Seensa

Mootummaa Islaamaa ka Iraaq fi sooriyaa (ISIS) ykn Mootummaa Islaamaa (IS) afaan Arabaan immoo garee shororkeessitootaa Daa’ish jedhamu ka babal’ate jeequmsi biyya Sooriyaa keessa itti ka’ee fi dadhabinni mootummaa biyya Iraaq jiru haala mijataa isaaf uumeen akka ta’e ni beekama. Garuu waggoottan dura turan itti dhaabbatichi garee Alqaa’idaa ta’uun naannaa sana socho’aa ture. Gaggeessaan Abu Musaab Zarqaawwii jedhamu bara 2006 haleellaa Ameerikaan haga ajjeefametti morma namaa kutuun viidiyoon tamsaasa ture. Waraana Iraaq booda gochi sukkanneessaa kun ka dhaabate yoo ta’e iyyuu gareen shororkeessitootaa maqaa ISIS jedhuun ammas deebi’ee erga dhufee booda viidiyoo wal fakkaataa hedduminaan waraabuun gadhiisuu isaa itti fufeera. Sooriyaa fi Iraaq irra darbee warreen Itiyoophiyaa dabalatee harka hammeenya isaa namoota nagaa ta’an irratti diriirseera.

Jiraachuun IS hawaasa addunyaaf ifa ka ta’e Sooriyaa gara Iraaq deemuun battalumatti loltoota Iraaq gadhiisisuun naannaa hedduu to’achuu yeroo jalqabe ture. Kunis deemsa keessa yeroo hedduuf qophii gochaa akka turee fi sadarkaa jabina isaa erga mirkaneeffatee booda fedha mataa isaatiin jiraachuu isaa ifa gochuu argisiisa. Naannaa sana itti dhaabbanni shororkeessitootaa sochii gochuun isaanii yoo beekame iyyuu garuu ciminni, ijaarsi fi dhaabbanni shororkeessituu hidhata qabu haga kana jiraachuun isaa jaarmiyaalee ka basaastuu warra dhihaaf illee utuu hin hafiin battalaa fi rifachiisaa akka ture hubachuun rakkisaa hin ta’u. Kunis hamaa ta’uun garee kanaa hagam akka ta’e ka argisiisu dha. Gareen Shororkeessitoota mul’ata bara dhumaa (Apocalyptic) qabatee ka’e kun addunyaa hunda to’annaa amantaa Islaamaa jala golchuuf kaayyoo qabaachuu isaa ibsuun kaartaa kaliifaa ka Itiyoophiyaa dhuunfate ifa gochuun isaa ni beekama. Yeroo ammaa itti gareen kun Islaamummaa ka hin hogganne fi gochi isaa immoo amantaa Islaamaa akka hin taane, keessumaa Islaamummaa ka faallessu ta’uu isaa yommuu dubbatamu dhageenya. Garuu lubbuu namoota hedduu ajjeesaa ka jiru gochi garee lubbuu baastotaa kun dhugaa itti amantaa Islaamaa ka faallessu dha? Barreeffamoonni amantaa Islaamaa gocha akkasii kana balaalleffatu moo haamilee kennu? IS amantaa Islaamaa yoo hordofe maaliif Musliimota dabalatee balaa irraan ga’a? Barreeffama kana keessa itti gaaffilee kanaa fi kana fakkaatan deebii isaa isiniif kennina. Shororkeessummaa ilaalchisee yaada furmaata ta’an argisiifna.