ISIS Islaama Dhugaati?

Kun gaaffilee namoota hedduu deebbii barbaadu dha. Dubbii gababaan gareen kun Islaamummaa isa dhugaa kan bakka bu’uu dha. Miseensonni isaa amantaa Islaamummaan ka guddatan fi hedduun isaanii immoo Islaamummaa sirriitti ka baratan dha. Gaggeessaan isaanii Abubakar Al-Baagdaadii (Ibrahiim Awad Ibraahim Al-Badrii) jedhamu qorannoo Islaamummaan Yuuniversiitii biyya Baagdaad itti P.H.D ka fudhate dha.[1] Viidiyoo du’a lammiilee Itiyoophiyaa argisiisu keessa itti utuu dubbatu ka argamu lammii biyya Sawuudii ka ta’e Anas Al-Nashiwaan (maqaan isaa inni biraan Abu Maliik Altaamiimii) immoo seera Sheeriyaan sadarkaa barumsaan maastarsii digrii isaa ka qabu dha.[2] Namoonni kun Islaamummaa ka hin beekne fi hoji-dhabdoota miiraan gaggeeffaman miti. Isaan kun Islaamummaa sirriitti ka beekan amantii isaaniif jedhanii jireenya isaanii mijataa dhiisuun waraana keessa ka seenan beektota amantaa Islaamaa dha. Ka hin barannee fi jecha nama tokkoon salphaa itti gowwomfamuun ka fudhataman miti. Hedduun isaanii biyyoota dhihaa keessa itti jireenya isaanii ka gaggeessan, ka baratan fi galii gaarii ka qabaachaa turan dha.  Fakkeenyaaf illee IS itti morma qaluun ka beekamu Mahaammad Emwaazii[3] oggummaa kompiitara saayinsii fi lamummaa biyya Ingilizii ka qabu dha. Kanaaf namoota kana islaamummaa ka hin beekne, hin barannee godhanii ilaalun dhugaa faallessuu dha.

Jeechoonni /vocabulary/ IS itti fayyadaman afaan Islaamummaa dha. “Dabiiq” ka jedhu maqaan kitaaba isaanii biyyaa Sooriyaa keessa itti ka argamu maqaa bakka tokko irraa ka fudhatame yommuu ta’u akka amantaa islaamummaa itti waraanni inni dhumaa Musliimotaa fi kristaanota gidduu bakka itti godhamu dha jedhamee ka dubbatamu dha.[4] Maqaan viidiyoo “Alfurqaan” jedhamu hiika “qajeelfama” jedhu ka qabu oggaa ta’u maqaa Qur’aanaa isa biraa dha. Jechi kunis Qur’aana keessa itti yeroo hedduuf irra deddeebi’amee ibsameera. Godaantota Itiyophiyaa dabalatee viidiyoo qalmaa waraabuun ka dabarsuu gareen miidiyaa IS kanuma dha.

Maqaan IS maqaa miseensonni isaa ittiin waamaman, maqaa ittiin duulan fi k.k.f cufti Islaamawoo dha.  Jecha Islaamummaa hin taane itti hin fayyadaman. Viidiyoo isaanii ka ittiin qalma argisiisan keessa itti jechootiin dubbataman jechoota Islaamummaa dha. Fakkeenyaaf viidiyoo ajjeechaa kristaanota Itiyophiyaa argisiisu keessa itti shororkeessaan Al-Nashiwaa (Abu Maaliik Al-tamiimii) jedhamu ergaa dhaadannoo itti fufee jiru dabarseera. Jechoonni isaa Qur’aana keessa ka jiran ogga ta’u dubbiin isaas afaan amantaa islaamummaa ka qabu dha.

Kristaanota bakka hundatti argaman Inshaa Allaah mootummaan Islaamummaa akka babal’atu isaan itti himna. Mana keessan keessa nagaan yoo teessan illee /mootummaan Islaamummaa/ isin argata. Namoonni sagadan nagaa argatu. Namoonni sadarkaa ziimii[5] fudhatan nagaan jiraatu. Garuu namoonni qajeelfama keenya hin fudhanne billaan kan hafe nurraa ka fudhatan wanti biraan hin jiru. Warreen dhiiraa in ajjeeffamu, dubartoonnii fi daa’imman immoo garba ta’u akkasumas qabeenyi isaanii irraa fudhatama. Kun abboommii Allaah fi nabiyiichaa dha. Guddinni ka Allaah dha akkasumas ka duuka buutotaa dha. Garuu fakkeessitoonni hin hubatan. [6]

