Dursa

Yeroon kun addunyaan keenyi yeroo itti haala cimaan jeeqamaa jirtu dha. Nagaa ishee jeeqaa ka jiran rakkinni hedduun yoo jiraatan iyyuu garuu maddi rakkinichaa inni guddaan shororkeessummaa ta’uu isaa ka wal falmsiisu miti. Sooriyaa, Iraaq, Yemen, Liibiyaa, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa, Paakistaan, Afgaanistaan fi biyyootii addunyaa hedduu irratti haalotiin mul’atan kana ka mirkaneessan dha.

Namoonni heddun Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu isaa nutti himu. Jechoonni akkasii kun amanticha ka hordofan qofa biraa utuu hin taane amanticha ka hin hordofiin fi keessumaa namoota fi biyyoota gocha shororkeessumaaf saaxilaman biraa dhaga’amuun isaanii bitaa nama gala. “Islaamummaan amantaa nageenya labsu utuu ta’ee Musliimonni amanticha cimsanii hordofan warreen nageenyaa ta’uu irra maaliif jeequmsa ka uuman ta’an? Gochi akkasii maaliif amantichi ka ittiin beekamu ta’e?” jechuun namoonni gaaffii gaafatamuu qabu gaafatan maqaan “dhukkuba sammuu” Islaamofoobiyaa jedhamu  isaan itti moggaafama. Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu dhiisuu isaa namoonni ija jabinaan dubbatan lubbuu isaanii balaaf saaxilu. Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu dhiisuu isaa namoonni beekamtii qaban yommuu dubbatan yoo dhaga’aman shororkeessitoonni amantaa Islaamaa qabeenya barbadeessu, dhiiga dhangalaasu, dhaabbata amantaa irratti boombii dhukaasu. Amantaa nagaa ta’uu isaa amansiisuuf nageenya booressu. Gochi namoota kanaa fi waa’ee amantii kanaaf dubbiin dubbatamu faallaa ta’ee nutti bitaacha’ee kanaan utuu hin raawwatiin Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu dhiisuu isaa fi kaafiroota[1] jeequun Islaamummaa ta’uu isaa ka dubbatan beektonni amantaa Islaamaa nu mudatu.

Gaaf tokko pireezdaantiin Ameerikaa inni duraa Joorj Buush “Islaamummaan nageenya dha” jechuun dubbachuu isaanii itti fufee namni barsiisaa Musliimaa jihaad itti amanu Abu Qataadaa jedhamu akkas jedhee dubbatee ture:- “preezdaantiin Bush jeequmsi jihaad inni maqaa islaamummaan godhamu deeggaru kam iyyuu Qur’aana keessa jiraachu dhiisuu isaa dubbachuun isaa na ajaa’ibisiiseera. Haa ta’uu iyyuu malee inni beekaa amantaa Islaamaa dha? Qur’aana bara isaa itti dubbisee beeka?” [2]

Beektonni Amantaa Islaamaa biyyoota Islaamaa itti argaman hedduun Islaammummaan amantaa nagaa ta’uu dhiisuu isaa dubbatu. Biyyoota bahaa fi biyya keenya ka fakkaatan lakkoofsi Musliimotaa walumaa gala lakkoofsa uummataan gadi xiqqaachuun biyyoota argaman keessatti immoo Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu isaa dubbatu.  Gaggeessitoonni siyaasaa fi abbootiin amantaa keenya isaan wajjin walii galu. Dhugaan isaa isa kam? Enyuun dhageenyu? Kam fudhannu? Shakkii kana jalaa ba’uuf kitaabota amantaa ka Islaamaa dubbifachuun dirqama waan ta’eef uummanni keenya dhugaa isaa beekee furmaata barbaaduu akka danda’uuf kitaaba xiqqoo kana qopheessineerra. Ragaa keenya Qur’aana fi kitaabota amantaa Islaamumma kan biroo godhanneerra.

