Barreessaan Qur’aanaa Waa’ee Barsiis Kiristiyaanaa Hubannoo Dogoggoraa Qabaachaa Ture

Barreessaan Qur’aanaa Waa’ee Barsiis Kiristiyaanaa Hubannoo Dogoggoraa Qabaachaa Ture


Namooti Musliimotaa hedduun Waaqummaa Yesus fudhachuuf kan isaan rakkisu tokkummaa Waaqayyo sadan hubachuu waan isaan rakkisuufiidha. Tokkummaa sadan Waaqayyo hubachuuf kan isaan rakkisu ammoo sababa lamaaniidha. Inni jalqabaa Islaamummaan waa’ee tokkummaa Uumaaf hubannoo qabuudha. Islaamummaan waa’ee tokkummaa Waaqayyof hubannoon qabu, Waaqayyo qaamanis ta’u Waaqummaan tokko (Monadic) yoo ta’u amantiin kun “baaqqee” kan baasu (Unitarian Monotheism) jedhama. Waaqa tokko jedhee amanuun amantaa Islaamummaa eeyummaa Uumaa keessa qaamni sadii jiraachuufi jiraachuu danda’uusaa kan haalu ta’uusaatiin Musliimonni hedduun Waaqayyo amala Waaqayyummaasaatiin tokko ta’ee qaama sadiin kan mul’ate ta’uusaa kan barsiisu barsiisa Kirsitiyaanummaa akka Waaqa tolfamaa tokkotti akka ilaalan isaan godheera. Kitaaba Qulqulluu keessatti kan argaman luqqisiiwwan waa’ee tokkummaa Waaqayyoo kan dubbataniin kan hiikan ilaalcha Waaqa tokkicha jedhuun yoo ta’u sadan tokkummaa Waaqayyoo hubachuun baay’ee isaan rakkisa. Yesus Waaqa ta’uusaafi kana-malees ilma Waaqayyoo ta’uusaa yoo dhaga’an bitaa kan isaanitti ta’u sababa kanaa fi. “Yesus Waaqayyo yoo ta’e akkamiin ilma Waaqayyoo ta’uu danda’a? akkamiin Waaqayyoon kadhachuu danda’a? Waaqayyoon kan ergame akkamiin ta’uu danda’a? fi kkf jechuudhaan gaafatu.”

Sababni guddaafi lammaffaan ammoo barreessaan Qur’aanaa Kiristiyaanoti waaqolii tolfamaa sadiitti kan amanan fakkeesuun dubbachuusaa ti. Qur’aana keessaa Suuraa 4:171 irratti Kiristiyaanotatti yoo dubbatu “Waaqayyolii sadii jira hin jedhina” erga jedhu dubbateera. Garuu Kiristiyaanoti bara kam keessayyuu “waaqoliin sadiidha” jechuun amananii hin beekan. Barumsi kiristiyaanummaa dhugaan Waaqa tokkicha jiraachuusaa fi Waaqayyo tokkichi kunis Waaqayyo abbaa, Waaqayyo ilmaa fi Hafuura Qulqulluu kan jedhaman qaamoti sadii akka qabaatu kan dubbatuudha. Barreessaan Qur’aanaa “Waaqayyo tokkichi qaamota sadii qaba hin jedhinaa” otuu jedhee dubbatee dhugaatti barumsa Kiristiyaanaa kan ilaallatu ta’uu isaaf mala ture. Barumsi  Qur’aanni kun jibbe Kristiyaanummaaf wanna haaraa ta’uusaatiin barumsi kun Kiristiyaanummaa keessattio akka argamu fakkeessuun namni dubbate sobduudha. Barreessaan Qur’aanaa barumsa Sillaasee akka ta’uu maluun kan ittiin dhiyeesse luqqisiin kamiyyuu hin jiru. Qaamonni Sillaasee sadan kana jechuunis, Waaqayyo abbaa, Waaqayyo ilmaafi Hafuura Qulqulluun waliin tokko godhee ibsee hin beeku. Faallaa kanaan keeyyata itti fufee jiru barreessuun gara yaada dogoggoraatti Musliimota kan geessu ergaa dabarfateera. “Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa Ilma Maryam! Sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?”  jedhu (yaadadhu). (Innis) ni jedhe: “Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta’u. Yoo ani isa jedheera ta’eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa nin beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti” (Suuraa 5:116).