Alaabaan IS inni gurraachi alaabaa jihaadi. Afaan Arabaan irratti barreeffamee ka arginu wanta biraa utuu hin taane Shahaadaa (ibsa amantaa Islamaa) dha. La ilaa ha’ilallaa Mahammadan Rasuul Allaah   (Allaah irraa ka hafe waaqni hin jiru, Mahammad ergamaa isaa dha) ka jedhu dha. Kun Musliima tokkoof jecha jalqabaa fi ka dhumaa dha. Akka jecha amantaa Islaamaa itti bara dhumaa alaabaa gurraacha kana ka qabate gareen jihaadaa in ka’a. Musliimonni cufti garee kana itti makamuun isaan irraa eegama.

IS akkaataan uffannaan, nyaanni, gaa’illi, areedni, namoota Musliima hin taane wajjin walitti dhufeenyi isaan qaban, akkaataan ijaarsi hawwaasummaa isaanii, walumaa gala tooftaan jireenyi isaanii cufti Islaamummaa dha. Islaamummaa wajjin ka wal faallessu, fakkeenya /sunnaa/ Mahammadiin ka hin mirkaneeffamne, Qur’aanaa fi haadisatiin ka hin murteeffamne wanta tokko illee hin qaban.

Wanta godhan hundumaaf Qur’aanaa fi haadisa dabalatee barreeffama amantaa Islaamaa caqasu. Hiika Qur’aanaa ilaachisee hiiktota suunnii (Classical Sunni Commentators) itti fayyadamu.

Tarii jechoota Islaamummaa itti fayyadamuu fi tooftaa jireenya Islaamummaa duukaa bu’uun isaanii Musliimota sirrii isaan gochuu hin danda’u yaadni jedhu ka’uu danda’a. Jechi kun dhugaa muraasa of keessaa qaba. Gochi namoota kanaa kitaabota Islaamummaan deeggaramuu isaa haga hin mirkaneeffamnetti Musliimota sirrii jedhanii dubbachuun rakkisaa dha. Garuu namoonni kun wanti isaan raawwatan cufti Islaamummaa ta’uu isaa Qur’aanaa fi barreeffamootaa Islaamaa namni dubbise cufti dhugaa inni beeku dha. Isaan wanta islaamummaan ala ta’e tokko illee hin raawwanne. Garuu rakkinichi namoonni hedduun odeeffannoon Islaamummaaf qaban yaada siyaasa miidiyaaleen dubbataman fi jechoota filatamaa ka hordoftoonni amantaa Islaamaaa dubbatan irratti ka hundaa’e ta’uu isaa dha.  Sagaleen hedduu bara jeequmsa uumaa jiran kana itti barreeffamoota jalqabaa fi amanticha ka hundeessan seenaa Mahammad dubbifachuun kan hafe amala Islaamummaa dhugaa beekuun salphaa hin ta’u. Gocha badii raawwataman amanticha itti fayyadamuun namoonni muraasni faayidaa dhuunfaa isaaniif akka raawwatan itti lakkaa’uu dandeenya. Namoonni akkasii baay’atanis xiqqaatanis amantaa hunda keessa itti akka argaman in amanama.

Namni kristaana ta’e tokko har’a ka’ee maqaa amantaan gocha shororkeessummaa yoo raawwate gochi kun kristaanummaa ta’uu dhiisuu isaa Macaafa qulqulluu ibsuun hubachiisuu dandeenya. Gocha isaaf immoo luqqisii Macaafa qulqulluu yoo ibse beekumsaan ala ibsuu isaa fi karaa dogoggoraan akka hiike hubachiisuun isa sirreessuu dandeenya. Gooftaan keenya Yesus Kristos inni jalqabaa fi dhuma amantii keenyaa ta’e abboommii akkas jedhu nuuf kenneera:-

Yesus, ’’Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!” jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal’ootaaf in roobsa. (Mat. 5:43-48)

Kristaanni tokko abboommii Gooftaa keenya Yesus Kristos raawwachuu dhiisuun gocha badii maqaa Waaqayyoon yoo raawwate kristaanota biratti ni balaaleffatama. Kristaana jedhamees waamamuu hin danda’u. Amantaa Islaamaa itti garuu akkas miti. Amantaa Islaamaa ka Muhaammad inni sirrii fi dhugaan garee warra jibbaan guutaman ISIS fi k.k.f niin raawwatamaa ka jiru malee jechoota miidhagoon kuullamee miidiyaaleen, abbootii siyaasaa fi beektota amantaa Islaamaan ka lallabamu miti. Qur’aana fi seenaa Muhaammad yommuu ilaallu bara keenya itti nabiyichi Muhaammad foonifii lafee daa’ishootaa kessa lixanii akka mul’atan hubachuu dandeenya.