Fuula keenya dura balaa guddaan ka jiru yoo ta’e iyyuu hedduun keenya cimina balaa kanaa ilaaluu dadhabuun ykn ilaaluu barbaaduu dhiisuun keenya ka nama gaddisiisu dha. Shororkeessitoota Islaamummaan miidhaa biyyitti kana irra ga’an “gurra arbaa naaf haa kennu” jennee waan bira dabarreef rakkinichi akka cimu gochuu keenya ganuu hin dandeenyu. Waggottan muraasa darban keessa itti wantonni humnaa ol ta’an raawwatamanii utuu biyyittiin qixa boollaa irra dhaabattee hin kufiin dura Waaqayyo mootummaa hin dammaqsine ta’ee, carraan keenyi inni dhufu maal ta’uu akka danda’u ka beekamu dha. Ammas yoo ta’e tarkaanfiin akka fudhatame itti malee furmaanni sirriin kennamuu isaa garaa guutuun dubbachuun hin danda’amu. Sababni isaa mallattoo dhukkubichaa malee furmaanni isaa hin ilaalamne. Furmaanni isaa yoo hin ilaalamne immoo yeroo eegee deebi’ee ka’uun isaa ka hin hafne dha.

Hundeen shorokeessummaa barsiisa Qur’aana, haadisaatii fi barreeffamoota Islammummaa kanneen kaan keessatti barreeffamanii argaman ta’uu isaanii sobuun hin danda’amu. Shororkeessummaan bu’aa ija mukichaa waan ta’eef hojichi hojjetamuu ka qabu ija isaa irratti utuu hin taane muka isaa irratti. Kana ka hubatan pireezdaantiin biyya Gibxii Abdul Fattah Al-siisiin addunyaa irratti adda duree akka ta’e ka isaaf dubbatamu Yuniversiitii amantaa Islaamaa Al-zaahaar itti beektota amantaa Islaamaa fulduratti jechi isaan dubbatan ka addunyaa ajaa’ibsiise fakkeenya gaarii nuuf ta’a. Preezdaantichi rakkinichi ka mul’atu kitaabota amantaa Islaamaa ka bara hedduu lakkoofsisan keessa ta’uu isaa iccittii tokko malee hubachiisuun rakkina shororkeessummaa addunyaa irra jiruuf furmaanni akka dhufu yoo barbaadame kitaabotiin kun sirreeffamuu akka qaban qajeelfama cimaa yommuu kennan dhaga’ameera. Warreen hordoftoonni amantichaa “uummata addunyaa irratti argamu hunda balleessuun mataa isaaniin qofa jiraachuuf barbaaduun isaanii” balaa geessisu argisiisuun ergaa akeekkachiisaa dabarsaniiru. Itti fufee ka jiru dubbii isaanii irraa ka fudhatame dha.

…..as irratti kan ani dubbachaa jiru abboota amantaa dha. Maal irra akka jirru gadi fageessinee yaaduun nu barbaachisa. Dhugaa itti dhimma kana kanaan dura yeroo lama kaasee dubbadheera. Yaadni nuti baay’ee kabajnee fi qulqulluu goonee qabanne uumaa/hawaasa Musliimaa/ hawaasa addunyaaf madda dhiphinaa, balaa, ajjeechaa fi badii akka ta’u gochuun ka hin amanamne dha. Kun ta’uu hin malu!

Yaadni kun – amantaa dha jechaa hin jiru – garuu yaadichi- sadarkaa ittiin isa irraa adda ba’uu hin danda’amne irra haga geenyu itti yaadoti fi kitaabonni nuti baroota keessa itti kabajnee qabanne addunyaa hunda faallessaa jira!

Yunivarsiitii Al-azihar kana itti jechoota kana walga’ii beektotaa fi ulaamotaa duratti dubbachaan jira. Allaahn inni hundumaa danda’u wanta ani dubbachaa jiru kana ilaalchisee guyyaa firdii isaa itti sirrii ta’uu keessaniif ragaa isin itti haa ta’u.

Wanta ani isinitti dubbachaa jiru kana hunda yaada kana keessa itti qabamtanii jiraattu yoo ta’e hubachu hin dandeessan. Sirritti hubachuu akka dandeessan fi diina isin wajjin jiru ilaaluu akka dandeessaniif ilaalcha durii gatuun isin barbaachisa.

