaayee Qedaar hundinuu siif walitti in qabamu, korbeeyyiin Nabaayootis dhimma ati barbaaddu irra siif in oolu; isaan hundinuu aarsaa fudhatamoo ta’anii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhi’eeffamu; Waaqayo immoo manni ulfina isaatii ulfina akka argatu in godha. Warri akka duumessaa, akka gugeewwan mann’ee isaaniitti fiiganii balali’an kun eenyufa’i? ilmaan kee warra biyyoota galaana gidduu keessaa Waqayyoon abdatan, biyya fagoodhaa warra fidan keessaa, markaboonni Tarshiish warra duraa ti; isaan meetii isaanii fi waqee isaanii isaanii wajjin in fidu; kanas maqaa Waaqayyo gooftaa kee isa qulqulluu kan Israa’el isa ulfina siif kenneef jedhanii in godhu” (Isa. 60:4-9).

Raajii kana keessatti akkuma arginu Yihuudonni bittimaa’an lafarraan qofa otuu hin taane galaanaa fi qilleensarra balali’uun gara biyya isaanii deebi’u. Bara xiyyaarri hin tolfamne namoonni qilleensarra balali’uun gara biyya isaanii akka deebi’an raajichi dubbachuu danda’uun isaa baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Raajiin armaan oliin dubbatame kan raawwatamee fi gara fuula duraattis kan raawwatamu qabaachuun isaa ifaadha.

“Amma garuu yaa Yaaqoob, yaa Israa’el, Waaqayyo inni si uume, inni si tolches, “Ani si fureera hin sodaatin, ‘Ati kan koo ti’ jedhees maqaa keetiin si waameera; yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu; ani Waqayyo gooftaan kee isa qulquluu kan Israa’el, ani fayyisaa kee ti; ani Gibxin furee keetiif, Kuushii fi saabas qooda kee nan kenna; ati ana duratti gati-jabeessaa fi ulfina-qabeessa waan taateef, waanan si jaalladhuufis qooda lubbuu keetii, saba warra kaan dabarsee nan kenna; ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Sanyii kee gara ba’a-biiftuutii nan fida gara lixa-biiftuutiis  walitti siif nan qaba; ani biyya gara bitaatiin, ‘Gad isaan dhiisi!’ biyya gara mirgaatiinis, ‘Isaan hin dhowwatin!’ nan jedha; ilmaan koo biyya fagoodhaa, intaloonni koos andaara lafaatii haa dhufan! Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan!”jedhe” (Isa. 43:1-7).

Raajii armaan oliin ibsame keessatti Waaqayyo saba isaa golee arfan irraa akka walitti qabu dubbata. Haala kanaanis xummuurraa kutaa jaarraa 19ffaa eegaluun biyya keenya Itiyoophiyaa dabalatee kutaawwan addunyaa garaa garaatti bittimmaa’anii jiraachaa kan turan hafteen Yihuudota miiliyoonaan lakkaa’aman gara biyya qulqullittii deebi’aniiru deebi’aas jiru. Raashiyaa, Ameerikaa, Afrikaa kibbaa fi kkf biyyoota Israa’eli irraa hedduu fagaatanii argaman irraa iyyuu otuu hin hafiin baay’een isaanii deebi’uun abbootiin isaanii waggoota 2000n dura lafa dirqamaan irraa buqqaafaman irratti jireenya isaanii eegalaniiru. Raajiin itti fufee jiru akkuma kanaa waa’ee Yihuudota Itiyoophiyaa keessa jiranii kan dubbatu yommuu ta’u har’a raawwatamee ija keenyaa ilaalaa kan jirru dhugaa isaa kan nuuf ibsuudha: “Warri anaaf sagadan, sabni koo warri tamsa’anis, laga Kuush gamaa aarsaa anaaf in fidu” (Sef. 3:10).

Mootummaan Israa’el Guyyaa Tokko Akka  Isheen Hundeeffamtu

“Namni wanta akkasii dhaga’ee beeku, wanta akkasii argee beekus jiraa? Lafti, miixuu guyyaa tokkootiin, saba tokko si’a tokkotti of keessaa in baaftii ree? Xiyoon garuu akkuma miixatteen ilmaan in deesse” (Isa. 66:8).

Muummichi ministeeraa Israa’el kan jalqabaa Deevid Been-Guuriyoon hundeeffamuu mootummaa Israa’el yommuu dubbatan (Caamsaa 14/1948). Suurri isaaniin olitti fannifamee argamu mul’ata (karoora) hundeeffamuu mootummaa Israa’eliif kallattii kan kaa’ee fi hundeessaa sochii Tsiyoonotaa kan ta’e dhalootaan ammoo Ostriyaa kan ta’e gaazexessaa Yihudii Tewodor Herziilii dha.

Raajiin Isaayas armaan oliin ibsame dhaloota Kiristosiin booda Caamsaa 14/1948 taatee seenaan sirriitti kan ibsu ta’ee arganna. Yeroo sanatti seenaa Israa’elotaa keessatti haala hin eegamneen baroota hedduun booda yeroo jalqabaaf mootummaa Israa’el bilisummaan labsame. Labsiin kun baafamee yeruma sana mootummaa Yihuudii bilisummaa argateef Ameerikaan beekamtii kan laatte yommuu ta’u kun hundi ta’uu isaatiin sa’aa muraasaan dura ammoo Mootummaa Gamtoomaniin naannaa kana Biriiteen bakka bu’ummaan akka bulchituuf  qoqqobbiin yeroo isheef laatame xummuramee ture. Seenaa addunyaa keessatti haala argamee ilaalamee hin beekamneen diinota naannaa ishee jiran isheerra caalanii kan argaman ga’umsaa mataa isheetiin of irraa ittisuu biyyi dandeesse kun guyyaa tokkotti hundeeffamtee miilla lamaan dhaabachuu dandeesseetti. Kunis namoota hedduuf ajaa’ibsiisaadha.

Egaa armaan oliin kan argine raajiiwwan ajaa’ibsiisaa hedduutti lakkaa’aman Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman keessaa muraasa isaanii qofadha. Inni dubbifatu fedha isaa kan qabaatu kamiyyuu barreeffamtoota mata-duree kanarratti barreeffaman dubbisuu danda’a. Dhugaawwan kana akka ta’uu maluun erga dubbifatee Kitaaba Qulqulluuu kitaabota amantaa hafuuraa kanneen maddi isaanii hin beekamneen sadarkaa isaaniitti kan ramadu yokiin ammoo waaqummaa isaa haaluuf murtoo haqa-qabeessa kennuu kan danda’u namni sammuu qabaatu jira kan jedhu tilmaama hin qabaannu.

[1]  ጌርሃርድ ኔልስ፡ ለሙስሊሞች ጥያቄዎች የክርስቲያኖች መልሶች ገፅ 59

[2] Josh McDowell, Evidence That Demands a Verdict, Vol. 1, pp.144, 167

[3] H.Hoehner, Chronological Aspect of the Life of Christ, Zondervan Publishing

[4] Evidendce That Demands a Verdict pp. 197-201

[5] Sinclair-Stevensohn, The Controversy of Zion, London, 1996, X1

 

Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyooti?

Macaafa Qulqulluu