Yuniversiitii Al-azihaar itti piroofeesara seenaa amantaa Islaamaa ka turan fi Islaamummaa dhiisuun Kristaanummaa ka fudhatan Mark Gabreel (maqaan isaanii inni duraa Muusxafaa) barsiisa Qur’aanaa fi seenaa amantaa Islaamaa ilaalchisee ka itti fufee jiru dubbatu:-

Qur’aana keessa itti ka mul’ate Allaahn abbaa jaalalaa miti. Namoota karaa sirrii hin taane irra deemsisuu barbaada (Suuraa 6:39, 126). Warreen ofuma isaatif karaa sirrii irraa jal’ise hin gargaaru (Suuraa 30:29). Isaaniin Gahaannaba guutuuf itti fayyadama (Suuraa 32:13). Islaamummaan dubartoota, Islaamaa ka hin ta’iin, Kristaanota fi keessumaa immoo Yihuudota irratti loogii gochuun ka guutame dha. Jibbi qaama amantaa kanaa dha. Seenaan Islaamummaa anaaf qorannaa addaa ta’e kun galaana dhiigaaa jedhamuun qofa ibsamuu kan malu. [7]

Luqqisii Ifa Hin Taane Lamaan

Amalli shororkeessummaa amantaa Islaamummaa inni sirriin yeroo ifa bahaa jiru kana itti namoonni hedduun gareen kun hordoftoota amantaa Islaamaa ta’uu dhiisuu isaanii fi Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu isaa dubbachaa jiru. Islaamummaan amantaa nageenyaa ta’uu isaa argisiisuuf luqqisiilee muraasa seenaa fi yaada dubbisa isaaniin ala Qur’aana keessaa ibsuun amansiisuu barbaadu. Wanti nama gaddisiisu namoonni hedduun jechoota gatii hin qabne kanaan gowwomfamanii amantaan Islaamaa gufuu nageenyaa ta’uu isaa shakkuu isaanii dha. Islaamummaan amantaa nageenyaa ta’uu isaa ibsuuf luqqisiin irra deddeebi’anii ibsan lama yommuu ta’an akka itti fufee jiru itti ilaalla.

Amantii keessan dirqsisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta’eera. (Suuraa 2:256)

Luqqisiin kun Qur’aana ka hin dubbifanne, barsiisa fi seenaa Islaamummaa uummata hin beekne joonjeessuuf sirrii itti tajaajilaa jira. Garuu beektonni Qur’aana akka dubbatan itti luqqisiin kun yeroon isaa irra darbeera. Islaamummaan barsiisa “naasik” jedhamu qaba. Naasik jecha afaan Arabaan hiika “haquu” jedhu ka qabu oggaa ta’u, akka barsiisa kanaa itti luqqisiin Qur’aana lama ka walfaallessan yoo jiraatan inni boodaa isa duraan haqa yookin hojiin ala taasisa. Kana ilaalchisee Ibin Kaasir ka jedhamu fudhatama guddaa ka qabu beekaan Sunnii hiika luqqisii kanaa; jechuunis namoonni amantaa isaanii akka jijjiiran dirqisiisuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu isaa akka dubbatu erga ibsee booda akkas jedhe:-

...garuu luqqisiin kun luqqisiilee waraanaan haqameera; kanaaf uummanni addunyaa cufti gara amantaa Islaamaa akka dhufan waamichi isaaniif godhamuu qaba. Namoonni kam iyyuu kana gochuuf fedha hin qaban yoo ta’e ykn Jiiziyaa kaffaluu hin barbaadan yoo ta’e haga ajjeeffaman itti waraanni isaan irratti godhamuu qaba.” [8]

Lammiileen kristaanota Itiyophiyaa sababni isaan ajjeefamaniif ISIS yommuu dubbatu Jiiziyaa kaffaluuf fedha waan hin qabneef firdiin kun akka isaan itti murteeffame dubbateera. Beektonni amantaa Islaamaa hedduun luqqisiin kun luqqisii booda dhufaniin akka haqame dubbatu. Kanaaf luqqisichi kaafiroota joonjessuun kan hafe faayidaa hin qabu.