Keeyyanni kun guyyaa Qiyaamaa (guyyaa firdii) Allaah fi Iisaa gidduu kan godhamu gaaffiifi deebii ta’uusaatti Musliimonni amanu. Barreessaan Qur’aanaa Hafuurri Qulqulluun qaama Sillaasee akka ta’e Kiristiyota biratti fudhatama qabaachuu isaa bakka itti ibse jiraachuu dhiisuu isaatiin Musliimonni hedduun luqqisii kanarraa ka’uun Sillaasee jechuun, Allaah, Maariyaamiifi Yesus akka ta’an yaadu. Hayyoonni Musliimoota bara kanatti argaman tokko tokko keeyyata Qur’aanaa dogoggora ta’e ukkaamsanii irra darbuun hiika garaa garaa itti kennuuf yaalii godhaniyyuu hayyoonni Musliimaa kanneen durii keeyyanni kun waa’ee Sillaasee kan dubbatu ta’uusaa barreeffamoota isaanii keessa kaa’aniiru. Musliimoonni bara kana argaman hedduun isaanii yaada walfakkaataa mul’isu.

  1. Nama waa’ee Kitaaba Qulqulluufi Waaqummaa Kiristiyaanaaf beekumsi kan itti hir’ate ta’uun kan hafe Kiristiyaanni kamiyyuu Sillaasee jechuun Waaqayyo abbaa, Waaqayyo ilmaa fi Hafuura Qulqulluu ta’uusaa beeka. Kiristiyaanonni Allaah tiin kan hafe Yesusiifi Maariyam waaqolii ta’uusaaniitti hin amanan. Garuu Waaqayyo tokkichi Waaqayyo abbaa, Waaqayyo ilmaa fi Hafuura Qulqulluu kan jedhaman qaamota sadan qabaachuu isaatti amanu.

Barumsa Sillaasee hubachuu isaanii kan dubbatan obboleewwan Musliimaa lakkoofsan hedduu ta’an ammoo barumsa isaa yaada Sabaaliyoos waliin yoo fakkeeessan argama. Sebaaliyos yoo dubbatu Waaqayyo qaama tokkicha qofa qabaachuusaa garuu eenyummaa isaa jijjiiruun akka itti fufe kan barsiise kutaa jaarraa sadaffaa keessa nama jiraate ture.

  1. Suuraa 4:171 irra kan barreeffame waliin haala walfaallessuun barreessaan Qur’aanaa yaada itti fufee jiruun dubbata: “Isaan “Rabbiin Masiih Ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiihis ni jedhe: “Yaa Ilmaan Israa’iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, dubbiin namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa Raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu”(5:72).

Kitaabni Qulqulluun Yesus Masiihichi Waaqayyo ta’uusaa bakka hedduutti argama (Yoh. 1:1, 20:28, Rom. 9;5, Tit. 2:13, Ibr. 1:8-10). Keeyyata Qur’aana armaan oliin ibsaman keessatti Kiristiyaanoti “Allaahn ilma Mariyam Almasihiidha” akka jedhan dubbatameera. “Allaah” kan jedhu Waaqayyon argisiisuuf kan barreeffame jecha Arabaa ti yoo jenne “Kiristos Waaqayyodha” jechuufi “Waaqayyo Kiristosiidha” jechuun garaa garummaa hedduu of keessaa qabu. Haala barsiisa Kristiyaanummaan Waaqayyo Waaqummaa isaatiin tokko yoo ta’eyyuu garuu eenyummaadhan sadi’i ta’uu isaatiin Waaqayyo abbaa fi Hafuura Qulqulluuf beekamtii kennuu dhiisuun “Waaqayyo Kiristoosi” jechi jedhu barumsa Kristiyaanummaa waliin kan deemu miti. Kitaaba Qulqulluu keessattis deeggarsa kamiyyuu hin qabaatu. Argama Waaqayyo abbaa fi Hafuura Qulqulluu haaluun Waaqayyo qofaa isaatiin qaama Waaqayyoo qofa ta’uusaa kan barsiisu Muhammad otuu hin dhalatiin jaarraa sadiin dura Waldaa Kiristiyaanaa keessatti balaaleffatameera. Muhammad “Nabiyi” jedhamanii biyya Araabaatti otuu hin beekamiin dura kan barreeffame Yesus Waaqayyo ta’uu isaa dubbachuun sirrii ta’uusaa garuu Waaqayyo Yesus ta’uu isaa dubbachuun dogoggora ta’uu isaa kan ibsan barreeffamoonni Kristiyaanaa jiru.