Irra deebi’een jedha; haareffamni amantaa nu barbaachisa. Isin imaamonni Allaah duratti itti gaafatamtoota dha. Addunyaa maraa irra deebi’een jedha addunyaan cufti tarkaanfii itti fufiinsa qabu isin irraa eegaa jira. Sababni isaas uummanni kun diigamaa, barbadaa’aa fi badaa jira. Ka badaa jiru immoo harkuma keenyaani. [3]

Pireezdaantiin Al-siisii dubbii isaanii kana keessa itti yaadni jeequmsa fidu ka kitaabota amantaa Islaamaa keessa jiru, addunyaaf madda sodaa ta’uu isaa ifatti hubachiisaniiru. Kitaaba kana keessa itti akkuma arginu hundeen shororkeessummaa kitaabota Islaamaa dha malee ka biraa miti. Maddi shororkeessummaa barsiisa Islaamummaa ta’uu isaa hubachiisuuf gocha shororkeessummaa gareen ISIS jedhamu raawwachaa jiru ragaa Islaamummaan ka deeggaraman ta’uu isaanii ragaalee ibsuun argisiifna. Sababni nuti kana raawwannu shororkeessummaan maddi isaa sirrii itti beekamee furmaanni akka argamu argisiisuuf malee amantaa ka nama kam iyyuu hammeessuuf miti. Kana jechuun garuu wanta waa’ee hin baafneef jennee sobna jechuuf miti. Wanta dubbannuuf ragaa kennuun dirqama keenya jennee itti amanna. Waan ta’eefis namni komee qabu yoo jiraate ragaaleen sun dhugaa ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaanii sirriitti qoratee erga mirkaneessee booda yaada isaa akka dhiyeessu isa gaafanna.

Mormiin keenya ka irratti xiyyeeffatu namoota dhuunfaa fi amantaa hawaasa kam irratti iyyuu utuu hin taane kitaabota amantaa Islaamaa itti fayyadamuun addunyaa jeeqaa ka jiru aydiyoolojii siyaasaa irratti dha. Nuti ergaa jaalalaa fi nagaa malee ka jibbaa fi jeequmsa hin qabnu! Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos inni fannoo irratti dhiiga qulqulluu isaa nuuf dhangalaase kana nu hin barsiifne! Ta’us waantota raawwachaa jiran callisanii irra darbuun furmaanni dhufuun in danda’a amantii jedhu hin qabnu. Kanaaf dhugaa sodaa malee jaalalaan dubbanna.

Namoonni wallaalummaa yookin yaada siyaasa (Political correctness) irraa maddeen kitaabonni Islaamummaa nagaa akka barsiisan dubbatanii Islaamummaaf ragaa ta’uun dhaabachaa turan kana gochuun isaanii homaa hin fayyadne. Nama naamuusa keessaa ba’e tokko naamusni isaa gaarii akka ta’e irra deddeebi’anii itti dubbachuun amala isaa akka sirreessu gochuun akkuma hin danda’amne, amantaa jeequmsa labsu nagaa labsuu isaa dubbachuun amantaa naamusa qabu gochuun hin danda’amu. Kanaaf doggogora isaa adda baasanii itti himuun akka sirreessu gochuu malee sossobuun, balleessituun sun akka isaaf mijatu gochuu dha. Dhugaa awwaaluun furmaata hin ta’u. Jechoonni siyaasaa furmaata itti fufiinsa qabu fiduun hafee yeroof illee furmaata ta’uu hin dandeenye. Gaggeessitoonni siyaasaa fi abbootiin amantaa nageenyummaa Islaamummaa cimsanii yoo nuuf labsan iyyuu garuu rakkinichi itti caalaa dhufe malee yommuu hir’atu hin argamne. Dhugaa dubbachuun rakkina yeroof uumuu danda’u sodaatanii yeroo hunda shororkeessummaa keessa jiraachuu irra dhugaa isaa ifa baasuun furmaata itti fufiinsa qabu barbaaduu nuuf hin wayyuu ree?

 


[1] Musliimonni nama amantaa isaaniin ala ta’e akkasumas maqaa tuffii nama musliima yaada isaanii wajjin walii hin galle kan ittiin waaman dha. Hiikti isaas gantuu jechuu dha. jechi kunis irra deddeebi’ame Qur’aana kessatti ibsameera.

[2] Mark Durie, The Third Choice, Islam. Dhimmitude and Freedom, 2010,p.155

[3]http://www.raymondibrahim.com//from-the-arab-world/egypts-sisi-islamic-thinking-is-antagonizing-theentire-world/