Islaamummaan amantaa nagaa ta’uu isaa argisiisuuf luqqisiin biraa ibsamu Suuraa 5:32 irratti ka argamu. Akkas jedha:-

“Namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese, akka waan nama hunda ajjeeseti, namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti”

Garuu beektonni amantaa Islaamaa luqqisii kana yaada isaatiin ala ibsu. Guutummaan yaadni isaa akkas jedha:-

“Sababa kanaan ilmaan Israa’iil irratti; namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleesssuun alatti ajjeese, akka waan nama hunda ajeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti” jechuu murteessine.”

Barreessan Qur’aanaa yaada kana ka fudhate Macaafa Yihudota irraa dha. Luqqisichi ka dubbatu abboommiin kenname Israa’elotaaf ta’uu isaa dha. Musliimotaaf immoo abboommiin akkamii akka isaaniif kenname keeyyanni wal qbataan itti fufee jiru akkas jedhee dubbata:-

“Dhugumatti mindaan warra Rabbiifi ergamaa isaatiin lolanii, dachii keessa balleessuuf deemanii ajjeefamuu, yookiin fannifamuu, yookiin harkaafi miilli isaanii faallaan irraa ciramuu, yookiin biyya irraa ari’amuu dha. kun duniyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif adaba guddaatu jira.” Suura 5:33

Abboommii gaariin durfamee ibsame ka kenname Israa’elotaaf yommuu ta’u, itti fufuun abboomiin gara jabinaa ka kenname immoo Musliimotaaf ta’uu isaa argina. Garuu Musliimonni luqqisicha addaan kukkutanii dubbisuun yaada isaa jal’isu. “Allaah fi ergamaa isaan loluu” jechuun akka hiika islaamummaa itti seera amantaa Islaamaa fi Qur’aana faallessu barsiisuu akkasumas, nabiyyummaa Mahammad fudhachuu dhiisuu jechuu dha. “Dachii keessa balleessuun” immoo hawaasa Musliimaaf wanta gufuu ta’u kam iyyuu raawwachuu argisiisa. Kun immoo Wangeela lallabuu dhuunfata. “..Uumama hundumaatti wangeela lallaba!” abboommii gooftaa isa jedhu hawaasa Musliimaa seera Shari’aan bulu keessa itti hojiirra oolchitu yoo ta’e adabbiin isaa akka seera Shari’aa itti luqqisii kana keessa itti ka ibsame dha. Jecha biyya keenyaan “Waraabessi haga qabatu itti okkola” akkuma jedhamu amantaan Islaama mankaraarsaan luqqisii k.k.f dubbachuun haga yeroon mijataa isaaf dhufu itti soba. Ol’aantummaa isaa erga mirkaneeffatee booda garuu amala sirrii isaa argisiisa. Qalamuu fi isaaf bitamuu nama filachiisa.

[1] http://www.wikipedia.net/wiki/Abu_Bakar_al-Bagdadi

[2]http://www.geopolintelligence.com/isis-video-shows-militants-killing-groups-of-ethiopian-christians

[3] Alii Adoruus namni jedhamu hiriyaan isaa gocha shororkeessummaaf utuu socho’uu qabamee Itiyophiyaa keeassa itti hidhaa itti jira:-

 http://www.dailymail.co.uk/news/article-2983850/The-Londoner-went-Tanzanian-safari-Jihadi-John-currently-jail-Ethiopia-terrorism-offences.html

7 Sahih Muslim, 41:6924

[4] Sahih Muslim, 41:6924

[5] Ziimmiin gibira/jiiziyaa/ humnaa ol ta’e kaffaluun bittaa islaamummaa jalatti kristaanota fi Yidudota salphinaan jiraatan dha.  seerri kun ziimmaa jedhamuun ka beekamu ogga ta’u namoota kanaaf immoo maqaan ziimmii jedhamu kennameera. Yaada kana gara booddee itti deebina.

[6]http://www.raymondibrahim.com/muslim-persecution-of-christians/christians-acceptexecution-rather-than-islam/ (Accessed on 5/19/2015)

[7] Mark Gabriel: Islama and Terrorism, 2002, p. 5

[8] Tafsir of Ibn Kathir, Al-Firdous Ltd., London, 1999: First Edition, Part 3, pp. 37-38