Barreessaan Qur’aanaa waa’ee barumsa Sillaaseef yaadni dogoggoraa qabaatu kanaan qofa kan dhaabatu miti. Mee keeyyata itti fufee jiru hubachuun ilaalu. “Isaan “Rabbiin sadaffaa sadeeniiti” jedhanis dhugumatti kafaraniiru. Gabaramaa tokkicha malee haqaan gabaramaan biraa hin jiru. Yoo waan jedhan (kana) irraa hin dhorgamin, dhugumatti warra isaan irraa kafaran adaba laalessaa ta’etu tuqa”(5:73).  Haala barsiisa Kiristiyaanummaan Waaqayyo sadii otuu hin taane qaama sadiin kan jiraatu Waaqayyo tokkichadha. Kitaaba kana keessatti bal’inaan akkuma ilaallu barumsa kanaaf haala ga’aa ta’een ragaawwan Kitaaba Qulqulluu of harkaa qabna. Kiristiyaanoti bara kamiyyuu keessatti Waaqayyo Waaqa sadii ta’uusaa itti amananii hin beekan. Tarii keeyyata Qur’aana armaan oliin ibsame keessatti kan jedhame Waaqayyo abbaan argisiisuuf yoo ta’e, Sillaasee keessatti Waaqayyo abbaan isa jalqabaa malee sadaffaa miti. Kiristiyaanoti qaamota Sillaasee yoo waaman Waaqayyo abbaa, Waaqayyoo ilmaa fi Hafuura Qulqulluu jechuun Waaqayyo abbaa dursiisu (Mat. 28:19). Barreessaaan Qur’aanaa waa’ee barsiisa Qur’aanaa beekumsa kamiyyuu nama hin qabaanne ta’uun isaa ifaadha.  

Barreessaan Qur’aanaa waa’ee barumsa Kiristiyaanummaaf ragaa kamiyyuu nama qabaachaa hin turre ta’uusaa kan ittiin saaxilame karaa biroon ammoo Yesus ilma Waaqayyoo ta’uusaa haaluuf yeroo yaalii taasisu ture. Suuraa 23:91 akkana jedha: “Rabbiin ilma hin godhanne. Isa walinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru…” akkanumas Suuraa 9:30 irratti barreessaan kun waa’ee Kiristiyaanota jecha abaarsaa walitti haasa’anii dubbata: “Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhan. Kristaanonnis “Mashiih ilma Rabbiiti” jedhan. Kun jecha isaanii kanuma afaan isaaniiti. Jecha isaan duraan kafaraniittis in fakkeessu. Abaarsi Rabbii isaan irratti haa jiraatuu, akkamitti (dhugaa irraa) garagalu!”. Allaahn ilma qabaachuu dhiisuu isaa barreessaan Qur’aanaa yoo dubbatu haadha manaa fuudhee ilma godhachuusaa yaada keessa galfachuun ta’uusaa Suura 6:101 irratti “Niitii kan hin qabne ta’ee akkamitti ilman isaaf ta’a?” jedhee kan dubbaterraa hubachuu dandeenya. Dabalatas Suuraa 72:3 irratti “…niitiis ta’ee ilmoo hin godhanne” jedha. Musliimonni hedduun “” Yesus Ilma Waaqayyoo ti” dubbii jedhu yoo dhaga’an gara sammuu isaanii kan dhufu haadha manaa fuudhee ilma godhate kan jedhu hubannoo dogoggoraa ta’uusaatiin dubbiin kun isaaniif hin liqimfamu. Garuu haala ibsa Kitaaba Qulqulluun jechi Yesus ilma Waaqayyooti jedhu isaafi Waaqayyo abbaa giduu kan jiru tokummaa kan bara baraa argisiisuuf kan tajaajilu karaa ittiin amantiin/hafuuraan ibsamu malee haadha manaa fuudhee ilma godhachuusaa kan argisiisu miti. Kiristiyaanoti dubbii akkanaa baay’ee mormu dhaga’uudhaafis hin jaalatan.

Xummura

Barreessaan Qur’aanaa barumsa Kristiyaanummaa sirriitti dhiyeesuu danda’uu dhiisuu isaa saaxilamuun isaa hundumaa kan danda’u Waaqayyo biraa akka isaaf hin mul’anneefi yaadawwan sammuu xiqqaarraa maddan ta’uusaaf ragaa gaariidha. Waaqni dhugaan hundumaa kan danda’u ta’uusaatiin dogoggorawwan akkanaa hojjechuu hin danda’u. Obboleeyyan keenyi Musliimaa dogoggorawwan akkanaaan kan guutame Qur’aana hordofuu manna dubbii dhugaa gara isa ta’ee jiru sagalee Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluutti deebi’uun jireenya bara baraa akka argattaniif waamicha isiniif goona. Iji laphee keessanii isiniif banamee ifa dhugaa akka argitaniif kadhata keenya kan yeroo hundumaa ti. Waaqayyo Gooftaan isin haa gargaaru!


Waaqayoo Eenyu?